-
“Waaqa Jajjabina Hundumaa”Masaraa Eegumsaa—2009 | Amajjii 1
-
-
WANTOONNI jireenya keessatti nama mudatan kanneen akka, dhiphinaa, abdii kutachuufi kophummaan, gadda guddaa namarraan geessisuu danda’u. Yeroo akkasiitti, ‘Gargaarsa eessaan argadha?’ jettee gaafatta ta’a. Jechoonni Phaawulos 2 Qorontos 1:3, 4rraatti dubbate Yihowaan madda jajjabinaa amansiisaa ta’uusaa argisiisa.
Lakkoofsa 3rratti Waaqayyo “abbaa araara hundaa” jedhameera. Kun maal jechuudha? Jechi afaan Giriikii “abbaa jajjabinaa” jedhu namoota rakkataniif gadduu argisiisa.a Galmeen Macaafa Qulqulluu tokko jecha kana “oo’a argisiisuu” ykn “garaadhaa namaa yaaduu” kan jedhu ta’uu danda’a jedhee hiikeera. ‘Araarri’ Waaqayyoo tarkaanfii akka fudhatuuf isa kakaasa. Amala Waaqayyoo kana beekuun isatti akka dhihaannuuf nu hin kakaasuu?
Phaawulos, Yihowaan “Waaqayyo jajjabina hundumaa” ta’uusaas dubbateera. Phaawulos asirratti jecha “yaada yeroo dhiphinaa ykn gaddaa, gargaarsa walirraa hin cinne kennuu ykn jajjabeessuu” argisiisu fayyadamuusaati. Kitaabni Za Intarpiriitarsi Baayibil jedhamu, “Nama dhiphate tokko miira isatti dhaga’amu obsaan akka danda’u gochuudhaan isa jajjabeessina” jechuun ibseera.
Tarii, ‘Waaqayyo kan nu jajjabeessuufi rakkina nurra ga’u obsaan akka dandeenyu kan nu gargaaru akkamitti?’ jettee gaafatta ta’a. Irra guddaa kana kan godhu karaa Macaafa Qulqulluufi kadhannaadha. Phaawulos, Waaqayyo “jajjabina caaffanni qulqullaa’oon nuuf kennaniin abdii” akka argannuuf Waaqayyo jaalalaan kaka’ee Macaafa Qulqulluu nuu kennuusaa nutti hima. Akkasumas, kadhannaa garaarraa maddeen ‘nagaa Waaqayyoo isa hubannaa namaa hundumaa irra caalu’ argachuu dandeenya.—Roomaa 15:4; Filiphisiiyus 4:7.
-
-
“Waaqa Jajjabina Hundumaa”Masaraa Eegumsaa—2009 | Amajjii 1
-
-
a Maddi oo’aa isa waan ta’eef Waaqayyo, “Abbaa [ykn madda] araara” jedhameera.
-