Faarfannaa 5
Kiristos Fakkeenya Nuu Ta’a
1. Jaalala guddaadhaa, adda arjummaansaa
Ilmasaa tokkicha nuu kennuunsaa.
Yesus nuuf buddeenaa, hunda jiraachisaa,
Jireenya gaarii, nuu argamsiisaa.
2. Kadhadhaa jedheeraa, Waa’ee maqaa Abbaa:
Haa qulqulleessuuf saaxilee sobaa
Mootummichi dhufee, Fedhasaa haa guutuuf.
Nyaata gaaf hundaa akka argannuuf.
3. Hoolotasaa hunda, Dhugaa barsiiseeraa.
Duuka buutota jajjabeesseeraa.
Sanyiin Mootummichaa, Har’as haa facaa’uu.
Gammachuu guddaan hundaaf haa ta’uu.
(Dabalataan Mat. 6:9-11; Yoh. 3:16; 6:31-51; Efe. 5:2 ilaali.)