Jibbi Bara Baraaf ni Balleeffama!
Garaa keenya keessaa jibba kan balleessine yoo taʼe illee, gochaa fi ilaalcha warra kaanii toʼachuu hin dandeenyu. Namoonni balleessaa hin qabne amma iyyuu ni jibbamu. Maarree, jibba bara baraaf balleessuu kan dandaʼu eenyu?
Jibba yeroo ammaatti argaa jirru guutummaatti, akkasumas bara baraaf balleessuu kan dandaʼu Yihowaa qofa dha. Kitaabni Qulqulluunis kana akka godhu dubbata.—Fakkeenya 20:22.
WAAQAYYO WANTOOTA JIBBAAF SABABA TAʼAN NI BALLEESSA
1. SEEXANA. Jibba yeroo harʼaatti argaa jirruuf kan itti gaafatamu Seexana dha. Waaqayyo Seexanas taʼe warra akkuma isaa jibba argisiisan hunda ni balleessa.—Faarfannaa 37:38; Roomaa 16:20.
2. ADDUNYAA SEEXANAA JIBBAAN GUUTAME. Waaqayyo geggeessitoota siyaasaa fi geggeessitoota amantaa jibba kakaasan dabalatee wantoota hamoo addunyaa kana keessa jiran hundumaa ni balleessa. Sirna daldalaa sassataan guutames malaanmaltummaa fi mancaʼiinsa isaa wajjin haxaaʼee balleessa.—2 Pheexiros 3:13.
3. CUBBUU NAMOOTAA. Kitaabni Qulqulluun namoonni hundi cubbuu akka dhaalan, akkasumas wanta dogoggora taʼe yaaduu fi raawwachuun akka isaanitti salphatu dubbata. (Roomaa 5:12) Fedhiiwwan cubbuu kana keessaa tokko warra kaaniif jibba qabaachuu fi argisiisuu dha. Waaqayyo namoonni fedhiiwwan akkasii akka injifatan gargaaruudhaan jibba bara baraaf balleessa.—Isaayyaas 54:13.
KITAABNI QULQULLUUN ADDUNYAAN JIBBA IRRAA WALABA TAʼE AKKA DHUFU DUBBATA
1. EENYURRAYYUU JALʼINNI HAQAA HIN GAʼU. Yeroo sanatti addunyaa kan bulchu Mootummaa Waaqayyoo isa samii keessatti hundeeffamee fi bara baraaf haqa fidu dha. (Daaniʼel 2:44) Jibbi halaalaa fi wal dandaʼuu dhabuun hin jiraatu. Waaqayyo jalʼina haqaa yeroo ammaatti namoota irra gaʼaa jiru hundumaa ni sirreessa.—Luqaas 18:7.
2. NAMNI HUNDI NAGAA NI QABAATA. Namni jeequmsaan ykn waraanaan kan kaʼe miidhaan irra gaʼu hin jiraatu. (Faarfannaa 46:9) Namoonni hundi nagaa kan jaallatan waan taʼaniif, lafti bakka jireenyaa amansiisaa taati.—Faarfannaa 72:7.
3. NAMNI HUNDI BARA BARAAF HAALA MIJATAA TAʼE KEESSA JIRAATA. Namoonni lafa irra jiraatan hundi warra kaaniif jaalala dhugaa ni qabaatu. (Maatewos 22:39) Namni yaada ykn yaadannoo gaarii hin taaneen dhiphatu illee hin jiraatu. (Isaayyaas 65:17) Yeroo sanatti jibbi guutummaatti waan balleeffamuuf namoonni “nagaa hedduu [argatanii] baayʼee ni gammadu.”—Faarfannaa 37:11.
Addunyaa akkasii keessa jiraachuuf hin hawwituu? Yeroo ammaatti illee, namoonni hedduun qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchuudhaan jibba injifachuu barachaa jiru. (Faarfannaa 37:8) Addunyaa maratti Dhugaa Baatonni Yihowaa miliyoonaan lakkaaʼaman akkas gochaa jiru. Aadaa fi akkaataa guddinaa garaa garaa kan qaban taʼus akkuma maatii tokkootti jaalalaa fi tokkummaa cimaa qabu.—Isaayyaas 2:2-4.
Dhugaa Baatonni Yihowaa jalʼina haqaa fi loogii dandamachuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe wanta Kitaaba Qulqulluu irraa baratan namootatti himuun isaan gammachiisa. Wanti barattu jibba of keessaa balleessuudhaan jaalala akka horattu si gargaara. Namoota galata hin qabne ykn nama jibban dabalatee namoota hundumaatti gaarummaa argisiisuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe ni baratta. Akkana yoo goote, yeroo ammaatti gammachuu ni qabaatta, walitti dhufeenyi warra kaanii wajjin qabdus fooyyaʼaa deema. Hundumaa caalaa immoo, yeroo Mootummaan Waaqayyoo jibba bara baraaf balleessutti jiraachuuf maal gochuu akka qabdu ni baratta.—Faarfannaa 37:29.