LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ‘Ogummaan Waaqayyoo Hammam Gad Fagaata!’
    Masaraa Eegumsaa—2011 | Caamsaa 15
    • 17. Wanti Yihowaan raawwate ‘seera uumamaatiin ala’ kan taʼe akkamitti?

      17 Yihowaan, wanta namoonni hedduun matumaa taʼuu hin dandaʼu jedhanii yaadan hojjeteera. Phaawulos wanta ‘seera uumamaatiin ala’ raawwatame kana ibseera. (Rom. 11:24, hiika bara 1899) Kun akkamitti taʼuu dandaʼe? Damee ejersa diidaa tokko, ejersa dhaabamee guddifame tokkotti fayyisuun kan hin baramneefi uumamaan ala fakkaata; taʼuyyuu, qonnaan bultoonni jaarraa jalqabaa tokko tokko haala kanaan ejersa diqaalomsaa turan.b Yihowaanis haala kanaa wajjin wal fakkaatuun wanta adda taʼe tokko raawwateera. Akka ilaalcha Yihudootaatti, warri Yihudoota hin taʼin, ija gaarii argamsiisuu hin dandaʼan ture. Haataʼu malee Yihowaan, warri saba Waaqayyoo hin taʼin kun kutaa “saba” ija Mootummaa godhachuu dandaʼanii akka taʼan godheera. (Mat. 21:43) Dh.K.B. bara 36⁠tti Qorneelewos isa warra dhaqna hin qabanne keessaa jalqaba gara Yihudiitti geddarame dibuurraa eegalee, namoonni Yihudoota hin taaneefi dhaqna hin qabanne, ejersa fakkeenyaan ibsametti fayyifamuuf carraan isaaniif banameera.—HoE. 10:44-48.c

      18. Dh.K.B. bara 36 kaasee warri dhalootaan Yihudoota taʼan carraa akkamii qabu turan?

      18 Kana jechuun, Dh.K.B. bara 36 kaasee warri dhalootaan Yihudoota taʼan kutaa sanyii Abrahaam taʼuuf carraa hin qaban turan jechuudhaa? Lakki. Phaawulos akkas jechuudhaan ibsa: “Isaan [namoonni dhalootaan Yihudoota taʼan] immoo amanti-dhabina isaanii irraa yoo deebiʼan, iddoo sanatti in fayyifamu; Waaqayyo deebisee itti isaan fayyisuudhaaf humna qaba. Ati inni muka ejersa diidaattii dhalattee, isa irraa muramtee, muka ejersa qeʼee isa akka uumamaatti sittii gargar baʼetti, kan fayyifamte erga taatee, hammam caalaatti warri ittii dhalatan kun deebiʼanii muka isaaniitti haa fayyifaman ree!”d—Rom. 11:23, 24.

  • ‘Ogummaan Waaqayyoo Hammam Gad Fagaata!’
    Masaraa Eegumsaa—2011 | Caamsaa 15
    • d Jechi “qeʼee” jedhuufi Roomaa 11:24⁠rratti afaan Giriikiitiin maxxantuu duraa taʼee gale, jechoota hiiknisaanii “gaarii, baayʼee gaarii” ykn “hamma dhumaatti kan guddifame” jechuu taʼerraa kan argamedha. Jechi kun keessumaa, wantoota kaayyoo itti uumamaniif galmaan gaʼan argisiisuuf itti hojjetameera.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi