Ijoolleen Keessan Murtoo Sirrii Gochuu Ni Danda’uu?
1 Murtoo sirrii maalii? Dhiiga fudhachuu ilaalchisee. Masaraa Eegumsaa Waxabajjii 15, 1991, mataduree “Karaa Yihowaan Isin Barsiisurra Adeemaa” jedhurratti akkuma ibsametti, dargaggoonni Dhugaa Baatota Yihowaa ta’an akkuma warrasaanii isaanis abboommi Yihowaan dhiiga ilaalchisee baaseef ajajamuuf fedhii akka qabaniifi haalli ejennoo jabaa qabaachuusaanii mirkaneessu isaan mudateera. Ijoolleen keessan warri xixinnoonis murtoo akkasii gochuun isaan barbaachisaa?
2 Seerri Maal Jedha? Yunaaytiid Isteetis keessatti, mucaan tokko waggaa 18 kan hin guunne ta’uyyuu dhiiga fudhachuu diduu ilaalchisee murtoo cimaa gochuu ni danda’a jechuudhaan manni murtii olaanaa Iliinooyis murtoo dabarseera. Manni murtii sun dhimma obboleetti waggaa 17 tokko erga ilaalee booda murtoo akkas jedhu dabarseera: “Wanta murtoonshee isheerraan ga’u kan beektu, akka nama ga’eessa tokkootti murtoo gochuu kan dandeessu ta’uusheetiif ragaa qubsaan jira taanaan, akkuma nama guddaatti yaaliin filatte heyyamamuufii qaba.” Kanaafuu, mucaan tokko umuriidhaan ga’eessa ta’uu baatuyyuu dhiiga fudhachuu ilaalchisee murtoo mataasaa gochuu danda’uufi dhiisuusaa murteessuuf, doktoroonni ykn abbootiin taayitaa gaaffiiwwan tokko tokko isa gaafachuu danda’u. Dargaggeessi kun yaaliin godhamuuf hangam cimaa akka ta’eefi filannoonsaa kun maal akka isarraan geessisu hubachuudhaan, dhiiga ilaalchisee amantii seera Waaqayyoorratti qabu jabeessee itti himuu isa barbaachisa.
3 Ijoolleen Keessanoo Maal Jedhu? Dhimma kana ilaalchisee ijoolleen keessan ejjennoosaanii ibsuu ni danda’uu? ‘Dhiigarraa fagaachuun’ abboommii Waaqayyoo ta’uusaa garaa guutuudhaan ni amanuu? (HoE. 15:29; 21:25) Wanta itti amanan ilaalchisee Macaafa Qulqulluurraa caqasanii ibsa kennuu ni danda’uu? Warrisaaniillee utuu isaan bira hin jiraatin, dhiiga fudhachuu baannaan ni duuta jedhee yeroo doktoriin isaan amansiisuuf yaalutti murtoosaanii ija jabinaan ibsuu ni danda’uu? ‘Yerooniifi walitti dhufuun hundumaa waan waliin ga’uuf,’ ijoolleen keessan wanti amanamummaasaanii qoru yeroo isaan mudatutti mo’uu akka danda’aniif isaan qopheessuu kan dandeessan akkamitti?—Lal. 9:11, 1899; Efe. 6:4.
4 Warra Kan Taatan Maal Gochuu Dandeessu? Waaqayyo dhiigaaf ilaalcha akkamii akka qabu ijoollee keessan barsiisuuf itti gaafatamummaan isinirra jira. (2 Xim. 3:14, 15) Kitaaba Ragaa Dhiheessuu ful. 69-72rratti ibsa ifaa ta’etu argama. Maatii keessanii wajjin of eeggannoodhaan qayyabadhaa. Fuula 73-75rratti mataduree “Yoo Namni Tokko Akkas Jedhe” jedhutti gargaaramuudhaan, wanta amananiifi maaliif akka amanan akka ibsan isaan gargaaruuf shaakalsiisaa. (1 Phe. 3:15) Dhiiga ilaalchisee qophiiwwan nu gargaaruuf godhaman keessaa, birooshuurri “Dhiigni Lubbuukee Oolchuu Kan Danda’u Akkamitti?” jedhamu akkasumas Masaraa Eegumsaa Waxabajjii 15, 2004, ful. 14-24 keessatti ni argama. Itti dabalees viidiyoon Yaaliiwwan Bakka Dhiigaa Kennaman—Mirgaafi Fedhii Dhukkubsattootaa Kabajuu, Dhiiga Hin Fudhadhu—Karaa Mana Yaalaa Furmaanni Argameera jedhan, dhihoo kanatti DVD Yaaliiwwan Bakka Dhiigaa Kennaman—Fiilmii Walitti Aanu jedhamuun qophaa’an, dhiiga malee yaalii gochuun bu’a qabeessa ta’usaatiif odeeffannoowwan amansiisoo ta’an qabataniiru. Maatiinkee dhiheenyatti viidiyoo kana ilaalee irratti mari’ateeraa?
5 Ijoolleen keessan dhiiga ilaalchisee, “jaalalli Waaqayyoo immoo waan gaarii ta’e, waan isa duratti fudhatamaa ta’e, waan akeeka isaa fiixaan baasu” isa kam akka ta’e beekuuf isaan gargaara. Sana booda isaanuu murtoo sirrii eebba Yihowaa isaaniif argamsiisu gochuu danda’u.—Rom. 12:2.
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
1. Dhugaa Baatonni dargaggoota ta’an itti fayyadama dhiigaa ilaalchisee ejjennoo akkamii fudhataniiru? Fakkeenya kenni.
2. Manni murtii tokko shamarree waggaa 17 dhiiga fudhachuu didde ilaalchisee seera maal jedhu hojiira oolche? Warri Kiristiyaana ta’aniifi ijoolleensaanii xixinnoon kanarraa maal baratu?
3. Warri gaaffiiwwan akkamiirratti yaaduu qabu? Maaliifi?
4, 5. (a) Warri itti gaafatama maaliitu isaanirra jira? Itti gaafatamasaanii kana akkamitti raawwachuu danda’u? (b) Warra gargaaruuf qophiiwwan akkamiitu jira?