Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa
Torban Amajjii 8 Jalqabu
Faarfannaa 4 (8)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Hundumtuu viidiyoo Dhiiga Hin Fudhadhu—Karaa Mana Yaalaa Furmaanni Argameera jedhamu, maree torban Walga’ii Tajaajilaarraa Amajjii 22 godhamuuf ilaalanii akka dhufan jajjabeessi. Akkaataawwan dhiheenyaa ful. 4rra jiranitti ykn naannoo keessaniif mijaa’aa ta’an kan biraatti fayyadamuudhaan, Masaraan Eegumsaa Muddee 1fi Dammaqaan! Sadaasa 2006 akkamitti akka raabsamu kan argisiisu hojiin argisiisni haa dhihaatu. Hojiin argisiisni inni tokko, nama “Yeroo hin qabu” jechuudhaan maree dhaabsisuuf deebiin yeroo kennamu kan argisiisu haa ta’u.—Kitaaba Ragaa Dhiheessuu, ful. 19-20 ilaali.
Daq. 15: Caaffata Qulqullaa’aa Guyyaa Guyyaan Qoruun Faayidaa Argachuu. Buukleetii Caaffata Qulqullaa’aa Guyyaa Guyyaan Qoruu—2007rratti hundaa’uudhaan haasawaafi maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Hundumtuu yeroo mara daqiiqaa muraasa ramaduudhaan Caqasa guyyaasanaafi yaadawwan kennamanirratti mari’achuun barbaachisaa ta’uusaa irratti mari’adhaa. Babal’istoota lama dursitee qopheessuudhaan amaleeffannaa caqasa guyyaa guyyaa godhachuuf qabaniifi faayidaa argatan akka dubbatan godhi. Caqasa waggaa 2007rratti maree gabaabaa gochuudhaan raawwadhu.
Daq. 20: Namoota Hundaaf Misiraachicha Waliin Ga’aa. Kitaaba Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaa’uu jedhamu ful. 92 hanga mataduree xiqqaa ful. 102rratti hundaa’uudhaan haasawaafi maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu.
Faarfannaa 22 (47) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Amajjii 15 Jalqabu
Faarfannaa 49 (114)
Daq. 5: Beeksisa gumii.
Daq. 15: Wanti Duubatti Akka Jettu Si Godhu Jiraa? Masaraa Eegumsaa Ebla 1, 2002 ful. 13-15rratti hundaa’uudhaan haasawaafi maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun jaarsaan kan dhihaatu.
Daq. 25: Mataduree “Guyyaa Cidha Keessanii Kan Nama Gammachiisuufi Ulfina Qabeessa Gochuu” jedhuufi Masaraa Eegumsaa (Amaariffa) Onkoloolessa 15, 2006, ful. 28-31rratti argamu. Haasawaafi maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu.
Faarfannaa 56 (135) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Amajjii 22 Jalqabu
Faarfannaa 67 (156)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Gabaasa herregaafi buusii gumiin godheef xalayaan galateeffannaa waajjira dameerraa ergame yoo jiraate dubbisi. Akkaataawwan dhiheenyaa ful. 4rra jiranitti ykn naannoo keessaniif mijaa’aa ta’an kan biraatti fayyadamuudhaan, Masaraan Eegumsaa Muddee 15fi Dammaqaan! Muddee 2006 akkamitti akka raabsamu kan argisiisu hojiin argisiisni haa dhihaatu. Hojiin argisiisni tokko maamila barruuleetiif deddeebiin gaaffii si’a godhamu kan argisiisu haa ta’u.
Daq. 10: “Fedhii Hin Qabu.” Keeyyata 4rratti si’a mari’attan, dhaggeeffattoonni namoonni naannoo tajaajilaa keessanii waa’ee maaliirratti mari’achuu akka barbaadan akka dubbatan afeeri. Namoota maree dhaabsisuuf jecha “Fedha hin qabu” jedhaniif deebii akkamii kennuu akka dandeenyu kan argisiisu hojiin argisiisni gabaabaan lama haa dhihaatu.—Kitaaba Ragaa Dhiheessuu, ful. 16 ilaali.
Daq. 25: “Yaaliin Fayyaa Hundarra Gaarii Ta’e Isa Kamidha?” Jaarsaan kan dhihaatu. Gaaffilee mataduree kana jalatti argamanitti fayyadamuudhaan viidiyoo Dhiiga Hin Fudhadhu—Karaa Mana Yaalaa Furmaanni Argameera jedhurratti dhaggeeffattootaa wajjin kallattumaan maree jalqabi. Keeyyata dhumaa dubbisuudhaan, akkasumas matadureewwan Masaraa Eegumsaa caqasaman akka dubbisan jajjabeessuudhaan xumuri.
Faarfannaa 20 (45) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Amajjii 29 Jalqabu
Faarfannaa 7 (19)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Beeksisawwan Tajaajila Mootummaa keessaa filataman. Babal’istoonni gabaasa tajaajilaa ji’a Amajjii akka deebisan yaadachiisi. Barreeffama Guraandhalatti raabsamu dubbachuudhaan hojiin argisiisni tokkos akka dhihaatu godhi.
Daq. 20: “Yeroo Balaan Uumamaa Ga’uuf Of Qopheesitaniittuu?” Jaarsaan kan dhihaatu.
Daq. 15: Deebitanii Dhaquudhaaf Beellama Yoo Qabattan Hin Hafinaa. Masaraa Eegumsaa Fulbaana 15, 1999, ful. 11rratti hundaa’uudhaan haasawaafi maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun jaarsaan kan dhihaatu. Beellamasaanii eeganii dhaquudhaan eebba argatan akka dubbatan dhaggeeffattoota afeeri.
Faarfannaa 83 (187) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Guraandhala 5 Jalqabu
Faarfannaa 1 (3)
Daq. 10: Beeksisa gumii.
Daq. 15: Eenyummaakee Beeksisuu Hin Sodaatin! Haasawaafi maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Dargaggoonni tokko tokko, hiriyoonnisaanii akka isaanitti ga’isan waan itti dhaga’amuuf, Dhugaa Baatota Yihowaa ta’uunsaanii beeksisuu hin barbaadan. Haata’u malee eenyummaasaanii beeksisuun faayidaa qaba. Barsiisonni amantii keessan beekan, amantii keessan isinii kabaju, akkasumas wanta sirrii hin taanerratti akka hirmaattan isin hin dirqisiisan. Dargaggoonni amala gaarii hin qabnes taanaan, gocha dogoggora ta’erratti akka isaan wajjin hirmaattan isin afeeruu sodaachuu danda’u. Warri kaanimmoo, saala faallaa wajjin beellama qabachuudhaan waliin haasa’uu, dorgommii ispoortiiwwan mana barumsaarratti hirmaachuufi mana barumsaatiin alatti murtoo isin gootan ni hubatu. Isinis taanaan mana barumsaatti yeroo lallabdanis ta’e naannoo tajaajilaatti nama isinii wajjin baratu yoo argitan hin sodaattan. (g02 3/22 ful. 12) Babal’istoonni mana barumsaatti Dhugaa Baatuu Yihowaa ta’uusaanii beeksisuusaaniitiin faayidaa argatan akka dubbatan afeeri. Babal’istoota lama ykn tokko yaada akka kennaniif dursanii qopheessuu ni danda’ama.
Daq. 20: “Jaalalli Tajaajilarratti Bu’a Qabeeyyii Ta’uuf Nu Gargaara.” Yaada Masaraa Eegumsaa Guraandhala 1, 2003, ful. 23, key. 16-17rra jiru itti dabalii dhiheessi.
Faarfannaa 59 (139) fi kadhannaa xumuraa.
[Miiljaleewwan]
Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen jalqabamee gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu.