LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Yesus Waa’ee Ibidda Cubbamoonni Bara Baraan Itti Gubatanii Dubbachuusaa Ture?
    Masaraa Eegumsaa—2008 | Waxabajjii 15
    • NAMOONNI barumsa ibidda qilillee [Gahaannamitti] amanan tokko tokko, wanta Yesus Maarqos 9:48 (ykn lakkoofsa 44, 46) irratti dubbate akka ragaatti caqasu. Yesus iddoo kanatti waa’ee raammoo hin duuneefi ibidda hin dhaamnee dubbateera. Namni tokko waa’ee jechoota kanaa yoo si gaafate maal jettee deebista?

      Caqasoonni sadan kun waan wal fakkaataniif, namni tokko hiika Macaafa Qulqulluusaarratti hundaa’uudhaan lakkoofsa 44, 46 ykn 48 akka ragaatti dubbisuu danda’a.a Hiikni Addunyaa Haaraa akkas jedha: “Iji kee yoo si gufachiise, of keessaa baasii gati; ija lachuu qabaattee Gahaannamitti, jechuunis bakka raammoonsaa hin duuneefi ibiddisaa hin dhaamnetti darbatamuu mannaa, ija tokko qabaattee Mootummaa Waaqayyootti galuukee sii wayya.”—Mar. 9:47, 48.

  • Yesus Waa’ee Ibidda Cubbamoonni Bara Baraan Itti Gubatanii Dubbachuusaa Ture?
    Masaraa Eegumsaa—2008 | Waxabajjii 15
    • a Hiikawwan Macaafa Qulqulluu bara durii harkaan barreeffamaniifi amansiisaa ta’an lakkoofsota 44fi 46 hin qaban. Hayyoonni, lakkoofsonni lamaan kun tarii yeroo booda itti dabalamuu akka hin oolle amanu. Piroofeesara kakuu haaraa kan ta’an Aarkebold Toomaas Roobartisan, akkas jechuudhaan barreessaniiru: “Barreeffamoonni durii harkaan barreeffamaniifi amansiisaa ta’an lakkoofsota kana hin qaban. Caqasoonni kun, barreeffamoota durii warra Lixaafi Sooriyaa (Baayzantaayin) harkaan barreeffamanirraa kan itti dabalamanidha. Caqasoonni kun waanuma lakkoofsa 48⁠rra jiru irra deebi’u. Kanaafuu, lakkoofsota 44fi 46 warra sirrii hin taane kana hiika keenya keessaa baasneerra.”

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi