LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 1/07 ful. 1
  • “Fedhii Hin Qabu”

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • “Fedhii Hin Qabu”
  • Tajaajila Mootummaa—2007
  • Matadureewwan Yaada Walfakkaataa Qaban
  • Akkaataa Dhiheenyaa Keessan Akka Haala Namootaatti Jijijjiiruudhaan —Akka Isaaniif Yaaddan Argisiisaa
    Tajaajila Mootummaa—2005
  • Rakkoowwan Manaa Gara Manaatti Tajaajiluuf Gufuu Ta’an Mo’uu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
Tajaajila Mootummaa—2007
km 1/07 ful. 1

“Fedhii Hin Qabu”

1 Kun deebii baramaa namoonni naannoo tokko tokko jiran ergaa keenyaaf kennanidha. Danta dhabeessa ta’uu namoota naannoo keenya jiraniin abdii akka hin kutanne kan nu gargaaruu maalidha? Misiraachichaaf fedhii akka qabaatan kakaasuu kan dandeenyu akkamitti?

2 Gammachuu Keenya Eeggachuu: Namoonni baay’een danta dhabeessa kan ta’an maaliif akka ta’e yaadachuun gammachuu keenya eeggachuuf nu gargaara. Yeroo baay’ee, namoonni geggeessitoota amantaafi namoota kaaniin garmalee ni jibbamu. Warri barumsa jijjiirama tirannaa baratan ykn haawaasa Waaqayyootti hin amanne keessatti guddatan faayidaa Macaafa Qulqulluu hin hubatan ta’a. Kaanimmoo fakkeessitummaa amantii saba Kiristiyaanaa keessatti argantu abdii isaan kutachiisa ta’a. Namoonni tokko tokko dantaa dhabuunsaanii abdii kutachuusaanii kan mul’isudha. (Efe. 2:12) Warri kaanimmoo bu’aa ba’ii jireenyaatiin waan muddamaniif ergaa keenya ‘hin hubatan.’—Mat. 24:37-39, NW.

3 Namoonni baay’een deebii gaarii kennuu baataniyyuu, carraaqqiin keenya Yihowaadhaaf ulfina akka fidu waan beeknuuf tajaajila keenyarraa gammachuu argachuu dandeenya. (1 Phe. 4:11) Itti dabalees, namoota ergicha hin fudhaneefillee dhugaa lallabuun amantaa keenya nuu jabeessa. Namoota naannoo keenya jiraniif ilaalcha akka Yihowaa qabaachuuf carraaqqii haa goonnu. Inni namoota Nanawwee ‘bitaa fi mirga gargar baasuu hin dandeenyeef’ gaddee ture. (Yon. 4:11) Namoonni naannoo keenya jiraatan misiraachoon isaan barbaachisa! Kanaafuu, abdii kutachuu mannaa ergaa Macaafa Qulqulluutiif fedhii akka qabaatan isaan kakaasuuf karaa barbaaduu qabna.

4 Dhimma Isaan Yaaddessurratti Mari’adhaa: Seensa keerratti rakkoo naannoo keessan jiru dubbachuudhaan namni haasofsiistu ilaalcha akkamii akka qabu gaafadhu. Yeroo inni dubbatu dhaggeeffadhuutii, wanta isa yaaddessu ilaalchisee yaada nama jajjabeessu Macaafa Qulqulluurraa itti argisiisi. Dhugaa Baatuun tokko, mana namoota hundaa dhaquudhaan haala gaddisiisaa naannoo sanatti uumameen gadda itti dhaga’ame ibsa ture. Akkas jedheera: “Yerooma sana namoonni sun waliin mari’achuutti ka’an. Rakkinni namootaa kan na yaaddessu ta’uusaa itti himuu kootiin, guyyaa sanatti mareewwan nama gammachiisan baay’ee gochuu danda’eera.”

5 Rakkoon ilmaan namootaarra ga’u hundi furmaata kan argatu Mootummaa Waaqayyootiinidha. Wanta nama haasofsiistu sana caalaatti yaaddessu hubachuuf yaalii godhi. Innis abdii Macaafa Qulqulluu akka itti himtuuf sii heyyamuu danda’a ta’a. Ta’uu baannaanis, ‘yeroo kan biraatti’ si dhaggeeffachuuf fedhii qabaachuu danda’a.—HoE. 17:32, NW.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi