LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • be qayyabannaa 29 ful. 181-ful. 185 key. 3
  • Sagalee Namatti Tolu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Sagalee Namatti Tolu
  • Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Jechoota Sirriitti Dubbachuu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
be qayyabannaa 29 ful. 181-ful. 185 key. 3

Qayyabannaa 29

Sagalee Namatti Tolu

Maal gochuu qabda?

Nama kaan fakkeessuudhaan utuu hin taʼin, akkaataa itti hafuura baafattu toʼachuufi ribuuwwankee akka of gadhiisan gochuudhaan sagaleenkee kan namatti tolu akka taʼu godhi.

Barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

Sagaleenkee kan namatti tolu yoo taʼe, namoonni gabiifi gammachuudhaan akka si dhaggeeffatan godha. Sagaleenkee kan namatti hin tolle yoo taʼe garuu, haasicha miʼaa dhabsiisuu, nama haasaa dhiheessus taʼe dhaggeeffattoota abdii kutachiisuu dandaʼa.

WANTA dubbatame tokko qofa utuu hin taʼin, akkaataa wanti sun itti dubbatames namoota gammachiisuu ykn mufachiisuu dandaʼa. Namni tokko yommuu si haasofsiisu, gammachuudhaan kan isa dhaggeeffattu sagaleensaa akka inni namaa hin yaanne ykn akka inni dheekkame kan argisiisu yoo taʼemoo, jaalala, gara laafinaafi gaarummaa kan argisiisu yoo taʼedha?

Sagaleen keenya kan namatti tolu taʼuunsaa, akkaataa sagaleen keenya itti baʼuu wajjin qofa kan wal qabate miti. Amalli nama tokkoos gama kanaan gaʼee guddaa qabaachuu dandaʼa. Macaafa Qulqulluu ilaalchisee beekumsi namni tokko qabu guddachaa yommuu adeemuufi beekumsa argate hojiirra oolchuu yeroo jalqabu, akkaataa dubbiisaarratti jijjiiramni inni godhu ifatti mulʼata. Sagaleensaa, amalawwan Waaqayyoon gammachiisan, jechuunis jaalala, gammachuufi gaarummaa kan argisiisu taʼa. (Gal. 5:22, 23) Namootaaf akka yaadu sagaleesaarraa hubachuun ni dandaʼama. Guungummiirraa fagaachuudhaan galateeffachuu barachuu yommuu jalqabu, jijjiiramni kun dubbiisaarraa ni mulʼata. (Faru. 3:39-42; 1 Xim. 1:12; Yih. 16) Afaan namni tokko dubbatu beekuu baattus, akkaataan dubbiisaa kan of bokoksu, aarii, balaaleffannaafi dheekkamsa ykn amala gad of deebisuu, gaarummaafi jaalala kan argisiisu taʼuusaa sagaleesaarraa hubachuu dandeessa.

Darbee darbee sagaleen nama tokkoo akka namatti hin tolle kan godhu, miidhaa laagaasaarra gaʼeen ykn dhibee fayyaa ittiin dhalateen taʼuu dandaʼa. Rakkinni akkasii ulfaataa waan taʼeef, yeroo ammaatti guutummaatti furmaata kan hin arganne taʼuu dandaʼa. Haataʼu malee, yeroo baayʼee qaamota dubbiitti karaa sirrii taʼeen fayyadamuu barachuudhaan sagaleen keenya kan namatti tolu akka taʼu gochuu dandeenya.

Sagaleen namootaa garaagarummaa kan qabu taʼuusaa hubachuun barbaachisaadha. Kaayyoonkee, sagalee namoota kaanii fakkeessitee dubbachuu taʼuu hin qabu. Kanaa mannaa, sagalee uumamaan argattetti karaa sirrii taʼeen fayyadamuu baradhu. Kana gochuuf maaltu si gargaaruu dandaʼa? Wantoota barbaachisaa taʼan lama hubachuunkee si gargaaruu dandaʼa.

Akkaataa Itti Hafuura Baafattu Toʼadhu. Karaa sirrii taʼeen sagalee keetti fayyadamuuf, qilleensa gaʼaa fudhachuufi akkaataa itti hafuura baafattu toʼachuun si barbaachisa. Akkas gochuu baannaan garuu sagaleenkee dadhabuu, haasaankees ciccituu dandaʼa.

Kutaan sombakee inni balʼaan, qomakee isa gara oliitti argama jechuu miti; qomnikee balʼaa kan fakkaatu lafeen gatiittiikee balʼaa waan taʼeefidha. Sombi keenya kan balʼatu, qoma keenyarraa gara gadiitti naannoo diyaafiraamiittidha. Diyaafiraamiin, lafee cinaachaa gara gadiitti argamanii wajjin kan wal qabate yommuu taʼu, qomaafi miʼa garaas gargar hira.

Kutaa sombakee isa gararraa qofa qilleensaan yoo guutte, baayʼee utuu hin turin hafuura baafachuu dadhabda. Yeroo kanatti sagaleenkee humna kan dhabu taʼuusaarrayyuu, atis daftee dadhabda. Sirriitti hafuura baafachuuf, gatiittiikee gara duubaatti gootee sirriitti taaʼuu ykn dhaabachuu qabda. Dubbachuukee dura hafuura yommuu fudhattu, kutaa sombakee isa gararraa qofa qilleensaan guutuu mannaa, jalqaba kutaa sombakee isa gara gadii qilleensaan guuti. Kutaan sombakee kun yeroo qilleensaan guutamu lafeen cinaachakee dalga balʼata. Yeroo kanatti diyaafiraamiin miʼa garaakee suuta jedhee waan gad dhiibuuf, saqqiinkee ykn uffannaankee yommuu si muddu sitti dhagaʼama. Haataʼu malee, yeroo kanattis sombikee miʼa garaa keerratti utuu hin taʼin, lafee cinaachaa keessatti argama. Kana mirkaneessuuf, lafee cinaachakee isa gara gadii lamaan qabadhu. Achiis akka gaariitti qilleensa fudhadhu. Sirriitti hafuura yoo baafatte, garaankee hin dhooqu, gatiittiinkees ol hin kaʼu. Kanaa mannaa, lafeewwan cinaachakee gara alaatti dhiibamu.

Ittaansuudhaan akkaataa itti hafuura baafattu shaakali. Qilleensa fudhatte toʼachaa baasi malee saffisaan hin baasin. Kokkeekee dhiphisuudhaan qilleensi akka hin baane hin godhin. Akkas gochuun sagaleen namatti hin tolle ykn sagaleen qalloon akka uumamu godha. Ribuuwwan garaafi lafeewwan cinaachaa qilleensi akka baʼu kan godhan siʼa taʼu, diyaafiraamiinimmoo saffisa qilleensi itti baʼu toʼata.

Diyaagraamii fuula 183⁠rra jiru

Akkuma namni fiigu tokko akkaataa itti hafuura baafatu toʼachuu shaakalu, namni haasaa dhiheessus akkaataa itti hafuura baafatu shaakaluudhaan akkamitti hafuurasaa akka toʼatu barachuu dandaʼa. Ol jettee dhaabachuufi gatiittiikee gara duubaatti qabuudhaan kutaa sombakee isa gara gadii qilleensaan erga guuttee booda, suuta jettee hafuura baafachaa hanga dandeesse lakkoofsa lakkaaʼi. Achiis hafuura baafachaa sagaleekee ol kaasii dubbisuu shaakali.

Ribuuwwan Dhiphatan Akka Of Gadhiisan Godhi. Sagalee namatti tolu qabaachuuf wanti barbaachisu inni kaan of gadhiisuudha. Of gadhiistee dubbachuunkee, akkaataa sagaleen itti baʼurratti jijjiirama akkamii akka fidu yommuu hubattu ni dinqisiifatta. Sodaan, ribuuwwan akka dhiphatan waan godhuuf, guutummaan qaamakee of gadhiisuu qaba.

Waaʼee dhaggeeffattootaa ilaalcha sirrii qabaachuunkee dhiphina sitti dhagaʼamu hirʼisuuf si gargaara. Namoota tajaajilarratti argatte haasofsiisaa jirta taanaan, Macaafa Qulqulluu kan qayyabatte jiʼoota muraasaaf qofa taʼul lee, kaayyoo Yihowaa ilaalchisee ergaa gaarii itti himtu akka qabdu yaadadhu. Hubatanis hubachuu baatanis, isaan haasofsiisuu kan deemte gargaarsi waan isaan barbaachisuuf akka taʼe yaadadhu. Galma Mootummaa keessatti haasaa kan dhiheessitu yoo taʼemmoo, dhaggeeffattoota hedduu tajaajiltoota Yihowaa taʼanitti dubbachaa akka jirtu hubadhu. Isaan michootakee waan taʼaniif milkaaʼina argattutti ni gammadu. Dhaggeeffattoota michootakee taʼaniifi si jaallatan akkasii eessaayyuu argachuu hin dandeessu.

Ribuuwwan laagaakee keessatti argaman akka of gadhiisan gochuurratti xiyyeeffadhu. Laagaakee keessa yommuu qilleensi darbu sagaleenkee ni hollata. Akkuma ribuun kiraaraa ykn maseenqoo yommuu dhisamu ykn yommuu laafu sagaleensaa jijjiiramu, ribuuwwan laagaa keessatti argamanis yommuu dhisaman ykn yommuu laafan sagaleen keenya ni jijjiirama. Ribuun laagaa yommuu of gadhiisu sagaleen ni furdata. Ribuuwwan kokkee akka of gadhiisan gochuun, qilleensi rakkina malee karaa funyaanii akka baʼu waan godhuuf, sagalee gaarii baasuuf si gargaara.

Guutummaan qaamakee, jechuunis, jilbi, harki, gatiittiifi mormikee akka of gadhiisu godhi. Kunis, qaamnikee sagaleen namatti tolu akka dhagaʼamu godha. Qaamni keenya sagaleen akka gaariitti akka dhagaʼamu kan godhu, yommuu of gadhiisu malee yeroo dhiphatu miti. Sagaleen laagaa keessatti uumamu qaawwa funyaanii keessaa qofa utuu hin taʼin, lafee qomaa, ilkaan, qaawwa laagaafi funyaan walitti fidu keessaas ni dhagaʼama. Qaamonni kun hundi sagaleen keenya kan namatti tolu akka taʼu gochuurratti gaʼee qabu. Qaawwa sagaleen kiraaraa akka gaariitti akka dhagaʼamu godhurra utuu waa keessee sagaleensaa ni ukkaamama. Kanaaf, sagaleen namatti tolu akka uumamu gochuuf, wanti sagaleen akka hin hollanne dhowwu jiraachuu hin qabu. Ribuuwwan qaama keenyaa dhiphachuusaaniitiin lafeewwan keenya yoo hollachuu baatan, sagaleen keenya ni ukkaamama. Sagaleenkee akka gaariitti kan dhagaʼamu yoo taʼe, sagaleekee jijijjiiruus taʼe miirawwan addaddaa argisiisuu dandeessa. Dhaggeeffattoonnikee hedduu yoo taʼanillee, utuu hin rakkatin sagalee gaʼaa dhageessisuu dandeessa.

QAAMAWWAN, SAGALEE ERGAA DABARSU UUMAN

Sagaleen akka uumamuuf wanti sababii taʼu qilleensa somba keessaa baʼudha. Sombi, ujummoo qilleensaatti fayyadamee qilleensi laagaa ykn kokkee bira akka gaʼu gochuudhaan akka buufaa taʼee tajaajila. Kokkee keessatti kallattii lamaan ribuuwwan qaqalloon saanduqa sagalee jedhaman jiru. Ribuuwwan kun lamaan sagaleen akka uumamu gochuurratti gaʼee guddaa qabu. Ribuuwwan kun ujummoo qilleensi keessa darbu banuufi cufuudhaan qilleensi akka seenuufi akka baʼu godhu; akkasumas wantoonni hin barbaachisne gara sombaatti akka hin seenne ittisu. Yommuu hafuura baafannu, qilleensi laagaa keessa yommuu darbu sagaleen hin dhagaʼamu. Haataʼu malee, yommuu namni tokko dubbachuu barbaadu ribuuwwan laagaa waan jabaataniif, qilleensi somba keessaa baʼu isaan dhiibee yommuu darbu ni hollatu. Kunimmoo sagaleen akka uumamu godha.

Ribuun laagaa garmalee yeroo jabaachaa adeemu, saffisni itti hollatu waan dabaluuf, sagaleen ni qalʼata. Ribuun laagaa akka gaariitti yeroo of gadhiisu garuu sagaleen ni furdata. Sagaleen laagaa keessaa baʼe, fiixee kokkee isa sagaleen keessatti uumamu keessa seena. Achiis karaa afaaniifi qaawwa funyaanii baʼa. Achitti laagaan, arrabni, ilkaan, hidhiiniifi mangaagaan qindoomanii hojjechuudhaan sagalee sana gara dubbiitti jijjiiranii, sagalee ergaa dabarsu godhanii baasu.

Sagaleen namaa, kennaa guddaa meeshaa sagalee namni hojjete kamirrayyuu kan caaludha. Jaalaala cimaadhaa kaasee hanga jibba guddaatti miira garaagaraa ibsuu dandaʼa. Sagalee keenya akka gaariitti yoo shaakalsiisneefi yoo leenjisne, sagalee namatti tolu garaagaraa, akkasumas sagalee sirbaaf taʼuufi haasaa garaa namaa tuqu dhiheessuuf gargaarus baasuu dandaʼa.

RAKKOOWWAN SAGALEE TOKKO TOKKO FOOYYESSUU

Sagalee dadhabaa. Sagalee laafaan hundi dadhabaadha jechuu miti. Sagalee namatti tolu yoo taʼe namoonni gammachuudhaan dhaggeeffachuu dandaʼu. Haataʼu malee sagaleen sun kan namatti tolu hangisaa gaʼaa yoo taʼedha.

Sagaleenkee akka gaariitti akka dhagaʼamu gochuuf, sagaleen qaamakee keessatti akka dhagaʼamu gochuu qabda. Kana jechuun, akkuma barumsa kana keessatti ibsame, qaamnikee akka of gadhiisu gochuu qabda. Qaamnikee akka of gadhiisu gochuu ykn hidhiikee xinnuma walitti qabsiistee sagalee im . . . jedhu dhageessisaa shaakaluunkee si gargaaruu dandaʼa. Sagalee akkasii yommuu dhageessistu mataafi qoma keerraa hollannaan sagalee sitti dhagaʼama.

Yeroo tokko tokko sagaleen namaa kan dadhabu ykn kan nama jibbisiisu, namni sun dhibee fayyaa yommuu qabaatu ykn irriba gaʼaa utuu hin argatin yommuu hafu taʼuu dandaʼa. Haalli kun yoo sirreeffame garuu rakkinni sagalee fooyyaʼuu dandaʼa.

Sagalee qalloo. Ribuun laagaa yommuu muddamu sagaleen namaa qalloo taʼa. Namni tokko dhiphachaa kan dubbatu yoo taʼe, dhaggeeffattoonnis ni dhiphatu. Dhiphina ribuuwwan laagaarratti uumamu hirʼisuuf, ribuuwwan kokkee akka of gadhiisan gochuudhaan sagalee qalʼate sirreessuun ni dandaʼama. Yommuu namootaa wajjin dubbattu taʼe jedhii akkasitti shaakali. Akka gaariitti hafuura fudhachuunis si gargaaruu dandaʼa.

Sagalee funyaaniin dubbatamu. Yeroo tokko tokko haalli akkasii kan uumamu funyaan keenya yommuu cufamu taʼus, yeroo hunda garuu sababiinsaa kanadha jechuu miti. Ribuuwwan afaaniifi kokkee yommuu dhiphatan, qilleensi sirriitti funyaaniin baʼuu dadhaba. Kunimmoo sagaleen funyaan keessaan akka dhagaʼamu godha. Rakkina kana hambisuuf qaamni keenya akka of gadhiisu gochuun barbaachisaadha.

Sagalee furdaa namaatti hin tolle. Sagaleen akkasii namoonni gammachuudhaan akka nu dhaggeeffatan gochuu mannaa akka nu sodaatan godha.

Gama kanaan amala keenya fooyyessuuf carraaqqii gochuun barbaachisaa taʼuu dandaʼa. (Qol. 3:8, 12) Kana gooneerra taanaanimmoo, gorsa sagalee keenya akka fooyyessinu nuu kenname hojiirra oolchuun nu gargaaruu dandaʼa. Kokkeefi mangaagaankee akka of gadhiisan godhi. Kunimmoo, sagalee namatti tolu akka dhageessistu kan si gargaaru taʼuusaarrayyuu, afaankee akka gaariitti utuu hin banin hafuu keetiin sagaleenkee akka hin ukkaamamne godha.

FAAYYESSUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

  • Amala Kiristiyaanummaa horadhu.

  • Kutaan sombakee inni gara gadii qilleensaan akka guutamu gochuudhaan, sirriitti hafuura baafachuu shaakali.

  • Yommuu dubbattu, ribuun qoonqookee, mormakee, gatiittiikeefi guutummaa qaamakee akka of gadhiisu godhi.

GILGAALA: (1) Torban tokkoof guyyaa guyyaadhaan daqiiqaa muraasaaf kutaa sombakee isa gara gadii qilleensaan guutuudhaan sirriitti hafuura baafachuu shaakali. (2) Yoo xinnaate torbanitti al tokko, yeroo dubbattu ribuuwwan qoonqookee akka of gadhiisan gochuu yaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi