LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Qarshiin Hojii Mootummichaaf Oolu Eessaa Argama?
    Mootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira!
    • 10 Tokkoffaa, fedhaan kakaanee buusii kan goonu Yihowaa waan jaallannuufi “waan isa gammachiisu” hojjechuu waan barbaannuufidha. (1 Yoh. 3:22) Yihowaan nama jaalalaan kakaʼee kennutti baayʼee gammada. Buusii Kiristiyaanonni godhan ilaalchisee wanta Phaawulos ergamaan jedhe haa ilaallu. (2 Qorontos 9:7 dubbisi.) Kiristiyaanni dhugaan kennuuf fedha kan hin qabne ykn dirqamaan buusii kan godhu miti. Kanaa mannaa, buusii kan godhu kennuuf ‘garaasaa keessatti waan murteesseefidha.’c Kana jechuun, barbaachisummaansaa erga isaaf galeefi akkamitti buusii gochuu akka dandaʼu erga yaadee boodadha jechuudha. ‘Waaqayyo nama gammachuudhaan kennu waan jaallatuuf’ namni akkasii Yihowaa duratti jaallatamaadha. Hiikni Macaafa Qulqulluu kan biraan, “Waaqayyo namoota kennuu jaallatan ni jaallata” jedha.

  • Qarshiin Hojii Mootummichaaf Oolu Eessaa Argama?
    Mootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira!
    • c Hayyuun Macaafa Qulqulluu tokko, jechi afaan Giriikii asirratti “murteessuu” jedhamee hiikame “dursanii murteessuu yaada jedhu of keessaa qaba” jechuudhaan dubbataniiru. Itti dabaluudhaan, “Kennuun gammachuu guddaa kan namaaf argamsiisu yoo taʼellee, buusii gochuuf karoora baafachuufi malaan gochuun barbaachisaadha” jedhaniiru.—1 Qor. 16:2.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi