Hubattoota Ta’uudhaan —Akka Namaaf Yaaddan Argisiisaa
1 Yihowaafi Yesus, wanta namootaaf barbaachisu hubatanii gargaarsa gochuuf dandeettii guddaa qabu. (2 Sen. 16:9; Mar. 6:34) Fedhiifi wantoota namoota tajaajilarratti argannu yaaddessan yoo hubanne, misiraachicha yommuu lallabnuuf akkuma haalasaaniitti isaan haasofsiisuu dandeenya.
2 Wanta Hundumaa Akka Gaariitti Qalbeeffadhaa: Yesus nama qalbeeffataa ture. (Mar. 12:41-43; Luq. 19:1-6) Nuyis yeroo manaa gara manaa deemnee namoota haasofsiisnu, fakkiiwwan amantaasaanii ibsan, barreeffama konkolaataasaaniirratti maxxanfame, ykn meeshaawwan ijoolleen mooraasaanii keessatti ittiin taphatan yoo argine, karaa bu’a qabeessa ta’een isaaniif lallabuuf carraa argachuu dandeenya.
3 Fuulli namichaafi haallisaa wanta isatti dhaga’amu mul’isuu danda’a. (Fak. 15:13) Tarii nama jaallatu du’aan waan dhabeef ykn haalli nama jeequu tokko waan isa mudateef jajjabinni isa barbaachisa ta’a. Caqasawwan isa jajjabeessan tokko tokko yoo dubbisteef gammaduu danda’a. (Fak. 16:24) Namni haasofsiistu diida deemuuf jarjareera yoo ta’e, ykn daa’ima boo’aa jiru sossobaa jira yoo ta’e, yeroo garabiraa deebitee dhaquuf haala mijeessuunkee gaarii ta’a. Namaaf yaaduufi ‘kan gaddanii wajjin gadduudhaan’ namichi yommuu deebinee dhaqnutti akka nu dhaggeeffatu gochuu dandeenya.—1 Phe. 3:8 [1899].
4 Yaanni Laattaniif Haalasaanii Wajjin Kan Wal Simu Haata’u: Phaawulos ergamaan, magaalaan Ateenaa iddoo aarsaa “Waaqayyo isa hin beekamneef” qopheeffame akka qabdu qalbeeffatee ture. Kunimmoo akkaataa kamiin akka isaaniif lallabu isa hubachiisee waan tureef, “isa isin utuu hin beekin itti sagaddan kana, isa isinittan lallaba” jedhee ture. Phaawulos malaan isaaniif lallabuunsaa, namoota achitti argaman keessaa tokko tokko ergaa Mootummattii akka fudhataniifi akka amanan godheera.—HoE. 17:23, 34.
5 Haaluma walfakkaatuun, nuyis hubattoota ta’uun keenya fedhii namootaa hubannee akkuma haalasaaniitti isaaniif lallabuuf nu gargaara. Yaada namichaa argachuuf gaaffiiwwaniin gargaarami. Caqasoota fedhiisaa guddisuuf si gargaaran yaadadhu. (Fak. 20:5) Hubattoota ta’uun keenyaafi akka namootaaf yaannu argisiisuun keenya, warra kaaniif misiraachicha malaan akka lallabnu nu gargaara.