LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Warra kan Taatan—Ijoolleen Keessan ‘Fayyina Argachuuf Ogeessota Akka Taʼan’ Isaan Gargaaraa
    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2017 | Muddee
    • 3. (a) Ximotewos Kiristiyaana kan taʼe akkamitti? Wanta barate hojii irra kan oolche hoo akkamitti? (b) Phaawulos, akaakuuwwan barumsaa akkamii sadii Ximotewosiif caqase?

      3 Ximotewos barumsa amantii Kiristiyaanaa kan dhagaʼe tarii Dh.K.B. bara 47⁠tti, jechuunis yeroo Phaawulos ergamaan yeroo jalqabaatiif Lisxiraa daawwatetti taʼuu dandaʼa. Yeroo kanatti Ximotewos umurii waggoota kurnanii keessa kan ture taʼus, waan barate hojii irra ni oolcha ture. Waggaa lama booda immoo Phaawulos wajjin deemuu jalqabe. Erga kun taʼe waggaa 16 booda Phaawulos Ximotewosiif akkana jedhee barreesseera: “Eenyu irraa akka baratte waan beektuuf, wantoota namoonni si barsiisanii fi akka amantu si gargaaran sanatti cimii itti fufi; akkasumas daaʼimummaa keetii jalqabdee Kitaabota Qulqulluu [Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaa] fayyina Kiristoos Yesuusitti amanuudhaan argamuuf ogeessa si gochuu dandaʼan baratteetta.” (2 Xim. 3:14, 15) Phaawulos, Ximotewos (1) kitaabota qulqulluu barachuu isaa, (2) wanta barate amanuu isaa, akkasumas (3) Yesuus Kiristoositti amanuudhaan fayyina argachuuf ogeessa taʼuu isaa dubbateera.

  • Warra kan Taatan—Ijoolleen Keessan ‘Fayyina Argachuuf Ogeessota Akka Taʼan’ Isaan Gargaaraa
    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2017 | Muddee
    • ‘AMANUU’

      5. (a) ‘Amanuu’ jechuun maal jechuu dha? (b) Ximotewos misiraachoo waaʼee Yesuus dubbatu amanee akka ture beekuu kan dandeenyu akkamitti?

      5 Beekumsi kitaabota qulqulluu baayʼee barbaachisaa dha. Haa taʼu malee, ijoollee keenya waaʼee namootaa fi taʼeewwan Kitaaba Qulqulluu keessatti argamanii barsiisuu caalaa wanti gochuu qabnu jira. Ximotewos wanta baratetti ‘amaneera.’ Afaan jalqaba Kitaabni Qulqulluun ittiin barreeffameen, jechi ‘amanuu’ jedhu “mirkanaaʼaa taʼuu” ykn “wanti tokko dhugaa taʼuu isaa fudhachuu” hiika jedhu qaba. Ximotewos kitaabota qulqulluu Afaan Ibrootaa xinnummaa isaatii kaasee beeka ture. Haa taʼu malee, yeroo booda Yesuus Masiihicha taʼuu isaa ilaalchisee ragaa amansiisaa argateera. Kana jechuun, beekumsi isaa ragaa amansiisaa irratti kan hundaaʼe ture jechuu dha. Siruma iyyuu, misiraachicha irratti amantii cimaa qabaachuun isaa akka cuuphamuu fi misiyoonii taʼuudhaan Phaawulos wajjin akka hojjetu isa kakaaseera.

      6. Ijoolleen keessan wanta Dubbii Waaqayyoo irraa baratanitti akka amanan isaan gargaaruu kan dandeessan akkamitti?

      6 Isin hoo, ijoolleen keessan akkuma Ximotewos wanta baratanitti akka amanan isaan gargaaruu kan dandeessan akkamitti? Hunda dura obsa qabaachuu qabdu. Amantiin wanta gaafuma tokkoon argamu miti; ykn isin wanta barattanitti waan amantaniif ijoolleen keessanis akka keessan taʼu jechuu miti. Ilmi ykn intalli keessan ‘dandeettii yaaduu isaanitti’ fayyadamuudhaan dhugaa Kitaaba Qulqulluu amanuu qabu. (Roomaa 12:1 dubbisi.) Warra waan taataniif, keessumaa yeroo ijoolleen keessan gaaffii gaafatanitti gama kanaan gumaacha guddaa gochuu dandeessu. Mee fakkeenya tokko haa ilaallu.

      7, 8. (a) Abbaan tokko yeroo intala isaa barsiisutti obsa akka qabu kan agarsiise akkamitti? (b) Obsa akkasii qabachuun barbaachisaa akka taʼe sitti dhagaʼamee beekaa?

      7 Toomaas inni intala waggaa 11 qabu akkana jedheera: “Intalli too akkana jettee gaafatti, ‛Yihowaan jireenya argamsiisuuf jijjiirama tirannaatti fayyadamee taʼuu hin dandaʼuu?’ ykn, ‛Dhimmoota haawaasaa waan tokko tokko fooyyessuu dandaʼan irratti, fakkeenyaaf filannoo irratti kan hin hirmaanne maaliifi?’ Yeroo tokko tokko wanta akkasiitti amanuu qabda jedhee dhiibbaa akkan ishii irratti hin goone of toʼachuun na barbaachisa. Namni tokko waan tokkotti kan amanu dhugaa guddaa tokko irratti hundaaʼee miti. Kanaa mannaa ragaawwan xixinnoo hedduu irratti hundaaʼee ti.”

      8 Akkuma Toomaasitti dhagaʼame barsiisuun obsa gaafata. Dhugaa dha, Kiristiyaanonni hundi obsa qabaachuu qabu. (Qol. 3:12) Toomaas yeroo yerootti marii gaarii gochuun barbaachisaa akka taʼe hubateera. Intalli isaa wanta barattetti akka amantu ishii gargaaruuf, kitaabota qulqulluu irratti hundaaʼee ishii mariisisuun isa barbaachiseera. Akkana jedheera; “Anii fi haati manaa too intalli teenya keessumaa qabxiiwwan barbaachisaa taʼan irratti dhuguma wanti barattu kan ishii amansiisuu fi ifa ishiidhaaf taʼuu isaa beekuu barbaanna. Yoo gaaffii kaaste gaarii dha. Gaaffii tokko malee yaada tokko yoo fudhatte garuu nan yaaddaʼa.”

      9. Ijoollee keessan Dubbii Waaqayyoo barsiisuu kan dandeessan akkamitti?

      9 Warri ijoollee isaanii obsaan kan barsiisan yoo taʼe, ijoolleen isaanii suutuma suuta ‘balʼina, dheerina, ol fageenyaa fi gad fageenya’ amantii hubachuu jalqabu. (Efe. 3:18) Umurii fi dandeettii isaanii tilmaama keessa galchuudhaan isaan barsiisuu dandeenya. Wanta baratanitti amanaa yeroo deeman, ijoollee wajjin baratan dabalatee namoota duratti amantii isaaniitiif dhaabbachuu dandaʼu. (1 Phe. 3:15) Fakkeenyaaf, ijoolleen keessan namni yeroo duʼu maal akka taʼu Kitaaba Qulqulluu irraa ibsuu ni dandaʼuu? Ibsi Kitaabni Qulqulluun kennu isaan amansiisaa?a Dubbii Waaqayyoo ijoollee keessan barsiisuun obsa gaafata; taʼus carraaqqii gochuun keessan kan nama gaabbisiisu miti.—Kes. 6:6, 7.

      10. Karaa ijoollee keessan itti barsiistan keessaa inni guddaan maal taʼuu qaba?

      10 Ijoolleen keessan wanta baratan akka amanan isaan gargaaruuf, isaaniif fakkeenya taʼuun keessanis baayʼee barbaachisaa dha. Istifaanii ishiin ijoollee durbaa sadii qabdu akkana jetteetti: “Daaʼimummaa isaaniitii kaasee, waaʼee ijoollee too akkana jedheen of gaafadha, ‘Yihowaan jiraachuu isaa kan na amansiise maal akka taʼe, waaʼee jaalala isaa fi daandiiwwan isaa sirrii taʼuu isaanii ilaalchisee ijoollee too wajjin mariʼadhee beekaa? Ijoolleen too garaadhaa Yihowaa akkan jaalladhu ifaatti hubataniiruu?’ Wantan ani itti hin amanne ijoolleen too amanuu qabu jedhee yaaduu hin qabu.”

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi