LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Gaaffii Dubbistootaa
    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2018 | Sadaasa
    • Gargaaraa Sabaa bara Kitaaba Qulqulluu

      Galgala duʼuu isaa dura turetti, Yesuus ergamoonni isaa obboloota isaanii gidduutti iddoo guddaa argachuu akka hin barbaanne isaan gorseera. Akkana isaaniin jedheera: “Mootonni sabootaa gooftaa isaan irratti taʼu; warri isaan irratti aangoo qabanis Gargaartota Sabaa jedhamu. Isin garuu akkana hin taʼinaa.”—Luq. 22:25, 26.

  • Gaaffii Dubbistootaa
    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2018 | Sadaasa
    • Kanaafuu, Yesuus ergamoota isaatiin, “Isin garuu akkana hin taʼinaa” yommuu isaaniin jedhu maal jechuu isa ture? Yesuus hawaasa keessa jiraataniif hin yaadinaa jechuunis waaʼee nageenya namoota naannoo keessan jiranii hin yaadinaa jechuu isa turee? Matumaa. Wanti Yesuusiin yaaddesse miira gocha arjummaa kana raawwachuuf isaan kakaase taʼuu hin oolu.

      Bara Yesuusitti, namoonni sooressa turan kennuu isaanii argisiisuudhaan, paarkii fi mana qulqullummaa hojjechuudhaan akkasumas hojiiwwan kana fakkaatan deeggaruudhaan beekamtii argachuuf carraaqqii godhu turan. Taʼus, kana kan godhan harki akka walitti isaaniif rukutamu, beekamtii argachuu ykn jajamuu barbaadanii ture. Kitaabni tokko, “Namoota kana keessa arjummaa dhugaa kan argisiisan jiraatanis yeroo baayʼee gochi akkasii kan raawwatamu gama siyaasaatiin faayidaa argachuuf ture” jedheera. Yesuus duuka buutota isaa kan gorse beekamtii fi fedhii dhunfaa barbaaduu akkasii irraa akka fagaatan ture.

      Waggoota muraasa booda, Phaawulos ergamaan kakaʼumsa sirriidhaan kennuu ilaalchisee dhugaa barbaachisaa kana irra deebiʼee caqaseera. Obboloota isaa warra Qorontos jiraniif, “Waaqayyo nama gammachuudhaan kennu waan jaallatuuf, namni hundi garaa duuba yookiin dirqamaan utuu hin taʼin, akkuma garaa isaatti yaadetti haa kennu” jechuudhaan barreesseera.—2 Qor. 9:7.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi