BOQONNAA SHAN
Ijoollee Keessan Xinnummaasaaniitii Kaasaa Leenjisaa
1, 2. Warri ijoolleesaanii guddisuuf gargaarsa eenyuu gaafachuu qabu?
WAGGOOTA 3,000 dura abbaan dinqisiifannaa qabu tokko, “Ijoolleen kennaa Waaqayyoo ti” jechuudhaan dubbatee ture. (Faarfannaa 127:3) Eeyyee, gammachuun ijoollee godhachuudhaan argamu kennaa Waaqayyoo isa namoonni gaa’ela godhatan baay’een argachuu danda’anidha. Ta’us, warri ijoollee qaban gammachuu argatanii wajjin itti gaafatamummaa warra ta’uun isaanitti fidu ni hubatu.
2 Keessumaammoo yeroo ammaatti ijoollee guddisuun hojii ulfaataadha. Haata’u malee, warra baay’eedhaaf mijaa’eera. Faarfatichi hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee karaa kun itti danda’amu yeroo ibsu akkas jedheera: “Waaqayyo mana namaa yoo ijaaruu dhaabaate, warri isa ijaaran akkasumaan itti dadhabu.” (Faarfannaa 127:1) Qajeelfama Yihowaan kennu sirriitti yoo hordoftan abbaa ykn haadha gaarii taatu. Macaafni Qulqulluun, “Garaa kee guutuu Waaqayyoon amanadhu, hubannaa ofii keetiitti hin hirkatin!” jedha. (Fakkeenya 3:5) Ijoollee guddisuuf hojii waggaa 20 fudhatu yeroo jalqabdan, gorsa Yihowaa dhaggeeffachuuf fedhii qabduu?
GORSA MACAAFA QULQULLUU FUDHACHUU
3. Ijoollee guddisuu ilaalchisee abbootiin itti gaafatamummaa akkamii qabu?
3 Abbootiin addunyaa maratti argaman hedduun, ijoollee guddisuun gara caalaasaa hojii dubartootaa akka ta’e itti dhaga’ama. Dhugaadha, Macaafni Qulqulluun hojiin abbootii inni guddaan hojii hojjetanii waan maatiidhaaf barbaachisu dhiheessuu akka ta’e dubbata. Haata’u malee, mana keessattis itti gaafatamummaa akka qabu ni dubbata. Macaafni Qulqulluun akkas jedha: “Maasii qopheeffattee, waan ittiin jiraattu hamma argattutti mana hin dhaabbatin!” (Fakkeenya 24:27) Akka ilaalcha Waaqayyootti, abbootiifi haadhotiin wal gargaaranii ijoolleesaanii leenjisu.—Fakkeenya 1:8, 9.
4. Ijoolleen dhiiraa ijoollee durbaarra akka caalanitti ilaalamuu kan hin qabne maaliifi?
4 Ijoollee keessaniif ilaalcha akkamii qabdu? Akka gabaasni jedhutti, namoonni Eeshiyaa “ijoollee durbaa yeroo godhatan baay’ee hin gammadan.” Laatiin Ameerikaatti, “maatiiwwan baratan” keessattillee ammayyuu ijoolleen durbaa hamma ijoollee dhiiraa akka hin jaallatamne gabaasni ni argisiisa. Dhugaansaa garuu ijoolleen durbaa ijoollee sadarkaa lammaffaan kennamuufii qabu miti. Bara duriitti abbaa beekamaa kan ture Yaaqoob, ijoollee durbaa hamma yeroo sanaatti dhalatan dabalatee, ijoolleesaa hunda ‘ijoollee Waaqayyo ayyaana isaatiin anaaf kennedha’ jechuudhaan ibseera. (Uumama 33:1-5; 37:35) Yesusis “mucoolii” (ijoollee dhiiraafi durbaa) garasaa geeffaman hunda eebbiseera. (Maatewos 19:13-15) Inni ilaalcha Yihowaan isaaniif qabu akka argisiise homaa hin shakkinu.—Keessa Deebii 16:14.
5. Abbaan manaafi haati manaa baay’ina ijoolleesaanii akka murteessan kan godhu wanta akkamii xiyyeeffannaa keessa galchuusaaniiti?
5 Naannoo jiraattanitti dubartiin tokko hamma dandeesse ijoollee baay’ee akka deessu irraa eegamaa? Ijoollee meeqa godhachuu akka barbaadan murteessuu kan qabu haadha manaafi abbaa manaa qofadha. Warri, galii ijoolleesaanii sooruufi daara baasuuf, akkasumas barsiisuuf isaan dandeessisu hin qaban yoo ta’ehoo? Eeyyee, ijoollee meeqa akka godhatan yeroo murteessan kana xiyyeeffannaa keessa galchuu qabu. Warri ijoolleesaanii hunda gargaaruu hin dandeenye tokko tokko, ijoolleesaanii keessaa muraasa firoonnisaanii akka guddisaniif itti kennatu. Akkas gochuun gaariidhaa? Matumaa. Kana gochuunsaanii itti gaafatamummaa ijoolleesaanii ilaalchisee qabanirraa walaba isaan hin godhu. Macaafni Qulqulluun akkas jedha: “Namni tokko akkasitti fira [miseensota maatii, NW] isaatiif, caalaadhumatti immoo warra mana isaatiif yoo yaaduu dhaabaate, inni amanticha ganuu isaa ti.” (1 Ximotewos 5:8) Haatiifi abbaan itti gaafatamummaan itti dhaga’amu, ‘miseensota maatiisaaniitiif’ waan barbaachisu dhiheessuu akka danda’anitti baay’ina ‘warra manasaanii’ ilaalchisee karoora baasuuf yaalu. Kana gochuuf mala ittisa da’umsaa fayyadamuu danda’uu? Kunis murtoo mataasaaniiti; mala kanatti fayyadamuuf yoo murteessanisimmoo malli ittisaa filatan murtoosaaniirratti kan hundaa’edha. “Namni adduma addaan waan ofii isaatii baatu qaba.” (Galaatiyaa 6:5) Haata’u malee, malli ittisa da’umsaa mucaa uumame garaadhaa baasuu dabalatu seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluu wajjin wal faallessa. Yihowaan ‘burqaa jireenyaati.’ (Faarfannaa 36:9) Kanaaf, lubbuu gadameessa keessatti uumamuu jalqabe tokko baasuun, Yihowaa baay’isnee akka tuffannu kan argisiisuufi lubbuu balleessuurraa addaan baafamee kan hin ilaalamnedha.—Ba’uu 21:22, 23; Faarfannaa 139:16; Ermiyaas 1:5.
WANTA IJOOLLEE KEESSANIIF BARBAACHISU GUUTUU
6. Mucaa leenjisuun jalqabamuu kan qabu yoomi?
6 Fakkeenyi 22:6, “Akka itti jiraachuun ta’u mucaa barsiisi [leenjisi!, NW]” jedha. Ijoollee leenjisuun hojii dabalataa guddaa warraaf kennamedha. Leenjiin kun yoom jalqabamuu qaba? Baay’ee dursee jalqabamuu qaba. Phaawulos, Ximotewos kan leenjifame “mucummaa [isaatii]” kaasee akka ta’e dubbateera. (2 Ximotewos 3:15) Jechi afaan Giriikii bakka kanatti ibsame, mucaa baay’ee xinnoo ta’e ykn isuma hin dhalanneyyuu argisiisuu danda’a. (Luqaas 1:41, 44; Hojii Ergamootaa 7:18-20) Kanaaf, Ximotewos leenjii kan argate baay’ee xinnoo ta’ee yommuu ta’u, kunis sirrii ture. Sammuun ijoollee xixinnoo beekumsa fudhachuuf banaa waan ta’eef, mucummaan yeroo gaarii ijoollee leenjisuu itti jalqabanidha.
7. (a) Haatis ta’e abbaan mucaasaanii wajjin walitti dhufeenya cimaa qabaachuu kan qaban maaliifi? (b) Yihowaafi Ilmasaa isa tokkicha gidduu walitti dhufeenya akkamiitu jira?
7 Haati tokko, “Yeroo jalqabaatiif mucaakoo ennaan argu jaalala guddaatu na qabe” jetteetti. Haadhotii baay’eettis miira akkasiitu itti dhaga’ama. Walitti dhufeenyi gammachiisaan haadhaafi mucaa gidduu jiru akkasii kun, guyyaa mucichi dhalatee kaasee yeroo waliin dabarsuusaaniitiin guddachaa adeema. Harma hoosisuunimmoo jaalalasaanii cimsa. (1 Tasaloniiqee 2:7 waliin ilaali.) Haati mucaashee sossobuufi haasofsiisuunshee, wanta miira daa’imichaatiif barbaachisu kan guutudha. (Isaayaas 66:12 waliin ilaali.) Abbaanoo? Innis mucaasaa isa haaraa wajjin jaalala uumuu qaba. Karaa kanaan Yihowaan fakkeenya ta’a. Macaafa Fakkeenyaa keessatti walitti dhufeenya Yihowaan Ilmasaa isa tokkicha wajjin qabu, yaada inni akkas jechuudhaan dubbaterraa baranna: “Waaqayyo jalqaba hojii isaatiitti . . . na uume; har’aa bor isa nan gammachiisan ture.” (Fakkeenya 8:22, 30; Yohannis 1:14) Haaluma wal fakkaatuun, abbaa gaariin tokkos guyyaa mucichi dhalatee kaasee, isaa wajjin walitti dhufeenya gaarii jaalalarratti hundaa’e uumuu danda’a. Abbaan tokko, “Jaalala cimaa itti argisiisaa. Hamma ammaatti mucaan hammatamuu ykn dhungatamuusaatiin du’e hin jiru” jechuudhaan dubbateera.
8. Warri, hamma danda’ametti dafanii sammuu daa’immansaanii dadammaqsuuf maal gochuu qabu?
8 Haata’u malee, daa’imman wanta kanarra caalu barbaadu. Guyyaa dhalatanii kaasee sammuunsaanii odeeffannoo fudhachuufi kuusuuf qophaa’aa yommuu ta’u, dursa fudhatanii kana gochuu kan danda’animmoo haadhaaf abbaadha. Fakkeenyaaf qooqa haa fudhannu. Dandeettiin dubbachuufi dubbisuu mucaa tokkoo, “walitti dhufeenya jalqabaa kaasee warrasaa wajjin qaburratti kan hundaa’e ta’uusaa akka yaadamu” qorattoonni ni dubbatu. Daa’imummaasaatii jalqabaatii mucaa keessan haasofsiisaa, akkasumas dubbisaafii. Isaanis yeruma sana isin hordofuu jalqabu, utuu baay’ee hin turinis dubbisuu isa barsiisuu dandeessu. Yoo akkas ta’e mana barumsaa galuusaa dura dubbisuu danda’a. Keessumaa biyya barsiistonni muraasa ta’aniifi ijoolleen baay’een daree tokkotti baratan keessa kan jiraattan yoo ta’e, kana gochuun keessan baay’ee barbaachisaadha.
9. Warri, kaayyoo baay’ee barbaachisaa ta’e akkamii yaadatti qabachuu qabu?
9 Wanti hunda caalaa warra yaaddessu, wanta karaa hafuuraa mucaasaaniitiif barbaachisu dhiheessuudha. (Keessa Deebii 8:3 waliin ilaali.) Kaayyoo maaliitiif kana godhu? Mucaansaanii amala akka Kiristos akka qabaatu, jechuunis “namummaa haaraa” akka uffatu gargaaruufidha. (Efesoon 4:24) Kana gochuufis meeshaafi mala ijaarsaa gaarii ta’etti fayyadamuu qabu.
IRRA DEDDEEBI’AA IJOOLLEE KEESSAN DHUGAA BARSIISAA
10. Ijoolleen amalawwan akkamii horachuu qabu?
10 Ijaarsi gamoo tokkoo gaarii ta’uunsaa gara caalaatti meeshaa ijaarsaaf oolurratti kan hundaa’edha. Phaawulos ergamaan, amala Kiristiyaanaa horachuuf meeshaan ijaarsaa hunda caalu, ‘warqee, meetii, dhagaa gati-jabeessa’ ta’uusaa dubbateera. (1 Qorontos 3:10-12) Wantoonni kunis amalawwan akka amantii, ogummaa, hubannaa, amanamummaa, kabaja, akkasumas Yihowaafi seerawwansaatiif jaalala qabaachuu kan argisiisanidha. (Faarfannaa 19:7-11; Fakkeenya 2:1-6; 3:13, 14) Warri, ijoolleensaanii amalawwan kana mucummaasaaniitii kaasee akka horatan gargaaruu kan danda’an akkamitti? Qajeelfama waggoota hedduu dura kaa’ame hordofuudhaanidha.
11. Israa’eloonni ijoolleensaanii amalawwan gaarii akka horatan kan gargaaran akkamitti?
11 Sabni Israa’el Biyyatti Abdachiifamtetti galuusaa yeroo xinnoo dura, Yihowaan haadhotiifi abbootii Israa’elootaatiin akkas jedhee ture: “Dubbiin ani har’a si abboomu kunis garaa kee keessa haa taa’u! Isas keessa deddeebi’ii ijoollee kee barsiisi! Yeroo mana kee keessa teessu, karaa irra yeroo adeemtu, yeroo ciiftu, yeroo kaatus waa’ee isaa dubbadhu!” (Keessa Deebii 6:6, 7) Eeyyee, warri ijoolleesaaniitiif fakkeenya, hiriyaa, kan isaan haasofsiisaniifi barsiistota ta’uunsaanii barbaachisaadha.
12. Warri fakkeenya gaarii ta’uunsaanii barbaachisaa kan ta’e maaliifi?
12 Fakkeenya ta’aafii. Yihowaan dura “Dubbiin . . . kunis garaa kee keessa haa taa’u!” jedheera. Achiis, “Keessa deddeebi’ii ijoollee kee barsiisi!” jechuudhaan itti fufe. Kanaafuu amalli gaariin dura garaa warraa keessa jiraachuu qaba. Warri, dhugaa jaallachuufi ittiin jiraachuu qabu. Garaa mucaasaanii tuquu kan danda’an yoo akkas godhan qofadha. (Fakkeenya 20:7) Maaliif? Ijoolleen wanta dhaga’anirra wanta ijaan argan waan hordofaniifidha.—Luqaas 6:40; 1 Qorontos 11:1.
13. Warri Kiristiyaanota ta’an ijoolleesaaniitiif xiyyeeffannaa kennuu ilaalchisee fakkeenya Yesus hordofuu kan danda’an akkamitti?
13 Hiriyaa ta’aafii. Yihowaan Abbootiifi haadhotii Israa’elootaatiin akkas jedhee ture: ‘Yeroo mana keessan keessa teessaniifi yeroo karaarra adeemtan ijoollee keessanitti dubbadhaa.’ Kana gochuunimmoo, warri hammamiyyuu hojiidhaan yoo qabaman ijoolleesaanii wajjin yeroo dabarsuu isaan gaafata. Yesus ijoollee xixinnoodhaaf yeroo kennuu akka qabu itti dhaga’amee ture. Tajaajilasaa isa lafarraa xumuruu yeroo ga’etti, “harka isaa akka isaan irra kaa’uuf namoonni tokko mucoolii gara isaatti in fidan.” Yesus maal godhe? “Mucooliis ammatee harka isaas mataa isaanii irra kaa’ee isaan eebbises.” (Maarqos 10:13, 16) Mee ilaalaa, yeroon Yesus itti ajjeefamu baay’ee dhihaatee ture. Ta’uyyuu, ijoollee sanaaf yeroofi xiyyeeffannaa kenneera. Kun barumsa guddaa mitii?
14. Warri ijoolleesaanii wajjin yeroo dabarsuunsaanii faayidaa kan qabu maaliifi?
14 Isaan haasofsiisaa. Mucaa keessanii wajjin yeroo dabarsuun keessan isa haasofsiisuuf isin gargaara. Caalaatti waliin haasa’aa yeroo deemtan, mucaan keessan amala akkamii horachaa akka jiru hubachuu dandeessu. Haata’u malee, haasofsiisuu jechuun akkasumaan waa dubbachuurraa adda ta’uusaa yaadadhaa. Haati Biraaziilitti argamtu tokko, “Dandeettii garaa guutuudhaan dhaggeeffachuu horachuun na barbaachisa ture” jetteetti. Mucaanshee wanta isatti dhaga’amu isheetti himuu ennaa jalqabu obsishee bu’aa argamsiiseera.
15. Bashannana ilaalchisee wantoota akkamii yaadatti qabachuutu barbaachisa?
15 Ijoolleen, ‘yeroon itti kolfaniifi yeroon itti sirban’ akkasumas yeroon itti bashannanan isaan barbaachisa. (Lallaba 3:1, 4; Zakaariyaas 8:5) Warriifi ijoolleen waliin bashannanuunsaanii faayidaa guddaa argamsiisa. Maatiiwwan hedduudhaaf bashannana jechuun televijiinii ilaaluu ta’uunsaa nama gaddisiisa. Sagantaawwan televijiinii tokko tokko kan nama bashannansiisan ta’uu danda’aniyyuu, baay’eensaanii amala gaarii kan mancaasanidha; kana malees televijiinii ilaaluun maatii keessatti waliin haasa’uun akka hin jiraanneef gufuu ta’a. Erga akkas ta’ee, wanta ijoollee keessanii wajjin akka gammaddan godhu kan biraa maaliif hin gootan? Faarfachuu, tapha addaddaa taphachuu, hiriyoota keessanii wajjiin walitti sassaabamtanii haasa’uu, akkasumas naannoowwan nama gammachiisan daawwachuu dandeessu. Sochiiwwan akkasii yeroo itti walii wajjin haasoftan isinii argamsiisu.
16. Warri, ijoolleesaanii waa’ee Yihowaa maal barsiisuu qabu? Kana gochuu kan danda’an akkamitti?
16 Barsiisaa ta’aa. Yihowaan, “[Dubbii kana] keessa deddeebi’ii ijoollee kee barsiisi!” jedheera. Yaanni naannoo caqasichaa jiru, maal barsiisuufi akkamitti barsiisuu akka qabdan isinitti hima. “Ati Waaqayyoon gooftaa kee garaa kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaanis jaalladhu!” (Keessa Deebii 6:5) Achiis, “[Dubbii kanas] keessa deddeebi’ii . . . barsiisi!” Qajeelfama Yihowaafi seerawwansaa garaa guutuudhaan jaallachuuf isaan gargaaru kennaafii. (Ibroota 8:10 waliin ilaali.) Yihowaan ‘keessa deddeebi’ii barsiisi’ yeroo jedhu, karaan inni jalqabaa ijoolleen keessan amala gaarii akka horatan gargaaruu itti dandeessan, irra deddeebistanii waa’ee Waaqayyoo itti himuudhaan akka ta’e isinitti himaa jira. Kunis yeroo hundumaa isaanii wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachuu dabalata.
Warra nana, ijoollee keessaniif fakkeenya, hiriyaa, kan isaan haasofsiistaniifi barsiistota ta’aa
17. Warri, ijoolleensaanii amala akkamii akka guddifatan gargaaruu qabu? Maaliif?
17 Warri baay’een, mucaansaanii odeeffannoo tokko akka qabatu gochuun salphaa akka hin taane beeku. Phexros ergamaan akkas jechuudhaan Kiristiyaanota gorseera: “Akka mucooliin reefuu dhalatan aannan barbaadanitti, isinis . . . yeroo hundumaa dubbii hafuuraa isa haxxummaan keessa hin jirre akka aannanii sana dharra’aa!” (1 Phexros 2:2) Jechi “dharra’aa!” jedhu, namoonni baay’een uumamaan nyaata hafuuraatiif akka hin beelofne argisiisa. Warri, ijoolleensaanii dharraa akkasii akka qabaatan gochuuf mala barbaaduu qabu.
18. Malli Yesus ittiin barsiiseefi warri akka hordofan gorfaman kamfa’i?
18 Yesus fakkeenyatti fayyadamuudhaan garaa namootaa tuquu danda’eera. (Maarqos 13:34; Luqaas 10:29-37) Mala kanaan fayyadamanii barsiisuun keessumaa ijoolleerratti bu’aa gaarii argamsiisa. Seenaawwan barreeffamoota akka Kitaaba koo Isan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu jedhamaniirraa, seenaa nama gammachiisutti fayyadamuudhaan seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluu isaan barsiisaa.a Ijoolleenis akka irratti hirmaatan godhaa. Seenaawwan Macaafa Qulqulluu fakkiidhaan kaasuufi hojiidhaan argisiisuudhaan dandeettii uumamaasaaniitti akka fayyadaman godhaa. Yesus gaaffiittis ni fayyadama ture. (Maatewos 17:24-27) Yeroo qayyabannaa maatii gootan mala inni itti fayyadame kana hordofaa. Akkasumaan seerri Waaqayyoo maal akka ta’e dubbachuu mannaa, gaaffiiwwan, Yihowaan seerawwan kana kan kenne maaliifi? Seera kana yoo eegne maal arganna? Yoo eeguu baannehoo? jedhan gaafadhaa. Gaaffiiwwan akkasii, mucichi seerri Waaqayyoo sirriifi gaarii ta’uusaa akka hubatu gargaaru.—Keessa Deebii 10:13.
19. Warri, haala ijoolleesaanii wajjin wal qabateen seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluu kan hordofan yoo ta’e, ijoolleen bu’aa guddaa akkamii argatu?
19 Mucaa keessaniif fakkeenya, hiriyaa, kan isa haasofsiistaniifi barsiisaa ta’uudhaan, xinnummaasaatii kaasee Yihowaa wajjin walitti dhiheenya gaarii akka qabaatu gargaaruu dandeessu. Walitti dhufeenyi kunis mucaan keessan Kiristiyaana ta’uusaatti akka gammadu isa gargaara. Dhiibbaan hiriyootaafi qorumsi yeroo isarra ga’uttillee, haala amantaasaa wajjin wal simuun jiraachuuf carraaqqii godha. Yeroo hundumaa walitti dhufeenya bakka guddaa qabu kana akka dinqisiifatu gargaaraa.—Fakkeenya 27:11.
ADABNI BARBAACHISAADHA
20. Adabni maalidha? Kennamuu kan qabu akkamitti?
20 Adabni, leenjii sammuufi qalbii namaa sirreessudha. Wanta ijoolleen yeroo hundumaa argachuu qabanidha. Phaawulos, “Adabaafi barsiisa gooftaatiin ijoollee keessan guddisaa” jechuudhaan abbootii gorseera. (Efesoon 6:4) Akkuma Yihowaa, warris jaalalaan ijoolleesaanii adabuu qabu. (Ibroota 12:4-11) Adabni jaalalarratti hundaa’e sababii adabichaa ibsuudhaan kennamuu danda’a. Kanaaf “adaba fudhadhaa” jedhamneerra. (Fakkeenya 8:33, NW) Adabni akkamitti kennamuu qaba?
21. Warri ijoolleesaanii yommuu adaban seera bu’uuraa kam yaadatti qabachuu qabu?
21 Warri tokko tokko ijoolleesaanii adabuun, akkasumaan sossodaachisuudhaan itti dubbachuu, isaanitti dheekkamuu ykn isaan arrabsuuyyuu kan dabalatu itti fakkaata. Haata’u malee, adaba ilaalchisee Phaawulos, “Isin immoo abboota nana! . . . ijoollee keessan . . . aarsuudhaaf isaan hin tuttuqinaa!” jechuudhaan akeekkachiiseera. (Efesoon 6:4) Kiristiyaanonni hundi ‘nama hundumaatti gaarummaa akka argisiisan, warra mormanis hafuura gara-laafinaatiin gorsanii akka deebisan’ gorfamaniiru. (2 Ximotewos 2:24, 25) Warri Kiristiyaana ta’an ejjennoo hin jijijjiiramne qabaachuun akka barbaachisu beekaniyyuu, ijoolleesaanii ennaa adaban jechoota kana yaadatti qabachuuf yaalu. Yeroo tokko tokko garuu akkasumaan sababii dhiheessanii balleessaasaanii itti himuun ga’aa ta’uu dhiisuu waan danda’uuf, uleedhaan adabuun barbaachisaa ta’uu danda’a.—Fakkeenya 22:15.
22. Mucaan tokko uleedhaan adabamuun yoo isa barbaachise maal akka hubatu godhamuu qaba?
22 Ijoolleen amala gara garaa waan qabaniif adaba addaddaatu isaan barbaachisa. Ijoollee tokko tokkotti ‘ifanni isaanitti hin dhaga’amu.’ Kanaafuu, ajajamuu diduusaaniitiin darbee darbee uleedhaan adabamuunsaanii lubbuusaanii oolchuufii danda’a. (Fakkeenya 17:10; 23:13, 14; 29:19) Ta’uyyuu sababii adabamaniif beekuu qabu. “Ijoollee adabanii karaa irra buusuun gaarii dha.” (Fakkeenya 29:15; Iyoob 6:24) Adabni daangaa qaba. Yihowaan sabasaatiin, “Isiniin garuu qajeelummaadhaan adabeen deebisa [qixxeettan si adaba, 1899] “ jedhee ture. (Ermiyaas 46:28b) Macaafni Qulqulluun, hamma qaamnisaanii dirmammaa’utti ykn madaa’utti aariidhaan adabuu ykn garmalee ijoollee reebuu hin deggeru.—Fakkeenya 16:32.
23. Mucaan tokko yeroo warrisaa isa adaban maal hubachuu qaba?
23 Yihowaan sabasaa akka adabu yeroo isaan akeekkachiisu, dura, “Ani isinii wajjin waanan jiruuf, hin sodaatinaa!” jedheenii ture. (Ermiyaas 46:28a) Haaluma wal fakkaatuun, warris adaba sirrii ta’e akkamiiyyuu yeroo kennan, mucichi akka jibbame akka itti dhaga’amu gochuu hin qaban. (Qolosaayis 3:21) Kanaa mannaa, warrisaa adaba kan kennaniif ‘isaa wajjin’ waan jiraniif, jechuunis waan isaaf yaadaniif akka ta’e itti dhaga’amuu qaba.
IJOOLLEE KEESSAN BALAARRAA EEGAA
24, 25. Miidhaa guddaan yeroo har’aatti ijoolleen jalaa oolfamuu qaban maalidha?
24 Ga’eessonni baay’een yeroon ijoollummaasaanii gammachiisaa akka ture yaadatu. Eegumsa jala akka jiran akka itti dhaga’amu, wanti fedheyyuu yoo uumame warrisaanii akka isaaniif jiran itti dhaga’amaa akka ture yaadatu. Warris ijoolleesaaniitti akkas akka itti dhaga’amu kan barbaadan ta’uyyuu, addunyaa hamaa kana keessatti ijoolleedhaaf eegumsa akkasii gochuun isa kanaan duraarra ulfaataadha.
25 Wanti sodaachisaan nama jibbisiisuufi waggoota dhihoodhaa asitti dabalaa dhufe miidhaa karaa saalqunnamtii isaanirra ga’udha. Biyya Maaleeshiyaatti lakkoofsi ijoollee miidhaan saalqunnamtii isaanirratti raawwatamuu, waggoota kudhan keessatti dachaa afuriin guddateera. Jarman keessatti waggaa waggaadhaan ijoolleen gara 300,000 ta’an ni gudeedamu; qorannaan biyya Ameerikaa Kibbaa tokko keessatti godhame akka argisiisuttimmoo, ijoolleen gochi kun irratti raawwatamu 9,000,000 akka ta’e kan tilmaamame yommuu ta’u, kunis baay’ee kan nama rifachiisudha. Ijoolleen kun kan gudeedaman mana ofiisaanii keessatti, namoota beekaniifi amananiin ta’uunsaammoo caalaatti kan nama gaddisiisudha. Warri, ijoolleesaaniitiif eegumsa guddaa gochuu qabu. Kana gochuu kan danda’an akkamitti?
26. Karaawwan ijoolleen eegumsa itti argachuu danda’an tokko tokko maalidha? Beekumsi ijoollee eeguu kan danda’u akkamitti?
26 Yeroo baay’ee kan gudeedaman ijoollee waa’ee saalaa hin beekne akka ta’an muuxannoon waan argisiisuuf, wanti guddaan kanarraa isaan oolchu danda’u ijoollee xixinnoollee waa’ee kanaa barsiisuudha. Beekumsi “karaa namoota jal’ootaa irraa, warra dubbiin isaanii jal’aa ta’e irraa” nama eeguu danda’a. (Fakkeenya 2:10-12) Beekumsa akkamiiti? Beekumsa seerawwan bu’uuraa Macaafni Qulqulluun amalawwan sirriifi dogoggora ta’an ilaalchisee kennu baruudha. Namoonni gurguddaan hammeenya hojjechuu akka danda’aniifi wanta dogoggora ta’e akka hojjetan yeroo isaan gaafatan diduu akka qaban beekuunsaaniis barbaachisaadha. (Daani’el 1:4, 8; 3:16-18 waliin ilaali.) Qajeelfama kana yeruma tokko kennitanii hin dhiisinaa. Ijoollee xixinnoo hedduun barumsa tokko akka qabataniif irra deddeebi’anii itti himuun barbaachisaadha. Ijoolleen guddachaa yeroo adeeman, abbaan qullaa intalasaa, haatis qullaa ilmashee ilaaluurraa of eeggachuunsaanii akka isaan kabajaniifi akka isaan jaallatan kan argisiisu yommuu ta’u, kunimmoo ijoolleen waan sirrii ta’eef ilaalcha gaarii akka qabaatan godha. Kana malees, karaan ijoolleen keessan akka hin gudeedamne ittisuu dandeessan inni guddaan, warrasaanii hamma taatanitti dhiheenyatti isaan hordofuudha.
QAJEELFAMA WAAQAYYOO BARBAADAA
27, 28. Warri, ijoollee guddisuudhaan rakkinni yeroo isaanirra ga’u, gargaarsa hunda caalu eessaa argatu?
27 Daa’imummaasaaniitii kaasanii ijoollee leenjisuun rakkisaa akka ta’e beekamaadha; warri Dhugaa Baatota Yihowaa ta’an garuu rakkina kanaa wajjin kan qabsaa’an kophaasaanii miti. Bara Abboota Firdiitti, namni Maano’aa jedhamu tokko mucaa godhachuuf akka jedhu yommuu beeku, akkaataa mucicha itti guddisu ilaalchisee Yihowaan qajeelfama akka isaaf kennu gaafatee ture. Yihowaanis kadhannaasaatiif deebii kenneera.—Abboota Firdii 13:8, 12, 24.
28 Har’as, warri amantoota ta’an akkaataa ijoolleesaanii itti guddisan ilaalchisee Yihowaa kadhachuu danda’u. Warra ta’uun carraaqqii guddaa kan gaafatu ta’us, baay’ee kan nama kiisudha. Haatiifi abbaan biyya Haawaayi tokko akkas jedhaniiru: “Ijoollee keessan waggoota kurnan rakkisaa ta’an keessa galuusaanii dura leenjisuuf waggoota 12 qabdu. Haata’u malee, Seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuuf carraaqqii guddaa yoo gootan, waggoonni sun yeroo ijoolleen keessan garaa guutuudhaan Yihowaa tajaajiluuf murtoo gochuusaaniitiin gammachuufi nagaa guddaa itti argattan ta’uu danda’u.” (Fakkeenya 23:15, 16) Mucaan keessan murtoo akkasii yommuu godhu, isinis: “Ijoolleen kennaa Waaqayyoo ti” jettanii dubbachuuf kakaatu.
a Dhugaa Baatota Yihowaatiin kan qophaa’e.