LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • “Kitaabota Qulqulluu Irraa Dubbisee Isaanii Wajjin Mariʼate”
    Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
    • Phaawulosii fi Siilaas namoota aaranii jiran harkaa baʼuuf gara mooraa tokko yommuu seenan. Namichi tokko karaa balbalaa namoota aaranii jiran kana yommuu haasofsiisu.

      ‘Isaan Phaawulosii fi Siilaasiin tuuta sanatti kennuu barbaadan.’—Hojii Ergamootaa 17:5

      10 Luqaas wanta raawwatame akka itti aanutti ibseera: “Yihudoonni garuu waan hinaafaniif, namoota hamoo hojii malee bakka gabaa taaʼan tokko tokko walitti qabanii tuuta jeequmsa uumu qindeessuudhaan magaalattii jeeqan. Isaan Phaawulosii fi Siilaasiin tuuta sanatti kennuu waan barbaadaniif mana Yaason cabsanii seenan. Yommuu isaaniin dhabanis Yaasonii fi obboloota tokko tokko lafa irra harkisanii gara bulchitoota magaalattiitti geessuudhaan akkana jedhanii iyyan: ‘Namoonni guutummaa lafaa jeeqaa jiran kun, kunoo asis dhufaniiru; Yaasonis keessummummaa isaan simateera. Namoonni kun hundi, ‘Mootiin Yesuus jedhamu kan biraan jira’ jedhanii wanta seera Qeesaariin mormu gochaa jiru.’” (HoE. 17:5-7) Haleellaan tuutni jeequmsaa kun geessisan Phaawulosii fi miiltoowwan isaarratti dhiibbaa akkamii godhe?

      11. Phaawulosii fi miiltoowwan isaarratti himatawwan akkamiitu dhihaate? Mormitoonni kun Phaawulosii fi miiltoowwan isaa seera isa kam akka cabsan isaan himatan? (Miiljalee ilaali.)

      11 Namoonni aaran hedduun yommuu walitti qabaman yeroo baayʼee wanta hamaa raawwatu. Hamminni isaan raawwatan akkuma laga guutee yaaʼuu toʼatamuu hin dandaʼu. Yihudoonni Phaawulosii fi Siilaasiin balleessuuf namoota akkasiitti fayyadaman. Yihudoonni kun magaalicha erga ‘jeeqanii’ booda Phaawulosii fi miiltoowwan isaa yakka cimaa akka raawwatan bulchitoota amansiisuuf yaalan. Himanni inni tokkoffaan Phaawulosii fi miiltoowwan isaarratti dhihaate ‘guutummaa lafaa jeeqaa jiru’ kan jedhu ture. Isaan garuu Tasalonqeeyyuu hin jeeqne. Himanni inni lammaffaan immoo kanarrayyuu cimaa ture. Yihudoonni, misiyoononni kun mootii kan biraa Yesuus jedhamu labsaa jiru jechuudhaan seera mootii moototaa cabsaa akka jiran isaan himatan.a

      12. Himanni Kiristiyaanota Tasalonqee irratti dhihaate miidhaa cimaa geessisuu akka dandaʼu wanti argisiisu maalidha?

      12 Geggeessitoonni amantaa, Yesuusirratti himata wal fakkaatu dhiheessanii akka turan yaadadhu. Philaaxosiin, “Namichi kun saba keenya utuu karaa irraa jalʼisuu fi . . . inni Kiristoos mooticha akka taʼe utuu dubbatuu isa arganne” jedhanii turan. (Luq. 23:2) Philaaxos tarii mootiin mootota Roomaa na ganeera jedhee akka hin yaadne sodaatee taʼuu dandaʼaa, Yesuusiin akka ajjeesan dabarsee kenne. Haaluma wal fakkaatuun, himanni Kiristiyaanota Tasalonqeerratti dhihaates miidhaa cimaa geessisuu dandaʼa. Kitaabni Hojii Ergamootaa irratti yaada kennu tokko akkas jedheera: “Himanni kun balaa cimaa geessisuu dandaʼa sababni isaas ‘namni tokko mootii moototaa akka gane himanni yoo isarratti dhihaate ajjeefamuu dandaʼa.’” Maarree karoorri jibbarratti hundaaʼe kun ni milkaaʼaa?

  • “Kitaabota Qulqulluu Irraa Dubbisee Isaanii Wajjin Mariʼate”
    Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
    • a Hayyuun tokko akka jedhetti yeroo sana Qeesaar “namni kamiyyuu mootii haaraan ykn mootummaa haaraan keessumaa mootii moototaa Roomaa bakka buʼu ykn isatti murteessu” ni dhufa jedhee akka hin dubbanne labsii baasee ture. Diinonni Phaawulos ergaan ergamoonni labsan seera kana kan cabsu fakkeessanii dhiheessanii taʼuu dandaʼa. Saanduqa, “Qeesaarotaa fi Kitaaba Hojii Ergamootaa” jedhu ilaali.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi