Ijoolleen Keessan Tajaajilarratti Guddina Akka Argisiisan Gargaaraa
1 Warri Kiristiyaana ta’an, ijoolleesaanii xinnummaasaaniitii kaasanii tajaajilarratti akka hirmaatan leenjisuuf itti gaafatamummaa cimaatu irra jira. Kun karaa adda addaa godhamuu danda’a. Ijoolleen tokko tokko, utuma dubbisuu hin barinillee, caqasawwan Macaafa Qulqulluu dubbachuu danda’u. Kunimmoo namoota isaan dhaggeeffatanirratti dhiibbaa geessisuu danda’a. Ijoollee xixinnoon yeroo guddachaa adeemaniitti, caalaatti tajaajilarratti hirmaachuu danda’u. Warra kan taatan ijoolleen keessan hojii lallabaarratti akka hirmaataniif gargaaruu kan dandeessan akkamitti? Tarii yaadiwwan kanaa gadi jiran gargaarsa dabalataa isinii kennuu danda’u.
2 Yookiin akkaataa dhiheenyaa kanatti aanee jiru filachuu dandeessa;
◼ “Akkam jirtu. Hawaasa keessa jiraannuuf akka yaadduuf intala koo [maqaa ishee caqasi] leenjisaan jira. Ergaa Macaafa Qulqulluu gabaabaa sii hirtu tokko qabdi.” Akkas jechuu dandeessi: “Karaan itti namoota gargaaruu barbaadu keessaa inni tokko, abdii Macaafa Qulqulluu namootaaf hiruudhaani. [Intalattiin Mul’ata 21:4 ni dubbisti ykn yaadasaa ibsiti.] Barruuleen kun wanta Mootummaan Waaqayyoo nuu godhu ilaalchisee ibsa kennu. Kana dubbisuudhaan gammachuu akka argattu abdiin qaba.”
3 Utuu walirraa hin kutin akkaataawwan dhiheenyaa salphaa ta’anitti gargaaramuun, ijoolleen ergaa Mootummattii lallabuuf dandeettii akka qaban akka isaanitti dhaga’amu godha. Akkaataa ifa ta’een sagaleesaanii ol fuudhanii akka dubbatan leenjisuun, haalli adda addaa ennaa isaan mudatutti akka lallaban isaan dandeessisa. Dursanii qophii gaarii gochuuniifi garaadhaa isaan galateeffachuun ijoollee xixinnoon amantiisaanii akka ibsaniif isaan gargaara.
4 Gargaarsa akkasii kanaan ijoollee xixinnoo baay’een babal’istoota hin cuuphamin ta’uu danda’aniiru. Ijoolleen karaa tajaajila Kiristiyaanaa yeroo guddina argisiisan arguun akkam kan nama gammachiisudhaa!—Far. 148:12, 13.