Faarfannaa 40
Duraan Dursanii Mootummaa Waaqayyoo Barbaaduu
1. Wanti Waaqa gammachiisuu,
Wanti garaasaa ciibsuu,
Mootummaa Masiihichaatii,
Wanti hunda sirreessuu.
(WALLEE)
Dursa kenni Mootummichaaf
Qajeelummaa isaatiif.
Ulfina Waaqaa beeksisii,
Hojiidhaan argiisiisii.
2. Hin dhiphannu guyyaa boriif
Yoo dheebonnee beelofneef.
Innumtiyyuu nuu qopheessaa
Dursinaan Mootummaasaa.
(WALLEE)
Dursa kenni Mootummichaaf
Qajeelummaa isaatiif.
Ulfina Waaqaa beeksisii,
Hojiidhaan argiisiisii.
3. Lallaba keessan jabeessaa;
Ija namootaa ibsaa
Haa abdatan Yihowaatti
Haa bulan seerasaatti.
(WALLEE)
Dursa kenni Mootummichaaf
Qajeelummaa isaatiif.
Ulfina Waaqaa beeksisii,
Hojiidhaan argiisiisii.
(Dabalataan Far. 27:14; Mat. 6:34; 10:11, 13; 1 Phe. 1:21 ilaali.)