Sagantaa Torban Sadaasa 10 Jalqabu
TORBAN SADAASA 10 JALQABU
Faarfannaa 30fi Kadhannaa
Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
Irra deebii kitaaba Yihowaatti Dhihaadhu jedhamuu (Daq. 30)
Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii:
Dubbisa M.Q.: Kes. 19-22 (Daq. 10)
Lakk. 1: Kes. 22:20-30 (Daq. 4 ykn isaa gadi)
Lakk. 2: td 20A Kiristiyaanonni Maqaa Waaqayyoo Isa Dhuunfaatti Fayyadamuu Qabu (Daq. 5)
Lakk. 3: Amantii Dhugaa Beekuun Kan Dandaʼamu Akkamitti?—bh boq. 15 key. 1-14 (Daq. 5)
Walgaʼii Tajaajilaa:
Daq. 10: Gaafannoo Ilaaltuu Olaanaa Tajaajilaatiif Godhamu. Itti gaafatamummaankee maalfaa kan dabalatudha? Garee tajaajilaa tokko yeroo daawwattu maalfaa raawwatta? Obboloonni garee tajaajilaa sana keessa jiran daawwannaakee kanarraa buʼaa argachuu kan dandaʼan akkamitti? Babalʼisaan tokko mala tajaajilaa tokko ilaalchisee gargaarsa yoo si gaafate akkamitti isa gargaarta?
Daq. 20: “Dandeettii Tajaajilarratti Qabnu Guddifachuu—Namootaaf Yaaduu.” Mareedhaan kan dhihaatu. Mataduree kanarratti erga mariʼattanii booda hojiin argisiisni kutaa lama qabu akka dhihaatu godhi. Inni jalqabaa babalʼisaan tokko namootaaf akka yaadu utuu hin argisiisin, barreeffama jiʼa sanatti raabsamu yommuu raabsu kan argisiisudha. Ittaansuudhaan immoo, babalʼisaan tokko namootaaf akka yaadu haala argisiisuun barreeffama sana utuu raabsuu argisiisa.
Faarfannaa 25fi Kadhannaa