LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Waggoottan Dhibba Tokko Bulchiinsa Mootummichaa Jalatti Darban!
    Masaraa Eegumsaa—2015 | Sadaasa 15
    • 2. Ajajni Maatewos 28:19, 20 irratti argamu yeroo kennametti kan dhagaʼan namoota meeqa taʼuu dandaʼu? Akkas kan jennu maaliifi? (Miiljalee ilaali.)

      2 Yesus duʼaa kaʼee baayʼee utuu hin turin, namoota yeroo booda labsitoota Mootummichaa taʼan 500 olii wajjin wal argee ture. (1 Qor. 15:6) Hojii yeroo sanatti ulfaataa ture kan kenne, jechuunis ergaa Mootummichaa ‘saba hundumaatti’ akka himan ajaja kan kenne yeroo kanatti taʼuu hin oolu.a Yesus hojii guddaan kun hanga “dhuma biyya lafaatti” kan itti fufu taʼuu isaa kan dubbate siʼa taʼu, kun dhugaa taʼuun isaas mirkanaaʼeera. Atis ajajaa fi raajii kana raawwachuu irratti hirmaachaa jirta taʼa.—Mat. 28:19, 20.

  • Waggoottan Dhibba Tokko Bulchiinsa Mootummichaa Jalatti Darban!
    Masaraa Eegumsaa—2015 | Sadaasa 15
    • a Namoota yeroo sanatti turan keessaa baayʼeen isaanii yeroo booda Kiristiyaanota akka taʼan ragaa qabna. Phaawulos xalayaa warra Qorontosiif barreesse irratti namoonni sun “obboloota dhibba shan” akka taʼan dubbateera. Itti dabaluudhaanis, “Isaan keessaa kaan illee boqotaniiru garri caalan garuu amma iyyuu jiru” jedheera. Kanaafuu, Phaawulosii fi Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaatti turan kaan obboloota ajaja Yesus kenne kana kallattiidhaan dhagaʼan keessaa baayʼee isaanii wajjin kan wal argan fakkaata.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi