Qayyabannaa 45
Fakkeenyota Barsiisuuf Gargaaran
FAKKEENYATTI fayyadamnee barsiisuun keenya faayidaa guddaa qaba. Kana gochuun yeroo baayʼee namoonni hanga dhumaatti xiyyeeffannaadhaan akka dhaggeeffataniifi dhimma sanarratti akka yaadan godha. Miira namaa waan kakaasuuf, yaadaafi garaa dhaggeeffattootaa tuquu dandaʼa. Ilaalcha dogoggoraa sirreessuufis ni gargaara. Barumsichi akka yaadatamu gochuurrattis gaʼee guddaa qaba. Atoo yeroo barsiistu fakkeenyatti ni fayyadamtaa?
Dubbiin dachaa, jechoota muraasa qofa kan qabate taʼuyyuu sammuu namootaa keessatti fakkii hin irraanfatamne uumuu dandaʼa. Of eeggannoodhaan yoo filatame, hiikasaa ibsuun utuu hin barbaachisin hubatamuu dandaʼa. Haataʼu malee, barsiisaan tokko yaada dabarsuu barbaade caalaatti ifa gochuuf, ibsa gabaabaa irratti kennuu dandaʼa. Gama kanaan Macaafa Qulqulluurraa fakkeenya hedduu argachuu dandeessa.
Walbira Qabanii ykn Wal Fakkeessanii Ibsuu. Walbira qabanii ibsuun, mala salphaa dubbii dachaa taʼe dubbachuuf gargaarudha. Fakkeenyatti fayyadamuu barachaa jirta taanaan, mala kanarraa jalqabuunkee gaariidha. Walbira qabanii ibsuun, yeroo baayʼee jechoota “akka” ykn “akkuma” jedhamaniin ibsama. Malli kun, wantoota addadda taʼan lama walbira qabanii ibsuu kan argisiisu siʼa taʼu, wanti wal isaan fakkeessu akka jirus ifa godha. Macaafni Qulqulluun, jechoota dachaa waaʼee biqiltuu, waaʼee bineensaa, waaʼee wantoota samiirratti argamaniifi muuxannoo namootaa ibsan hedduu qabateera. Faarfannaan 1:3, nama yeroo hunda Dubbii Waaqayyoo dubbisu, “akka muka isa bishaan yaaʼaa qarqara dhaabamee,” ija kennuufi baallisaa hin harcaaneetti ibseera. Namoonni hamoonimmoo, “akka leenca” wanta barbaadu qabachuuf dhokatee eeggatuutti ibsamaniiru. (Far. 10:9) Yihowaan, sanyii Abrahaam “akka urjoota waaqaa, akka cirracha qarqara galaanaas” akka baayʼisu waadaa galeeraaf. (Uma. 22:17) Yihowaan walitti dhufeenya cimaa isaafi saba Israaʼel gidduu jiru yommuu ibsu, “Akkuma sabbanni mudhii namaatti maxxanu” namoonni Israaʼeliifi namoonni Yihudaas Isatti akka maxxanan dubbateera.—Er. 13:11.
Wal fakkeessuunis, wantoota baayʼee addadda taʼaniifi wanta wal isaan fakkeessu qaban ibsuuf itti hojjetama. Haataʼu malee, malli kun yaada tokko caalaatti ibsuu dandaʼa. Malli kun wanta tokko wanta garabiraadhaan bakka kan buusu ykn amala isa tokkoo isa kaaniif kan kennudha. Yesus bartootasaatiin, “Isin ifa biyya lafaa ti” jedheera. (Mat. 5:14) Yaaqoob miidhaa arrabni toʼannaa hin qabne geessisu ilaalchisee, “Arrabni ibidda” jechuudhaan ibseera. (Yaq. 3:6) Daawit, “Ati kattaa, masaraas anaaf taateetta” jechuudhaan Yihowaa faarfateera. (Far. 31:3) Malli wal fakkeessuu itti yaadamee filatame, yeroo baayʼee ibsa dabalataa hin barbaadu. Malli kun caalaatti buʼa qabeessa kan taʼu garuu gabaabaa yoo taʼedha. Dhaggeeffattoonni yaada dubbatte caalaatti yaadachuu kan dandaʼan, hima salphaa taʼe tokkoon yoo dubbatte utuu hin taʼin, mala wal fakkeessanii ibsuutti yoo fayyadamtedha.
Mala arbeessuuttis karaa sirrii taʼeen fayyadamuu baannaan, dhaggeeffattoonni yaadasaa karaa dogoggora taʼeen hubachuu dandaʼu. Yesus, “Maaliif huuba ija obboleessa kee keessa jiru ilaalta? Utubaa isa ija kee keessa jiru hin hubattuu?” jedhee yommuu gaafate, mala kanatti fayyadamuudhaan sammuu dhaggeeffattootaa keessatti fakkiin hin irraanfatamne akka uumamu godheera. (Mat. 7:3) Mala arbeessuu kanattis taʼe dubbii dachaa garabiraatti fayyadamuukee dura, mala walbira qabanii ykn wal fakkeessanii ibsuutti akka gaariitti fayyadamuu baradhu.
Fakkeenyatti Fayyadami. Yommuu barsiistu dubbii dachaatti fayyadamuu mannaa, seenaawwan sammuun namootaa uumetti ykn seenaa dhugaatti fayyadamuu filatta taʼa. Fakkeenyota akkasiitti yoo fayyadamte garmalee akka hin arbeessine of eeggannoo godhi. Fakkeenyawwan akkasii qabxii baayʼee barbaachisaa taʼe qofa kan deggeran malee, dhaggeeffattoonni seenaa sana yaadatanii barumsicha akka irraanfatan kan godhan taʼuu hin qaban.
Fakkeenyonni itti fayyadamtu hundi seenaa dhugaa taʼuu qabu jechuu taʼuu baatus, seenaa jireenyaafi haala dhugaa biyya lafaarratti argamu kan argisiisan taʼuu qabu. Yesus namoota qalbii geddarataniif ilaalcha akkamii qabaachuu akka qabnu ibsuuf, fakkeenya nama hoolaa jalaa badde argachuusaatti gammade ibsu dubbateera. (Luq. 15:1-7) Yesus, namicha Abboommii nama akka ofiitti jaallachuu jedhu guutummaatti hin hubatin hafuusaatiin gaaffii isa gaafateef yommuu deebii kennu seenaa tokko dubbateera. Seenaan kunis, lubni tokkoofi namni gosa Lewwii tokko nama saamtotaan miidhame tokko arganii utuu hin gargaarin akka bira darbaniifi namni Samaariyaa tokko garuu akka isa gargaare kan ibsu ture. (Luq. 10:30-37) Atis, ilaalchaafi gocha namootaa kan qalbeeffattu yoo taʼe, mala kanatti akka gaariitti itti fayyadamuu dandeessa.
Naataan raajichis, balleessaa Daawit Mootichi raawwate akka isa hubachiisu yommuu ergame fakkeenya ofiisaatii uume tokkotti fayyadameera. Seenaan kun haala yeroo sanattii turee wajjin akka gaariitti kan walsimu waan tureef, Daawit gochasaatiif sababii dhiheessuurraa akka of qusatu isa godheera. Seenichi, waaʼee nama sooressa hoolota baayʼee qabuufi waaʼee nama hiyyeessa hoolaa tokkittii qabu kunuunsee guddisee kan dubbatu ture. Daawitis tiksee waan tureef, nama ilmoon hoolaa jalaa fudhatametti maaltu itti dhagaʼamuu akka dandaʼu akka gaariitti beeka ture. Daawit, namichi sooressi kun, ilmoo hoolaa tokkittii namichi hiyyeessi kun qabu jalaa fudhachuusaatti baayʼee aare. Achiis, Naataan Daawitiin, “Namni kana godhe si!” jedhee fuulleetti itti dubbate. Daawitis miirrisaa waan tuqameef garaasaatii qalbii geddarateera. (2 Sam. 12:1-14) Atis, muuxannoon qabdu yommuu guddatu, wantoota miira namootaa wajjin walitti dhufeenya qabaniif akkamitti hubannaadhaan furmaata kennuu akka dandeessu baratta.
Macaafa Qulqulluu keessaa fakkeenyota barsiisuuf gargaaran hedduu argachuu dandeessa. Yesus, jechoota muraasa “Haadha manaa Loox yaadadhaa!” jedhanitti fayyadamuudhaan kana godheera. (Luq. 17:32) Yesus waaʼee deebiʼee argamuusaa balʼinaan yommuu ibsu, “bara Nohi” caqaseera. (Mat. 24:37-39) Phaawulosis, Ibroota boqonnaa 11rratti dhiiraafi dubartoota amantii guddaa qabaachuudhaan fakkeenya taʼan 16 maqaadhaan caqaseera. Seenaawwan Macaafa Qulqulluu keessatti argaman akka gaariitti hubachaa yommuu adeemtu, fakkeenyota gaggaarii waaʼee namootaafi waaʼee wantoota yeroo sanatti raawwataman ibsan argachuu dandeessa.—Rom. 15:4; 1 Qor. 10:11.
Yeroo tokko tokkommoo, seenaawwan dhugaa bara keenyatti raawwataman caqasuudhaan barumsichi caalaatti buʼa qabeessa akka taʼu gochuu dandeessa. Haataʼu malee yeroo akkas gootu, seenaan caqastu dhugaa taʼuusaafi dhaggeeffattoota tokko tokko kan hin mufachiisne taʼuusaa mirkaneessu, akkasumas yaada ijoo dhiheessaa jirtuu wajjin walitti dhufeenya kan hin qabneefi namootatti gaaffii kan kaasu akka hin taane of eeggannoo godhi. Seenicha yommuu caqastu kaayyoo tokko yaadatti qabachuu akka qabdus hin dagatin. Seenaa haasaakee wajjin walitti dhufeenya hin qabne balʼinaan ibsuudhaan haasaankee miʼaa akka dhabu hin godhin.
Salphaatti Kan Hubatamudhaa? Fakkeenya akkamiittiyyuu yoo fayyadamte, kaayyoo tokko galmaan gaʼuuf kan dhihaate taʼuu qaba. Fakkeenyichi mataduree irratti mariʼachaa jirtanii wajjin walitti dhufeenya akkamii akka qabu yoo ibsuufii baatte, dhaggeeffattoonni ofumasaaniitii wal qabsiisuu dandaʼuu?
Yesus bartoonnisaa “ifa biyya lafaa” akka taʼan erga dubbatee booda, namoonni ibsaatti akkamitti akka fayyadamaniifi ifa biyya lafaa taʼuun itti gaafatamummaa akkamii akka isaanitti fidu gabaabaatti ibseera. (Mat. 5:15, 16) Seenaa waaʼee hoolaa baddee ibsu erga dubbatee boodas, cubbamaan tokko yommuu qalbii geddaratu warri waaqarraa akka gammadan caqaseera. (Luq. 15:7) Seenaa waaʼee nama Samaariyaa ibsu erga dubbatee boodammoo, nama isa dhaggeeffachaa ture gaaffii ifa taʼe gaafachuudhaan, innis akkasuma akka godhu kallattiidhaan gorsa kenneeraaf. (Luq. 10:36, 37) Fakkeenya waaʼee biyyoo garaagaraa, akkasumas inkirdaada qotiisa keessa facaafamee dubbatu kan ibse garuu, namoota gad of deebisuudhaan isa gaafataniif malee namoota hun daaf hin turre. (Mat. 13:1-30, 36-43) Yesus duʼuusaa guyyaa sadii dura fakkeenya namoota iddoo wayinii eeganiifi warra isaanitti ergaman ajjeesan ibsu dubbateera. Fakkeenyi kun ifa waan tureef ibsa dabalataa kennuun isa hin barbaachisne. Kanan kan kaʼes, “Luboonni warri angafoonnii fi warri Fariisotaa . . . akka inni waaʼee isaaniitiif dubbate in baran.” (Mat. 21:33-45) Kanaaf, walitti dhufeenya fakkeenyichi dhimma sanaa wajjin qaburratti ibsa dabalataa kennuufi dhiisuunkee, akkasumas ibsa hammamii kennuu akka qabdu kan murteessu fakkeenya itti fayyadamte, ilaalcha dhaggeeffattoonni qabaniifi kaayyoo itti fakkeenyicha caqastedha.
Fakkeenyatti fayyadamtee barsiisuuf dandeettii qabdu guddifachuun yeroofi carraaqqii kan gaafatu taʼus, buʼaansaa baayʼee kan nama gammachiisudha. Fakkeenyi tokko itti yaadamee kan filatame yoo taʼe, garaafi sammuu dhaggeeffattootaa hawwata. Dhugaa jiru dubbatanii bira darbuu mannaa, fakkeenyatti fayyadamanii ibsuun ergaansaa caalaatti humna akka qabaatu godha.