Jaalalli Tajaajilarratti Bu’a Qabeeyyii Ta’uuf Nu Gargaara
1 “Gara koo kottaa; ani boqonnaa isiniifan kenna.” (Mat. 11:28) Jechoonni nama gammachiisan kun Yesus namootaaf jaalala guddaa akka qabu argisiisu. Kiristiyaanoota waan taaneef, namoota addunyaan jaalala hin qabne kun isaanii gameef jaalala akka qabnu argisiisuudhaan Yesusiin fakkaachuu barbaanna. Yeroo misiraachicha lallabnutti kana gochuu kan dandeenyu akkamitti?
2 Jechaan: Jaalalli Yesus namootaaf qabu, carraa argate hundatti fayyadamee misiraachicha akka isaanitti himu isa kakaaseera. (Yoh. 4:7-14) Jaalalli, karaa alidilee ta’een dhugaa ba’uurraa duubatti akka hin jenne nu gargaara. Intalli waggaa ja’aa tokko dubartii ishee wajjin mana yaalaa teessee dabaree eeggattu tokkoof akka gaariitti dhugaa baate. Kana gochuuf maaltu ishee kakaase? “Dubartittiin waa’ee Yihowaa beekuun kan ishee barbaachisu fakkaatti turte” jechuudhaan ibsiteetti.
3 Fuula ifaa itti argisiisuudhaan akkasumas haala jaalala ibsuun isaan haasofsiisuudhaan namoota akka jaallannu argisiisuu dandeenya. Kana malees wanta warri kaan dubbatan dhaggeeffachuudhaan, wanta isaan yaaddessu hubachuudhaan, akkasumas akka isaaniif yaannu argisiisuudhaan jaalala keenya ibsuu dandeenya. (Fak. 15:23) Akkuma Yesus, ergaa Mootummichaa nama jajjabeessu, akkasumas jaalalaafi gara laafina Yihowaan namootaaf qabu addeessuu qabna.—Mat. 24:14; Luq. 4:18.
4 Gochaan: Yesus wanta namoota barbaachisu dafee guutuu akka barbaadu hojiidhaan argisiisa ture. (Mat. 15:32) Yeroo tajaajillus gaarummaa raawwachuuf carraa argachuu dandeenya. Obboleettiin tokko, dubartiin tokko ergaa barbaachisaa bilbilaan itti himamu tokko hubachuuf akka rakkatte argite. Obboleettiin keenyas ergaa kana isheedhaaf hiikuuf fedhiidhaan of dhiheessite. Gochi jaalalarratti hundaa’e kun Macaafa Qulqulluurratti akka mari’atan carraa banuusaarrayyuu, dubartittiin qayyabannaa jalqabuuf akka walii galtu godhe. Muuxannoon kan biraammoo, obboleessi tokko deddeebii gaaffii gochuu yeroo dhaqu, namichi soofaa guddaa tokko manatti ol galchuun waan isa rakkiseef aaree isa argate. Soofaa sana ol galchuudhaan erga isa gargaaree booda, obboleessi kun achumarra taa’ee namicha galateeffannaadhaan guutame sana Macaafa Qulqulluu akka qayyabatu gargaare.
5 Tajaajilarratti yeroo hirmaannu, jaalala Waaqayyoofi namootaaf qabnu argisiisna. (Mat. 22:36-40) Karaa kanaan jechaafi hojiidhaan jaalala argisiisuun keenya, namoonni garaa qajeelaa qaban barumsa dhugaa akka qabanne akka hubatan isaan gargaara.