‘Hojii Gaarii Hojjechuuf Qophaa’oo Ta’aa’
1 Yesus duula lallabaa haaraa yeroo jalqabetti, bartootasaa qopheessuuf yeroo ramadee ture. (Mat. 10:5-14) Hundi keenya hojiin kan nutti baay’atu yoo ta’eyyuu, tajaajila manaa gara manaa jalqabuu keenya dura, daqiiqaa muraasallee ramannee qophaa’uun keenya bu’aa gaarii nuu argamsiisa.—2 Qor. 9:6.
2 Akkamitti Qophaa’uu Qabna? Qophii gaariin, barreeffama raabsuuf karoorfanne akka gaariitti beekuurraa jalqaba. Kana malees, waa’ee namoota naannoo tajaajilaa keenya keessa jiranii yaaduu qabna. Rakkoowwan akkamiitu isaan yaaddessa? Amantiin namoonni kun iddoo guddaa kennaniif maalidha? Akkaataa dhiheenyaa Tajaajila Mootummaafi kitaaba Caaffata Qulqullaa’oorraa Ragaa Dhiheessuu jedhamurra jiran ilaaluu dandeenya.
3 Akkaataawwan dhiheenyaa Walga’ii Tajaajilaarratti hojiin argisiisaan dhihaatan xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuun keenyas nu gargaara. Akkaataa dhiheenyaa keenya itti fayyadamuurratti muuxannoo argachaa yommuu adeemnu, yeroon qophii kanaaf nu barbaachisu xiqqaachaa adeema. Haata’u malee, tajaajila ba’uu keenya dura, yeroo hunda wanta dubbannuuf xiyyeeffannaa kan kenninuufi akkaataa dhiheenyaa keenya kan fooyyessinu yoo ta’e, caalaatti bu’a qabeeyyii ta’uu dandeenya. Kana malees, tajaajila ba’uu keenya dura barreeffamoonni nu barbaachisan hundi korojoo keenya keessa jiraachuusaanii mirkaneeffachuu qabna.
4 Akkaataa dhiheenyaa keenya yaadachuuf maaltu nu gargaara? Kana gochuuf kan nu gargaaru keessaa inni tokko, wanta jechuu barbaanne sagalee keenya dhageessisnee shaakaluudha. Obboloonni tokko tokko qayyabannaa maatiisaaniirratti yeroo ramadanii akkaataa dhiheenyaasaanii shaakalu. Warri kaanimmoo yaada akkaataa dhiheenyaatiif kenname waraqaarratti barreeffachuudhaan, utuu nama tokko hin dubbisin dura ilaaluun gaarii ta’ee argataniiru.
5 Qophaa’uun Barbaachisaa Kan Ta’e Maaliif? Akka gaariitti qophaa’uun keenya, tajaajilarratti bu’a qabeeyyiifi gammadoo ta’uuf nu gargaara. Kana malees, yommuu namoota haasofsiisnu akka hin sodaanne nu gargaara. Maal jennee akka jalqabnu yaadda’uu mannaa, nama haasofsiisnurratti xiyyeeffachuuf nu dandeessisa. Akkasumas, barreeffama raabsinu akka gaariitti beekuun keenya, miira ho’aadhaan raabsuuf nu gargaara.
6 Caaffanni Qulqullaa’oon, ‘hojii gaarii hojjechuuf qophaa’oo akka taanu’ nu jajjabeessu. (Tit. 3:1) Misiraachoo labsuu caalaa hojiin gaarii ta’e jiraa? Akka gaariitti qophaa’uudhaan, nama nu dhaggeeffachuuf fedhii qabuufi Yihowaa isa bakka buunee tajaajilluuf kabaja akka qabnu argisiisna.—Isa. 43:10.