LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 7/05 ful. 1
  • Gatiin Namootaa Nurra Jira

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Gatiin Namootaa Nurra Jira
  • Tajaajila Mootummaa—2005
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Rakkina Qarshii fi Liqii—Kitaabni Qulqulluun Si Gargaaruu ni Dandaʼaa?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Namoonni Yeroo Manaa Dhabamanitti
    Tajaajila Mootummaa—2007
  • Manaa Gara Manaa Tajaajiluun Yeroo Ammaatti Barbaachisaa Kan Ta’e Maaliifi?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
Tajaajila Mootummaa—2005
km 7/05 ful. 1

Gatiin Namootaa Nurra Jira

1 Phaawulos namootaaf lallabuuf itti gaafatamummaan itti dhaga’amee ture. Yihowaan dhiiga Ilmasaa isa dhangala’een namoonni hundinuu fayyina akka argataniif qophii inni godhe beeka ture. (1 Xim. 2:3-6) Kanaan kan ka’es Phaawulos: “Ani saba hundumaafuu, warra Griikotaa fi warra Griikota hin ta’iniifis, warra beektotaa fi warra wallaalotaafis kanan itti gaafatamu gatiitu ana irra jira” jechuu danda’eera. Gatii isarra jiru kana kaffaluuf nuffii tokko malee dhimmee hojjechuudhaan misiraachoo kana namootatti himaa ture.—Rom. 1:14, 15.

2 Kiristaanonni yeroo har’aas akkuma Phaawulos, carraa argataniin namoota hundumaatti misiraachoo kana lallabuuf yaalu. Wayita “rakkinni guddaan” haala saffisiisaatiin dhihaachaa jiru kanatti, namoota garaa qajeelaa qaban barbaachuun keenya ariifachiisaadha. Jaalala dhugaa namootaaf qabnuun hojii lubbu baraarsaa ta’e kanarratti haa hirmaannu.—Mat. 24:21; His. 33:8.

3 Gatii Nurra Jiru Kaffaluu: Lallaba manaa gara manaatti hirmaachuudhaan namoota baay’ee argachuu dandeenya. Naannoo tajaajilaa namoonni manatti hin argamne keessatti yeroo tajaajillu, sirriitti galmeessinee qabachuufi deddeebinee dhaquun keenya namoota baay’ee argachuuf nu dandeessisa. (1 Qor. 10:33) Akkasumas naannoo daldalaatti, daandiirratti, bakka konkolaataan dhaabatuufi bilbilaan namoota hedduuf dhugaa ba’uu dandeenya. Haala kanaan, ‘Lallaba ergaa jireenyaa kana karaa hundaan fayyadamee dabarsuun hamma humna kootii raawwachaan jiraa?’ jennee of haa gaafannu.—Mat. 10:11.

4 Qajeelchituun tokko namoota naannoo tajaajilaashee jiran hundumaatti dhugaa ba’uuf carraaqqii gooti turte. Naannooshee keessatti mana yeroo hundaa cufamee taa’u argiti. Guyyaa tokko qajeelchituun kun dhimma biraaf utuu deemaa jirtuu, manasa tasumaa namni keessa hin jiraanne itti fakkaatee ture sana cinatti konkolaataa dhaabatu argite. Carraa kanaan fayyadamtee battaluma sana balbala rurrukutuun namicha haasofsiifte. Namichis deebii qajeelaa kenneef. Sanaan booda abbaa manaashee waliin ta’uun deddeebi’anii gaaffii godhaniif. Dhumarratti namichi qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabuudhaan wayita ammaa obboleessa cuuphame ta’eera. Warra kaaniif lallabuuf dirqama akka qabdu isheetti dhagaa’amuusaatti ishee galateeffata.

5 Barri dhumaa kun, humna keenya guutuudhaan lallabarratti xiyyeeffannaan hirmaannee namootatti himuudhaan gatii nurra jiru yeroo itti kaffalludha.—2 Qor. 6:1, 2.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi