-
Abdii Amansiisaa Namoonni Du’an QabanNamni Jaallattan Yeroo Du’u
-
-
Wanti Yesus yeroo Alaazaar du’etti raawwate kun, Ilmi Waaqayyoo baay’ee gara laafessa ta’uusaa argisiisa. Gara laafinni yeroo kanatti isatti dhaga’ame, warra du’an kaasuuf fedhii guddaa akka qabu argisiisa. Akkas kan jedhu dubbisna: “Maariyaam iddoo Yesus ture geessee, erga isa argitee miilla isaatti kuftee, ‘Gooftaa! Utuu ati as jiraattee, obboleessi koo hin du’u ture’ jetteen. Yesus boo’icha ishee fi boo’icha Yihudoota warra ishee wajjin dhufanii yommuu arge, hafuuratti dhiphatee garaan isaa raafame. ‘Eessatti awwaaltan?’ jedhee gaafannaan, “Kottuutii ilaali gooftaa!” jedhanii deebisaniif. Yesus imimmaan isaa dhangalaase. Yommus warri Yihudootaa, ‘Ilaa attam isa jaallate!’ jedhan.”—Yohannis 11:32-36.
Asirratti gara laafinni Yesus jechoota sadan, “dhiphate,” “garaan isaa raafame,” akkasumas “imimmaan isaa dhangalaase” jedhaniin ibsameera. Jechoonni afaan jalqabaa seenaan kun ittiin barreeffame, Yesus michuunsaa Alaazaar du’uunsaafi obboleettiin Alaazaar yeroo boossu arguunsaa, miirasaa tuqee imimmaansaa akka dhangalaase kan argisiisanidha.a
Yesus kanaan dura namoota lama du’aa kaasee kan ture ta’uunsaa kan nama dinqisiisudha. Akkumasaanii Alaazaariinis du’aa kaasuu yaadeera. (Yohannis 11:11, 23, 25) Ta’us, “imimmaan isaa dhangalaase.” Kanaaf Yesus namoota du’an kan kaasu dirqama isarra jiru raawwachuuf qofa miti. Gara laafinni inni yeroo kanatti argisiise, du’aafi miidhaa inni geessisu dhabamsiisuuf fedhii guddaa akka qabu kan mirkaneessudha.
Gara laafinni Yesus yeroo Alaazaariin du’aa kaase argisiise, du’aafi miidhaa inni geessisu dhabamsiisuuf fedhii cimaa akka qabu argisiisa
-
-
Abdii Amansiisaa Namoonni Du’an QabanNamni Jaallattan Yeroo Du’u
-
-
a Jechi afaan Giriikii “dhiphate” jedhamee hiikame (eemibriimaa’oomaayi) jecha dhukkuba cimaa namatti dhaga’amu ibsurraa kan fudhatamedha. Hayyuun Macaafa Qulqulluu tokko, “Hiikni jechi asirratti ibsame kun qabu, miirri baay’ee nama dhukkubsu Yesusiin dirqisiisee garaasaatii akka ba’e argisiisa” jechuudhaan dubbataniiru. Jechi “raafame” jedhus, jecha afaan Giriikii (taaraasoo) jeeqamuu argisiisurraa kan fudhatamedha. Akka namni galmee qopheessan tokko jedhanitti, jechi kun “jeequmsa miiraa guddaa . . . dhukkubaafi gadda geessisu” kan argisiisudha. Jechi “imimmaan isaa dhangalaase” jedhummoo jecha afaan Giriikiirraa (daakriiyoo) kan dhufe si’a ta’u, hiika “imimmaan dhangalaasuu, calluma jedhanii bo’uu” jedhu kan qabudha.
-