LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wp22 Lakk. 1 ful. 12-13
  • 4 | Gargaarsa Waaqayyootiin Jibba Injifadhu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • 4 | Gargaarsa Waaqayyootiin Jibba Injifadhu
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2022
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Barumsa Kitaaba Qulqulluu:
  • Maal Jechuu Dha?
  • Maal Gochuu Dandeessa?
  • Jibba Injifachuun kan Dandaʼamu Akkamitti?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2022
  • Jibba Injifachuu ni Dandeenya!
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2022
  • Jibbi Hamma Kana kan Baayʼate Maaliifi?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2022
  • Jibbi Bara Baraaf ni Balleeffama!
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2022
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2022
wp22 Lakk. 1 ful. 12-13
Namoonni gara Kitaaba Qulqulluu guddaa banamee fi isaanitti ifaa jiru tokko deemaa jiru. Gaaddidduun isaanii jibba duraan qaban argisiisa.

JIBBA INJIFACHUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

4 | Gargaarsa Waaqayyootiin Jibba Injifadhu

Barumsa Kitaaba Qulqulluu:

“Firiin hafuuraa jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, gaarummaa, arjummaa, amantii, garraamummaa, of toʼachuu dha.”—GALAATIYAA 5:22, 23.

Maal Jechuu Dha?

Gargaarsa Waaqayyootiin jibba injifachuun ni dandaʼama. Hafuurri qulqulluun amaloota ofii keenyaan matumaa horachuu hin dandeenye akka horannu nu gargaara. Kanaafuu, jibba injifachuuf ofuma keenyaan yaaluu mannaa, gargaarsa Waaqayyootti amanamuun keenya gaarii dha. Kana kan goonu yoo taʼe, akkuma Phaawulos ergamaa isa, “Karaa isa humna naaf kennu sanaatiin jabina waan hundumaatiif na barbaachisu qaba” jedhee nutti dhagaʼama. (Filiphisiyus 4:13) Akkasumas, “Kan na gargaaru Yihowaa . . . dha” jechuu dandeenya.—Faarfannaa 121:2.

Maal Gochuu Dandeessa?

“Yihowaan nama lola jaallatu irraa gara nama naga qabeessa taʼeetti akkan jijjiiramu godheera.”—WOLDOO

Yihowaan hafuura qulqulluu akka siif kennu cimsii kadhadhu. (Luqaas 11:13) Jireenya kee keessatti amaloota gaggaarii argisiisuuf akka si gargaaru isa gaafadhu. Kitaabni Qulqulluun amaloota jibba injifachuuf gargaaran kanneen akka jaalalaa, nagaa, obsaa fi of toʼachuu ilaalchisee maal akka jedhu qoradhu. Jireenya kee keessatti karaawwan amaloota kana horachuu itti dandeessu barbaadi. Namoota amaloota kana horachuuf carraaqan michoota godhadhu. Namoonni kun, “jaalalaa fi hojii gaariidhaaf [si] kakaasuu” dandaʼu.—Ibroota 10:24.

Seenaa Dhugaa​—WOLDOO

Jibba Cimaa Injifateera

Woldoo.

Woldoon akkaataan guddinaa isaa ulfaataa waan tureef, jibbaan guutamee ture. Akkana jedheera: “Yeroo baayʼee namoota qoricha sammuu hadoochu gurguranii wajjin karaa irratti wal lolla turre . . . Yeroo tokko gareen kashalabbootaa tokko na ajjeesuuf, nama ajjeesuu irratti dandeettii guddaa qabu qacaree ture; cuubeedhaan kan na waraane taʼus jalaa miliquu dandaʼeera.”

Woldoon yeroo haati manaa isaa Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabdetti hin gammanne ture. Akkana jedheera: “Dhugaa Baatota waanan jibbuuf, yeroo baayʼee isaan arrabseera. Haa taʼu malee, isaan yeroo hundumaa karaa nagaa qabuun naaf deebisu turan.”

Woldoonis Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabe. Akkana jedheera: “Wantan baradhe hojiirra oolchuun salphaa hin turre. Matumaa aarii koo toʼachuu akkan hin dandeenye of amansiiseen ture.” Wanti Kitaaba Qulqulluu irraa barate tokko garuu, jireenya isaa jijjiireera.

Woldoon akkana jedheera: “Gaaf tokko obboleessi na qoʼachiisuu fi Alehaandiroo jedhamu Galaatiyaa 5:22, 23 akkan dubbisu na affeere. Achiis gargaarsa Waaqayyoo malee amaloota kana horachuu akkan hin dandeenye naaf ibse. Dhugaan kun ilaalcha koo guutummaatti jijjiire.”

Woldoon gargaarsa Waaqayyootti waan amanameef, jireenya isaa keessatti jibba injifachuu irratti milkaaʼina argateera. Akkana jedheera: “Firoonni koo fi hiriyoonni koo duraa jijjiiraman godhe amanuun isaanitti ulfaata. Yihowaan nama lola jaallatu irraa gara nama naga qabeessa taʼeetti akkan jijjiiramu godheera.”

Waaʼee seenaa Woldoo caalaatti beekuuf Masaraa Eegumsaa Onkoloolessa 1, 2013 (Amaariffa) fuula 12-13 dubbisi.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi