Seenaa Jireenyaa
Waggaa Torbaatamaaf Fiixee Uffata Nama Yihudii Tokkoo Qabadheera
Leenaardi Ismiiz Akka Dubbatetti
Yeroon umrii waggoota kurnanii keessa turetti caqasawwan Macaafa Qulqulluu lamatu garaakoo tuqe. Waggaa 70 ol boodallee yeroon hiika Zakaariyaas 8:23 isa waaʼee ‘namoota fiixee uffata nama Yihudii tokko qaban kudhanii’ ibsu itti hubadhe amma akka gaariittan yaadadha. Nama Yihudii sanaan, “Waaqayyo sii wajjin akka jiru waan dhageenyeef, nuyis sii wajjin achi in dhaqna” jedhu turan.
NAMICHI Yihudii sun Kiristiyaanota dibamoo kan argisiisu siʼa taʼu, ‘namoonni kurnan’ sunimmoo “hoolota kan biraa” ykn warra yeroo sanatti maqaa “Yonaadaab” jedhun waamamaa turan argisiisa.a (Yoh. 10:16) Dhugaa kana hubachuunkoo, barabaraaf lafarra jiraachuunkoo obboloota kutaa dibamtootaa taʼan amanamummaadhaan deggeruu koorratti kan hundaaʼe taʼuusaa akka gaariitti na barsiiseera.
Fakkeenyi Yesus Maatewos 25:31-46rratti waaʼee ‘hoolotaafi reʼootaa’ dubbates baayʼee garaa na tuqee ture. “Hoolota” kan jedhaman, namoota guyyoota gara dhumaatti obboloota Kiristos warra dibamoo ammayyuu lafarra jiraniif gaarii gochuusaaniitiin firdii qajeelaa argatanidha. Dargaggeessa kutaa Yonaadaab waanan taʼeef, ‘Leen! Akka hoolaa Kiristositti lakkaaʼamuu yoo barbaadde, Waaqayyo isaanii wajjin waan jiruuf qajeelfamasaanii fudhachuudhaan obbolootasaa dibamoo deggeruu qabdan’ ofiin jedhe. Hubannaa akkasii qabaachuunkoo waggaa torbaatamaa oliif akka qajeelfamaatti na gargaareera.
‘ANOO GAʼEENKOO MAALIDHA?’
Haatikoo kan cuuphamte bara 1925 walgaʼii galma Betʼelitti godhamerratti ture. Galmi sun Landan Taabarnaakil kan jedhamu yommuu taʼu, obboloota naannoo sanaatu itti fayyadama ture. Kanan dhaladhe Onkoloolessa 15, 1926tti. Achiis Bitootessa bara 1940, walgaʼii guddaa magaalaa Doovar ishee qarqara biyya Ingilizitti argamtutti godhamerrattan cuuphame. Jaalalli ani dhugaa Macaafa Qulqulluutiif qabus guddachaa deeme. Harmeen Kiristiyaana dibamtuu waan turteef, ‘namni Yihudii ani fiixee uffatasaa’ qabadhe jalqabaa haadha kooti jechuu nan dandaʼa. Yeroo sanatti, abbaankoofi obboleettiinkoo isheen angafaa Dhugaa Baatota Yihowaa hin turre. Gumiin keenya kibba baha Ingilizitti argamuufi Jiliinaam jedhamu garri caalaansaa obboloota Kiristiyaanota dibamoo taʼan kan qabate ture. Hinaaffaan Harmeen tajaajilaaf qabdu fakkeenya guddaa naaf taʼeera.
Haasaan sabaa mataduree “Amanamummaa Eeguu” jedhuun walgaʼii koonyaa Fulbaana bara 1941 magaalaa Leestaritti godhamerratti dhihaate, gaaffii olaantummaa ilaalchisee kaʼeef ibsa kan kennu ture. Haasaan sun gaaffii Yihowaafi Seexana gidduutti kaʼerratti nuyis gaʼee akka qabnu yeroo jalqabaatiif akkan hubadhu na godheera. Kanaaf, Yihowaa isa Uumama Cufarratti Olaanaa taʼe cina dhaabachuufi amanamummaa keenya eegnee jiraachuu nu barbaachisa.
Walgaʼii koonyaa sanarratti, qajeelchaa taʼanii tajaajiluu ilaalchisee barumsi baayʼeen kan kenname siʼa taʼu, dargaggoonni qajeelchaa taʼuuf galma akka baafatan jajjabeeffamanii turan. Haasaan mataduree “Gaʼee Qajeelchitoonni Jaarmiyicha Keessatti Qaban” jedhuun dhihaate, ‘Anoo gaʼeenkoo maalidha?’ jedhee akkan of gaafadhu na godheera. Walgaʼiin koonyaa sun, anis kutaa Yonaadaab waanan taʼeef hangan dandaʼe hojii lallabaarratti hirmaachuudhaan obboloota kutaa Kiristiyaanota dibamoo taʼan gargaaruu akkan qabu na amansiiseera. Achiis utuman Leestar jiruu qajeelchaa taʼuufan foormii guute.
YEROO WARAANAATTI QAJEELCHAA TAʼANII TAJAAJILUU
Muddee 1, 1941, yeroo umriinkoo waggaa 15 taʼu, qajeelchaa addaa taʼeen muudame. Yeroo jalqabaatiif qajeelchituun anaa wajjin tajaajilaa turte haadhakoo siʼa taatu, waggaa tokko booda garuu dhibee fayyaatiin kan kaʼe qajeelchituu taatee tajaajiluushee dhaabde. Waajjirri damee Landan, qajeelchaa Raan Paarkiin jedhamuufi yeroo ammaatti Porto Riikootti miseensa Koree Waajjira Damee taʼee tajaajilaa jiru naaf ramade.
Bulchiinsa Kaawunti Keentii, magaalaawwan Broodisteersifi Raamisgaat jedhamaniifi qarqara galaanaatti argamanitti akka tajaajillu kan ramadamne siʼa taʼu, achittis mana kireeffannee jiraachuu jalqabne. Yommus qarshiin qajeelchaa addaa tokkoof jiʼatti kennamu, shilingii Ingilizii 40 (yeroo sanatti doolaara Ameerikaa 8) ture. Kanaaf, yeroo sana kiraa manaa erga kaffallee booda kan nu harkatti hafu qarshii muraasa waan taʼeef, sana booda waan nyaannu eessaa akka argannu hin beeknu turre. Haataʼu malee Yihowaan yeroo hundumaa karaa taʼe tokkoon wanta nu barbaachisu nuu guuta ture.
Biskileetii keenya isa baʼaa hedduun itti feʼame, qilleensa cimaa isa Galaana Kaabaarraa gara keenyatti qilleensaʼu keessa oofaa karaa dheeraa deemna turre. Akkasumas, haleellaa xiyyaaraafi miisaayelii Jarman V-1 jedhamu magaalaa Landan balleessuuf Keentitti gad dhihaatee samiirra furguggifamu dandeenyee jiraachuu qabna turre. Gaaf tokko yommuu boombiin mataakoorra furguggifamee darbu biskiliitii koorraa utaalee boʼoo keessatti kanan kufe siʼa taʼu, boombiin sunis naannoo anatti dhihoo taʼetti dhukaʼe. Taʼus waggoonni nuyi Keentitti qajeelchaa taanee dabarsine baayʼee kan nama gammachiisan turan.
“ILMA BETʼEL TAʼUU”
Haatikoo yeroo hundumaa waaʼee Betʼel dinqisiifannaadhaan dubbatti turte. “Ilma Betʼel taʼuu keerraan kan hafe waanan hawwu tokkollee hin qabu” jetti turte. Kanaaf Amajjii bara 1946, Betʼel Landan jirutti torban sadiif hojiidhaaf yeroon afeeramu gammachuufi dinqisiifannaa natti dhagaʼame tilmaamuu dandeessu. Torban sadan sana booda, Piriis Hiiyuuz, inni waajjira damee keessa hojjetu Betʼel akkan turu na gaafate. Leenjiin bakka kanatti argadhe jireenyakoo gara boodaa hundatti na gargaareera.
Yeroo sana miseensonni maatii Betʼel Landan turan gara 30 kan taʼan siʼa taʼu, hedduunsaanii dargaggoota qeenxee taʼanidha. Kunis Piriis Hiiyuuz, Eedigaar Kileeyiifi Joon Baar isa yeroo booda miseensa Qaama Olaanaa taʼe dabalatee obboloota dibamoo taʼan baayʼee kan qabate ture. Dargaggeessa taʼee obboloota Kiristos warra akka ‘utubaa’ taʼan jalatti tajaajiluudhaan qajeelfama isaan kennan deggeruun mirga guddaadha!—Gal. 2:9.
Gaaf tokko Betʼelitti hojiirra utuun jiruu, obboleettiin tokko balbala duratti akka na barbaaddu obboleessi tokko natti hime. Kan nama dhibu obboleettiin kun haadhakoo yommuu taatu bobaashee jalatti wanta maramaa tokko baattee dhaabachaa turte. “Ol lixee hojii si hiiksisuu hin barbaadu” jechuudhaan wanta maramaa sana naa kennitee deemte. Wanti maramaan sun kaabbortaa hoʼa kennu kan qabate ture. Kennaa isheen anaaf kennite kun Haannaa ishee yeroo Saamuʼel godoo qulqullaaʼaa keessa tajaajilaa turetti uffata irra keessatti uffatan isaaf geessaa turte na yaadachiiseera.—1 Sam. 2:18, 19.
MUUXANNOON GIILʼAADITTI ARGADHE MATUMAA HIN IRRAANFATAMU
Bara 1947tti, miseensota maatii Betʼel keessaa shan Mana Barumsaa Giilʼaad kutaa 11ffaa Yuunaayitid Isteetisitti godhamurratti akka hirmaannu afeeramne. Kaaba Niiwu Yoorki bakka manni barumsichaa itti argamu ennaa geenyu garmalee qorra ture. Yeroo kanatti kaabbortaa hoʼa kennuufi haatikoo naaf fidde qabaachuu kootti baayʼee gammadeen ture!
Jiʼoottan jaʼaan Giilʼaaditti dabarse matumaa kan hin irraanfatamne turan. Barattoota biyyoota 16 keessaa dhufanii wajjin walitti makamuun keenya ilaalchakoo naaf balʼiseera. Leenjiin mana barumsichaarraa argadhe hariiroon Yihowaa wajjin qabu naaf guddisuu dabalatee, obboloota muuxannoo qabanii wajjin michoomuunkoo faayidaa guddaa naaf argamsiiseera. Barataa wajjin baranne Looyid Baarii, barsiisaakoo Aalbarti Shiroodariifi Joon Buuz isa ilaaltuu olaanaa bakka qonnaa taʼe (iddoo Manni Barumsaa Giilʼaad turetti) yeroo booda miseensa Qaama Olaanaa taʼe muraasasaaniiti. Gorsa jaalalarratti hundaaʼeefi obboloonni kun naaf kennan, akkasumas Yihowaafi jaarmiyaasaatiif amanamoo taʼuudhaan fakkeenya gaarii isaan argisiisan baayʼeen dinqisiifadha.
HOJII DAAWWANNAAFI BETʼELITTI DEEBIʼUU
Ergan Giilʼaadii baʼee booda Yuunaayitid Isteetis, Ohaayootti hojii daawwannaa akkan raawwadhuufan ramadame. Yeroo kanatti umriinkoo waggaa 21 taʼus, obboloonni miira hoʼaadhaan na simataniiru. Muuxannoo obboloota aanichaa umrii dheeraa qabanirraa waan hedduu baradheera.
Jiʼoota muraasa booda, leenjii dabalataatiif gara Betʼel isa Biruukiliin jirutti akkan deebiʼuufan afeerame. Yeroo sanatti, obboloota akka utubaa taʼan, jechuunis Miiltan Heenshel, Kaarli Kileeyin, Naataan Noor, T. J. Suliivaaniifi Liimaan Siwiingil jiranii wajjin kanan wal bare siʼa taʼu, yeroo booda hundisaanii miseensota Qaama Olaanaa taʼanii tajaajilaa turan. Hojiisaaniifi akkaataa jireenyasaaniirraa muuxannoo hedduu argadheera. Amanannaan jaarmiyaa Yihowaarratti qabu dachaa dhibbaan naaf guddateera. Achiis Awurooppaatti deebiʼee akkan tajaajiluufan ergame.
Haatikoo Guraandhala bara 1950 duute. Sirna awwaalaashee booda, abbaakoofi obboleettiikoo angafaa Dooraa wajjin ifatti mariʼadheen ture. Haatikoo erga duutee, anis ergan manaa baʼee waaʼee dhugaa maal gochuuf akka yaadanan isaan gaafadhe. Obboleessa maanguddoo dibamaa tureefi Haarii Biraawuniingi jedhamu kan beekaniifi kan isa kabajan waan turaniif, isaa wajjin qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabuuf walii galan. Waggaa tokko keessatti Abbayyeefi Dooraan ni cuuphaman. Abbayyeen yeroo booda gumii Jiliinaam keessatti tajaajilaa taʼee muudamee ture. Duʼa Abbayyee booda, Dooraan jaarsa gumii amanamaa Rooyi Moortan jedhamutti heerumtee, hanga bara 2010 duutetti amanamummaadhaan Yihowaa tajaajilteetti.
GARA FARANSAAY DHAQEE GARGAAREERA
Mana barumsaa galee afaan Faransaay, Jarmaniifi Laatiinii kanan baradhe siʼa taʼu, keessumaa afaan Faransaay baayʼee natti ulfaatee ture. Betʼel, Paaris Faransaay jiru dhaqee akkan gargaaru yeroon gaafatame gammachuunis gaddis natti dhagaʼamee ture. Achitti, obboleessa maanguddoo dibamaa Eenrii Jeejee jedhamuufi waajjira damee keessatti tajaajiluu wajjin hojjechuuf mirga argadheera. Hojiin naaf kennamu yeroo hundumaa salphaa hin turre; yeroon itti dogoggoru akka ture haaluu baadhus walitti dhufeenyan namootaa wajjin qabu ilaalchisee waan hedduu baradheera.
Kana malees, waraana booda yeroo jalqabaatiif bara 1951tti walgaʼiin biyyoolessaa Paarisitti akka godhamuuf karoorri kan baafamee siʼa taʼu, anis walgaʼii kana qindeessuuf mirga argadheen ture. Dargageessi daawwataa olaanaa Liiyooppooldi Zoontaa jedhamu na gargaaruuf gara Betʼel dhufe. Yeroo boodas Liiyooppooldi ilaaltuu olaanaa waajjira damee taʼee muudameera. Walgaʼiin koonyaa sun gamoo walgaʼii Paaleey dee ispoor, Aayifeel Taawaritti dhihoo jirutti godhame. Obboloonni walgaʼicharratti argaman biyyoota 28 keessaa kan dhufan turan. Guyyaa isa xumuraa Dhugaa Baatonni Faransaay 6,000 taʼan namoonni 10,456 taʼan walgaʼii kanarratti argamuusaaniitti baayʼee gammadanii turan!
Jalqaba yeroon Faransaay dhaqe qooqa kana sirriitti hin dandaʼun ture. Akka gaariitti dubbachuu hamman dandaʼutti afaan Faransaay akka hin haasofne murteessunkoo dogoggora guddaa ture. Utuu dogoggora hin raawwatin garuu sirreeffamuufi guddina gochuun matumaa hin dandaʼamu.
Haala kana sirreessuuf mana barumsaa namoota biyya alaatii dhufan afaan Faransaay barsiisu galuufan murteesse. Kanaaf, galgala walgaʼiin gumii hin godhamnetti afaan kana barachuun jalqabe. Yeroo kanatti jaalalli ani afaan Faransaayiif qabu guddachaa adeeme. Waajjira damee Faransaayitti hojii afaan kana hiikuurratti waan na gargaareef barachuunkoo faayidaa qaba ture. Yeroo booda barreeffamoota afaan Ingiliffaarraa gara afaan Faransaayitti hiikuun jalqabe. Nyaata hafuuraa karaa hojjetaa amanamaa dhihaatu obboloota afaan Faransaay dubbataniifi addunyaa maratti argamaniin gaʼuurratti hirmaachuun mirga guddaadha.—Mat. 24:45-47.
GAAʼELAAFI MIRGA DABALATAA
Bara 1956, Eestar ishee lammii Siwiizarlaandi qajeelchitu taateefi waggoota muraasa dura wal arginee turree wajjin gaaʼela dhaabbanne. Sirni gaaʼelaa keenya kan raawwatame Galma Mootummaa Betʼel Landanitti (Landan Taabarnaakil bakka haatikoo itti cuuphamtetti) ture. Haasaa gaaʼelaa kan kenne Obboleessa Keenya Hiiyuuz ture. Haati Eestaris sirna gaaʼelaa sanarratti argamtee kan turte siʼa taʼu, isheenis abdii gara samii dhaquu qabdi turte. Gaaʼellikoo michuu jaallatamtuufi amanamtuu wajjin qofa utuu hin taʼin, amaatii gaarii ilaalcha hafuuraa qabduu wajjin bara dheeraa dabarsuuf carraa naa kenneera; amaatiinkoo jireenyashee isa lafarraa bara 2000tti xumurteetti.
Erga gaaʼela dhaabbannee booda Betʼeliin ala jiraachuu jalqabne. Ani Betʼelitti hojii hiikkaarratti hirmaachuukoo kanan itti fufe siʼa taʼu, Eestarimmoo naannoowwan qarqara magaalaa Paaris jiranitti qajeelchaa addaa taatee tajaajilti turte. Eestar namoonni hedduun tajaajiltoota Yihowaa akka taʼan gargaarteetti. Bara 1964tti Betʼel keessa akka jiraannu afeeramne. Achiis bara 1976 Koreen Waajjira Damee yeroo jalqabaatiif siʼa hundeeffamu miseensa taʼeen muudame. Waggoota kana hundumaatti, Eestar yeroo hunda jaalalaan gargaarsa naa gochuushee itti fufteetti.
“ANA . . . YEROO HUNDUMAA OF BIRATTI HIN ARGATTAN”
Yeroo addaddaatti gara waajjira muummee Niiwu Yoorkitti argamu dhaquuf mirga addaa argadheera. Yeroowwan kanatti obboloota miseensota Qaama Olaanaa taʼan garaagaraarraa gorsa gaarii argadheera. Fakkeenyaaf yeroo taʼe tokkotti, hojii tokko yeroosaatti xumuruun akka na dhiphise Obboleessa Keenya Nooritti yeroon himu seequudhaan, “Hin dhiphatin. Jabaadhuu hojjedhu!” naan jedhe. Sana booda yeroo hojiiwwan hedduun kuufaman dhiphachuu mannaa, hojiiwwan sana irraa jalaan hojjechuudhaan siʼa baayʼee hojiikoo yeroosaatti xumuruu dandaʼeera.
Yesus duʼuusaa yeroo muraasa dura bartootasaatiin, “Ana . . . yeroo hundumaa of biratti hin argattan” isaaniin jedhee ture. (Mat. 26:11) Nuyi warri kutaa hoolota kan biraa taanes obboloonni Yesus dibamoo taʼan yeroo hundumaa nu duukaa lafarra akka hin jiraanne beekna. Kanaaf, waggoota torbaatamaa oliif fiixee uffata nama Yihudii taʼe tokkoo qabachuudhaan Kiristiyaanota dibamoo wajjin tajaajiluu dandaʼuukoo akka mirga guddaattan ilaala.
[Miiljalee]
a Jecha “Jonadab” jedhuuf kitaaba Jehovaas Wiitinasis—Prokileemarsi oov Goodsi Kiingidam, fuula 83, 165, 166 ilaali. (Ingiliffa)
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 21rra jiru]
Obboleessi keenya Noor seequudhaan,“Hin dhiphatin. Jabaadhuu hojjedhu!” naan jedhe
[Fakkii fuula 19rra jiru]
(Bitaa) Haadhakoofi abbaakoo (Mirga) Mooraa mana barumsaa Giilʼaaditti bara 1948, kaabbortaa Harmeen naaf kennite uffadhee
[Fakkii fuula 20rra jiru]
Haasaa Obboleessi Keenya Looyid Baarii yeroo waajjirri damee Faransaay bara 1997 murteeffame kenne utuun isaaf hiikuu
[Fakkii fuula 21rra jiru]
(Bitaa) Eestarii wajjin guyyaa cidha keenyaa
(Mirga) Utuu waliin lallabnuu