LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 4 | Gargaarsa Waaqayyootiin Jibba Injifadhu
    Masaraa Eegumsaa (Sabaa)—2022 | Lakk. 1
    • Barumsa Kitaaba Qulqulluu:

      “Firiin hafuuraa jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, gaarummaa, arjummaa, amantii, garraamummaa, of toʼachuu dha.”—GALAATIYAA 5:22, 23.

      Maal Jechuu Dha?

      Gargaarsa Waaqayyootiin jibba injifachuun ni dandaʼama. Hafuurri qulqulluun amaloota ofii keenyaan matumaa horachuu hin dandeenye akka horannu nu gargaara. Kanaafuu, jibba injifachuuf ofuma keenyaan yaaluu mannaa, gargaarsa Waaqayyootti amanamuun keenya gaarii dha. Kana kan goonu yoo taʼe, akkuma Phaawulos ergamaa isa, “Karaa isa humna naaf kennu sanaatiin jabina waan hundumaatiif na barbaachisu qaba” jedhee nutti dhagaʼama. (Filiphisiyus 4:13) Akkasumas, “Kan na gargaaru Yihowaa . . . dha” jechuu dandeenya.—Faarfannaa 121:2.

  • 4 | Gargaarsa Waaqayyootiin Jibba Injifadhu
    Masaraa Eegumsaa (Sabaa)—2022 | Lakk. 1
    • Woldoon yeroo haati manaa isaa Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabdetti hin gammanne ture. Akkana jedheera: “Dhugaa Baatota waanan jibbuuf, yeroo baayʼee isaan arrabseera. Haa taʼu malee, isaan yeroo hundumaa karaa nagaa qabuun naaf deebisu turan.”

      Woldoonis Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabe. Akkana jedheera: “Wantan baradhe hojiirra oolchuun salphaa hin turre. Matumaa aarii koo toʼachuu akkan hin dandeenye of amansiiseen ture.” Wanti Kitaaba Qulqulluu irraa barate tokko garuu, jireenya isaa jijjiireera.

      Woldoon akkana jedheera: “Gaaf tokko obboleessi na qoʼachiisuu fi Alehaandiroo jedhamu Galaatiyaa 5:22, 23 akkan dubbisu na affeere. Achiis gargaarsa Waaqayyoo malee amaloota kana horachuu akkan hin dandeenye naaf ibse. Dhugaan kun ilaalcha koo guutummaatti jijjiire.”

      Woldoon gargaarsa Waaqayyootti waan amanameef, jireenya isaa keessatti jibba injifachuu irratti milkaaʼina argateera. Akkana jedheera: “Firoonni koo fi hiriyoonni koo duraa jijjiiraman godhe amanuun isaanitti ulfaata. Yihowaan nama lola jaallatu irraa gara nama naga qabeessa taʼeetti akkan jijjiiramu godheera.”

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi