BOQONNAA SAGAL
Maatiiwwan Haadha Yookiin Abbaa Qofaan Bulan Jireenya Gammachuu Qabu Jiraachuu Ni Danda’u!
1-3. Maatiiwwan haadha ykn abbaa qofaan bulan akka baay’atan kan godhe maalidha? Kun miseensota maatii sanaarra miidhaa akkamii geessisa?
MAATIIN haadha ykn abbaa qofaan geggeeffamu biyya Ameerikaa keessatti, “maatii saffisaan baay’achaa adeemu” jedhameera. Biyyoota kan biraa baay’eettis haallisaa kanuma fakkaata. Lakkoofsi namoota wal hiikanii, hiriyaa gaa’elaasaanii dhiisanii deemanii, kan gargar ba’aniifi lokkoofsi ijoollee gaa’elaan ala dhalatanii dabalaa adeemuunsaa, warraafi ijoollee miliyoonaan lakkaa’amanirratti rakkoo hammana hin jedhamne geessiseera.
2 Haati qeenteen tokko akkas jetteetti: “Ani haadha hiyyeessaa waggaa 28 yommuun ta’u, ijoollee laman qaba. Ijoolleekoo abbaa malee guddisuu waanan hin barbaanneef baay’een dhiphadha. Eenyuyyuu kan naa yaadu natti hin fakkaatu. Yeroo hundumaa ijoolleenkoo yommuun boo’u kan na argan si’a ta’u, kunimmoo isaan yaaddessa.” Warri qeentee ta’an baay’een, wal’aansoo miirawwan akka aarii, gaabbiifi kophummaa jiranii wajjin godhan malees, hojii alaafi mana keessaa raawwachuun rakkisaa isaanitti ta’a. Haati tokko akkas jetteetti: “Haadha ykn abbaa qeentee ta’uun ulfaataadha. Baay’ee dhamaatanii itti gaafatamummaa keessan ni raawwattu. Haata’u malee, akkuma isa raawwattaniinimmoo hojiin raawwachuu qabdan kan biraan isin mudata.”
3 Ijoolleen warra qeentee qaban yeroo baay’ee rakkoo wajjin qabsaa’an qabu. Warrisaanii wal dhiisanii deemuusaaniitiin ykn isaan keessaa tokko du’uusaatiin gadda itti dhaga’amu mo’uu qabu ta’a. Ijoollee baay’eedhaaf haadha ykn abbaa dhabuun dhiibbaa gadhee isaanirraan ga’uu danda’a.
4. Yihowaan maatiiwwan haadha ykn abbaa qofa qabaniif akka yaadu akkamitti beekna?
4 Bara Macaafni Qulqulluun barreeffametti maatiiwwan haadha ykn abbaa qofaan bulan jiru turan. Caaffanni Qulqullaa’oon waa’ee “ijoollee abbaan irra hin jirre” akkasumas “dubartii abbaan manaa irraa du’e” irra deddeebi’ee ibsa. (Ba’uu 22:22; Keessa Deebii 24:19-21; Iyoob 31:16-22) Yihowaan rakkoo isaanirra ga’uuf dantaa kan hin qabne hin turre. Faarfatichi Waaqayyoon “warra abbaa hin qabneef abbaan, haadhotii hiyyeessaafis falmaan, isa” jedheera. (Faarfannaa 68:5) Har’aas, Yihowaan maatiiwwan haadha ykn abbaa qofa qabaniif akka yaadu homaa hin shakkisiisu! Eeyyee, Dubbiinsaa seerawwan bu’uuraa karaa kanaan milkaa’ina argachuuf gargaaran qabateera.
HOJII GUYYAA GUYYAA MANA KEESSAA AKKA GAARIITTI RAAWWACHUU DANDA’UU
5. Haati ykn abbaan qeentee ta’an jalqabarratti rakkina akkamiitu isaan mudata?
5 Maatii tokko bulchuun hojii akkamii raawwachuu akka gaafatu hubadhaa. Dubartiin abbaa manashee wajjin wal hiikte tokko akkas jechuudhaan dhugaasaa dubbatteetti: “Fakkeenyaaf, yeroo manni keessan suphamuu qabuttiifi maal akka gootan wallaaltanitti utuu abbaan manaa keessan jiraatee gaarii akka ta’e isinitti dhaga’ama.” Dhiironni haadha manaasaanii hiikuudhaan ykn du’aan dhabuudhaan kophaa ta’anis, akkasuma jalqabarratti hojiin baay’een mana keessatti hojjetamu dalga isaanitti ta’uu danda’a. Haala kanaan kan ka’e mana keessatti jeequmsi uumamuusaatiin, ijoolleen miirrisaanii miidhamuufi nagaa dhabuu danda’u.
Ijoolle, haadha ykn abbaa keessan warra qeentee ta’anii wajjin walii galteedhaan hojjedhaa
6, 7. (a) ‘Haati manaa manashee qabuu dandeessuufi’ Macaafa Fakkeenyaarratti ibsamte fakkeenya gaarii akkamii keesseetti? (b) Maatiiwwan abbaa ykn haadha qofaan bulan itti gaafatamummaa mana keessatti qaban ciminaan dhimmanii raawwachuunsaanii kan isaan gargaaru akkamitti?
6 Mallisaa maaliree? Fakkeenya “haadha manaa mana ishee qabuu dandeessu[u]” ishee Fakkeenya 31:10-31rratti ibsamtee qalbeeffadhaa. Hojiin isheen hojjettu baay’innisaa nama dinqisiisa. Ni bitti, ni gurgurti, ni hodhiti, nyaata ni qopheessiti, lafa ni bitti, hojii qonnaafi daldaluurratti ni hirmaatti. Kana hundumaa gochuu kan dandeesse akkamitti? Dhimmitee kan hojjettu waan taateef hamma galgalaatti hojjetti, akkasumas hojiishee jalqabuuf ganama barii kaati. Hojiiwwan tokko tokko warra kaaniif hiruudhaan, akkasumas warra kaaniif waan gaarii gochuuf harkasheetiin hojjechuudhaan baay’ee kan gurmoofte turte. Kanaafuu jajamuunshee homaa nama hin dinqisiisu.
7 Haadha ykn abbaa qeentee yoo taatan hojii mana keessaa hojjechuuf tattaafadhaa. Ijoollee keessaniif gammachuu argamsiisuuf waan gargaaruuf hojii akkasiitti gammadaa. Haata’u malee, karoorri sirriiniifi qindoominni barbaachisaadha. Macaafni Qulqulluun, “Yaadni warra dhimmee hojjetuu bu’aa qaba” jedha. (Fakkeenya 21:5) Abbaan qeentee ta’e tokko, “Hamman beela’utti waa’ee nyaataa hin yaadu” jechuudhaan dhugaasaa dubbateera. Haata’u malee, nyaata jarjartiidhaan qopheeffamu caalaa nyaata itti yaadamee hojjetamutu faayidaa qaba. Kana malees, hojii mana keessaa dabalataan barachuu isin barbaachisa ta’a. Haadhotiin qeentee ta’an tokko tokko hiriyoota dandeettii qaban gaafachuudhaan, kitaabota dubbisuudhaan, akkasumas ogeeyyii mariisisuudhaan akkamitti akka halluu diban, hojii boombaa akka hojjetaniifi rakkoo salphaa konkolaataasaaniirra ga’e akkamitti akka sirreessan barataniiru.
8. Ijoolleen haadha ykn abbaa qofaa wajjin jiraatan hojii mana keessaatiin gargaaruu kan danda’an akkamitti?
8 Ijoolleen keessan akka isin gargaaran gaafachuun sirriidhaa? Haati qeentee taate tokko akkas jetteetti: “Ijoolleen akka hojjetan gochuudhaan, haadha ykn abbaa hir’ate sana bakka buusuu barbaaddu.” Kana gochuuf sababii ga’aan jiraachuu danda’us, ijoolleen itti gammaduu dhiisuu danda’u. Ijoollee bara Macaafni Qulqulluun barreeffametti turaniifi Waaqayyoon sodaataniif hojiin isaaniif ta’u ni kennamaaf ture. (Uumama 37:2; Weedduu Weedduu Caalu 1:6) Ijoollee keessaniif hojii humnaa ol ta’e akka hin kennine of eeggachuu kan qabdan ta’uyyuu, fakkeenyaaf, mi’a itti nyaatan akka dhiqaniifi mana akka qulqulleessan gochuun keessan gaariidha. Hojiiwwan tokko tokko maaliif wajjin hin hojjettan? Kunis gammachuu guddaa isiniif argamsiisuu danda’a.
RAKKOO WANTA ITTIIN JIRAATAN DHABUU
Hanga isiniif danda’ametti ijoollee keessanii wajjin yeroo dheeraa dabarsaa
9. Haadhotiin manaa qeentee ta’an yeroo baay’ee rakkinni dinagdee kan isaan mudatu maaliifi?
9 Warri qeentee ta’an baay’een galii maatiisaanii ittiin bulchan argachuun isaanitti ulfaata. Keessumaa haadhotii utuu hin heerumin ijoollee godhatanimmoo rakkina adda ta’etu isaan mudata.a Biyyoota mootummaan isaan gargaarutti, hamma hojii argatanitti gargaarsa kanatti fayyadamuun barbaachisaa ta’uusaa ni hubatu ta’a. Macaafni Qulqulluun, Kiristiyaanonni yeroo barbaachisaa ta’utti gargaarsa akkasiitti akka fayyadaman ni heyyama. (Roomaa 13:1, 6) Dubartoonni abbaan manaa jalaa du’eefi abbootii manaasaanii wajjin wal hiikanis rakkinni akkasii isaan mudata. Haadhotiin manaa hedduun, waggoota baay’eedhaaf manaa keessatti hojjechaa erga turanii booda, alaa qacaramanii hojjechuuf yeroo dirqamanitti yeroo baay’ee mindaan isaaniif kaffalamu xinnoodha . Namoonni tokko tokko leenjii ykn koorsii yeroo gabaabaa fudhachuudhaan jireenyasaanii mo’uu danda’aniiru.
10. Haati qeentee taate, hojii argachuu kan qabdu maaliif akka ta’e ijoolleesheetiif ibsuu kan dandeessu akkamitti?
10 Ijoolleen keessan hojii barbaaddachuu keessanitti gammaduu dhiisuunsaanii, isin naasisuus ta’e akka balleessaa raawwattanitti isinitti dhaga’amuu hin qabu. Kanaa mannaa, hojjechuu kan qabdan maaliif akka ta’e itti himaa; akkasumas Yihowaan wanta isaan barbaachisu akka isaaniif gootan kan isinirraa eegu ta’uusaa akka hubatan isaan gargaaraa. (1 Ximotewos 5:8) Ijoollee baay’een yeroo booda yaadasaanii ni sirreessu. Ta’us, hanga yeroon isiniif heyyametti, ijoollee keessanii wajjin yeroo dheeraa dabarsuuf yaalaa. Karaa kanaan jaalalaan kakaatanii xiyyeeffannaa isaaniif kennuun keessan, rakkina hanqina dinagdeetiin maatii keessan mudate hir’isuufis gargaaruu danda’a.—Fakkeenya 15:16, 17.
EENYUTU EENYUUN KUNUUNSA?
Gumiin, “ijoollee abbaan irra hin jirree fi” “haadha hiyyeessaa” hin dagatu
11, 12. Warri qeentee ta’an daangaa akkamiirra darbuu hin qaban? Kana gochuu kan danda’an akkamitti?
11 Warri qeentee ta’an caalaatti ijoolleesaanii wajjin akka walitti dhihaatan beekamaadha; ta’uyyuu, daangaan Waaqayyo warraafi ijoollee gidduu kaa’e akka hin irraanfatamne of eeggachuun barbaachisaadha. Fakkeenyaaf, haati qeentee taate tokko ilmishee itti gaafatamummaa mataa maatii akka raawwatu kan isarraa eegdu ykn intalasheetti rakkoo dhuunfaashee hunda himuudhaan kan ishee dhiphistu yoo ta’e, rakkinni guddaan uumamuu danda’a. Kana gochuun sirrii kan hin taane ta’uusaarrayyuu, ijoollee dhiphisuufi isaan burjaajessuu danda’a.
12 Warra waan taataniif ijoollee keessan kan kunuunsu isin malee, kan isin kunuunsu isaan akka hin taane mirkaneessaafii. (2 Qorontos 12:14 waliin ilaali.) Yeroo tokko tokko gorsa ykn gargaarsa barbaaddu ta’a. Kana gaafachuu kan qabdan ijoollee keessanirraa utuu hin ta’in, jaarsolii Kiristiyaanaa ykn obboleettota ga’eessa ta’anirraa ta’uu qaba.—Tiitoos 2:3.
ADABUU
13. Adaba kennuu ilaalchisee haadha qeentee taate rakkina akkamiitu ishee mudachuu danda’a?
13 Yeroo baay’ee adabni dhiirri kennu kan fudhatamu yommuu ta’u, kan dubartii garuu fudhatamuu dhiisuu danda’a. Haati qeenteen tokko akkas jetti: “Ilmaankoo qaamaafi sagalee dhiirota gurguddaa qabu. Yeroo tokko tokko, qajeelfama ani isaanii kennurratti murtoo cimaa gochuu akkan hin dandeenye ykn isaan biratti ennaan of ilaalu humna akkan hin qabaanne natti dhaga’ama.” Kana malees, hiriyaa gaa’elaa jaallattan du’aan dhabuu keessaniin ammayyuu gaddaa jirtu ta’a; yookiinimmoo gaa’elli keessan diigamuusaatti balleessan kan keessan akka ta’e isinitti dhaga’amuu ykn aaruu dandeessu ta’a. Ijoollee keessan guddisuuf seeraan mirgi kan kenname lamaan keessaniif yoo ta’e, ijoolleen keessan nama hiriyaa gaa’elaa keessan ture bira jiraachuu akka barbaadan shakkitu ta’a. Haalawwan akkasii jiraachuunsaanii, adaba sirrii ta’e kennuun akka ulfaatu gochuu danda’a.
14. Warri qeentee ta’an adabaaf ilaalcha sirrii qabaachuu kan danda’an akkamitti?
14 Macaafni Qulqulluun, “Mucaan gad-dhiisiitti guddatu garuu haadha isaa yeellaasisa” jedha. (Fakkeenya 29:15) Maatiidhaaf seera baasuufi seera sana kabajchiisuuf carraaqqii gootaniin Yihowaan waan isin gargaaruuf, balleessaan, gaabbiin ykn sodaan isinitti dhaga’amuu hin qabu. (Fakkeenya 1:8) Seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu eegsisuurraa matumaa duubatti hin jedhinaa. (Fakkeenya 13:24) Sababa qabeeyyii, ejjennoon keessan kan hin gegeddaramneefi jaboo ta’uuf yaalaa. Ijoollee baay’een yeroo booda ni sirreeffamu. Haata’u malee, miira ijoollee keessaniis tilmaama keessa galchuu qabdu. Abbaan qeentee ta’e tokko akkas jedheera: “Haadhasaanii dhabuusaaniitiin waan miidhamaniif, yeroon isaan adabu rakkoosaanii kana tilmaama keessan galcha. Carraan argadhe hundaatti isaanan haasofsiisa. Yeroo irbaata qopheessinutti iccitii baay’ee waliin haasofna. Iccitiisaanii hundumaa kan natti himan yeroo kanattidha.”
15. Haati ykn abbaan hiriyaa gaa’elaasaanii hiikan waa’ee nama sanaa yeroo dubbatan maalirraa of qusachuu qabu?
15 Hiriyaa gaa’elaa keessanii wajjin kan wal hiiktan yoo ta’e, wanta ulfinasaa hir’isu dubbachuudhaan faayidaan argamu hin jiru. Warri wal loluunsaanii ijoollee kan gaddisiisu ta’uusaarrayyuu, oolee bulees lamaan keessaniifiyyuu ulfina akka dhaban godha. Kanaaf, dubbiiwwan nama miidhan kan akka, “Ati sanyii abbaa keetiiti!” jedhu dubbachuurraa of qusadhaa. Hiriyaan gaa’elaa keessan inni kanaan duraa hammamiyyuu yoo isin miidhe, ammayyuu abbaa ykn haadha ijoollee keessaniiti; ijoolleen keessanimmoo lamaan keessanirraayyuu jaalala, xiyyeeffannaafi adaba argachuun isaan barbaachisa.b
16. Maatii warra qeenteedhaan geggeeffamu keessatti, qophii hafuuraa isa kamtu kutaa leenjii yeroo hundaa ta’uu qaba?
16 Boqonnaawwan kanaan duraarratti akkuma ilaalle, adaba jechuun uleedhaan rukutuu qofa utuu hin ta’in, leenjisuufi qajeelfama kennuus ni dabalata. Karaa hafuuraa isaan leenjisuuf sagantaa gaarii qabaachuudhaan, rakkinni baay’ee dhabamsiisuun ni danda’ama. (Filiphisiiyus 3:16) Yeroo hundumaa walga’iiwwan gumiirratti argamuun baay’ee barbaachisaadha. (Ibroota 10:24, 25) Torban torbaniin maatiidhaan Macaafa Qulqulluu qayyabachuunis akkasuma barbaachisaadha. Qayyabannaawwan kana yeroo hundumaa geggeessuun salphaa akka hin taane beekamaadha. Haati dhimmitee hojjettu tokko akkas jetteetti: “Guyyaa guutuu hojjechaa erga ooltanii booda boqochuu barbaaddu. Haata’u malee, wanta godhamuu qabu akka ta’e waanan beekuuf intalakoo wajjin qayyabachuuf sammuukoo nan qopheessa. Qayyabannaan maatii keenyas baay’ee ishee gammachiisa.”
17. Michuu Phaawulos kan ta’e Ximotewos akkaataa guddinaa gaarii qabaachuusaarraa maal baranna?
17 Michuu Phaawulos kan ture Ximotewos, leenjii seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluu kan argate haadhasaafi akkoosaarraa malee abbaasaarraa akka hin turre beekamaadha. Haata’u malee, Ximotewos Kiristiyaana gaarii ta’uu danda’eera! (Hojii Ergamootaa 16:1, 2; 2 Ximotewos 1:5; 3:14, 15) Isinis ijoollee keessan “adabaafi barsiisa gooftaatiin” guddisuuf carraaqqii yoo gootan, bu’aa akkasii akka argattan abdachuu dandeessu.—Efesoon 6:4.
MIIRA KO’EESSUMMAA MO’UU
18, 19. (a) Haadha ykn abbaa qeentee ta’anitti ko’eessummaan itti dhaga’amuu kan danda’u akkamitti? (b) Gorsa kajeellaa foonii to’achuuf gargaaru akkamiitu kenname?
18 Haati qeenteen tokko akkas jechuudhaan gaddashee ibsiteetti: “Gara manaa ergan dhufee booda kophaakoo akkan ta’e yommuun hubadhu, keessumaammoo erga ijoolleen ciisanii booda, ko’eessummaatu natti dhaga’ama.” Eeyyee, ko’eessummaan rakkina guddaa warra qeentee ta’an mudatudha. Gaa’ela keessatti michummaa jaalalarratti hundaa’eefi walitti dhufeenya gaarii hawwuun waanuma jirudha. Haata’u malee, namni tokko rakkina kana hiikuuf waan danda’e hunda gochuuf yaaluu qabaa? Bara Phaawulos ergamaatti, haadhotiin abbaan manaa irraa du’eefi shamarree ta’an tokko tokko, “hawwiin foonii yeroo itti cimu, isa takka Kristosiif of kennanii heerumuu dhiisan irraa deebi’anii heerumuu” kajeelanii turan. (1 Ximotewos 5:11, 12) Fedhiin foonii fedhii hafuuraa akka mo’u heyyamuun badiisa guddaa geessisuu danda’a.—1 Ximotewos 5:6.
19 Kiristiyaanni tokko akkas jedheera: “Fedhiin saalaa baay’ee cimaa ta’uyyuu to’achuun ni danda’ama. Yeroo yaanni akkasii gara sammuu keessaniitti dhufu isarratti xiinxaluu mannaa, yeruma sana of keessaa balleessuu qabdu. Waa’ee mucaa keessanii yaaduunis isin gargaaruu danda’a.” Dubbiin Waaqayyoo, ‘Yaada kajeellaa [saalaa] of keessaa ajjeesaa’ jechuudhaan gorsa kenna. (Qolosaayis 3:5) Fedhii nyaataaf qabdan ajjeesuuf kan yaaltan utuu ta’ee, barruulee fakkii nyaata mi’aawaa argisiisan ni dubbistuu? Yookiinimmoo namoota yeroo hundumaa waa’ee nyaataa haasa’anii wajjin ni michoomtuu? Matumaa! Kajeellaa saalaa ilaalchisees haallisaa kanuma fakkaata.
20. (a) Kiristiyaanota nama Dhugaa Baatuu hin taane gaa’elaaf qoratan balaa akkamiitu isaan eega? (b) Namoonni qeenteen jaarraa jalqabaatti turaniifi yeroo ammaa jiran, ko’eessummaa kan mo’an akkamitti?
20 Kiristiyaanonni tokko tokko nama Dhugaa Baatuu hin taanee wajjin gaa’elaaf wal qoratu. (1 Qorontos 7:39) Kun rakkinasaaniitiif furmaata argamsiiseeraa? Tasumaa. Obboleettiin hiriyaa gaa’elaashee hiikte tokko akkas jechuudhaan akeekkachiistetti: “Wanti ko’eessummaa caalaa gadhee ta’e jira. Innis nama hin taanetti heerumuudha.” Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa abbootiin manaasaanii jalaa du’an, ko’eessummaan isaanitti dhaga’amee akka ture homaa hin shakkisiisu. Haata’u malee, warri ogeeyyii ta’an hojii ‘keessummoota simachuu, warra Waaqayyoof qulqullaa’an miilla dhiquufi warra rakkatan gargaaruutiin’ kan qabaman turan. (1 Ximotewos 5:10) Yeroo har’aas, Kiristiyaanonni amanamoon hiriyaa gaa’elaa nama Waaqayyoo ta’e argachuuf waggoota baay’eedhaaf turan hedduun hojii addaddaatiin qabamu. Kiristiyaanni umriinshee waggaa 68 abbaan manaashee jalaa du’e tokko, yeroo ko’eessummaan itti dhaga’amu dubartoota abbaan manaasaanii jalaa du’e bira dhaqxee isaan gaafatti turte. Akkas jetteetti: “Warra kaan dhaqee gaafachuun, hojii mana keessaa hojjechuuniifi karaa hafuuraa of kunuunsuunkoo ko’eessummaan akka natti hin dhaga’amne godheera.” Keessumaammoo, waa’ee Mootummaa Waaqayyoo warra kaan barsiisuun hojii faayidaa guddaa qabudha.—Maatewos 28:19, 20.
21. Kadhannaafi michoota gaarii qabaachuun ko’eessummaa mo’uuf kan gargaaru akkamitti?
21 Battaluma tokkoon miira ko’eessummaa mo’uun akka hin danda’amne beekamaadha. Ta’us, jabina Yihowaa biraa argamuun mo’amuu ni danda’ama. Jabinni kunimmoo kan argamu Kiristiyaanni tokko ‘halkanis guyyaas himataafi kadhataan yoo itti fufedha.’ (1 Ximotewos 5:5) Himata inni jedhame, kadhannaa cimaa, tarii sagalee guddaadhaafi imimmaan dhangalaasuudhaan gargaarsa argachuuf kadhachuu jechuudha. (Ibroota 5:7 waliin ilaali.) “Halkanis guyyaas” waan garaa keessan keessa jiru Yihowaa duratti dhangalaasuun dhugumaan isin gargaaruu danda’a. Michoota gaarii qabaachuunis wanta ko’eessa ta’uudhaan dhabdan isinii guutuu danda’a. Namni tokko hiriyoota gaarii yoo qabaate “dubbii gaarii” Fakkeenya 12:25rratti ibsame argachuu danda’a.
22. Darbee darbee ko’eessummaan ennaa isinitti dhaga’amu maal yaaduutu isin gargaara?
22 Darbee darbee ko’eessummaan yoo isinitti dhaga’ame, namni rakkinarraa guutummaatti walaba ta’e akka hin jiraanne hin irraanfatinaa. Rakkinni “obboloota keessan warra guutummaa biyya lafaa keessa jiraatanitti” karaa tokkoonis ta’e kan biraatiin ni dhufa. (1 Phexros 5:9) Waan darberratti hin xiinxalinaa. (Lallaba 7:10) Wantoota gaarii qabdanirratti xiinxalaa. Hunda caalaa garuu hamma dhumaatti amanamoo ta’uudhaan Yihowaa gammachiisuuf murteessaa.—Fakkeenya 27:11.
KARAA WARRI KAAN GARGAARSA GOCHUU ITTI DANDA’AN
23. Haadha ykn abbaa qeentee gumii keessatti argaman ilaalchisee, Kiristiyaanotarra itti gaafatamummaa akkamiitu jira?
23 Gargaarsi obboloota Kiristiyaanaarraa argamu kan qarshiidhaan tilmaamamu miti. Yaaqoob 1:27 akkas jedha: “Waaqayyoon sodaachuun inni Waaqayyo keenyaa fi abbaa keenya duratti qullaa’ee fi xurii hin qabne garuu, ijoollota abbaa fi haadha hin qabne, dubartoota abbaan manaa irraa du’es rakkina isaanii ilaalanii gargaaruu dha.” Eeyyee, Kiristiyaanonni maatiiwwan haadha ykn abbaa qofaan bulan gargaaruuf dirqamni isaanirra jira. Karaawwan kun itti godhamuu danda’u keessaa tokko tokko kamfa’i?
24. Maatiiwwan haadha ykn abbaa qeentee ta’aniin bulaniif karaawwan kamiin gargaarsi godhamuu danda’a?
24 Wantoota jireenyaaf barbaachisan tokko tokko kennuudhaan gargaaruun ni danda’ama. Macaafni Qulqulluun akkas jedha: “Namni biyya lafaa kana irratti waan ittiin jiraatu qabu, dhaba obboleessa isaatii argee yoo garaa itti jabaate, jaalalli Waaqayyoo attamitti isa keessa jiraata ree?” (1 Yohannis 3:17) Jechi afaan Giriikii “argee” jedhu, akkasumaan takkaa ilaaluu qofa utuu hin ta’in, ta’e jedhanii hubannaadhaan ilaaluu jechuudha. Kunis, Kiristiyaanni gaarummaa qabu tokko dura haala maatii tokkoofi wanta isaan barbaachisu hubata jechuudha. Qarshiitu isaan barbaachisa ta’a. Warri kaanimmoo wanta tokko tokko suphuudhaan akka isaan gargaarru barbaadu ta’a. Yookiinimmoo nyaata qopheessuudhaan isaan afeeruu akkasumas afeerraa waliin haasa’uuf gootanirratti akka argaman gochuun keessan qofti isaan gammachiisuu danda’a.
25. Kiristiyaanonni, warra qeentee ta’aniif gara laafina qabaachuusaanii argisiisuu kan danda’an akkamitti?
25 Kana malees, Phexros Isa Duraa 3:8 akkas jedha: “Hundumti keessan hafuuraan, dhageettii yaada garaatiinis tokkummaa qabaadhaa! Obboloota jaallachuudhaan, gara-laafinaan . . . walii wajjin jiraadhaa!” Haati qeenteen ijoollee ja’a qabdu tokko akkas jettee turte: “Haallisaa baay’ee ulfaataa waan tureef, yeroo tokko tokko abdiin kutadha. Haata’u malee yeroo tokko tokko obboloonni, ‘Jo’aan, waan gaarii raawwachaa jirta. Bu’aansaa kan si kiisu ta’a’ naan jedhu. Warri kaan waa’ee keessan akka yaadaniifi akka isiniif dhimman beekuun faayidaa guddaa qaba.” Dubartoonni qeentee ta’an, rakkina dhiirotatti himuu isaan qaanessu yoo qabaatan, keessumaa obboleettonni maanguddoota ta’an sirriitti isaan dhageeffachuudhaan isaan gargaaruu danda’u.
26. Obboloonni dhiiraa ga’eessota ta’an ijoollee abbaa hin qabne gargaaruu kan danda’an akkamitti?
26 Obboloonni dhiiraa karaa biraatiin gargaaruu danda’u. Nama qajeelaa kan ture Iyoob, “Isa abbaan irra hin jirre gargaarsa hin qabnes fureera” jedhee ture. (Iyoob 29:12) Haaluma wal fakkaatuun, yeroo har’aattis, obboloonni dhiiraa tokko tokko kaayyoo kan biraatiin utuu hin kaka’in ijoollee abbaa hin qabneef ni yaadu; “jaalala garaa qullaa’aa keessaa” ba’es itti argisiisu. (1 Ximotewos 1:5) Obboloonni kun maatii ofiisaanii utuu hin irraanfatin, darbee darbee ijoolleen kun isaanii wajjin tajaajiluuf akkasumas qayyabannaa maatiisaaniirratti akka argaman afeeruuf ykn isaanii wajjin bashannanuuf qophii gochuu ni danda’u. Gaarummaan akkasii, mucaan abbaa hin qabne tokko gocha gadheerratti akka hin hirmaanne isa eeguu danda’a.
27. Warri qeentee ta’an gargaarsa akkamii akka argatan mirkanaa’oo ta’uu danda’u?
27 Haati ykn abbaan qeentee ta’an, suuta suutaan ‘ba’aa ofiisaanii baachuu qabu.’ (Galaatiyaa 6:5) Ta’us, jaalala obboloota Kiristiyaanaafi jaalala Yihowaa argachuu ni danda’u. Macaafni Qulqulluun waa’ee Yihowaa akkas jedha: “Inni ijoollee abbaan irra hin jirree fi haadha hiyyeessaa in jiraachisa.” (Faarfannaa 146:9) Gargaarsasaa isa jaalalarratti hundaa’een, maatiiwwan haadha ykn abbaa qeentee ta’aniin bulan milkaa’ina argachuu ni danda’u!
a Shamarreen Kiristiyaana taate tokko saalqunnamtii seeraan ala ta’e raawwachuudhaan yoo ulfoofte, karaa kamiiniyyuu gumiin Kiristiyaanaa gocha isheen raawwatte kana akka laayyootti bira hin darbu. Qalbiishee yoo jijjiirte garuu, jaarsoliin gumiifi miseensonni gumii kaan ishee gargaaruu barbaadu.
b Kana jechuun keenya, abbaa ykn haadha miidhaa geessisanirraa ijoollee keessan eeguu hin qabdan jechuu miti. Kana malees, haati ykn abbaan sun tarii ijoolleen keessan isin dhiisanii akka deeman sossobuudhaan isin ijoollee keessanirratti aangoo akka hin qabne gochuuf kan yaalan yoo ta’e, michoota muuxannoo qabanitti, kan akka jaarsolii gumii Kiristiyaanaatti himuudhaan maal gochuu akka qabdan gorsa argachuu dandeessu.