-
Kitaabni Qulqulluun Tortoruu Irraa OoleeraMasaraa Eegumsaa (Sabaa)—2016 | Lakk. 3
-
-
MATADUREE FUULA JALQABAA | KITAABA QULQULLUU—MATA DUREE FUULA JALQABAA
Kitaabni Qulqulluun Tortoruu Irraa Ooleera
RAKKINA: Barreessitoonni fi garagalchitoonni Kitaaba Qulqulluu yeroo baayʼee paappiirasii fi gogaa irratti barreessu turan.a (2 Ximotewos 4:13) Wantoonni kun Kitaaba Qulqulluu balaadhaaf kan saaxilan akkamitti?
Paappiirasiin salphaatti kan ciccitu, halluu isaan kan gadhiisuu fi kan bososu dha. Qorattoonni Riichaardi Paarkinsanii fi Isteefan Kiwarkee jedhaman akkana jedhaniiru: “Waraqaan isaa yeroo booda ciccitee daaraa taʼa. Mana kuusaa keessa yeroo taaʼu, maraan isaa samuu, jiidhaan tortoruu fi bineensota akka hantuutaatiin nyaatamuu dandaʼa; keessumaa yeroo awwaalamu immoo rirmaan nyaatama.” Paappiirasoonni tokko tokko erga argamanii booda ifa cimaa ykn jiidhaaf waan saaxilamaniif caalaatti dafanii tortoraniiru.
Gogaan paappiirasii caalaa yeroo dheeraa kan turu taʼus, sirriitti yoo qabamuu baate ykn hoʼa cimaa, jiidhaa fi ifaaf yoo saaxilame baduu dandaʼa.b Gogaanis ilbiisotaan ni miidhama. Kitaabni Everyday Writing in the Graeco-Roman East jedhamu, kana irraa kan kaʼe barreeffamoonni bara durii “carraan baduu isaanii balʼaa akka taʼe” dubbateera. Kitaabni Qulqulluun utuu tortoreera taʼee, ergaan isaas wajjiniin bada ture.
KITAABNI QULQULLUUN KAN OOLE AKKAMITTI? Seerri Yihudootaa mootonni hundi ‘macaafa seeraa (kitaabota Kitaaba Qulqulluu jalqabaa shanan) irraa waraqata maramu irratti akka caafsifatan’ ajaja ture. (Keessa Deebii 17:18) Kana malees, garagalchitoonni ogeessota taʼan barreeffamoota baayʼee harkaan waan garagalchaniif, DH.K.B. jaarraa jalqabaatti Kitaabonni Qulqulluu manneen sagadaa guutummaa Israaʼel keessa jiran keessatti, akkasumas Maqedooniyaa ishii fagootti argamtu keessatti illee ni argamu turan! (Luqaas 4:16, 17; Hojii Ergamootaa 17:11) Barreeffamoonni harkaan garagalchamanii fi umurii dheeraa qaban tokko tokko hamma harʼaatti turuu kan dandaʼan akkamitti?
Maraawwan Kitaabaa Galaana Duʼaa, naannoo haala qilleensaa gogaatti okkotee holqa keessa kaʼame keessa jaarraa hedduudhaaf turaniiru
Qorataan Kakuu Haaraa Filiip Komforti jedhaman, “Yihudoonni maraan kitaabaa Kitaaba Qulqulluu akka hin badneef gaanii ykn okkotee keessa kaaʼuun isaanii baramaa ture” jedhaniiru. Kiristiyaanonnis barsiifata kana kan itti fufan fakkaata. Kanaan kan kaʼe, kutaawwan Kitaaba Qulqulluu harkaan garagalchaman okkotee, kutaa dukkanaaʼaa fi holqa keessatti, akkasumas iddoowwan baayʼee gogaa taʼanitti argamaniiru.
BUʼAA ARGAME: Kutaawwan Kitaaba Qulqulluu harkaan garagalchamanii fi kumaan lakkaaʼaman hamma harʼaatti turuu kan dandaʼan siʼa taʼu, isaan keessaa tokko tokko waggaa 2,000 oliif turaniiru. Kitaabni bara durii akka Kitaaba Qulqulluu barreeffamoota harkaan garagalchamanii fi yeroo dheeraa hammanaatiif turan qabu hin jiru.
a Paappiirasiin meeshaa irratti barreessuuf tajaajilu siʼa taʼu, biqiltuu bishaan keessatti biqiluu fi paappiiras jedhamu irraa hojjetama.
b Fakkeenyaaf, Labsiin Bilisummaa Yunaayitid Isteetis inni irratti mallatteeffame gogaa irratti kan barreeffame ture. Erga barreeffamee gara waggaa 250 taʼus, amma barreeffamni isaa gadhiisee hin mulʼatu jechuun ni dandaʼama.
-
-
Kitaabni Qulqulluun Mormii Irraa OoleeraMasaraa Eegumsaa (Sabaa)—2016 | Lakk. 3
-
-
MATADUREE FUULA JALQABAA | KITAABA QULQULLUU—MATA DUREE FUULA JALQABAA
Kitaabni Qulqulluun Mormii Irraa Ooleera
RAKKINA: Geggeessitoonni siyaasaa fi amantii hedduun karoora ergaa Kitaaba Qulqulluu wajjin wal faallessu qabu turan. Yeroo baayʼee aangoo isaaniitti fayyadamanii namoonni Kitaaba Qulqulluu akka hin qabaanne, akka hin maxxansinee fi akka hin hiikne gochuuf yaalaniiru. Fakkeenya lama ilaali:
Naannoo Dh.K.D. bara 167tti: Mootii Selusiidotaa kan ture Antiyookas Eppifaanas, amantiin Giriikotaa Yihudoota irratti dhiibbaa akka geessisu waan barbaadeef, koppiin Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa hundi akka balleeffamu ajajee ture. Hayyuun seenaa Haayinriik Gireetis jedhaman, abbootiin taayitaa Antiyookas, “maraa kitaabaa Seerichaa bakka argan hundatti tarsaasaa fi gubaa, akkasumas warra kitaabicha dubbisuudhaan ciminaa fi jajjabina argachuuf yaalan ajjeesaa akka turan” barreessaniiru.
Bara Gidduu Galeessaa: Geggeessitoonni amantii Kaatolikii tokko tokko, hordoftoonni amantii duudhaa Kaatolikii utuu hin taʼin wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu lallabuu isaaniitti waan aaraniif, warri Kitaaba Faarfannaa Afaan Laatiniitiin qophaaʼen alatti Kitaaba Qulqulluu qabaatanii argaman gantuu akka taʼanitti ilaalamu turan. Manni maree waldaa tokkoo namoonni “mana warra Kitaaba Qulqulluu akka qaban shakkamanii . . . dhimannii, amanamummaa fi itti fufiinsaan sakattaʼuudhaan namoota gantuu taʼan akka qaban” ajajuudhaan murtoo sana raawwachiiseera. “Manni namni gantuu taʼe keessatti argame barbadeeffamuu qaba ture.”
Diinonni Kitaaba Qulqulluu balleessuun isaaniif milkaaʼeera utuu taʼe, ergaan isaas ni bada ture.
Kitaabni Qulqulluun Ingiliffaa Wiiliyaam Tiindal hiike dhorkameera, gubameera, Tiindalis bara 1536 tti ajjeefameera; taʼus kitaabichi hamma yoonaatti jira
KITAABNI QULQULLUUN KAN OOLE AKKAMITTI? Duulli Antiyookas Mootichaa Israaʼel qofa irratti kan xiyyeeffate taʼus, hawaasni Yihudootaa biyyoota hedduu keessa jira ture. Hayyoonni akka tilmaamanitti Dh.K.B. jaarraa jalqabaatti Yihudoonni dhibbeentaa 60 ol taʼan Israaʼeliin ala jiraatu turan. Yihudoonni mana sagadaa isaanii keessa koppii Kitaabota Qulqulluu ni kaaʼu turan; kitaabonni kun isa Kiristiyaanota dabalatee dhaloonni isaan booda ture itti fayyadamaa turee wajjin tokko dha.—Hojii Ergamootaa 15:21.
Bara Gidduu Galeessaatti, namoonni Kitaaba Qulqulluu jaallatan utuma ariʼatamni isaan irra gaʼuu Kitaaba Qulqulluu hiikuu fi garagalchuu itti fufanii turan. Walakkeessa jaarraa 15ffaatti meeshaan maxxansaa asiif achi sochoʼuu dandaʼu utuu hin kalaqamin dura illee, Kitaabni Qulqulluun afaan 33n hin qophaaʼin hin oolu! Sana booda immoo Kitaabni Qulqulluun saffisa sanaan dura taʼee hin beekneen hiikameera, akkasumas maxxanfameera.
BUʼAA ARGAME: Mootonni humna guddaa qabanii fi geggeessitoonni amantii yaada dogoggoraa irratti hundaaʼan Kitaaba Qulqulluu balleessuuf yaalanis, kitaaba seenaa keessatti balʼinaan raabsamee fi baayʼinaan hiikame taʼeera. Seeraa fi afaan biyyoota tokko tokkoo irratti, akkasumas jireenya namoota miliyoonaan lakkaaʼamanii irratti dhiibbaa geessiseera.
-
-
Kitaabni Qulqulluun Yaalii Ergaa Isaa Geddaruuf Godhame Irraa OoleeraMasaraa Eegumsaa (Sabaa)—2016 | Lakk. 3
-
-
Maasoreetonni Kitaaba Qulqulluu of eggannoodhaan garagalchaniiru
MATADUREE FUULA JALQABAA | KITAABA QULQULLUU—MATA DUREE FUULA JALQABAA
Kitaabni Qulqulluun Yaalii Ergaa Isaa Geddaruuf Godhame Irraa Ooleera
RAKKINA: Rakkoowwan kanneen akka tortoruu fi mormii, Kitaaba Qulqulluu hin balleessine. Garagalchitoonnii fi hiiktonni tokko tokkos ergaa Kitaaba Qulqulluu geddaruuf yaalaniiru. Barsiisni isaanii barumsa Kitaaba qulqulluu wajjin akka wal simu gochuu mannaa, Kitaaba Qulqulluu barsiisa isaanii wajjin wal simsiisuuf yaalaniiru. Fakkeenya muraasa ilaali:
Iddoo waaqeffannaa: Dh.K.D. jaarraa arfaffaatii hanga jaarraa lammaffaatti barreessitoonni Peentatuukii (kitaabota jalqabaa shanan) warra Samaariyaa barreessan xumura Baʼuu 20:17 irratti, yaada “Aargaariizim irratti. Achitti iddoo aarsaa ijaari” jedhu dabalaniiru. Haala kanaan, namoonni Samaariyaa mana qulqullummaa “Aargaariizim” ykn Tulluu Geerizim irratti ijaaruu isaanii Kitaabni Qulqulluun akka deggeru gochuuf yaalaniiru.
Barumsa Sillaasee: Kitaabni Qulqulluun barreeffamee erga xumuramee waggaa 300 utuu hin guutin, barreessaan Sillaaseetti amanu tokko 1 Yohaannis 5:7 irratti yaada, “samii keessa Abbaa, sagalee fi Hafuurri Qulqulluun jiru; warri kun sadan tokko dha” jedhu dabaleera. Himni kun barreeffama jalqabaa keessa hin jiru. Hayyuun Kitaaba Qulqulluu Biruus Maatisgar jedhaman, yaanni kun “Jaarraa jaʼaffaadhaa jalqabee barreeffama Laatiin Durii fi [Laatiin] Vulgeet keessatti iddoo baayʼeetti argama” jedhaniiru.
Maqaa Waaqayyoo: Hiiktonni Kitaaba Qulqulluu hedduun duudhaa Yihudootaa irratti hundaaʼuudhaan, maqaa Waaqayyoo Kitaabota Qulqulluu keessaa baasuuf murteessaniiru. Maqaa kana maqaawwan ulfinaa “Waaqayyo” ykn “Gooftaa” jedhaniin bakka buusaniiru; maqaawwan ulfinaa kun Kitaaba Qulqulluu keessatti Uumaa tokkicha qofa utuu hin taʼin, namoota, waaqolii tolfamoo, darbees Diyaabilosiin argisiisuuf itti hojjetameera.—Yohaannis 10:34, 35; 1 Qorontos 8:5, 6; 2 Qorontos 4:4.a
KITAABNI QULQULLUUN KAN OOLE AKKAMITTI? Tokkoffaa, namoonni Kitaaba Qulqulluu garagalchan tokko tokko dantaa kan hin qabnee fi kan hin amanamne taʼanis, garagalchitoonni dandeettii guddaa qabanii fi of eeggatan hedduun jiru turan. Dh.K.B. jaarraa jaʼaffaa fi jaarraa kudhanaffaa gidduutti Maasoreetonni Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaa kan garagalchan siʼa taʼu, barreeffamichi barreeffama Maasoreetotaa jedhamee waamama. Dogoggorri jiraachuu isaa mirkaneeffachuuf jechootaa fi qubeewwan lakkaaʼaa akka turan dubbatama. Barreeffamni irraa garagalchan dogoggora akka qabu yoo isaanitti dhagaʼame, barreeffama isaanii irratti ibsa dabalataa ni kennu turan. Maasoreetonni yaada Kitaaba Qulqulluu geddaruu didaniiru. Piroofeesarri Mosha Goshan Gotistaayan jedhaman, “Taʼe jedhanii yaada isaa geddaruun isaaniif yakka hunda irra caalu ture” jedhanii barreessaniiru.
Lammaffaa, barreeffamoonni harkaan garagalchamanii fi yeroo harʼaatti jiran hedduun hayyoonni Kitaaba Qulqulluu, dogoggora isaa akka argatan gargaaraa jiru. Fakkeenyaaf, geggeessitoonni amantii jaarraawwan hedduudhaaf Kitaabni Qulqulluun Afaan Laatiniitiin qophaaʼe sirrii akka taʼe barsiisaa turan. Taʼus, 1 Yohaannis 5:7 irratti yaada dogoggoraa olitti caqasne dhugaa fakkeessanii galchaniiru. Dogoggorri kun Kitaaba Qulqulluu Ingiliffaa King James Version isa namoota hedduu biratti fudhatama qabu keessatti illee ni argama! Taʼus, barreeffamoonni harkaan garagalchaman kaan yeroo argaman maal mirkaneessan? Biruus Maatisgar, “Himichi [inni 1 Yohaannis 5:7 irra jiru] barreeffama isa kan Laatinii irraa kan hafe, barreeffamoota durii hunda (Syriac, Coptic, Armenian, Ethiopic, Arabic, Slavonic) irra hin jiru” jedhanii barreessaniiru. Kanaan kan kaʼes, maxxansi King James Version inni fooyyaʼee qophaaʼee fi Kitaabonni Qulqulluun kaan yaada dogoggoraa kana baasaniiru.
Cheestar Biitii P46, kutaa Kitaaba Qulqulluu Dh.K.B. naannoo bara 200tti paappiirasii irratti harkaan barreeffame
Barreeffamoonni harkaan garagalchaman durii ergaan Kitaaba Qulqulluu eegamee turuu isaa ni mirkaneessuu? Bara 1947tti Maraawwan Kitaabaa Galaana Duʼaa keessaa yommuu argaman, hayyoonni barreeffamoota Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaa Maasoreetonni qopheessan, maraawwan Kitaaba Qulqulluu waggoota kumaan lakkaaʼaman dura barreeffamanii wajjin wal bira qabanii ilaaluu dandaʼaniiru. Miseensi garee waaʼee Maraa Kitaabaa Galaana Duʼaa gabaasu tokkoo, maraan kitaabaa tokko illee “ergaan Kitaaba Qulqulluu waggaa kuma tokkoo oliif Yihudoota harkaan garagalchaniin daddarbaa ture, kan amanamuu fi of eeggannoodhaan kan hojjetame taʼuu isaa akka mirkaneessu” dubbateera.
Mana Kitaabaa Dubliin, Ayarlaanditti argamuu fi Cheestar Biitii jedhamu keessa, barreeffamoota harkaan garagalchamanii fi Dh.K.B. jaarraa lammaffaatti, jechuunis Kitaabni Qulqulluun guutummaan isaa xumuramee gara waggaa 100 booda qophaaʼan dabalatee, barreeffamoonni Kitaabota Qulqulluu Afaan Giriikii Paappiirasii irratti qophaaʼan jiru. Kitaabni The Anchor Bible Dictionary jedhamu akkana jedheera: “Paappiirasoonni kun odeeffannoo haaraa qabiyyee isaa sirriitti hubachuuf gargaaran qabu; kunis qabiyyee wal fakkaataa akka qabaatu gochuudhaan barreeffama kitaaba qulqulluu daddabarsuu irratti gumaacha guddaa qaba.”
“Barreeffamni bara durii qulqullinaan daddarbaa dhufe kan biraan hin jiru jedhanii mirkanaaʼaa taʼanii dubbachuun ni dandaʼama”
BUʼAA ARGAME: Barreeffamoonni harkaan garagalchamanii fi umurii dheeraa qaban hedduun, qabiyyee Kitaaba Qulqulluu geddaruu mannaa akka fooyyaʼu godhaniiru. Sar Fireediriik Keniyoon Kitaabota Qulqulluu Afaan Giriikii (Kakuu Haaraa) ilaalchisee akkana jedhanii barreessaniiru: “Kitaabni qabiyyee isaatiif ragaa durii fi hedduu qabu akkasii hin jiru; hayyuun ilaalcha sirrii qabu kam iyyuu barreeffamni amma nu harka jiru harki caalaan isaa sirrii taʼuu isaa haaluu hin dandaʼu.” Hayyuun Wiiliyaam Heenrii Giriin jedhaman immoo Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa (Kakuu Moofaa) ilaalchisee, “Barreeffamni bara durii qulqullinaan daddarbaa dhufe kan biraan hin jiru jedhanii mirkanaaʼaa taʼanii dubbachuun ni dandaʼama” jedhaniiru.
a Odeeffannoo dabalataatiif kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu Kutaa Dabalataa fuula 195-197 irra jiru ilaali; Weebsaayitii keenya www.jw.org/om irrattis ni argama.
-