LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lv ful. 222-ful. 223 key. 3
  • Waldhabiinsa Daldalaa Wajjin Wal Qabatee Uumamu Hiikuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Waldhabiinsa Daldalaa Wajjin Wal Qabatee Uumamu Hiikuu
  • “Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa”
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Nagaa Duukaa Buʼaa!
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Walitti Buʼiinsi Yommuu Uumamu Jaalalaan Hiikaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
  • Nagaa fi Qulqullina Gumii Eeguu
    Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu
  • Gumichi Jajjabaachaa Haa Adeemu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2007
Dabalataan Ilaaluuf
“Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa”
lv ful. 222-ful. 223 key. 3

KUTAA DABALATAA

Waldhabiinsa Daldalaa Wajjin Wal Qabateen Uumamu Hiikuu

Phaawulos 1 Qorontos 6:1-8⁠rratti, falmii hidhata amantii gidduutti mana murtiitti uumamuu danda’u ilaalchisee ibsa kenneera. Kiristiyaanonni Qorontos tokko tokko namoota hidhata amantiisaanii ‘yaa’ii warra qajeelota hin ta’iniitti geessuuf ija jabaachuunsaanii’ akka isa gaddisiise ibseera. (Lakkoofsa 1) Phaawulos Kiristiyaanonni waldhabiinsa gidduusaaniitti uumame qophii gumii keessatti godhameen hiikuu mannaa, mana murtiitti wal geessuunsaanii sirrii kan hin taane maaliif akka ta’e sababii cimaa kenneera. Sababii geggeessaa hafuura qulqulluutiin gorsi kun itti kennameefi haalawwan muraasa qajeelfama kana keessatti hin dabalamne haa ilaallu.

Haala daldalaa wajjin wal qabateen, obboleessa hidhata amantii keenya wajjin waldhabiinsi yoo uumame, karaa Yihowaatiin malee karaa mataa keenyaan rakkoo kana hiikuuf yaalii gochuu hin qabnu. (Fakkeenya 14:12) Akkuma Yesus ibse, waldhabiinsi uumame utuu hin cimin dafanii hiikuun gaariidha. (Maatewos 5:23-26) Kan nama gaddisiisu garuu, Kiristiyaanonni tokko tokko waldhabiinsi cimaan waan gidduusaaniitti uumameef, sadarkaa mana murtii wal dhaabuu ga’aniiru. Phaawulos, “Fuula yaa’iitti wal geessuun keessan iyyuu dadhabbii keessan argisiisa” jedheera. Maaliif? Sababii inni guddaan, akkas gochuun keenya maqaa gumichaafi Waaqa waaqeffannuu waan arrabsiisuufidha. Kanaaf gaaffii Phaawulos, “Maaliifis hin miidhamtan?” jechuudhaan gaafaterratti xiyyeeffannaan yaaduu qabna.—Lakkoofsa 7.

Phaawulos kana malees, Waaqayyo waldhabiinsa uumamu hiikuuf karaa gumii qophii gochuusaa ibseera. Jaarsoliin dhugaa Macaafa Quqlulluu gad fageenyaan barachuunsaanii ogummaa waan isaaniif argamsiiseef, Phaawulos “dhimma jireenya biyya lafaatti” “dubbii obboloota gidduu jiruuf firdii kennuu danda’u” jedheera. (Lakkoofsa 3-5) Yesus waldhabiinsa maqaa balleessuufi cubbuu ulfaataa gocha gowwoomsaa raawwatameen uumamu hiikuuf, tarkaanfiiwwan fudhatamuu qaban sadi dubbateera. Tokkoffaa, namoonni dhimmisaa ilaallatu qofti wal arganii walii galteerra ga’uu, lammaffaa, tarkaanfiin jalqabaa bu’aa hin argamsiisin hafnaan dhugaa baatuu tokko ykn lamaa wajjin haasofsiisuu, tarkaanfiiwwan lamaan kun bu’aa argamsiisuu baannaan, sadaffaarratti gara gumii isa jaarsoliin bakka buufamuutti dhiheessuudha.—Maatewos 18:15-17.

Jaarsoliin ogeeyyii seeraa ykn daldaltoota ta’uu akka isaan hin barbaachisne beekamaadha; hojiinsaanii jaarsolii malee wantoota seeraa ykn daldalaa wajjin wal qabatanirratti gorsa kennuu miti. Daldalaa wajjin haala wal qabateen waldhabiinsa obboloota gidduutti uumamu hiikuuf seera hin baasan. Kanaa mannaa namoonni dhimmisaa ilaallatu hundi, gorsa Macaafa Qulqulluu hojiirra akka oolchaniifi walii galtee nagaa uumuuf isaan dandeessisurra akka ga’an gargaaruu yaalu. Haallisaa wal xaxaa taanaan, daawwataa olaanaa aanaa ykn waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaa mariisisuu barbaadu ta’a. Ta’us, haalawwan gorsa Phaawulos kennerraa adda ta’an jiraachuu danda’u. Isaan keessaa tokko tokko maalfa’i?

Dhimmoota tokko tokko karaa ofittummaarraa walaba ta’eefi nagaarratti hundaa’een raawwachiisuuf, seerri murtaa’an mana murtii dhaquuf dirqisiisu yeroo itti uumamu jiraachuu danda’a. Fakkeenyaaf, murtoo wal hiikuu raggaasisuuf, mirga mucaa guddisuu argachuuf, qarshii haadha manaa hiikamteef kennamu ykn inshuraansii argachuuf, dhaabbanni daldalaa tokko kasaaraan irra ga’ee yommuu gurguramu namoota qarshiin kaffalamuuf keessaa tokko ta’anii galmeeffamuufi dhaala seeraan raggaasisuuf mana murtii dhaquun barbaachisaa ta’uu danda’a. Kana malees, obboleessi tokko itti gaafatama seeraarraa walaba of gochuuf nama kaanirratti iyyata dhiheessuuf dirqamuu danda’a.a

Wanti kun hamminaaf yaadamee hamma hin godhamnetti, dhimmoota akkasiitiif mana murtii dhaquun gorsa Phaawulos geggeessaa hafuuraatiin barreesseen kan wal faallessu miti.b Ta’us yeroo kamittiyyuu, wanti Kiristiyaana tokko caalaatti yaaddessu maqaan Yihowaa qulqulluu ta’ee eegamuusaa, akkasumas tokkummaafi nagaa gumichaa eeguu ta’uu qaba. Wanti guddaan duuka buutonni Kiristos ittiin beekaman jaalala yommuu ta’u, “jaalalli . . . waan isatti tolu duwwaas hin barbaadu.”—1 Qorontos 13:4, 5; Yohannis 13:34, 35.

a Yeroo baay’ee ga’uu baatus, Kiristiyaanni tokko Kiristiyaana kan biraa gudeeduu, reebuu, ajjeesuu ykn hanna baay’ee ulfaataa raawwata ta’a. Haalli akkasii yommuu ga’u mana murtii kan nama dhaabu ta’us, namni miidhaan irratti raawwatame waa’ee dhimma kanaa abbootii taayitaa beeksisuunsaa, seera bu’uuraa Kiristiyaanummaa akka cabsetti hin ilaalamu.

b Odeeffannoo dabalataa argachuuf, Masaraa Eegumsaa, Bitootessa 15, 1997, fuula 17-22fi Onkoloolessa 15, 1991, fuula 25-8ilaali. (Amaariffa)

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi