Dandeettii Tajaajilarratti Qabnu Fooyyeffachuu—Namootaaf Yaaduu
Barbaachisaa Kan Taʼe Maaliifi? Yesus dhuunfaadhaan namootaaf xiyyeeffannaa kennuudhaan akka isaaniif yaadu argisiiseera. Fakkeenyaaf, yeroo tokko nama gurrisaa hin dhageenye tokko, qaaniin akka isatti hin dhagaʼamneef tuuta keessaa kophaatti baasee isa fayyiseera. (Mar. 7:31-35) Hirʼina bartoonnisaa qaban tilmaama keessa galchuudhaan, akkasumas siʼa tokkotti wanta baayʼee isaanitti himuu dhiisuudhaan akka isaaniif yaadu argisiiseera. (Yoh. 16:12) Yesus samiirra utuu jiruullee namootaaf akka yaadu argisiiseera. (2 Xim. 4:17) Nutis duuka buutota Kiristos waan taaneef fakkeenyasaa hordofuu barbaanna. (1 Phe. 2:21; 1 Yoh. 3:16, 18) Dabalataanis, nama haasofsiisnuuf kan yaadnuufi haala inni keessa jiru, fedhiisaafi wanta isa yaaddessu yoo hubanne, tajaajila keenyarratti caalaatti buʼa qabeeyyii taʼuu dandeenya. Ergaa tokko himuu ykn barreeffama tokko kennuu qofa utuu hin taʼin, dhuunfaatti akka isaaf yaadnu yoo hubate nu dhaggeeffachuu dandaʼa.
Kana Gochuu Kan Dandeenyu Akkamitti?
• Sirriitti qophaaʼaa. Hin sodaatinaa, fuula ifaa argisiisaa, akkasumas isinitti dhihaachuun akka salphatu godha.
• Wanta naannoo sana jiru ilaalaa. Ijoollee akka qabu, biqiltoota kunuunsuu akka jaallatu ykn sareefi adurree akka qabu, akkasumas amantii taʼe tokko akka hordofu wanti argisiisu jiraa? Taanaan tarii seensa keessan akka haalasaatti sirreessuu dandeessu.
• Yaadasaa akka kennu gaafadhaa; sirriitti isa dhaggeeffadhaa malee, utuu hin barbaachisin yaadasaa addaan hin kutinaa. Akka isa dhaggeeffachaa jirtan akka hubatuuf isa ilaalaa. Yaadasaatiif garaa keessanirraa isa galateeffadhaa. Falmiirraa fagaadhaa.
• Akka haalasaatti jijjiirama kan gootan taʼaa. Barbaachisaa taanaan, wanta isa yaaddessuu wajjin wal qabsiisuuf akkaataa dhiheenyaa keessan sirreessaa. Tiraaktonni, birooshuroonniifi barruuleen keenya matadureewwan garaagaraa hedduu kan qabatan waan taʼeef, akkas gochuun isinitti salphachuu dandaʼa. Yeroo isaaf hin mijannetti, fakkeenyaaf utuu inni hojiidhaan qabamee jiruu yoo deemtan, haala inni keessa jiru hubachuudhaan akkaataa dhiheenyaa keessan gabaabsaa.
Jiʼa Kanatti Akkas Gochuuf Yaali:
• Babalʼisaan tokko tajaajilarratti wanta namni sun dubbaterratti hundaaʼee akkaataa dhiheenyaasaa sirreessuu kan qabu akkamitti akka taʼe, waaqeffannaa maatii keessanirratti ykn tariimmoo tajaajilarra utuu jirtanii shaakalaa.
• Obboleessi walgaʼii tajaajila dirree geggeessu karaawwan namootaaf akka yaadnu itti argisiisuu dandeenyu ibsuu ykn hojiin argisiisaan akka dhihaatu gochuu dandaʼa.