-
Kiristiyaanonni Dhugaatii Alkooliitiif Ilaalcha Akkamii Qabaachuu Qabu?Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
-
-
Kiristiyaanonni Dhugaatii Alkooliitiif Ilaalcha Akkamii Qabaachuu Qabu?
Addunyaa maratti namoonni dhugaatii alkooliitiif ilaalcha adda addaa qabu. Namoonni tokko tokko michoota isaanii wajjin darbee darbee dhugaatii alkoolii dhuguun isaan gammachiisa. Kaan immoo guutummaa guutuutti dhuguu dhiisuuf filataniiru. Hamma machaaʼanitti kan dhuganis jiru. Maarree Kitaabni Qulqulluun hoo waaʼee dhugaatii alkoolii maal jedha?
1. Dhugaatii alkoolii dhuguun dogoggoraa?
Kitaabni Qulqulluun dhugaatii alkoolii dhuguu hin dhorku. Kanaa mannaa, Kitaabni Qulqulluun kennaawwan Waaqayyo nuuf kenne yommuu tarreessu ‘daadhii wayinii garaa namaa gammachiisu’ ni caqasa. (Faarfannaa 104:14, 15) Dhiironnii fi dubartoonni Kitaaba Qulqulluu keessatti caqasaman tokko tokko dhugaatii alkoolii ni dhugu turan.—1 Ximotewos 5:23.
2. Kitaabni Qulqulluun namoota dhugaatii alkoolii dhuguuf filataniif gorsa akkamii kenna?
Yihowaan garmalee dhuguu fi machaaʼuu ni balaaleffata. (Galaatiyaa 5:21) Dubbiin isaa, “Namoota daadhii wayinii hedduu dhuganii wajjin . . . hin taʼin” jedha. (Fakkeenya 23:20) Kanaafuu dhuunfaattis taʼe namoota wajjin dhuguuf yoo filanne hamma sirriitti yaaduu dadhabnutti, hamma dubbii fi gocha keenya toʼachuu dadhabnutti ykn hamma fayyaa keenya miinutti dhuguu hin qabnu. Hamma dhugnu toʼachuu hin dandeenyu taanaan garuu guutummaatti dhugaatii alkoolii dhuguu dhiisuuf murteessuu qabna.
3. Murtoo warri kaan dhugaatii alkoolii ilaalchisee godhan kabajuu kan dandeenyu akkamitti?
Namni hundi dhugaatii alkoolii dhuguuf ykn dhiisuuf murtoo mataa isaa gochuu qaba. Nama dhugaatii alkoolii utuu hin baayʼisin dhuguuf filatetti murteessuu hin qabnu. Nama dhuguu hin barbaannes akka dhugu dirqisiisuu hin qabnu. (Roomaa 14:10) Dhugaatii alkoolii dhuguun keenya warra kaan miidhuu kan dandaʼu yoo taʼe dhuguu dhiisuuf filanna. (Roomaa 14:21 dubbisi.) ‘Faayidaa mataa keenyaa utuu hin taʼin faayidaa nama kan biraa’ barbaaduu qabna.—1 Qorontos 10:23, 24 dubbisi.
CAALAATTI BARADHU
Qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu dhuguuf ykn dhiisuuf, akkasumas hammam dhuguu akka qabdu murteessuuf si gargaaran hubadhu. Araada dhugaatii alkoolii wajjin qabsoo gochaa jirta yoo taʼe immoo maal gochuu akka dandeessu baradhu.
4. Dhugaatii alkoolii ilaalchisee murtoo dhuunfaa godhi
Yesuus dhugaatii alkoolii dhuguu ilaalchisee ilaalcha akkamii qaba ture? Deebii isaa beekuuf mee dinqii inni yeroo jalqabaaf raawwate haa ilaallu. Yohaannis 2:1-11 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:
Ilaalcha Yesuus dhugaatii alkoolii fi namoota dhugaatii alkoolii dhuganiif qabu ilaalchisee dinqii kana irraa maal baranna?
Yesuus dhugaatii alkoolii dhuguu hin balaaleffatu erga taʼee, Kiristiyaanonni namoota dhugaatii alkoolii dhuguuf filataniif ilaalcha akkamii qabaachuu qabu?
Haa taʼu malee, Kiristiyaanni tokko dhuguu waan dandaʼuuf qofa yeroo hundumaa dhuguun isaa gaarii dha jechuu miti. Fakkeenya 22:3 dubbisaa, achiis haalawwan armaan gadii murtoo kee irratti jijjiirama kan fidan akkamitti akka taʼe mariʼadhaa:
Konkolaachisuuf ykn maashinii irratti hojjechuuf jetta yoo taʼe.
Ulfa yoo taate.
Doktarri dhugaatii alkoolii akka hin dhugne sitti himeera yoo taʼe.
Hamma dhugdu toʼachuun si rakkisa yoo taʼe.
Seerri dhugaatii alkoolii dhuguu siif hin heyyamu yoo taʼe.
Nama kanaan dura hamma dhugu toʼachuun isa rakkisuu fi dhuguu dhiisuuf filatee wajjin jirta yoo taʼe.
Cidha gaaʼelaa irratti ykn qophiiwwan kan biroo irratti dhugaatii alkoolii dhiheessuu qabdaa? Wanta murtoo gochuuf si gargaaru ilaaluuf VIIDIYICHA taphachiisaa.
Roomaa 13:13 fi 1 Qorontos 10:31, 32 dubbisaa. Erga dubbistanii booda gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
Qajeelfamoota kana hojii irra oolchuun kee murtoo Yihowaa gammachiisu gochuuf kan si gargaaru akkamitti?
Kiristiyaanni hundi dhuguuf ykn dhiisuuf murtoo mataa isaa gochuu qaba. Yeroo tokko tokko dhuguuf kan filatu taʼus, yeroo kan biraatti garuu dhuguu dhiisuuf filachuu dandaʼa taʼa
5. Hammam akka dhugdu murteessi
Dhugaatii alkoolii dhuguuf yoo murteessite Yihowaan dhugaatii alkoolii dhuguu akka hin dhorkine, garuu immoo garmalee dhuguu akka dhorke yaadadhu. Maaliif? Hoseʼaa 4:11, 18 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
Namni tokko garmalee yoo dhuge maaltu uumamuu dandaʼa?
Garmalee dhuguu irraa of qusachuu kan dandeenyu akkamitti? Humna keenya beekuu qabna. Fakkeenya 11:2 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
Hamma dhugdu murteessuun gaarii kan taʼe maaliifi?
6. Namni tokko garmalee dhuguu dhiisuuf wanti isa gargaaru maali dha?
Namni tokko dhugaatii alkoolii garmalee dhuguu dhiisuuf wanta isa gargaare ilaali. VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffii armaan gadii irratti mariʼadhaa.
Viidiyoo kana irratti, Dimitriin yommuu dhugaatii alkoolii dhugu amala akkamii argisiisa ture?
Dhuguu isaa yeruma sana dhaabuu dandaʼeeraa?
Dhuma irratti araada dhugaatii alkoolii moʼuu kan dandaʼe akkamitti?
Qorontos Tokkoffaa 6:10, 11 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:
Kitaabni Qulqulluun machii ilaalchisee maal jedha?
Namni dhugaatii alkoolii garmalee dhugaa ture tokko jijjiiramuu akka dandaʼu kan agarsiisu maali dha?
Maatewos 5:30 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
Harka of irraa kutanii gatuun Yihowaa gammachiisuuf aarsaa kaffaluu argisiisa. Araada dhugaatii alkoolii garmalee dhuguu wajjin qabsoo gochaa jirta yoo taʼe maal gochuu dandeessa?a
Qorontos Tokkoffaa 15:33 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
Namoota garmalee dhuganii wajjin yoo michoomte dhiibbaa akkamii si irraan geessisuu dandaʼu?
NAMNI TOKKO AKKANA JEDHEE SI GAAFATA TAʼA: “Dhugaatii alkoolii dhuguun dogoggoraa?”
Atoo maal jettee deebista?
MAAL BARATTE?
Yihowaan dhugaatii alkoolii akka itti gammannuuf nuu kenne. Taʼus garmalee dhuguu fi machaaʼuu ni balaaleffata.
Irra Deebii
Kitaabni Qulqulluun waaʼee dhugaatii alkoolii maal jedha?
Dhugaatii alkoolii garmalee dhuguun balaa akkamii qaba?
Dhugaatii alkoolii dhuguu ilaalchisee murtoo warra kaanii kabajuu kan dandeenyu akkamitti?
QORANNOO DABALATAA GODHI
Dhugaatii alkoolii ilaalchisee ijoolleen umurii waggoota kurnanii keessa jiran murtoo gaarii gochuu kan dandaʼan akkamitti?
Araada dhugaatii dhuguu injifachuuf tarkaanfiiwwan fudhachuu dandeessu hubadhu.
“Dhugaatii Alkooliitiif Ilaalcha Sirrii Qabaachuu” (Masaraa Eegumsaa, Adoolessaa-Fulbaanaa 2010)
Kiristiyaanni tokko dhugaatii alkoolii yommuu dhugu burcuqqoo ol fuudhee warra kaanii wajjin walitti buusuu qabaa?
“Gaaffii Dubbistootaa” (Mata duree Masaraa Eegumsaa irratti ba’e)
Seenaa jireenyaa “Barmeelii Urataan Ture” jedhu irraa, namni tokko araada dhugaatii alkoolii kan injifate akkamitti akka taʼe dubbisi.
“Kitaabni Qulqulluu Jireenya Namootaa ni Jijjiira” (Mata duree Masaraa Eegumsaa irratti ba’e)
a Namoonni araada dhugaatii alkooliitiin qabaman araada kana irraa bilisa taʼuuf gargaarsi yaalii fayyaa isaan barbaachisuu dandaʼa. Doktaroonni hedduun namoonni kanaan dura dhugaatii alkoolii dhuguu irratti rakkina qaban matumaa dhuguu akka hin qabne dubbatu.
-
-
Akkaataa Uffannaa fi Miidhaginaa Keenyaaf Xiyyeeffannaa Kennuu kan Qabnu Maaliifi?Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
-
-
BARUMSA 52
Akkaataa Uffannaa fi Miidhaginaa Keenyaaf Xiyyeeffannaa Kennuu kan Qabnu Maaliifi?
Hundi keenya wanta uffannuu fi akkamitti akka of miidhagsinu filachuu barbaanna. Qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu muraasa yoo hordofne, uffata nutti tolu uffachuu qofa utuu hin taʼin, Yihowaa gammachiisuus ni dandeenya. Mee qajeelfamoota kanneen keessaa tokko tokko haa ilaallu.
1. Qajeelfamoonni akkaataa uffannaa fi miidhaginaa keenya filachuuf nu gargaaran kam faʼi?
“Karaa kabaja qabuu fi hubannaadhaan uffata seera qabeessa taʼe” uffachuu qabna; akkaataan itti of miidhagsinu ‘Waaqayyoof kan bulle’ taʼuu keenya kan argisiisu taʼuu qaba. (1 Ximotewos 2:9, 10) Qajeelfamoota arfan kana ilaali: (1) Uffanni keenya “seera qabeessa” taʼuu qaba. Akkuma walgaʼiiwwan gumii irratti argite, sabni Yihowaa akkaataan uffannaa isaan jaallatan garaa gara dha, taʼus akkaataan uffannaa keenyaa fi akkaataan rifeensa mataa keenya itti miidhagsinu Waaqa waaqeffannuuf ulfina akka kenninu kan argisiisu dha. (2) “Karaa kabaja” qabuun uffachuu jechuun, uffata saalqunnamtiidhaaf nama kakaasu ykn garmalee xiyyeeffannaa namootaa harkisu uffachuu dhiisuu jechuu dha. (3) Akkaataa uffannaa fi miidhaginaa faashinii taʼe hunda hordofuu dhiisuudhaan “hubannaa” akka qabnu argisiisna. (4) Akkaataan itti of miidhagsinu yeroo hunda ‘Waaqayyoof kan bulle’ taʼuu keenya kan argisiisu taʼuu qaba; kun immoo namoonni Waaqa dhugaa akka waaqeffannu salphaatti akka hubatan godha.—1 Qorontos 10:31.
2. Akkaataan uffannaa keenya obboloota keenya irratti dhiibbaa gochuu kan dandaʼu akkamitti?
Wanta uffannu filachuuf mirga kan qabnu taʼus, akkaataan uffannaa keenya warra kaan irratti dhiibbaa akkamii gochuu akka dandaʼu yaaduu qabna. Nama kam iyyuu akka hin mufachiisne wanta nuuf dandaʼame hunda gochuu fi ‘wanta gaarii isaanii goonee isaan ijaaruudhaan warra kaan gammachiisuu’ qabna.—Roomaa 15:1, 2 dubbisi.
3. Akkaataan uffannaa keenya warra kaan gara waaqeffannaa dhugaatti harkisuu kan dandaʼu akkamitti?
Yeroo hundumaa uffata seera qabeessa uffachuuf carraaqqii kan goonu taʼus, keessumaa yeroo walgaʼiiwwan gumii irratti argamnuu fi tajaajila irratti hirmaannu akkaataa uffannaa keenyaaf xiyyeeffannaa guddaa kennina. Namoonni ergaa lallabnu irratti akka hin xiyyeeffanne gufuu isaanitti taʼuu hin barbaannu. Kanaa mannaa, akkaataan uffannaa keenya namoonni dhugaa barachuuf akka kakaʼanii fi ‘barumsi Fayyisaa keenyaa akka miidhagu’ kan godhu taʼuu qaba.—Tiitoo 2:10.
CAALAATTI BARADHU
Akkaataa uffannaa fi miidhaginaa keenyaan, namoonni Kiristiyaanota taʼuu keenya akka hubatan gochuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe hubadhu.
Akkaataan miidhaginaa keenya namoota aangoo qabaniif kabaja kan qabnu taʼuu fi dhiisuu keenya kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Yihowaan wanta garaa keenya keessa jiru kan ilaalu taʼus, akkaataan miidhaginaa keenya akka isa kabajnu kan argisiisu taʼuu qaba
4. Akkaataa miidhaginaa gaariin Yihowaadhaaf ulfina fida
Sababni akkaataa uffannaa keenyaaf xiyyeeffannaa itti kenninu inni guddaan maali dha? Faarfannaa 47:2 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:
Yihowaa kan bakka buunu taʼuun keenya akkaataa uffannaa keenya irratti jijjiirama akkamii fiduu qaba?
Walgaʼiiwwan irratti yommuu argamnuu fi tajaajila irratti yommuu hirmaannu akkaataa miidhaginaa keenyaaf xiyyeeffannaa kennuun barbaachisaa akka taʼe sitti dhagaʼamaa? Maaliif?
5. Akkaataa uffannaa fi miidhaginaa ilaalchisee filannoo gaarii gochuu kan dandeenyu akkamitti?
Uffanni keenya miʼaas taʼe rakasa qulqulluu fi haala keessa jirruuf kan taʼu taʼuu qaba. Qorontos Tokkoffaa 10:24 fi 1 Ximotewos 2:9, 10 dubbisaa. Achiis gosa uffataa armaan gadii uffachuu irraa of qusachuu kan barbaannu maaliif akka taʼe mariʼadhaa:
Qulqulluu kan hin taane ykn seera qabeessa kan hin taane.
Dhagnatti kan maxxanu, qaama kan mulʼisu ykn fedhii saalqunnamtii kan kakaasu.
Kiristiyaanonni Seera Musee jala kan hin jirre taʼanis, Seericha irraa ilaalcha Yihowaa barachuu dandaʼu. Keessa Deebii 22:5 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
Akkaataa uffannaa fi miidhaginaa dhiira dubartii, dubartii immoo dhiira fakkeessu irraa fagaachuu kan qabnu maaliifi?
Qorontos Tokkoffaa 10:32, 33 fi 1 Yohaannis 2:15, 16 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:
Akkaataan itti of miidhagsinu namoota naannoo keenya jiraatan ykn gumii keessa jiran kan gufachiisu taʼuu fi dhiisuu isaa irratti yaaduu kan qabnu maaliifi?
Akkaataan uffannaa fi miidhaginaa naannoo keetti baramaa taʼe kan akkamiiti?
Akkaataan uffannaa fi miidhaginaa tokko tokko Kiristiyaana tokkoof sirrii kan hin taane sitti fakkaataa? Maaliif?
Karaa adda addaatiin uffachuus taʼe of miidhagsuudhaan Yihowaa gammachiisuu ni dandeenya
NAMOONNI TOKKO TOKKO AKKANA JEDHU: “Wantan barbaade uffachuuf mirga qaba.”
Atoo kana irratti walii galtaa? Maaliif?
MAAL BARATTE?
Akkaataa miidhaginaa keenya ilaalchisee filannoo gaarii kan goonu yoo taʼe, Yihowaafis taʼe namoota kaaniif kabaja akka qabnu argisiisna.
Irra Deebii
Yihowaan akkaataa uffannaa fi miidhaginaa keenyaaf xiyyeeffannaa kan kennu maaliifi?
Qajeelfamoonni akkaataa miidhaginaa keenya filachuuf nu gargaaran tokko tokko kam faʼi?
Akkaataan miidhaginaa keenya ilaalcha namoonni waaqeffannaa dhugaatiif qaban irratti dhiibbaa gochuu kan dandaʼu akkamitti?
QORANNOO DABALATAA GODHI
Akkaataan uffannaa kee ergaa akkamii dabarsuu akka dandaʼu hubadhu.
“Akkaataan Uffannaa Koo Akkami?” (Mata duree jw.org irratti baʼe)
Dhagna tumachuu kee dura irratti yaaduu kan qabdu maaliif akka taʼe baradhu.
“Kitaabni Qulqulluun Waaʼee Dhagna Tumachuu Maal Jedha?” (Mata duree jw.org irratti baʼe)
Qajeelfamoota murtoo gochuuf nu gargaaruu dandaʼan dabalataa ilaali.
“Akkaataan Uffannaa Kee Waaqayyoof Ulfina ni Fidaa?” (Masaraa Eegumsaa, Fulbaana 2016)
Dubartiin Waaqayyoon gammachiisuu barbaaddu takka akkaataa miidhaginaa namoonni filataniif ilaalcha madaalamaa qabaachuu kan baratte akkamitti?
“Akkaataan Uffannaa fi Miidhaginaa Gufuu Natti Taʼee Ture” (Dammaqaa!, Muddee 22, 2003)
-