LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • T-36 ful. 1-4
  • Mootummaan Waaqayyoo Maalidha?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Mootummaan Waaqayyoo Maalidha?
  • Mootummaan Waaqayyoo Maalidha?
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yeroo Gara Fuulduraatiif Ilaalcha Akkamii Qabda?
    Yeroo Gara Fuulduraatiif Ilaalcha Akkamii Qabda?
  • Addunyaa Kana Kan To’atu Eenyudha?
    Addunyaa kana kan to’atu eenyudha?
  • Namoonni Du’an Deebi’anii Jiraachuu Danda’uu?
    Namoonni du’an deebi’anii jiraachuu danda’uu?
  • Rakkinni Ni Badaa?
    Rakkinni ni badaa?
Dabalataan Ilaaluuf
Mootummaan Waaqayyoo Maalidha?
T-36 ful. 1-4
Namoonni gosa adda addaa keessaa dhufan Mootummaan Waaqayyoo akka dhufu yommuu kadhatan

Mootummaan Waaqayyoo Maalidha?

Maal sitti fakkaata?

  • Wanta garaa keenya keessa jirudhaa?

  • Fakkeenyaan kan ibsamedhaa?

  • Moo bulchiinsa samiirratti argamudha?

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

“Waaqayyo inni waaqa irraa mootummaa deebiʼee matumaa hin badne . . . dhaabuuf jira.”—Daaniʼel 2:44.

‘Ilmi nuuf kennameera; humni mootummaasaa gatiittiisaarra jira.’—Isaayaas 9:6.

KANA BEEKUUN FAAYIDAA AKKAMII SIIF ARGAMSIISA?

  • Bulchiinsa qajeelaa kanarraa dhuunfaatti faayidaa argachuu dandeessa.—Isaayaas 48:17, 18.

  • Addunyaa haaraa keessatti, fayyaa guutuufi gammachuu argatta.—Mulʼata 21:3, 4.

Namoonni gosa adda addaa keessaa dhufan Mootummaan Waaqayyoo akka dhufu yommuu kadhatan

WANTA MACAAFNI QULQULLUUN JEDHU AMANUU NI DANDEENYAA?

Eeyyee, yoo xinnaate sababii lamaan kan kaʼe amanuu dandeenya:

  • Yesus wanta Mootummaan Waaqayyoo raawwatu argisiiseera. Yesus duuka buutonnisaa Mootummaan Waaqayyoo akka dhufuufi fedhisaa lafarratti akka raawwatamu akka kadhatan barsiiseera. (Maatewos 6:9, 10) Yesus yommuu kadhannaan kun deebii argatu haalli akkamii akka jiraatu argisiiseera.

    Yesus yeroo lafarra ture warra beelaʼan nyaachiseera, warra dhukkubsatan fayyiseera, akkasumas warra duʼan kaaseera! (Maatewos 15:29-38; Yohannis 11:38-44) Yesus yommuu Bulchaa Mootummaa Waaqayyoo taʼu, wantoota gaarii Mootummichi namoota isa jalatti bulaniif godhu argisiiseera.—Mulʼata 11:15.

  • Haalli addunyaa kanarratti mulʼachaa jiru Mootummaan Waaqayyoo dhiheenyatti akka dhufu mirkaneessa. Mootummichi lafa kanarratti nagaa fiduusaa dura, addunyaan kun waraana, beelaafi sochoʼa lafaatiin akka hunkuramtu Yesus, dursee raajii dubbateera.—Maatewos 24:3, 7.

    Yeroo ammaa wantoonni kun yommuu raawwataman argaa jirra. Kanaaf, Mootummaan Waaqayyoo dhiheenyatti rakkoowwan kana hunda akka hambisu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.

WANTOOTA KANARRATTI YAADI

Lafa bareedduu bulchiinsa Mootummaa Waaqayyoo jala jirtu

Bulchiinsa Mootummaa Waaqayyoo jalatti jireenyi maal fakkaata?

Macaafni Qulqulluun, gaaffii kanaaf FAARFANNAA 37:29 fi Isaayaas 65:21-23⁠rratti deebii kenna.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi