LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Macaafa Qulqulluu Qayyabachuun Maaliif Barbaachise?
    Masaraa Eegumsaa—2015 | Adoolessa 1
    • Nama mana kitaabaa isaa keessatti Macaafa Qulqulluu qoraa jiru

      MATA DUREE FUULA JALQABAA | MACAAFA QULQULLUU QAYYABACHUU NI BARBAADDAA?

      Macaafa Qulqulluu Qayyabachuun Maaliif Barbaachise?

      • Kaayyoon jireenyaa maali dha?

      • Namoonni kan dhiphatanii fi kan duʼan maaliifi?

      • Gara fuulduraatti abdii akkamii qabna?

      • Waaqayyo anaaf ni yaadaa?

      Gaaffilee akkasii of gaafattee beektaa? Taanaan, gaaffii kana kan gaafatu si qofa miti. Namoonni addunyaa mara irra jiran gaaffilee gurguddaa jireenya keessatti isaan mudatan sammuu isaanii keessa deddeebiʼu. Gaaffilee kanaaf deebii argachuu ni dandeessaa?

      Namoonni miliyonaan lakkaaʼaman, gaaffii kanaaf deebii “Eeyyee!” jedhu kennu. Maaliif? Gaaffii isaaniitiif Macaafa Qulqulluu keessaa deebii quubsaa waan argataniifi. Wanta Macaafni Qulqulluun barsiisu beekuu ni barbaaddaa? Taanaan, sagantaa Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Dhugaa Baatonni Yihowaa qopheessan irraa kaffaltii malee fayyadamuu ni dandeessa.a

      Eeyyee, namoonni tokko tokko waaʼeen Macaafa Qulqulluu qayyabachuu yeroo kaʼu, “Yeroo hin qabu,” “Baayʼee ulfaataa dha” ykn “Dirqama wayii keessa galuu hin barbaadu” jedhu. Namoonni kaan garuu ilaalcha kana irraa adda taʼe qabu. Carraa wanta Macaafni Qulqulluu barsiisu barachuuf argatanitti ni fayyadamu. Fakkeenyota muraasa ilaali:

      • “Waldaalee Kaatolikii fi Pirootestaantii, manneen sagadaa Siikii fi Budihaa deemeera, akkasumas yunivarsiitiitti tiʼooloojii (barumsa amantii) baradheera. Haa taʼu malee, Waaqayyoon ilaalchisee gaaffii ani qabu hedduun naaf hin deebine. Achiis, gaaf tokko Dhugaa Baatuun Yihowaa tokko mana koo dhufte. Deebiin isheen Macaafa Qulqulluu irraa naa kennite waan na gammachiiseef, Macaafa Qulqulluu qayyabachuufan walii gale.”—Giil, Ingilaandi.

      • “Jireenya ilaalchisee gaaffii hedduun qaban ture; taʼus deebii paastariin waldaa keenyaa naa kenne na hin quufsine. Dhugaa Baatuun Yihowaa tokko garuu Macaafa Qulqulluutti fayyadamee gaaffii koo naa deebise. Wanta dabalataa barachuuf fedhii akka ani qabu yeroo na gaafatetti, afeerraa isaa nan fudhadhe.”—Kaffii, Beeniin.

      • “Haala namoonni duʼan keessa jiran beekuuf fedhii guddaan qaban ture. Namoonni duʼan warra lubbuudhaan jiran miidhuu ni dandaʼu jedheen amana ture; taʼus wanta Macaafni Qulqulluun jedhu beekuun barbaade. Kanaaf, hiriyaa koo Dhugaa Baatuu taʼe tokkoo wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachuun jalqabe.”—Joosee, Biraaziil.

      • “Macaafa Qulqulluu dubbisuuf yaalee kan ani ture taʼus, hubachuu hin dandeenye. Yeroo booda, Dhugaa Baatonni Yihowaa mana koo dhufanii, raajiiwwan Macaafa Qulqulluu keessa jiran hedduu sirriitti naa ibsan. Kanaaf, wanta dabalataa barachuun barbaade.”—Deeniiz, Meeksikoo.

      • “Waaqayyo kan anaaf yaadu taʼuu isaa beekuu barbaadeen ture. Kanaaf, gara Waaqayyo isa Macaafa Qulqulluu keessatti ibsameetti kadhannaa dhiheessuufan murteesse. Guyyaa itti aanutti, Dhugaa Baatonni mana koo kan dhufan siʼa taʼu, afeerraa Macaafa Qulqulluu akkan qayyabadhuuf naa dhiheessan nan fudhadhe.”—Aanjuu, Neeppaal.

      Muuxannoowwan kun yaada Yesuus, “Karaa hafuuraatti hiyyeessota warri taʼan haa gammadan” jechuudhaan dubbate nu yaadachiisu. (Maatewos 5:3) Eeyyee, ilmaan namootaa uumamaan fedhii hafuuraa qabu. Fedhii isaanii kana guutuufii kan dandaʼu Waaqayyo qofa siʼa taʼu, akkas kan godhus karaa Macaafa Qulqulluu ti.

      Qayyabannaan Macaafa Qulqulluu maalfaa dabalata? Si fayyaduu kan dandaʼu akkamitti? Gaaffileen kun mata duree itti aanu keessatti deebii argatu.

      a Macaafni Qulqulluun maqaan Waaqayyoo Yihowaa akka taʼe dubbata.

      ODEEFFANNOO WAAʼEE MACAAFA QULQULLUU

      An open Bible
      • MAQAA: Jecha Afaan Giriikii bibliyaa jedhamu irraa dhufe; hiikni isaa “kitaabota xixinnoo” jechuu dha

      • QABIYYEE: Kitaabonni 39 Afaan Ibrootaatiin (kutaawwan muraasni Afaan Aramaayikiitiin) kitaabonni 27 immoo Afaan Giriikiitiin barreeffaman

      • KAN BARREEFFAME: Namoota 40n gara waggaa 1,600 ol taʼu keessatti, jechuunis DH.K.D. bara 1513 hanga DH.K.B. bara 98⁠ttib

      • AFAANOTA: Guutummaan isaa ykn gar tokkoon isaa afaan 2,500 olitti hiikameera

      • BAAYʼINA ITTI RAABSAME: Macaafni Qulqulluun biliyoona shan taʼu raabsameera jedhamee tilmaamama; macaafni hammana raabsame kan biraan hin jiru

      b Gabaajeen DH.K.D. jedhu Dhaloota Kiristos Dura, inni Dh.K.B. jedhu immoo Dhaloota Kiristos Booda jechuu dha.

  • Sagantaa Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Namoota Hundaaf
    Masaraa Eegumsaa—2015 | Adoolessa 1
    • Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu

      MATA DUREE FUULA JALQABAA | MACAAFA QULQULLUU QAYYABACHUU NI BARBAADDAA?

      Sagantaa Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Namoota Hundaaf

      Dhugaa Baatonni Yihowaa namootaaf lallabuudhaan beekamu. Haa taʼu malee, sagantaa qayyabannaa Macaafa Qulqulluu addunyaa maratti geggeeffamu akka qabnu beektaa?

      Nama bakka hojii isaatti Macaafa Qulqulluu qayyabachaa jiru

      Bara 2014⁠tti, Dhugaa Baatonni 8,000,000 ol taʼanii fi biyyoota 240 keessa jiran jiʼa jiʼaan namoota gara 9,500,000 taʼan Macaafa Qulqulluu qayyabsiisaniiru.a Baayʼinni namoota nuu wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabatanii baayʼina uummataa biyyoonni 140 taʼan dhuunfaatti qaban ni caala!

      Dhugaa Baatonni Yihowaa hojii barsiisuu kana raawwachuuf waggaa waggaatti gara afaan 700tiin Macaafa Qulqulluu, kitaabota, barruulee fi barreeffamoota Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf gargaaran gara biliyoona tokkoo fi walakkaa maxxansu! Carraaqqiin guddaan taasifame kun namoonni afaan barbaadaniin Macaafa Qulqulluu akka qayyabatan gargaara.

      “Mana barumsaa yeroon turetti qayyabachuu hin jaalladhun ture; qayyabannaan kun garuu baayʼee namatti tola. Wantoonni ani baradhe immoo kan nama jajjabeessani dha!”—Kaatlegoo, Afriikaa Kibbaa.

      “Barumsichi gaaffilee koo hundaaf deebii naa kenneera; barumsa hedduus irraa argadheera.”—Beertaa, Meeksikoo.

      “Macaafa Qulqulluu kan na qayyabsiisan mana kootti, saʼaatii naa mijatutti ture. Kana caalaa maalan barbaada ree!” —Iiziikiʼeel, Biraaziil.

      “Qayyabannaan kun yeroo tokko tokko daqiiqaa 15 hanga 30, yeroo kaan immoo isaa ol fudhata ture. Akkuma naaf taʼutti mijeeffama ture.”—Viiniyaanaa, Awustiraaliyaa.

      “Kanan qayyabadhe kaffaltii malee ti. Baayʼee nama ajaaʼibsiisa!”—Eemii, Beeniin.

      “Barsiistuun Macaafa Qulqulluu koo obsa qabeettii fi nama gaarii turte. Baayʼee walitti dhihaannee turre.”—Kaaren, Aayerlaandi Kaabaa.

      “Namoonni hedduun Dhugaa Baatuu taʼuun utuu isaan irraa hin eegamin Macaafa Qulqulluu qayyabatu.” —Deentan, Ingilaandi.

      DEEBII GAAFFILEE SAGANTAA QAYYABANNAA MACAAFA QULQULLUU KEENYA ILAALCHISEE YEROO HEDDUU GAAFATAMANIIF KENNAME

      Qayyabannaan kun haala akkamiitiin geggeeffama?

      Yaada Macaafa Qulqulluu garaa garaa kaasnee, caqasoota dhimmichaa wajjin wal qabatan qorra. Fakkeenyaaf, Macaafni Qulqulluun gaaffii akka armaan gadiitiif deebii kenna: Waaqayyo eenyu dha? Qaama akkamii qaba? Maqaa qabaa? Eessa jiraata? Isatti dhihaachuu ni dandeenyaa? Haalli isaa ulfaataa akka taʼu kan godhu, deebiin gaaffilee kanaa Macaafa Qulqulluu irraa eessatti akka argamu beekuu dadhabuu dha.

      Namoonni gaaffilee kanaaf deebii akka argatan gargaaruuf, Kitaaba fuula 224 qabuu fi Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?b jedhamutti fayyadamna. Kitaabni kun namoonni barumsa buʼuuraa Macaafa Qulqulluu akka hubatan gargaaruuf qophaaʼe. Kutaalee waaʼee Waaqayyoo, Yesus Kiristos, rakkina ilmaan namootaa, duʼaa kaʼuu, kadhannaa fi mata dureewwan kan biraa hedduu ibsan qabateera.

      Qayyabannaan kun yoomii fi eessatti geggeeffamuu dandaʼa?

      Qayyabannaan kun saʼaatii fi iddoo sii mijatutti geggeeffamuu dandaʼa.

      Qayyabannaan yeroo tokkoo saʼaatii hammamii fudhata?

      Namoonni baayʼeen Macaafa Qulqulluu qayyabachuudhaaf torbanitti saʼaatii tokko ykn isaa ol ramadu. Haa taʼu malee, dheerinni saʼaatii isaa akka haala isaatti kan jijijjiiramu dha. Sagantaa keetiif haala taʼuun sii mijeessina. Namoonni tokko tokko torbanitti daqiiqaa 10 ykn 15f qofa qayyabatu.

      Qayyabannichi kaffaltii qabaa?

      Barumsichis taʼe barreeffamoonni ittiin qayyabsiisnu kaffaltii malee kennamu. Kunis qajeelfama Yesus, “Gatii utuu itti hin baasin fudhattan, isinis gatii utuu itti hin baasisin kennaa!” jechuudhaan bartoota isaatiif kennee wajjin wal sima.—Maatewos 10:8.

      Guutummaan qayyabannaa kanaa yeroo hammamiitiif tura?

      Yeroon qayyabannaan kun fudhatu haala kee irratti kan hundaaʼe dha. Kitaabni Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu boqonnaa 19 qaba. Boqonnaa filatte qofa ykn guutummaa isaa saffisa barbaaddeen qayyabachuu dandeessa.

      Yeroon xumuru Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuun qabaa?

      Lakki. Namni hundi wanta itti amanu filachuuf mirga akka qabu sirriitti beekna. Haa taʼu malee, namoonni beekumsa buʼuuraa Macaafa Qulqulluu irraa argatan irratti hundaaʼanii, murtoo barbaadan gochuu dandaʼu.

      Odeeffannoo dabalataa eessaan argachuu dandaʼa?

      Weebsaayitiin jw.org jedhamu, wanta Dhugaa Baatonni Yihowaa itti amananii fi hojiiwwan isaan hojjetan ilaalchisee odeeffannoo sirrii kenna.

      Macaafa Qulqulluu akka na qayyabsiisan gaafachuu kanan dandaʼu akkamitti?

      Namoota intarneetii, xalayaa, akkasumas kitaaba lakkoofsi bilbila uummataa irratti tarreeffametti fayyadamuudhaan Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf gaafachaa jiran
      • ● Unka www.jw.org/om irra jiru guutii ergi.

      • Teessoo fuula lammaffaa barruu kanaa irra jiru keessaa isa sitti dhihaatutti barreessi.

      • Dhugaa Baatota Yihowaa naannoo kee jiran haasofsiisi.

      a Macaafa Qulqulluu nama tokko dhuunfaatti ykn namoota muraasa wal faana ni qayyabsiisna.

      b Dhugaa Baatota Yihowaatiin kan qophaaʼe. Afaan 260 oliin koppiin miliyoona 230 ol maxxanfameera.

      MAATIIWWAN NI GARGAARA

      Macaafa Qulqulluu banamee jiru

      “Haati manaa koo Macaafa Qulqulluu qayyabachuu yeroo jalqabdetti jijjiirama guddaan ishee irratti arge. Jireenyi maatii keenyaa ni fooyyaʼe. Wanta isheen barachaa jirtu beekuu waan ani barbaadeef, anis qayyabachuun jalqabe. Wanti ani baradhe nama gaarii akkan taʼu na gargaareera. Macaafa Qulqulluu qayyabachuun keenya Maatiin keenya akka walitti dhihaatu taasiseera.”—Iiziikiʼeel.

      Iiziikiʼeel

      “Macaafa Qulqulluu qayyabachuu ergan jalqabee booda, araada qoricha nama hadoochu fudhachuu nan moʼe, alkoolii garmalee dhuguus nan dhiise; aarii koo toʼachuus nan bare. Manni koo qulqulluu fi seeraan kan qabame dha. Maatii kootiif isa duraa caalaa iddoo guddaa kanan kennu siʼa taʼu, wanta isaan gammachiisu gochuun natti tola. Amma gammachuu guddaan qaba.”—Kaaren.

      Kaaren

      “Namoonni tokko tokko Macaafa Qulqulluu qayyabachuu kootti na mormanii turan. Abbaan manaa koo garuu murtoo koo kan deggere siʼa taʼu, ‘Wanti namoonni jedhan na hin yaaddessu. Wanti ani barbaadu yeroo ati jijjiirama gaarii gootu arguu dha. Wanta gochaa jirtu ittuma fufi’ naan jedhe. Jireenyi maatii keenyaa akka ammaa gaarii taʼee hin beeku!”—Viiniyaanaa.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi