LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Sabni Yihowaa ‘Jalʼinarraa’ Ni Fagaatu
    Masaraa Eegumsaa—2014 | Adoolessa 15
    • 9. ‘Morkiin gowwummaa inni toora hin qabne’ gumii Kiristiyaanaa jaarraa jalqabaarratti miidhaa akkamii geessisee ture?

      9 Macaafni Qulqulluun, jalʼina Kiristiyaanonni irraa fagaachuu qaban ilaalchisee gorsa ifa taʼe kenna. Fakkeenyaaf, yaada 2 Ximotewos 2:19 dura jirurratti Phaawulos, Ximotewos ‘wal diduurraa [‘dubbii buʼaa hin qabneen wal loluurraa,’ hiika bara 1899] akka fagaatan,’ akkasumas ‘dubbii midhaan hin qabnerraa [‘dubbii waaʼee hin baafnerraa,’ hiika bara 1899] akka fagaatan’ obboloota akka gorsu itti himee ture. (2 Ximotewos 2:14, 16, 23 dubbisi.) Yeroo sanatti, namoonni miseensa gumichaa taʼan tokko tokko barumsa gantootaa babalʼisaa turan. Kaanimmoo yaada mormii kaasu gumii keessatti babalʼisaa turan. Namoonni kun Caaffata Qulqullaaʼoorratti hundaaʼanii kan wal falman taʼus, haalli akkasii tokkummaan akka hin jiraanne kan godhu ture. Wanti akkasii obboloonni jechootarratti akka wal lolaniifi wal morman kan godhu taʼuusaarrayyuu, karaa hafuuraa akka miidhaman godha. Phaawulos, obboloonni ‘morkii gowwummaa isa toora hin qabnerraa’ akka fagaatan kan gorse kanaafidha.

      10. Gantoonni yommuu nu mudatan tarkaanfii akkamii fudhachuu qabna?

      10 Yeroo harʼaa, gumii keessatti gantummaan baayʼinaan saba Yihowaa hin mudatu. Taʼus, barumsi Macaafa Qulqulluurratti hin hundoofne yommuu nu mudatu, maddasaa baruuf yaaluu mannaa irraa fagaachuu qabna. Isaanii wajjin haasaʼuudhaanis taʼe Weeb saayitii isaaniirratti yaada kennuudhaan ykn karaa kamiiniyyuu gantootaa wajjin falmii gochuun barbaachisaa miti. Kaayyoon keenya nama sana gargaaruu yoo taʼellee, namoota akkasii wajjin mariʼachuun gorsa armaan olitti kennameef akka nuti hin ajajamne argisiisa. Saba Yihowaa waan taaneef yaada akkasiirraa fagaachuu qabna; eeyyee gantootarraa fagaachuu qabna!

      Gantoonni Dhugaa Baatonni Yihowaa morkii keessa akka seenan gochuuf yaalii godhu

      Gantootaa wajjin morkii keessa seenuurraa fagaadhaa (Keeyyata 10 ilaali)

      11. Wanti ‘morkiin gowwummaa inni toora hin qabne’ akka uumamu godhu maalidha? Jaarsoliin gumii fakkeenya gaarii taʼuu kan dandaʼan akkamitti?

      11 Gantummaa malees wantoonni nageenya gumii miidhuu dandaʼan jiru. Fakkeenyaaf, gama bashannanaatiin ilaalcha garaagaraa qabaachuun, ‘morkiin gowwummaa inni toora hin qabne’ akka uumamu gochuu dandaʼa. Namoonni bashannana seera amalaa Yihowaan baasee wajjin wal hin simne babalʼisan gumii keessa jiru taanaan, jaarsoliin gumii falmiin akka hin uumamneef jecha haala akkasii callisanii ilaaluu akka hin qabne beekamaadha. (Far. 11:5; Efe. 5:3-5) Haataʼu malee, jaarsoliin gumii ilaalcha mataasaanii akka hin babalʼisne of eeggannoo cimaa godhu. Gorsa Macaafa Qulqulluu jaarsolii gumiitiif kenname amanamummaadhaan deggeruu qabu. Gorsichi, “Karra hoolotaa isa Waaqayyo tikaaf isinitti kenne sana . . . fakkeenya taʼuudhaan egaa malee, warra tika keessan jala jiran irratti gooftummaa argisiisuudhaan miti” jedha.—1 Phe. 5:2, 3; 2 Qorontos 1:24 dubbisi.

  • Sabni Yihowaa ‘Jalʼinarraa’ Ni Fagaatu
    Masaraa Eegumsaa—2014 | Adoolessa 15
    • 13 Seerri buʼuuraa Macaafa Qulqulluu olitti ilaalle bashannana filannu qofarratti kan hojjetu miti. Akkaataa uffannaafi miidhaginaa, fayyaafi nyaataa, akkasumas dhimmoota dhuunfaa taʼan ilaalchisees garaagarummaan uumamuu dandaʼa. Gama kanaan seerri buʼuuraa Macaafa Qulqulluu hanga hin cabnetti, sabni Yihowaa wantoota akkasiirratti wal mormuurraa fagaachuu qabu. Macaafni Qulqulluun, “Garbichi gooftaa wal loluun isaaf hin taʼu; kanaa mannaa nama hundumaa gaarummaadhaan qabuutu isaaf taʼa” jechuudhaan dubbata.—2 Xim. 2:24, NW.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi