Faarfannaa 22
“Waaqayyo Tiksee Koo Ti”
1. Yihowaankoo tiksee kiiyyaa;
Sii’achii sodaan gayaa.
Hoolotasaatiif baay’ee yaadaa
Hin irraanfatu hundaa.
Bishaan gaarii na oobaasaa
Lubbuukoo ni haaromsaa.
Maqaasaaf jedhee na qajeelchaa
Daandiikoo naa tottolchaa.
Maqaasaaf jedhee na qajeelchaa
Daandiikoo naa tottolchaa.
2. Kophaakoo dukkana keessaa
Deemus na tasgabbeessaa.
Tikseenkoo narraa hin fagaatuu;
Garaankoo hin soodaatuu.
Dhadhaadhaan na jiisa mataa;
Xoofookoo naaf in guutaa.
Gaarummaansaa na duukaa jiraa,
Manasaa keessan turaa.
Gaaruummaansaa na duukaa jiraa,
Manasaa keessan turaa.
3. Tikseen kiyya na jaallataa.
Nan galcha ‘saaf galataa.
Nan beeksisa nama hundumaa
Eegumsasaa nan hima.
Dubbiisaaf nan aamanamaa,
Daandiisaarra nan deemaa.
Isa tajaajiluun ulfinaa,
Isumaafan of kenna.
Isa tajaajiluun ulfinaa,
Isumaafan of kenna.
(Dabalataan Far. 28:9; 80:1 ilaali.)