-
Wanti Kamiyyuu Yihowaarraa Akka Isin Fageessu Hin HeyyaminaaMasaraa Eegumsaa—2013 | Amajjii 15
-
-
Wanti Kamiyyuu Yihowaarraa Akka Isin Fageessu Hin Heyyaminaa
“Harʼa eenyuuf akka hojjettan foʼadhaa!”—IYA. 24:15.
1-3. (a) Iyaasuun jireenyasaa keessatti filannaa sirrii gochuudhaan fakkeenya gaarii kan taʼu akkamitti? (b) Wanti murteessuu qabnu yommuu nu mudatu maal yaadachuu qabna?
FILANNAA gochuun keenya baayʼee barbaachisaadha. Namni filannaa qabu carraa addaddaa qaba; jireenyasaa akkamitti akka geggeessus hamma tokko toʼachuu ni dandaʼa. Fakkeenyaaf, namni tokko utuu deemaa jiruu akka tasaa karaa maqa lama qabutti baʼe haa jennu. Yeroo kanatti karaa isa kamirraa deemuu filata laata? Namni kun bakka gaʼuu barbaade akka gaariitti beeka taanaan, karaan inni tokko bakka gaʼuu barbaadetti kan isa geessu siʼa taʼu, inni kaanimmoo iddoo garabiraatti isa geessa.
2 Macaafni Qulqulluun namoota haalli akkasii isaan mudate ilaalchisee fakkeenya hedduu qabateera. Fakkeenyaaf, Qaayin aariidhaan kakaʼee tarkaanfii fudhachuu ykn aariisaa toʼachuu qaba ture. (Uma. 4:6, 7) Iyaasuun Waaqa dhugaa tajaajiluufi waaqa sobaa waaqeffachuu keessaa isa tokko filachuu qaba ture. (Iya. 24:15) Galmisaa Yihowaatti dhihaachuu waan tureef, karaa galma kanarra gaʼuuf isa gargaru filateera. Qaayin garuu galma akkasii waan hin qabneef, karaa Yihowaarraa isa fageessu filateera.
3 Yeroo tokko tokko karaa isa kamirra deemuu akka qabnu murteessuun nu rakkisuu dandaʼa. Haalli akkasii yoo nu mudate, wanta raawwannu hundaan Yihowaadhaaf ulfina fiduufi wanta isarraa nu fageessu kamirraayyuu fagaachuuf galma qabnu yaadachuun keenya barbaachisaadha. (Ibroota 3:12 dubbisi.) Mataduree kanaafi ittaanurratti jireenya keenya keessatti wantoota Yihowaarraa akka nu fageessan heyyamuu hin qabne torba qorra.
HOJII
4. Hojiin jireenya keenya keessatti barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
4 Kiristiyaanonni ofiisaaniis taʼe maatiisaanii gargaaruuf itti gaafatamummaan isaanirra jira. Macaafni Qulqulluun namni tokko wanta maatiisaatiif barbaachisu kan hin dhiheessine yoo taʼe, nama hin amanne caalaa hamaa akka taʼe dubbata. (2 Tas. 3:10; 1 Xim. 5:8) Hojii hojjechuun jireenya keenya keessatti barbaachisaa taʼus, of eeggannoo gochuu baannaan Yihowaarraa nu fageessuu akka dandaʼu beekamaadha. Akkamitti?
5. Hojii taʼe tokko jalqabuu keenya dura wantoota akkamiirratti yaaduun barbaachisaadha?
5 Mee hojii barbaadaa jirta haa jennu. Naannoo hojii argachuun rakkisaa taʼe keessa jiraatta yoo taʼe, afeerrii sii dhihaate kamiyyuu fudhachuuf qoramuu dandeessa taʼa. Haataʼu malee hojichi seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu wajjin kan walfaallessu yoo taʼehoo? Saʼaatiin hojichi itti hojjetamu ykn yeroon bakka hojichaa gaʼuuf sitti fudhatu sochii karaa hafuuraa gootu kan jeequ ykn maatiikeerraa kan si fageessu yoo taʼehoo? Hojii dhabuu mannaa hojii mijataa hin taane hojjechuu wayya jettee yaaduudhaan afeerrii sii dhihaate fudhachuu qabdaa? Karaa dogoggora taʼe filachuun Yihowaarraa si fageessuu akka dandaʼu yaadadhu. (Ibr. 2:1) Hojii barbaaddachaa kan jirtu ykn hojii amma qabdu jijjiiruuf yaada kan jirtu yoo taʼe murtoo sirrii gochuu kan dandeessu akkamiitti?
6, 7. (a) Hojii wajjin haala walqabateen namni tokko galma akkamii qabaachuu dandaʼa? (b) Caalaatti Yihowaatti akka dhihaattu kan si godhu galma akkamii qabaachuudha? Maaliif?
6 Akkuma jalqabarratti ibsame galma kee yaadatti qabadhu. ‘Hojii hojjechuu kanan barbaadu maaliifi?’ jedhii of gaafadhu. Hojiin ofii kees taʼe maatiikee deggeraa, Yihowaa tajaajiluuf kan si gargaaru akka taʼetti kan ilaaltu taanaan, Yihowaan carraaqqii kee ni eebbisa. (Mat. 6:33) Yommuu hojii dhabdu ykn akka tasaa rakkinni dinagdee si mudatu callisee si hin ilaalu. (Isa. 59:1) Yihowaan, “namoota Waaqayyoof bulan qorama keessaa” akkamitti akka baasu in beeka.—2 Phe. 2:9.
7 Haataʼu malee, galmi kee sooressa taʼuu yoo taʼehoo? Tarii milkaaʼina argachuu dandeessa. Taʼus, ‘milkaaʼinni’ akkasii aarsaa malee akka hin argamneefi aarsaa sana kaffaluunimmoo humna keetii ol akka taʼe yaadadhu. (1 Ximotewos 6:9, 10 dubbisi.) Qabeenyarratti xiyyeeffachuun Yihowaarraa si fageessa malee faayidaa hin qabu.
8, 9. Warri hojii wajjin haala walqabateen gaaffii akkamii of gaafachuu qabu? Ibsi.
8 Warra yoo taatan fakkeenyi keessan ijoollee keessanirratti dhiibbaa akkamii akka geessisu yaadaa. Ijoolleen keessan yommuu isin ilaalan, hojii keessaniifmoo hariiroo Yihowaa wajjin qabdaniif iddoo guddaa akka kennitan hubatu? Iddoo guddaa qabaachuuf, ulfinaafi qabeenyaaf xiyyeeffannaa akka isin kennaa jirtan yoo hubatan, isaanis karaa balaa geessisu kana hordofuu laata? Kabaja isiniif qaban dhabuu dandaʼuu laata? Shamarreen tokko akkas jetteetti: “Yeroo abbaankoo hojiidhaan itti hin qabamne hin yaadadhu. Jalqaba maatii keenyaaf wantoota barbaachisaa taʼan guutuuf jabaatee waan hojjetu fakkaata ture. Akka gaariitti nu kunuunsuu barbaada. Waggoota dhihoodhaa asitti garuu haallisaa jijjiirameera. Hojiirratti yeroo dheeraa dabarsa, achiis wantoota jireenyaaf barbaachisan utuu hin taʼin, wantoota qananii nuu bita. Kanaan kan kaʼes maatiin keenya, maatii namoonni kaan galma hafuuraa akka qabaatan jajjabeessu utuu hin taʼin, maatii qarshii hedduu qabu taʼuudhaan beekame. Abbaankoo karaa qarshii nu gargaaruurra karaa hafuuraa utuu nu gargaaree natti tola.”
9 Warra kan taatan hojii keessanirratti xiyyeeffachuudhaan Yihowaarraa of hin fageessinaa. Fakkeenya taʼuudhaan qabeenyi hunda caalaa horachuu qabdan qarshii utuu hin taʼin, qabeenya hafuuraa akka taʼe ijoollee keessan barsiisaa.—Mat. 5:3.
10. Dargaggeessi tokko yommuu hojii filatu maal xiyyeeffannaa keessa galchuu qaba?
10 Dargaggeessa hojii jalqabuuf yaadaa jirtu yoo taate, hojii gaarii taʼe filachuu kan dandeessu akkamitti? Akkuma olitti ibsame jireenyakee kallattii kamiin geggeessuu akka qabdu beekuunkee barbaachisaadha. Leenjiin fudhachuu barbaaddus taʼe, hojiin hojjechuu barbaaddu, fedhii Mootummichaa caalaatti akka dursitu kan si gargaarudhaa? Moo Yihowaarraa akka fagaattu kan si godhudha? (2 Xim. 4:10) Galmikee namoota gammachuunsaanii baayʼina qarshii baankiidhaa qaban ykn qarshii aksiyoonii bitatanirratti hundaaʼe hordofuudhaa? Moo yaada Daawit amanannaadhaan, “Dargaggummaa argeera, dulluma biras gaʼeera; garuu namni qajeelaan utuu gatamuu, ijoolleen isaas waan nyaatan dhabanii utuu kadhatanii ani takkaa argee hin beeku” jedhee barreesse hordofuudha? (Far. 37:25) Daandiin inni tokko Yihowaarraa akka si fageessu, daandiin inni kaanimmoo jireenya gaarii taʼetti akka si geessu yaadadhu. (Fakkeenya 10:22; Miilkiyaas 3:10 dubbisi.) Maarree daandii isa kam filatta?a
BOHAARTII
11. Macaafni Qulqulluun bohaartii ilaalchisee maal jedha? Haataʼu malee maal yaadachuu qabna?
11 Macaafni Qulqulluun gammaduun sirrii akka hin taanes taʼe, bohaaruun yeroo balleessuu akka taʼe hin ibsu. Phaawulos, “Namummaa foonii cimsuuf of qoqqopheessuun wanta muraasaaf nama gargaara” jechuudhaa Ximotewosiif barreesseera. (1 Xim. 4:8) Macaafni Qulqulluun, boqonnaa gaʼaa fudhachuun barbaachisaa akka taʼe kan jajjabeessu taʼuusaarrayyuu, “kolfuunis yeroo qaba,” “sirbuunis yeroo qaba” jedha. (Lal. 3:4; 4:6) Haataʼu malee, of eeggannoo gochuu baannaan bohaartiin Yihowaarraa nu fageessuu dandaʼa. Akkamitti? Bohaartii hin taane filachuufi bohaarticharratti yeroo dheeraa dabarsuu keenyaanidha.
Bohaartiin sirrii taʼeefi yeroo dheeraa hin fudhanne nama haaromsa
12. Wantoota bohaartiidhaaf filannu ilaalchisee maalfaa xiyyeefannaa keessa galchuu qabna?
12 Jalqaba gosa bohaartii filachuu qabnuu haa ilaallu. Bohaartii gaarii taʼe argachuu ni dandeenya. Haataʼu malee, bohaartii hedduun, hammeenya, gocha hafuura xuraaʼoofi saalqunnamtii seeraan ala taʼe dabalatee wanta Waaqayyo jibbu akka jajjabeessan beekamaadha. Kanaaf wantoonni itti bohaarru gaarii taʼuufi dhiisuusaanii addaan baasnee beekuu qabna. Bohaartichi dhiibbaa akkamii nurraan geessisa? Hammeenya, dorgommii ykn sabboonummaa akka jaallannu nu godhaa? (Fak. 3:31) Qarshii keenya akka qisaasnu kan nu godhudha? Namoota kaan kan gufachiisudhaa? (Rom. 14:21) Wantoonni bohaartiidhaaf filannu namoota akkamii wajjin akka michoomnu nu godha? (Fak. 13:20) Gocha gadhee raawwachuuf fedhii akka qabaannu kan nu godhudhaa?—Yaq. 1:14, 15.
13, 14. Yeroo bohaartiirratti dabarsinuu wajjin haala walqabateen wanti xiyyeeffannaa keessa galchuu qabnu maalidha?
13 Bohaartiirratti yeroo hangamii dabarsuu akka qabnus haa ilaallu. ‘Sochii hafuuraatiif yeroo hangan dhabutti bohaartiirratti yeroo dheeraan dabarsaa?’ jedhaa of gaafadhaa. Bohaartiirratti yeroo dheeraa yoo dabarsine, yeroon sun hamma yaadne nu gammachiisuu dhiisuu dandaʼa. Namoonni haala madaalliisaa eegeen bohaartiitti fayyadaman bohaarticharraa gammachuu guddaa argatu. Maaliif? Wantoota caalaatti barbaachisaa taʼan akka raawwatan waan beekaniifidha.—Filiphisiiyus 1:10, 11 dubbisi.
14 Bohaartiirratti yeroo dheeraa dabarsuun gammachiisaa fakkaachuu dandaʼus, filannaa akkasii gochuun Yihowaarraa nu fageessuu dandaʼa. Shamarree umrii waggaa 20 kan taate Kiim, kun dhugaa taʼuusaa muuxannoosheerraa baratteetti. “Yeroo hunda sagantaa bohaartiidhaaf qophaaʼerratti nan argama” jetteetti. “Jimaata, Sanbadduraafi Dilbata yeroo hundaa sagantaan bohaartii ni qophaaʼa. Amma garuu wantoonni ani hojjechuu dandaʼuufi caalaatti barbaachisaa taʼan hedduun akka jiran hubadheera. Fakkeenyaaf qajeelchituu waanan taʼeef, ganama keessaa saʼaatii 12ttan hirribaa kaʼa. Kanaaf hanga saʼaatii torbaa ykn saddeetiitti sagantaa bohaartiirratti hin argamu. Namootaa wajjin yeroo dabarsuun yeroo hunda gadhee taʼuu baatus, yaada namaa hihhiruu akka dandaʼu beeka. Akkuma hojii garabiraa bohaartiinis yeroo mataasaa qabachuu qaba.”
15. Warri ijoolleensaanii bohaartii gaarii akka filata gargaaruu kan dandaʼan akkamitti?
15 Warra kan taʼan wanta karaa qaamaa, hafuuraafi miiraa barbaachisu ofiisaaniifis taʼe ijoolleesaaniitiif dhiheessuuf itti gaafatamummaa qabu. Kunimmoo bohaartiirratti yeroo dabarsuuf qophii gochuu dabalata. Warra yoo taatan, bohaartiin hundi gadhee akka taʼetti yaaduudhaan, ijoolleen keessan gammachuu akka hin arganne hin godhinaa. Haataʼu malee, bohaartiiwwan tokko tokko gadhee akka taʼan beekamaadha. (1 Qor. 5:6) Kanaaf, dursitanii akka gaariitti irratti yaaduudhaan bohaartii maatii keessaniif gammachuu dhugaa argamsiisu argachuu dandeessu.b Akkas gochuudhaan daandii caalaatti Yihowaatti isin dhiheessu filachuu dandeessu.
HARIIROO WARRAAFI IJOOLLEE GIDDUU JIRU
16, 17. Yeroo baayʼee gadda akkamiitu warra mudata? Yihowaan gaddasaanii akka hubatu beekuu kan dandeenyu akkamitti?
16 Hariiroon warraafi ijoollee gidduu jiru baayʼee cimaa waan taʼeef, Yihowaan jaalala sabasaatiif qabu ibsuuf hariiroo kana akka fakkeenyaatti itti fayyadameera. (Isa. 49:15) Kanaaf, miseensi maatii tokkoo Yihowaa waaqeffachuu yommuu dhiisu maatichi baayʼee gadduunsaa waanuma jirudha. Obboleettiin intallishee gumiidhaa baafamte tokko, “Baayʼeen gadde. ‘Maaliif Yihowaa dhiiste laata?’ jedheen of gaafadhe. Balleessaa akkan raawwadhe waan natti dhagaʼameef ofan ceephaʼe” jetteetti.
17 Yihowaan dhiphina isinitti dhagaʼamu ni hubata. Jalqaba Addaamiifi Hewwaan, boodammoo namoonni Bishaan Badiisaa dura turan hedduun yommuu hammeenya raawwatan, baayʼee ‘gaddee’ ture. (Uma. 6:5, 6) Namoonni haalli akkasii matumaa isaan mudatee hin beekne, haalli kun hangam akka nama gaddisiisu hubachuun isaanitti ulfaachuu dandaʼa. Taʼus gochi gadheen miseensi maatii gumiidhaa baafame raawwate, Yihowaarraa akka isin fageessu gochuun miidhaa geessisuu dandaʼa. Kanaaf, miseensi maatii tokko yommuu Yihowaa dhiisu gadda guddaa isinitti dhagaʼamu moʼuu kan dandeessan akkamitti?
18. Warri, mucaansaanii Yihowaa waaqeffachuu yoo dhiise of ceephaʼuu kan hin qabne maaliifi?
18 Wanta raawwatameef of hin ceephaʼinaa. Yihowaan nama hundumaaf filannaa dhuunfaa waan kenneef, tokkoon tokkoon miseensa maatii of murteesseefi cuuphame, “waan ofii isaatii baatu” jechuunis itti gaafatamummaa qaba. (Gal. 6:5) Filannaa godheef Yihowaa duratti kan itti gaafatamu namuma sana malee isin miti. (His. 18:20) Namoota kaanis hin ceephaʼinaa. Qophii Yihowaan adaba ilaalchisee godhe kabajaa. Jaarsolii gumicha eeguuf tarkaanfii fudhataniin utuu hin taʼin, Seexanaan mormaa.—1 Phe. 5:8, 9.
Namni jaallatan tokko gara Yihowaatti akka deebiʼu abdachuun dogoggora miti
19, 20. (a) Warri ijoolleensaanii gumiidhaa baafaman, gaddasaanii moʼuuf maal gochuu dandaʼu? (b) Warri akkasii abdii akkamii qabaachuu dandaʼu?
19 Karaa garabiraammoo Yihowaatti haaloo qabachuun isarraa isin fageessuu dandaʼa. Miseensi maatii keessan, hariiroo maatii keessanii wajjin qabdan caalaa Yihowaadhaaf iddoo guddaa akka kennitan hubachuunsaa barbaachisaadha. Kanaaf gadda isinitti dhagaʼamu moʼuuf, karaa hafuuraa cimaa taʼuuf carraaqqii godhaa. Kiristiyaanota amanamoo obboloota keessan taʼanirraa adda of hin baasinaa. (Fak. 18:1, hiika bara 1899) Miira isinitti dhagaʼamu kadhannaadhaan Yihowaatti himaa. (Far. 62:7, 8) Karaa iimeelii, karaa bilbilaa ykn moobaayilii, miseensa maatii gumiidhaa baafamee wajjin wal qunnamuuf hin yaalinaa. (1 Qor. 5:11) Sochii hafuuraarratti xiyyeeffadhaa. (1 Qor. 15:58) Obboleettiin olitti caqasamte, “Intallikoo gara gumiitti yommuu deebitu ishee gargaaruuf, tajaajilarratti xiyyeeffachuufi karaa hafuuraa cimtuu taʼuu akkan qabu beeka” jetteetti.
20 Macaafni Qulqulluun jaalalli, “Hunduma isaa abdata” jedha. (1 Qor. 13:4, 7) Namni jaallattan gara gumiitti akka deebiʼu abdachuun dogoggora miti. Waggaa waggaadhaan namoonni cubbuu raawwatan hedduun yaada garaa geddaratanii gara jaarmiyaa Yihowaatti deebiʼaa jiru. Yihowaan erga isaan yaada garaasaanii geddaratanii booda haaloo isaanitti hin qabatu. Kanaa mannaa, ‘dhiifama’ isaanii godha.—Far. 86:5.
FILANNAA SIRRII TAʼE GODHAA
21, 22. Mirga filannaa gochuuf qabdu ilaalchisee murtoonkee maalidha?
21 Yihowaan ilmaan namootaa mirga filannaa akka qabaatan godhee isaan uume. (Keessa Deebii 30:19, 20 dubbisi.) Haataʼu malee, mirgi kun itti gaafatamummaa guddaas namatti fida. Kiristiyaanni hundi akkas jedhee of gaafachuu qaba: ‘Daandii kamirra deemaan jira? Hojiin, bohaartiin ykn hariiroon maatii wajjin qabu Yihowaarraa akka na fageessu gochaan jiraa?’
22 Jaalalli Yihowaan sabasaatiif qabu matumaa hin jijjiiramu. Yihowaarraa fagaachuu kan dandeenyu daandii dogoggora taʼe yoo filanne qofadha. (Rom. 8:38, 39) Haataʼu malee, kun akka nurra gaʼu gochuu hin qabnu. Wanti kamiyyuu Yihowaarra akka isin fageessu hin heyyaminaa. Matadureen ittaanu, karaawwan dabalataa murtoo akkasii gochuuf isin gargaaran afur ibsa.
a Hojii filachuu ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba Gaaffiiwwan Dargaggootaafi—Deebiiwwan Hojiirra Ooluu Dandaʼan jedhamu Jildii 2 boqonnaa 38 ilaali. (Amaariffa)
b Yaada dabalataa argachuuf Dammaqaa! Sadaasa 2011 fuula 17-19 ilaali. (Amaariffa)
-
-
Yihowaatti Dhihaachuu Keessan Itti FufaaMasaraa Eegumsaa—2013 | Amajjii 15
-
-
Yihowaatti Dhihaachuu Keessan Itti Fufaa
“Waaqayyotti dhiʼaadhaa, innis isinitti in dhiʼaata.”—YAQ. 4:8.
1, 2. (a) “Akeeki” Seexanaa maalfaʼi? (b) Waaqayyotti dhihaachuuf maaltu nu gargaara?
YIHOWAAN ilmaan namootaa isatti dhihaachuuf fedhii akka qabaatan godhee uume. Seexanni garuu akkumasaa, Yihowaan akka nu hin barbaachisne goonee akka yaannu barbaada. Seexanni erga iddoo dhaabaa Eeden keessaatti Hewwaaniin gowwoomsee kaasee, soba kana babalʼisaa jira. (Uma. 3:4-6) Yeroo sanaa kaasee ilmaan namootaa Waaqayyo akka isaan hin barbaachisne yaadaa turaniiru.
2 Nuti garuu matumaa kiyyoo Seexanaa keessa galuu hin barbaannu. ‘Akeekisaa maal akka taʼe beekna.’ (2 Qor. 2:11) Seexanni, filannaa dogoggora taʼe akka goonu nu kakaasuudhaan Yihowaarraa nu fageessuuf yaalii godha. Haataʼu malee, akkuma mataduree darberratti ilaalle hojii, bohaartiifi maatii wajjin haala walqabateen filannaa sirrii gochuu ni dandeenya. Matadureen kun teknooloojii, fayyaa, qarshiifi boonuu wajjin haala walqabateen ilaalcha sirrii qabaachuun ‘Waaqayyotti dhiʼaachuuf’ akkamitti akka nu gargaaru ibsa.—Yaq. 4:8.
TEKNOOLOOJII
3. Teknooloojiin faayidaa argamsiisuu ykn miidhaa geessisuu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe ibsi.
3 Meeshaaleen elektirooniksii ammayyaa addunyaa maratti baramaa taʼaniiru. Karaa sirrii taʼeen kan itti fayyadamnu taanaan meeshaaleen kun faayidaa qabu. Faallaa kanaan yoo itti fayyadamne garuu Abbaa keenya isa samiirraa nu fageessuu dandaʼu. Mee kompiitara akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Barruun dubbisaa jirtu kun kan qophaaʼeefi kan maxxanfame kompiitaraanidha. Kompiitarri qorannaa gochuuf, namootaa wajjin wal qunnamuufi al tokko tokkommoo ittiin bohaaruuf nu gargaaruu dandaʼa. Haataʼu malee, kompiitarri yeroo keenya hunda nu jalaa fudhachuus ni dandaʼa. Namoonni meeshaa bituufi gurguruurratti ogeessa taʼan, kompiitara haaraa bitachuu akka qaban tooftaadhaan namoota amansiisu. Dargaggeessi tokko gosa kompiitaraa taʼe tokko bitachuuf baayʼee waan hawweef, dhoksaadhaan kaleesaa tokko gurgureera. Aarsaa akkasii kaffaluun baayʼee nama hin gaddisiisuu?
4. Kiristiyaanni tokko kompiitararratti yeroo dheeraa dabarsuu kan dhiise akkamitti?
4 Teknooloojiitti karaa sirrii hin taaneen ykn hanga barbaachisuu ol fayyadamuudhaan hariiroo Yihowaa wajjin qaban dhabuunimmoo aarsaa kana caalaa nama gaddisiisu taʼuu dandaʼa. Kiristiyaanni Joon jedhamuufi umriinsaa waggaa 28 taʼe, “Macaafni Qulqulluun dhimmoota hafuuraatiif ‘yeroo nuuf kenname utuu hin dabarsin akka itti hojjennu’ akka nu gorsu beeka.a Kompiitaraa wajjin haala walqabateen garuu ofuma kootiin diina ofitti taʼa” jedheera. Joon yeroo ammaayyuu baayʼee utuu itti hin beekamin hanga halkan walakkaatti toora Intarneetiirra tura. “Yeroo kanatti dadhabbiin yoo natti dhagaʼameyyuu, karaa intarneetii namaa wajjin kanan wal qunnamu ykn viidiyoowwan gaggabaaboo taʼan kanan ilaalu siʼa taʼu, wantoonni kunimmoo yeroo baayʼee wanta gaarii taʼan kan qabatan miti” jedheera. Joon barsiifata gadhee kanarraa walaba baʼuuf, saʼaatiin inni itti rafu yommuu gaʼu kompiitarrisaa ofumsaatiin akka of cufu godhee sirreesse.—Efesoon 5:15, 16 dubbisi.
Warra kan taatan, ijoolleen keessan teknooloojiitti ogummaadhaan akka fayyadaman gargaaraa
5, 6. (a) Warri ijoolleesaanii ilaalchisee itti gaafatamummaa akkamii qabu? (b) Warri ijoolleensaanii michoota gaarii akka qabaatan gochuu kan dandaʼan akkamitti?
5 Warra kan taatan wanta ijoolleen keessan hojjetan hunda toʼachuun barbaachisaa taʼuu baatus, akkaataa isaan kompiitaratti fayyadaman toʼachuun keessan garuu barbaachisaadha. Akkuma isaan isin hin rakkisneef jecha, Intarneetiirratti akka yeroo dabarsan gochuudhaan, ejja, hammeenyaafi gocha hafuurota xuraaʼoo akka ilaalan, akkasumas michooma gadheedhaaf akka saaxilaman hin godhinaa. Isaan hin toʼattan taanaan, ‘Abbayyeefi Harmeen erga na hin dhowwan taʼee, kana ilaaluun dogoggora hin qabu’ jedhanii yaaduu dandaʼu. Warra waan taataniif, umrii waggoota kurnanii keessatti kan argaman dabalatee, ijoollee keessaan hunda wanta Yihowaarraa isaan fageessuu dandaʼurraa isaan eeguun itti gaafatamummaa keessanidha. Bineeldonnillee ijoolleesanii balaarraa ni eegu. Amaaketi tokko wanti tokko ilmoosheerra balaa geessisuuf yoo yaale maal akka gootu yaadaa!—Hos. 13:8 waliin ilaali.
6 Ijoolleen keessan Kiristiyaanota maanguddootaafi dargaggoota fakkeenya taʼanii wajjin akka michooman qophii godhaa. Hunda caalaa ijoollee keessaniif michuu taʼuu kan qabdan isin taʼuu keessan yaadadhaa. Akka isin isaanii wajjin yeroo dabarsitan barbaadu. Kanaaf, waliin taʼuudhaan kolfuu, taphachuu, hojjechuufi ‘Waaqayyotti dhihaachuuf’ yeroo ramadaa.b
FAYYAA
7. Hundi keenya fayya buleessa taʼuu kan barbaannu maaliifi?
7 “Akkam! Fayyaadhaa?” Jechi baramaa taʼe kun dhugaa beekamaa taʼe tokko kan ibsudha. Addaamiifi Hewwaan, Seexanni Yihowaarraa akka isaan fageessu waan heyyamaniif hundi keenya ni dhukkubsanna. Yommuu dhukkubsannu Yihowaa tajaajiluu waan hin dandeenyeef, dhukkubni kaayyoo Seexanaa galmaan gaʼuuf kan tajaajiludha. Yoo duunemmoo tasumaa Waaqayyoon tajaajiluu hin dandeenyu. (Far. 115:17) Kanaaf, fayyaa buleessa taanee itti fufuuf waan dandeenye hunda akka goonu beekamaadha.c Fayyaafi nageenya obboloota keenyaaf yaaduun keenyas barbaachisaadha.
8, 9. (a) Fayyaa keenyaaf garmalee dhiphachuurraa fagaachuu kan dandeenyu akkamitti? (b) Gammachuu qabaachuun faayidaa akkamii argamsiisa?
8 Haataʼu malee, fayyaa keenyaaf garmalee dhiphachuurraa fagaachuun keenya barbaachisaadha. Namoonni tokko tokko misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo caalaa, nyaata, yaalii fayyaa ykn oomisha tokko tokkoof iddoo guddaa kennaniiru. Namoonni kun warra kaan gargaaraa akka jiran itti dhagaʼamuu dandaʼa. Taʼus, Galma Mootummaattis taʼe walgaʼii gurguddaarratti, walgaʼicha dura ykn booda miʼawwan fayyaadhaaf ykn miidhaginaaf gargaaran haala fedhii warra kaanii kakaasuun dubbachuun sirrii miti. Maaliif?
9 Walgaʼiirratti kan argamnu dhimmoota hafuuraarratti mariʼachuufi gammachuu isa gargaarsa hafuura qulqulluutiin argamu argachuufidha. (Gal. 5:22) Yeroo akkasiitti qarshii kaffalchiisaniis taʼe tola, waaʼee fayyaa ykn miʼa tokkoo gorsa kennuun kaayyoo walgaʼii itti dhaqneefirraa yaada keenya hihhiruufi warra kaan gammachuu dhabsiisuu dandaʼa. (Rom. 14:17) Namni tokko fayyaasaa ilaalchisee murtoo mataasaa gochuu qaba. Kana malees, namni dhukkuba hundaaf furmaata kennuu dandaʼu hin jiru. Doktooronni dandeettii guddaa qabanillee, ni dulloomu, ni dhukkubsatu, dhumarrattis ni duʼu. Kana malees, fayyaa keenyaaf garmalee dhiphachuun umrii keenya dheeressuu hin dandaʼu. (Luq. 12:25) Karaa garabiraammoo, “garaan gammadu fayyina namaaf kenna.”—Fak. 17:22.
10. (a) Amalawwan Yihowaa duratti bareedaa taʼan kamfaʼi? (b) Fayyaa guutuu argachuu kan dandeenyu akkamitti?
10 Waaʼee miidhagina keenyaa yaaduunis dogoggora miti. Taʼus, mallattoo dullumaa wajjin walqabatee dhufu hunda hambisuuf garmalee dhiphachuun barbaachisaa miti. Mallattoon akkasii gaʼeessa taʼuu, ulfinaafi bareedina keessaa qabaachuu keenya argisiisuu dandaʼa. Fakkeenyaaf Macaafni Qulqulluun, “Harriin gonfoo ulfinaa ti, barri dheeraan gatii qajeelinaa ti” jedha. (Fak. 16:31) Yihowaan kan nu ilaalu akkasitti waan taʼeef, nutis akkasitti of ilaaluu qabna. (1 Phexros 3:3, 4 dubbisi.) Kanaaf, caalaatti miidhaguuf jecha yaalii fayyaa baqaqsanii walʼaanuu barbaachisaa hin taaneefi balaadhaaf nama saaxilu gochuun barbaachisaadhaa? Umriin ykn fayyaan keenya maaliyyuu yoo taʼe, ‘gammachuun Waaqayyo nuuf kennu’ bareedina dhugaa keessa keenyaa maddu nuuf taʼuu dandaʼa. (Nah. 8:10) Fayyaa guutuufi bareedina isa yeroo dargaggummaa argachuu kan dandeenyu addunyaa haaraa keessatti qofadha. (Iyo. 33:25; Isa. 33:24) Hammasitti garuu, haala amma keessa jirrutti akka gaariitti fayyadamuudhaan ogummaafi amantii qabaachuun keenya Yihowaatti dhihaannee jiraachuuf nu gargaara.—1 Xim. 4:8.
QARSHII
11. Qarshiin kiyyoo taʼuu kan dandaʼu akkamitti?
11 Qarshii qabaachuunis taʼe, daldala sirrii taʼerratti hirmaachuun dogoggora miti. (Lal. 7:12; Luq. 19:12, 13) “Horii jaallachuun” garuu, Yihowaarraa akka nu fageessu beekamaadha. (1 Xim. 6:9, 10) “Yaaddoon biyya lafaa,” fi wantoota jireenyaaf barbaachisaniif garmalee dhiphachuun karaa hafuuraa nu hudhuu dandaʼa. “Gowwoomsaan soorumaa,” jechuunis soorumni, gammachuufi nageenya itti fufiinsa qabu argamsiisa jedhanii karaa dogoggora taʼeen yaaduunis karaa hafuuraa nama hudhuu dandaʼa. (Mat. 13:22) Yesus “eenyu illee” Waaqayyoofi qabeenyaaf ergaan takkaa hojjechuu akka hin dandeenye ibseera.—Mat. 6:24.
12. Qarshii ilaalchisee kiyyoowwan yeroo harʼaa baramaa taʼan kamfaʼi? Kiyyoo kanarraa fagaachuu kan dandeenyuhoo akkamitti?
12 Qarshiidhaaf ilaalcha dogoggoraa qabaachuun, gocha dogoggora taʼe raawwachuutti nama geessuu dandaʼa. (Fak. 28:20) Namoonni tokko tokko fedhii salphaatti dafanii qarshii argachuuf qabaniin kakaʼuudhaan, lootarii bitataniiru ykn daldala battalatti nama sooromsa jedhamee yaadamu keessa galaniiru; akkasumas miseensonni gumii daldala akkasiirratti akka hirmaatan kakaasaniiru. Kaanimmoo daldalli taʼe tokko buʼaa guddaa akka argamsiisu godhanii yaaduudhaan gowwoomfamaniiru. Kanaaf, sassanni akka isin dogoggorsu hin heyyaminaa. Ilaalcha gaarii qabaadhaa. Afeerriin isinii dhihaate tokko baayʼee gaarii yoo isinitti fakkaateyyuu, taʼuu dhiisuu dandaʼa.
13. Ilaalchi Yihowaan qarshiidhaaf qabu ilaalcha namoonni biyya lafaa qabanirraa adda kan taʼe akkamitti?
13 “Mootummaa Waaqayyoo fi qajeelummaa isaa” yommuu dursinu, Yihowaan carraaqqii nuyi madaallii keenya eeguudhaan wanta jireenyaaf barbaachisu argachuuf goonu nuu eebbisa. (Mat. 6:33; Efe. 4:28) Yihowaan humna keenyaa ol hojjechuudhaan kan kaʼe utuu walgaʼiirra jirruu akka rafnu ykn Galma Mootummaa keessa utuu jirruu waaʼee qarshii akka yaaddofnu hin barbaadu. Namoonni biyyaa lafaa hedduun, yaaddoorraa walaba taʼuufi yeroo dulloomanitti tasgabbiidhaan jiraachuuf nu gargaara jedhanii waan yaadaniif qarshii argachuurratti xiyyeeffatu. Siʼa baayʼee ijoolleensaanii qabeenya horachuuf galma akka baafatan jajjabeessu. Yesus, yaada akkasii qabaachuun sirrii akka hin taane ibseera. (Luqaas 12:15-21 dubbisi.) Kun Gehaaz isa utuu sassataan qabeenya sassaabbatuu Yihowaa duratti fudhatama argatee itti fufuuf yaale nu yaadachiisa.—2 Mot. 5:20-27.
14, 15. Jireenya tasgabbii qabu jiraachuuf qarshiitti amanamuu kan hin qabne maaliifi? Fakkeenyaan ibsi.
14 Joobiroonni tokko tokko, qurxummii guddaa humnasaaniitii ol taʼe fudhatanii deemuuf utuu itti rarraʼanii galaana keessa akka lixan gabaafameera. Kiristiyaana tokkorra haalli akkasii gaʼuu dandaʼaa? Jaarsi gumii Aleeksi jedhamu, “Nama baayʼee waa qusachuu jaallatun ture. Shaampoo hedduu qodaasaa keessaa yoon buuse gartokkoosaa qodichattan deebisa” jechuudhaan ibseera. Taʼus, Aleeksi yeroo dhihoo keessatti hojiisaa dhiisee qajeelchaa taʼuuf yaaduudhaan daldala aksiyoonii keessa seene. Akkasumas afeerrii garaagaraa isaa dhihaatuufi gabaa ilaalchisee gabaasa dhihaatu caalaatti qorachuurratti xiyyeeffate. Qarshii kuufateefi liqiidhaan argatetti fayyadamuudhaan, aksiyoonii ogeessonni daldalaa yeroo gabaabaa keessatti buʼaa guddaa akka argamsiisu dubbatan bitate. Haataʼu malee, akka inni yaade utuu hin taʼin, gatiin aksiyoonii sanaa baayʼee gad buʼe. Aleeksi, “Qarshiikoo deebisee argachuuf murteesseen ture. Aksiyoonii kana gurguruu dhiisee xinnoo yoon turse gatiinsaa dabaluu dandaʼa jedhee yaadeen ture” jedheera.
15 Aleeksi jiʼoota hedduuf waaʼee kanaa malee waan biraa hin yaadu ture. Waaʼee hafuuraarratti xiyyeeffachuu kan dadhabe siʼa taʼu, hirriballee dhabeera. Gatiin aksiyoonichaa garuu deebiʼee hin daballe. Aleeksi qarshii kuufate kan dhabe siʼa taʼu, manasaas gurgureera. Aleeksi, “Maatiinkoo dhiphina guddaa keessa akka galun godhe” jedheera. Taʼus barumsa guddaa tokko argateera. “Amma, namni biyya lafaa isa Seexanni bulchutti amanamu garmalee abdii akka kutatu bareera” jedheera. (Fak. 11:28) Dhugumayyuu, qarshii kuusanne, daldala keenya ykn dandeettii qarshii argachuuf qabnutti amanamuun, Seexana isa “waaqayyicha bara siʼanaa” taʼetti amanamuu wajjin tokkodha. (2 Qor. 4:4; 1 Xim. 6:17) Aleeksi sana booda “wangeelaaf jedhee” jireenya salphaa jiraachuu jalqabeera. Akkas gochuunsaa inniifi maatiinsaa gammachuu akka argataniifi caalaatti Yihowaatti akka dhihaatan akka isaan gargaare hubachuu dandeenya.—Maarqos 10:29, 30 dubbisi.
BOONUU
16. Karaa sirrii taʼeen boonuun, karaa dogoggora taʼeen boonuurraa adda kan taʼe akkamitti?
16 Wantoota sirrii taʼanitti boonuun gaarii taʼuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, Dhugaa Baatota Yihowaa taʼuu keenyatti boonuun keenya sirriidha. (Er. 9:24) Ofii keenyaaf kabaja qabaachuun, murtoo gaarii gochuufi wantoota dogoggora taʼan raawwachuurraa fagaachuuf nu gargaaruu dandaʼa. Haataʼu malee, ilaalcha keenyaaf ykn iddoo qabnuuf xiyyeeffannaa guddaa kennuun Yihowaarraa nu fageessuu dandaʼa.—Far. 138:6; Rom. 12:3.
Gumii keessatti mirga argachuuf garmalee hawwuu mannaa, tajaajila keessan akka gaariitti raawwadhaa!
17, 18. (a) Gad of deebisuufi boonuu wajjin haala walqabateen namoota Macaafa Qulqulluu keessatti ibsaman caqasi. (b) Obboleessi tokko boonuun Yihowaarraa akka isa hin fageessine kan godhe akkamitti?
17 Macaafni Qulqulluun boonuufi gad of deebisuu ilaalchisee namoota fakkeenya taʼan qabateera. Daawit Mootichi gad of deebisuudhaan qajeelfama Yihowaa kan barbaade siʼa taʼu, Innis isa eebbiseera. (Far. 131:1-3) Faallaa kanaatiin, Nebukadnezaariifi Belshaazaar Mootota garmalee boonan waan taʼaniif Yihowaan akka isaan gad of deebisan godheera. (Dan. 4:30-37; 5:22, 23) Yeroo harʼaas haalawwan amala gad of deebisuu qabaachuufi dhiisuu keenya qoran uumamuu dandaʼu. Raayaan inni umriinsaa 32 taʼeefi tajaajilaa gumii taʼe gara gumii garabiraatti jijjiirame. Raayaan, “Yeruma sana jaarsa na godhu jedhee yaadee kanan ture taʼus, utuun jaarsa hin taʼin waggaa hedduutu darbe” jechuudhaan dubbateera. Raayaan jaarsoliin kabaja isaaf malu akka isa dhowwatan yaaduudhaan aareeraa? Boonuun, Yihowaafi sabasaarraa akka isa fageessu gochuudhaaan walgaʼiirratti argamuu dhiiseeraa? Utuu si taʼee maal goota turte?
18 Raayaan, “Wanta tokko yeroo eeganitti argachuu dhabuu ilaalchisee yaada barreeffamoota keenyarra jiru hunda nan dubbise” jedheera. (Fak. 13:12) “Obsaafi gad of deebisuun akka na barbaachisu hubachuun jalqabe. Yihowaan akka na leenjisu gochuun na barbaachisee ture.” Raayaan ofiisaarratti utuu hin taʼin, namoota gumii keessa jiraniifi tajaajilarratti argaturratti xiyyeeffachuu jalqabe. Utuma hin turin, namoota Macaafa Qulqulluu qayyabachuudhaan guddina argisiisan hedduu gargaaruu jalqabe. Raayaan, “Waggaa tokkoofi walakkaa booda jaarsa taʼee muudamuunkoo waanan hin yaadne ture. Tajaajila kootti baayʼee waanan gammaduuf waaʼee jaarsa taʼuu yaaduu dhiiseen ture” jedheera.—Faarfannaa 37:3, 4 dubbisi.
YIHOWAATTI DHIHAACHUUDHAAN JIRAADHAA
19, 20. (a) Wantoonni gaariinillee Yihowaarraa akka nu hin fageessine gochuu kan dandeenyu akkamitti? (b) Fakkeenya namoota Yihowaatti dhihaachuudhaan jiraatan kamfaa hordofuu dandeenya?
19 Wantoonni mataduree kana keessattis taʼe isa darberratti baranne, jireenya keenya keessatti yeroo itti nu barbaachisan qabu. Tajaajiltoota Yihowaa taʼuu keenyatti ni boonna. Maatii gammachuu qabuufi fayyaa gaarii qabaachuun, kennaawwan gurguddaa Yihowaan nuu kenne keessaa tokkodha. Hojiifi qarshiin wantoota nu barbaachisan argachuuf akka nu gargaaran beekna. Bohaartiin akka nu haaromsu, buʼaawwan teknooloojiis faayidaa akka qaban beekna. Haataʼu malee, wantoota kana keessaa kamiiniyyuu yeroo sirrii hin taanetti, akkasumas hanga barbaachisaa taʼee ol ykn karaa waaqeffannaa keenya jeequun hordofuun Yihowaarraa nu fageessuu dandaʼa.
Wanti kamiyyuu Yihowaarraa akka isin fageessu hin heyyaminaa!
20 Seexanni haalli akkasii akka nurra gaʼu kan barbaadu taʼuunsaa beekamaadha. Taʼus balaan akkasii nurras taʼe maatii keenyarra akka hin geenye gochuu ni dandeenya. (Fak. 22:3) Yihowaatti dhihaadhaa jiraadhaa. Gama kanaan namoonni Macaafa Qulqulluu keessatti caqasamaniifi fakkeenyisaanii barumsa nuu taʼu hedduun jiru. Henokiifi Nohi ‘karaa Waaqayyoorra deddeebiʼuudhaan’ jiraataniiru. (Uma. 5:22; 6:9) Museen, “Isa ijaan hin argamne akka waan arguutti” ilaaleera. (Ibr. 11:27) Yesus, yeroo hunda wanta Abbaasaa isa samii gammachiisu waan raawwatuuf, deggersa Waaqayyoo qaba ture. (Yoh. 8:29) Fakkeenyota akkasii hordofaa. “Yeroo hundumaa gammadaa! Kadhata keessan ittuma fufaa malee hin dhiisinaa! Waan hundumaatti Waaqayyoon galateeffadhaa!” (1 Tas. 5:16-18) Wanti kamiyyuu Yihowaarraa akka isin fageessu hin heyyaminaa!
a Maqaawwan jijjiiramaniiru.
b Mataduree “Itti Gaafatamummaan Akka Isaanitti Dhagaʼamu Gochuudhaan Ijoollee Guddisuu” jedhuufi Dammaqaa! Onkoloolessa 2011rra jiru ilaali. (Amaariffa)
c Mataduree, “Wantoota Fayyaa Gaarii Qabaachuuf Gargaaran Shanan” jedhuufi Dammaqaa! Bitootessa 2011rratti baʼe ilaali. (Amaariffa)
-