LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 12/05 ful. 2
  • Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa
  • Tajaajila Mootummaa—2005
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Torban Muddee 12 Jalqabu
  • Torban Muddee 19 Jalqabu
  • Torban Muddee 26 Jalqabu
  • Torban Amajjii 2 Jalqabu
Tajaajila Mootummaa—2005
km 12/05 ful. 2

Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa

Torban Muddee 12 Jalqabu

Faarfannaa 12 (32)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Beeksisawwan Tajaajila Mootummaarraa filataman. (Naannoo keessaniif kan hojjetu yoo ta’e) akkaataawwan dhiheenyaa ful. 6⁠rra jiranitti fayyadamuudhaan, Masaraan Eegumsaa Onkoloolessa 1fi Dammaqaan! Onkoloolessa 2005 akkamitti akka raabsaman kan argisiisu hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi. Akkaataa dhiheenyaa bu’a qabeessa ta’e kan biraas gargaaramuun ni danda’ama. Tokkoon tokkoon hojiin argisiisichaa booda caqasaan gargaaramnee salphaadhumaan maree jalqabuu akkamitti akka dandeenyu yaada gabaabaa kenni.

Daq. 15: “Mana Barumsaa Wanta Baranne Hojiirra Oolchuuf Nu Gargaaru.” Haasawaa ilaaltuu olaanaa Mana Barumsaatiin kennamu. Yaada miiltoo Tajaajila Mootummaa Onkoloolessa 2005⁠rra jiru dabalii dhiheessi.

Daq. 20: “Barumsa Gara Jireenyaatti Nama Geessu.” Barumsi Waaqayyoorraa argatan faayidaa akkamii akka isaaniif argamsiise yaada akka kennaniif dursii nama tokko ykn lama qopheessi.

Faarfannaa 74 (168) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Muddee 19 Jalqabu

Faarfannaa 69 (160)

Daq. 5: Beeksisa gumii.

Daq. 15: “Akkaataa Dhiheenyaa Keessan Akka Haala Namootaatti Jijijjiiruudhaan—Akka isaaniif Yaaddan Argisiisaa.” Babal’isaan tokko yaada namni inni haasofsiise tokko kennerratti hundaa’uudhaan akkaataa dhiheenyaasaa yeroo jijjiiru kan mul’isu hojiin argisiisni gabaabaan akka dhihaatu godhi.

Daq. 25: “Ijoolleen Keessan Murtoo Sirrii Gochuu Ni Danda’uu?” Jaarsaan kan dhihaatu. Obboleessi akka gaariitti dubbisuu danda’u tokko keeyyaticha tokko tokkoon akka dubbisu godhi. Caqasawwan yaannisaanii hin ibsamne hundarratti mari’adhaa. Keeyyata 2⁠ffaarratti erga mari’attanii booda, haala dargaggoota lamaan Masaraa Eegumsaa Waxabajjii 15, 1991, keeyyata 16-17 fi saanduqa ful. 16-17⁠rratti caqasaman dubbadhu. Xumurarratti, maatiiwwan barumsa Masaraa Eegumsaa kana akka irra deebi’an, akkasumas ijoolleensaanii amantaasaanii ija jabinaan akka ibsan isaan barsiisuudhaan, dhiiga ilaalchisee ajaja Macaafni Qulqulluun kennu isaanii wajjin akka irratti mari’ataniifi shaakalan jajjabeessi. Warri mataa maatii ta’an ijoolleensaanii warri cuuphaman hundumtuu kaardii Qajeelfama Yaalii fayyaa, warri hin cuuphaminimmoo Waraqaa Eenyummaa qabaachuusaaniitiif mirkanaa’oo ta’uu qabu. Yoomiyyuu namni tokko mana yaalaa dhaqee haala dhiigaa wajjin wal qabateen gaaffii ka’uuf, jaarsoliin Koree Dhukkubsattootaafi Hospitaala Walquunnamsiisurraa gargaarsa gaaffachuu qaba.

Faarfannaa 26 (56) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Muddee 26 Jalqabu

Faarfannaa 38 (85)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Gabaasa herregaafi buusii gumichi godheef xalayaa waajjirri damee barreesse dubbisi. Babal’istoonni gabaasa tajaajilaa ji’a Muddee akka deebisan yaadachiisi. Gumiin keessan waggaa haaraa kanatti jijjiirama sa’aatii walga’iin itti geggeeffamu godheera yoo ta’e, sagantaa sa’aatii haaraa kana beeksisi. Barreeffama Amajjiitti raabsamaniifi yaadawwan akkaataa dhiheenyaa eessarraa akka argaman beeksisi. (Naannoo keessaniif kan hojjetu yoo ta’e) akkaataawwan dhiheenyaa ful. 6⁠rra jiranitti fayyadamuudhaan, Masaraan Eegumsaa Onkoloolessa 15 akkamitti akka raabsamu kan argisiisu hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi. Akkaataa dhiheenyaa bu’a qabeessa ta’e kan biraas gargaaramuun ni danda’ama.

Daq. 15: “Amala Gad Of Deebisuu Uffadhaa.” Tajaajila Mootummaa Fulbaana 2003, ful. 1⁠rratti hundaa’uudhaan haasawaafi marii dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan geggeeffamu.

Daq. 20: Akka gumichaaf barbaachisutti itti fayyadamaa.

Faarfannaa 100 (222) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Amajjii 2 Jalqabu

Faarfannaa 35 (79)

Daq. 5: Beeksisa gumii.

Daq. 15: “Barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti Hundaa’anii Qophaa’anitti Akka Gaariitti Fayyadamaa.” Yaadawwan Tajaajila Mootummaa Fulbaana 2002, ful. 1⁠rra jiru dabalii dhiheessi.

Daq. 8: Irra Deebii Sagantaawwan Walga’ii Aanaafi Addaa Ilaalchisee Qophii Haaraa Godhame. Qabxiiwwan ijoo Tajaajila Mootummaa Fulbaana 2004⁠rra jiru irra deebi’i. Gaaffiiwwan irra deebii walga’ii aanaafi addaa gara fuulduraatti goonu irra deebi’uuf nu gargaaran, Tajaajila Mootummaa Fulbaanaafi Onkoloolessa 2005⁠rratti argamu. Guyyaa walga’iiwwan kun itti geggeeffaman caqasuudhaan yaadannoo akka qabataniif jajjabeessi.

Daq. 17: Akka gumichaaf barbaachisutti itti fayyadamaa.

Faarfannaa 23 (48) fi kadhannaa xumuraa.

[Miiljaleewwan]

Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen erga jalqabdee booda, gaaffiifi deebiidhaan dhiheessi.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi