LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • sp ful. 23-27
  • Yihowaa Malee Seexana Hin Tajaajilin

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yihowaa Malee Seexana Hin Tajaajilin
  • Ekeraan Namoota Du’anii Si Gargaaruu Yookiin Si Miidhuu Danda’uu? Dhugumaanoo Jiruu?
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yihowaan Waaqa Gaariidha
  • Gochawwan Ciiggaasisoorraa Fagaadhu
  • Ulaagaa Waaqeffannaan Dhugaa Sirraa Barbaadu Guuti
  • Dhugaa Baatota Yihowaa Wajjin Hariiroo Qabaadhu
  • Maleekota Ilaalchisee Dhugaan Isaa Maali Dha?
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
  • Amantii Sobaarraa Fagaadhu; Amantii Dhugaa Hordofi
    Daandii Jireenya Barabaraatti Geessu Argatteettaa?
  • Maleekota Ilaalchisee Dhugaan Jiru Maali Dha?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Yesus Hafuurota Hamoorratti Aangoo Qaba
    Barsiisaa Guddicharraa Baradhu
Dabalataan Ilaaluuf
Ekeraan Namoota Du’anii Si Gargaaruu Yookiin Si Miidhuu Danda’uu? Dhugumaanoo Jiruu?
sp ful. 23-27

Yihowaa Malee Seexana Hin Tajaajilin

Hundi keenya filannoo tokko qabna. Seexanaafi hafuurota hamoo ykn Yihowaa tajaajilla. Lamaansaanii walqixa tajaajiluu hin dandeenyu. Yihowaa tajaajiluun ogummaa hunda caaludha!

Yihowaan Waaqa Gaariidha

Akkuma dursinee ilaalle, hafuuronni hamoon ilmaan namootaa miidhuufi gowwoomsuutti gammadu. Yihowaan garuu akkas miti. Akka abbaan tokko ijoolleesaa jaallatutti ilmaan namootaa jaallata. Inni, madda ‘kennaa gaarii hundaafi kennaa guutuu hundaati.’ (Yaaqoob 1:17) Aarsaa guddaa isa gaafatellee wanta gaarii ta’e hundaa ilmaan namootaaf gochuurraa duubatti hin jedhu.—Filiphisiiyus 2:4-7.

Yesuus warra qaro dhabeeyyii fayyisuudhaan, dubbachuu hin dandeenye akka dubbatan gochuudhaanii fi namoota duʼan duʼaa kaasuudhaan namootatti jaalala argisiiseera.

Yesus, Ilmi Waaqayyo dhukkubasaaniittii isaan fayyisuudhaan namoota akka jaallatu argisiiseera

Wanta Yesus, Ilmi Waaqayyoo lafarratti raawwate mee yaadi. Warri arrabnisaanii dide akka dubbatan, warri qaroonsaanii jaame akka argu godheera. Namoota naafataniifi dhukkuba lamxiitiin qabaman fayyiseera. Hafuurota hamoo namootarraa baaseera; dhukkuba hundaas fayyiseera. Yesus humna Waaqayyo biraa argateen namoota du’anillee kaaseera.—Maatewos 9:32-35; 15:30, 31; Luqaas 7:11-15.

Waaqayyo nu gowwoomsuuf jecha soba nutti dubbachuu mannaa yeroo hundaa wanta dhugaa ta’e nutti hima. Inni matumaa eenyuniyyuu hin gowwoomsu.—Lakkoobsa 23:19.

Gochawwan Ciiggaasisoorraa Fagaadhu

Akkuma man’een sariitii titiisa xaxee qabu, namoonni miliyoonaan lakkaa’aman amantii sobaafi sobaan xaxamanii qabamaniiru. Namoota du’an ni sodaatu. Hafuurota hamoo ni sodaatu. Abaarsi, milkiin, kudhaamniifi meeshaawwan qorichi irratti hojjetamaniiru jedhamanii yaadaman isaan yaaddessu. Amantiifi duudhaawwan sobaa Seexanarratti hundaa’aniin xaxamanii qabamaniiru. Tajaajiltoonni Waaqayyoo garuu wantoota kana keessaa tokkoonillee hin qabamne.

Yihowaan humna guddaa Seexanarra caalu qaba. Yihowaa kan tajaajiltu taanaan inni hafuurota hamoorraa si eega. (Yaaqoob 4:7) Yaaliin qorichaan nama daawwessuuf godhamu sirratti hin hojjetu. Fakkeenyaaf, Naayijeeriyaatti namoonni humna guddaa nama daawwessuu qaban sadii Dhugaa Baatu Yihowaa magaalicha dhiisee ba’uu dide tokko ajjeesuuf yaalan. Yaaliinsaanii akka hin milkoofne yommuu hubatan isaan keessaa inni tokko waan sodaateef, gara Dhugaa Baatuu sanaa dhaqee dhiifama gaafate.

Namoonni Efesoon kitaabota ittiin qoricha namatti hojjetan gubaniiru

Namoonni Efesoon kitaabota ittiin namatti qoricha hojjetan gubaniiru

Hafuuronni hamoon si rakkisnaan, Yihowaa maqaasaatiin waamuu kan dandeessu si’a ta’u, Yihowaanis si eega. (Fakkeenya 18:10) Haata’u malee, eegumsa Waaqayyo argachuu barbaannaan, hojii hafuurota hamoofi isaaniin waaqeffachuu wajjin walitti dhufeenya qaban hundaarraa guutummaatti walaba ta’uu qabda. Namoonni Waaqayyoon waaqeffataniifi Efesoon durii keessa turan akkas godhaniiru. Kitaabota ittiin qoricha namatti hojjechaa turan hundaa walitti guuranii guban. (Hojii Ergamootaa 19:19, 20) Tajaajiltoonni Waaqayyoo yeroo ammaatti argamanis tarkaanfii wal fakkaatu fudhachuu qabu. Kudhaamota, calleewwan “eegumsa” namaaf argamsiisu jedhamanii amanaman, akkasumas kitaabota ittiin qoricha namatti hojjetaniifi hafuurota hamoo wajjin walitti dhufeenya qaban hundaarraa fagaadhu.

Ulaagaa Waaqeffannaan Dhugaa Sirraa Barbaadu Guuti

Waaqayyoon gammachiisuu barbaannaan, waaqeffannaa sobaarraa fagaachuufi gochawwan gadhee ta’anirraa fagaachuun qofti ga’aa miti. Ulaagaa waaqeffannaan dhugaa sirraa barbaadu hundaa guutuuf carraaquu qabda. Macaafni Qulqulluun wantonni kana gochuuf barbaachisan maal akka ta’an ibsa:

Waaqeffannaan dhugaa walgaʼiiwwan irratti argamuu fi Kitaaba Qulqulluu dubbisuu dabalata

Walga’iiwwan Kiristiyaanaarratti argami.—Ibroota 10:24, 25

Macaafa Qulqulluu Qayyabadhu.—Yohannis 17:3

Waaqeffannaan dhugaa warra kaaniif lallabuu, Yihowaatti kadhannaa dhiheessuu fi cuuphamuu dabalata

Warra kaaniif lallabi.—Maatewos 24:14

Yihowaa kadhadhu.—Filiphisiiyus 4:6, 7

Cuuphami.—Hojii Ergamootaa 2:41

Dhugaa Baatota Yihowaa Wajjin Hariiroo Qabaadhu

Seexanniifi hafuuronni hamoon lafa kanarraa namoota wanta dogoggora ta’e barsiisaniifi raawwatan qabu. Yihowaanis saba mataasaa qaba. Isaanis Dhugaa Baatota Yihowaati. (Isaayaas 43:10) Addunyaa maratti Dhugaa Baatota Yihowaa miliyoona ja’aa ol ta’antu argamu. Hundisaanii wantoota gaarii ta’an gochuufi wantoota dhugaa ta’an namoota barsiisuuf carraaqu. Biyyoota hedduu keessatti, Galma Mootummaasaanii keessatti isaan argachuu kan dandeessu si’a ta’u, isaanis gammachuudhaan si simatu.

Hojiinsaanii namoonni kaan Waaqayyoon akka tajaajilan gargaaruudha. Karaa sirrii ta’een Yihowaa waaqeffachuu kan dandeessu akkamitti akka ta’e akka hubattu si gargaaruuf, manakeetti Macaafa Qulqulluu si qayyabsiisuu danda’u. Kanaafis qarshii hin kaffaltu. Dhugaa Baatonni kun Waaqayyoofi namoota waan jaallataniif, waa’ee dhugaa barsiisuun isaan gammachiisa.

Dhugaa Baatonni Yihowaa gara Galma Walgaʼiitti namoota ni afeeru akkasumas Kitaaba Qulqulluu isaan qoʼachiisu

Dhugaa Baatonni Yihowaa Waaqayyoon akka tajaajiltu si gargaaru

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi