Akkaataa Dhiheenyaa Keessan Akka Haala Namootaatti Jijijjiiruudhaan —Akka Isaaniif Yaaddan Argisiisaa
1 Phaawulos akkaataa dhaggeeffattoonnisaa itti guddataniifi itti yaadan xiyyeeffannaa keessa galchuudhaan, yeroo hundumaa akkaataa dhiheenyaasaa akkuma haalasaaniitti jijijjiiruudhaan fakkeenya gaarii kaa’eera. (1 Qor. 9:19-23) Nuyis akkas gochuuf carraaquu qabna. Dursinee irratti yaaduudhaan, akkaataawwan dhiheenyaa Tajaajila Mootummaarratti dhihaatan namoota naannoo keenyatti argamaniif akka ta’anitti fayyadamuu dandeenya. Gara mana namootaa yommuu dhaqnu, fedhiin namichaa maal akka ta’e waan mul’isu tokko arginee akkaataa dhiheenyaa keenyas haala walsimuun dhiheessina ta’a. Haata’u malee, wanti akka haalasaatti akka dubbannu nu godhu kan biraanis jira.
2 Waan Namoonni Dubbatanirratti Hundaa’uudhaan Mariisisuu: Misiraachicha si’a lallabnu, yeroo baay’ee gaaffii gaafannee deebii namichaa ni eegna. Deebii namichi kennu akkamitti ilaalta? Deebicha fudhachuukee argisiistee akkasumaan yaada irratti qophoofte dubbachuutti ceetamoo, yaada namichaarratti xiyyeeffachuukee akkaataa dubbiikeetiin argisiista? Waan namoonni dubbatan sirriitti kan hubattu yoo ta’e, wanta dhugumaan sammuusaanii keessa jiru argachuuf, gaaffiiwwan dabalataa malaan gaafachuu dandeessa. (Fak. 20:5) Yoo kun ta’e, ergaa Mootummichaa keessaa kallattiidhaan wanta namicha yaaddessu ilaalurratti xiyyeeffachuu dandeessa.
3 Kunimmoo, yaada duraan irratti qophoofneen alatti matadureewwan biraarratti mari’achuuf fedhii qabaachuu gaafata. Rakkina oduudhaan dhageenye tokko kaasnee dubbachuu erga jalqabnee booda, namichi naannoosaa ykn ofiisaa ilaalchisee wanta isa yaaddessu utuu ibsee, wanta namichaaf barbaachisu dhiheessuuf fedhii qabaachuun keenya, maree Macaafa Qulqulluurratti goonu wanta caalaatti isa yaaddessurratti hundeessuuf nu kakaasa.—Filp. 2:4.
4 Akkaataa Dhiheenyaa Keenya Akka Haalasaatti Jijijjiiruu: Namni wajjin mari’annu gaaffii yoo kaase, yeroo biraa gaafficharratti qo’annaa dabalataa goonee yoo irratti mari’anne faayidaa qabaachuu danda’a. Barreeffamoota yaada sanarratti bal’inaan ibsa kennan kennuufis ni dandeenya. Kun hundumtuu namoonni Yihowaa akka beekan gargaaruuf fedhii guddaa akka qabnu kan argisiisudha.—2 Qor. 2:17.