LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w15 7/15 ful. 32
  • Kana Beektaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kana Beektaa?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Bosona
    Dammaqaa!—2023
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
w15 7/15 ful. 32
Bosona Biiriyaa, Galiilaa keessatti argamu

Bosona Biiriyaa, Galiilaa keessatti argamu (gadi)

KANA BEEKTAA?

Israaʼel durii akkuma Macaafni Qulqulluun argisiisutti bosonaan kan guutamte turtee?

Macaafni Qulqulluun, Biyyattii Abdachiifamte keessaa naannoowwan tokko tokko bosonaan kan guutaman akka turanii fi mukeetiin achitti argamanis ‘baayʼee’ akka turan dubbata. (1 Mot. 10:27; Iya. 17:15, 18) Haa taʼu malee, shakkitoonni naannoo bosonni irraa cirame yeroo ilaalan, dhuguma bosonaan kan guutame akka ture ni shakku.

Firii harbuu walitti gobbatee jiru

Firii harbuu walitti gobbatee jiru

Kitaabni Laayif Iin Biblikaal Izraaʼel jedhamu, “bosonni Israaʼel durii keessa ture isa amma jiru irra akka baayʼatu” ibseera. Naannoowwan ol kaʼoon kun uumamaan garri caalaan isaanii muka gaattiraa Aleeppoo (Pinus halepensis) jedhamu, qilxuu magariisa (Quercus calliprinos) fi muka tarbiinz (Pistacia palaestina) jedhamuun kan guutaman turan. Naannoo Sheefeelaa isa iddoo gaarota giddu galeessaatii hanga qarqara laga Mediteraaniyaatti argamu dabalatuttis mukeetiin harbuu baayʼinaan argamu.

Kutaabni Pilaantis oov za Baayibil jedhamu, naannoowwan Israaʼel tokko tokko yeroo harʼaatti guutummaa guutuutti mukeetiin akka irraa dhuman gabaaseera. Kun akka taʼu gumaacha kan godhe maali dha? Kitaabichi kun kan taʼe suuta suuta akka taʼe yeroo ibsu akkana jedheera: “Ilmaan namootaa keessumaa lafa qonnaa fi iddoo horiin dheedan babalʼifachuuf, akkasumas meeshaalee ijaarsaa fi qoraan argachuuf utuu wal irraa hin kutin bosona ciraa jiru.”

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi