LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • dg kutaa 11 ful. 28-32
  • Bu’uura Addunyaa Haaraa Yeroo Ammaatti Kaa’amaa Jiru

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Bu’uura Addunyaa Haaraa Yeroo Ammaatti Kaa’amaa Jiru
  • Dhugumaan Waaqayyo Waa’ee Keenya Ni Yaadaa?
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Tokkummaa Obbolummaa Addunyaa Maratti Argamu
  • Saba Waaqayyoo Adda Baasanii Beekuu
  • Ragaa Garabiraa Sabni Waaqayyoo Ittiin Beekaman
  • Gaaffii Lammaffaarratti Ka’eef Deebii Kennaniiru
  • Filannoon Kee Maalidha?
  • Amantii Dhugaa Kan Hordofan Eenyufa’i?
    Daandii Jireenya Barabaraatti Geessu Argatteettaa?
  • Waldaa Obbolummaa Tokkummaa Qabu
    Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu
Dhugumaan Waaqayyo Waa’ee Keenya Ni Yaadaa?
dg kutaa 11 ful. 28-32

Kutaa 11

Bu’uura Addunyaa Haaraa Yeroo Ammaatti Kaa’amaa Jiru

1, 2. Akka raajii Macaafa Qulqulluutti wanti yeroo ammaatti raawwatamaa jiruu maalidha?

BIYYI lafaa Seexanni seerratu kun diigamaa kan jiru yeroo ta’u, kan nama dinqisiisu garuu, yeroo ammaatti bu’uurri addunyaa haaraa kan hundeeffamaa jiru ta’uusaatti. Yeroo ammaatti Waaqayyo saboota hundumaa keessaa namoota walitti qabuudhaan bu’uura addunyaa haaraa akka ta’aniifi dhihoottis addunyaa yeroo har’aatti wal hiree jiru kana akka bakka bu’aniif isaan qopheessaa jira. Hawaasni haaraan kun, 2 Phexros 3:13⁠rratti “lafa haaraa” jedhamee waamameera.

2 Kana ilaalchisee raajiin Macaafa Qulqulluu akkas jedha: “Bara booddeetti [yeroo keessa jirru kanatti] . . . , sabni lafa irraas baay’atanii in dhufu, . . . ‘karaa isaa akka inni nu barsiisuuf, nus daandii isaa irra akka adeemnuuf, kottaa gara tulluu mana Waaqayyootti [gara waaqeffannaasaa isa dhugaatti], . . . ol in baanaa!’ in jedhu.”—Isaayaas 2:2-3.

3. (a) Raajiin Isaayaas eenyu gidduutti raawwiisaa argachaa jiraa? (b) Kutaan Macaafa Qulqulluu inni dhumaa kana ilaalchisee maal jedha?

3 Raajiin kun yeroo ammaatti namoota ‘Waaqayyoof ajajamaniifi daandiisaarra adeeman’ gidduutti raawwiisaa argachaa jira. Kutaan Macaafa Qulqulluu inni dhumaa, namoonni addunyaa maratti nagaa jaallatan kun “tuuta sonaan baay’ee, . . . saba hundumaa keessaa, gosa hundumaa keessaa, nama hundumaa keessaa, afaan dubbatamu hundumaa keessaa” akka dhufan ibsuudhaan addunyaa maratti akka obbolaatti kan wal ilaalaniifi tokkummaadhaan Waaqayyoon kan tajaajilan ta’uusaanii ibsa. Macaafni Qulqulluun: “Isaan kun warra rakkina guddaa keessaa ba’anii dhufanii dha” jechuudhaan dubbata. Kana jechuun, badiisa sirna kanarra ga’urraa ni oolu jechuudha.—Mul’ata 7:9, 14; Maatewos 24:3.

Tokkummaa Obbolummaa Addunyaa Maratti Argamu

4, 5. Dhugaa Baatonni Yihowaa tokkummaa obbolummaa argachuu kan danda’an akkamitti?

4 Dhugaa Baatonni Yihowaa, jireenyasaanii qajeelfamaafi daandii Waaqayyoo wajjin wal simsiisuuf carraaqqii godhu. Abdiin jireenya bara baraa argachuuf qaban addunyaa haaraa Waaqayyo fidurratti kan hundaa’edha. Seerawwan Waaqayyootiif akka ajajaman, akkaataa jireenyaasaaniitiin argisiisuudhaan, yeroo ammaattis ta’e addunyaa haaraa keessatti bulchiinsasaatiif ajajamuuf fedhii akka qaban argisiisu. Lammii biyya kamiiyyuu yoo ta’aniifi qomoo akkamiiyyuu yoo qabaatan, bakkuma jiranitti seera Waaqayyootiif ni ajajamu. Addunyaa maratti obboloota tokkummaa qaban kan ta’aniifi addunyaa haaraa Waaqayyo ijaaraa jiruuf bu’uura kan ta’anis kanumaafi.—Isaayaas 54:13; Maatewos 22:37, 38; Yohannis 15:9, 14.

5 Dhugaa Baatonni Yihowaa obboloota tokkummaa qaban ta’uusaaniitiif of hin galateeffatan. Tokkummaa kana kan argatan, hafuura Waaqayyootiin ta’uusaa beeku. (Hojii Ergamootaa 5:29, 32; Galaatiyaa 5:22, 23) Kana gochuu kan danda’u Waaqayyo qofaadha. Akkuma Yesus jedhe: “Namaaf kan hin danda’amne, Waaqayyoof in danda’ama.” (Luqaas 18:27) Waaqni inni uumamni cufti akka jabaatee dhaabbatu godhe, hawaasni addunyaa haaraan hundee cimaa qabus jabaatee akka dhaabbatu gochuun isa hin dhibu.

6. Tokkummaan obbolummaa Dhugaa Baatota Yihowaa gidduutti argamu dinqisiisaa kan ta’e maaliifi?

6 Kanaafuu, bulchiinsi Yihowaa inni addunyaa haaraa keessatti dhufu maal akka fakkaatu bu’uura addunyaa haaraa isa yeroo har’aatti hundeeffamerraa arguun ni danda’ama. Wanti inni Dhugaa Baatotasaa gidduutti raawwate akka dinqiitti kan ilaalamudha. Kan akkas jennu maaliifi? Sababiinsaas, Dhugaa Baatota Yihowaa addunyaa maratti tokkummaa obbolummaa qaban waan ijaareefi tokkummaasaanii kanas sababii lammummaatiin, qomootiin ykn amantiitiin eenyuyyuu diiguu akka hin dandeenye waan godheefidha. Biyyoottan 235 ol ta’anitti lakkoofsisaanii miiliyoonaan kan lakkaa’amu yeroo ta’u tokkummaa cimaas qabu. Tokkummaan kun seenaa keessatti adda kan ta’eefi gargaarsa Waaqayyootiin qofa kan argamedha.—Isaayaas 43:10, 11, 21; Hojii Ergamootaa 10:34, 35; Galaatiyaa 3:28.

Saba Waaqayyoo Adda Baasanii Beekuu

7. Yesus duuka buutotasaa akkamitti beekuun akka danda’amu ibse?

7 Sabni, Waaqayyo hundee addunyaa haaraa akka ta’uuf itti fayyadamaa jiru kam akka ta’e akkamitti beekuu dandeenya? Abboommii Yesus Yohannis 13:34, 35⁠rratti dubbate raawwachaa kan jiran eenyu fa’i? Caqasichi akkas jechuudhaan dubbata: “Akka isin wal jaallattaniif abboommii haaraa isiniif nan kenna; ani akkuman isin jaalladhe, isinis immoo akka wal jaallattan isin abboomeera. Jaalala yoo waliif qabaattan, kanaan namoonni hundinuu akka isin bartoota koo taatan in beeku.” Dhugaa Baatonni Yihowaa jechoota Yesusitti ni amanu; wanta itti amanan kanas hojiirra oolchu. “Jaalala ho’aa waliif qabaadhaa!” jechuudhaan gorsa Sagaleen Waaqayyoo kennu hojiirra oolchu. (1 Phexros 4:8) “Jaalala isa wanta hundumaa raawwatamaa godhee walitti hidhu” qabu. (Qolosaayis 3:14) Kanaafuu, akka “hapheetti” kan walitti isaan hidhe jaalala obbolummaati jechuudha.

8. 1 Yohannis 3:10-12, ragaa dabalataa sabni Waaqayyoo ittiin beekaman akkamii ibsa?

8 1 Yohannis 3:10-12 akkas jedha: “Namni waan qajeelaa hin hojjenne, obboleessa isaa hin jaallannes hundinuu, kan Waaqayyoo miti; ijoolleen Waaqayyoo fi ijoolleen Seexanaas kanaan in beekamu. Ergichi isin jalqabaa jalqabdanii dhageessan, ‘Wal jaallachuun nuuf ta’a’ isa jedhuu dha. Akka Qaayin ta’uun hin ta’u. Inni kan isa hamaa sanaa ture; obboleessa isaas in ajjeese.” Sabni Waaqayyoo jal’inarraa fagaachuudhaan addunyaa maratti tokkummaa obbolummaa qabu.

Ragaa Garabiraa Sabni Waaqayyoo Ittiin Beekaman

9, 10. (a) Guyyoota gara dhumaatti tajaajiltoonni Waaqayyoo hojii akkamiitiin beekamu? (b) Dhugaa Baatonni Yihowaa raajii Maatewos 24:14⁠rratti argamu raawwachaa kan jiran akkamitti?

9 Tajaajiltoota Waaqayyoo beekuuf malli garabiraanis jira. Yesus dhuma barichaa ilaalchisee raajii dubbate keessatti, mallattoowwan bara dhumaa keessa jiraachuu keenya argisiisan hedduu dubbateera. (Kutaa 9 ilaali.) Raajiin iddoo guddaan kennamuuf kun, Maatewos 24:14⁠rratti kan ibsame yeroo ta’u, caqasichis: “Saba hundumaatti akka dhugaa ba’uuf, wangeelli mootummaa kun guutummaa biyya lafaatti in lallabama; kana booddees dhumni in dhufa” jedha.

10 Raajiin kun raawwatamuusaa argaa jirraa? Eeyyee! Guyyoonni gara dhumaa bara 1914⁠tti erga jalqabanii kaasee, Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti qajeelfama Yesus hordofuudhaan, manaa gara manaatti misraachoo Mootummaa Waaqayyoo lallabaa jiru. (Maatewos 10:7, 12; Hojii Ergamootaa 20:20) Dhugaa Baatonni Yihowaa miiliyoonaan lakkaa’aman waa’ee addunyaa haaraa kana saba hundumaatti himaa jiru. Birooshuura kanas argachuu kan dandeesse Dhugaa Baatonni Yihowaa Mootummaa Waaqayyoo ilaalchisee barreeffamoota biiliyoonaan lakkaa’aman maxxansuufi raabsuurrattis waan hirmaataniifidha. Dhugaa Baatota Yihowaatiin alatti, dhaabbilee amantii addunyaa maratti manaa gara manaa dhaqanii waa’ee Mootummaa Waaqayyoo lallaban beektaa? Maarqos 13:10 guyyoonni dhumaa utuu hin dhufin ‘dura’ hojiin lallabaafi barsiisuu kun raawwatamuu akka qabu ibsa.

Gaaffii Lammaffaarratti Ka’eef Deebii Kennaniiru

11. Dhugaa Baatonni Yihowaa bulchiinsa Waaqayyootiif ajajamuudhaan wanta garabiraa maal raawwataniiru?

11 Dhugaa Baatonni Yihowaa abboommiifi seera bu’uuraa Waaqayyo baaseef ajajamuudhaan waan garabiraas raawwataniiru. Namoonni yoo rakkatan, Waaqayyoof amanamoo hin ta’an jechuudhaan mormii ykn gaaffiin lammataa Seexanni dhiheesse soba ta’uusaa argisiisuudhaan, gaaffii guddaa amanamummaa ilmaan namootaarratti ka’eef deebii kennaniiru. (Iyoob 2:1-5) Dhugaa Baatonni kun, saba lammii gara garaa keessaa walitti qabame ta’uudhaan akka qaama tokkootti bulchiinsa Waaqayyootiif kan amanaman ta’uusaanii argisiisaniiru. Namoota gonkummaa hin qabne ta’anis, utuma dhiibbaan Seexanaa jiruu gaaffii olaantummaarratti ka’eef Waaqayyo cinaa dhaabachuusaanii argisiisaniiru.

12. Dhugaa Baatonni Yihowaa amantaasaaniitiin fakkeenya eenyuu hordofaa jiru?

12 Dhugaa Baatonni Yihowaa miiliyoonaan lakkaa’amaniifi yeroo har’aatti argaman, Dhugaa Baatota bara duriitti Waaqayyoof amanamoo ta’anii jiraatanii wajjin tokko ta’uusaanii argisiisaniiru. Isaan keessaa tokko tokko, Abeel, Nohi, Iyoob, Abrahaam, Saaraa, Yisihaq, Yaaqoob, Deboraa, Ruut, Daawitiifi Daani’el turan. (Ibroota, boqonnaa 11) Akka Macaafni Qulqulluun jedhutti isaan: “dhugaa baatota akka duumessaa” turan. (Ibroota 12:1) Duuka buutota Yesusiin dabalatee, namoonni kuniifi warri kaanis Waaqayyoof amanamoo ta’uusaanii argisiisaniiru. Yesusis, amanamummaasaa eeguudhaan fakkeenya gaarii ta’eera.

13. Wanta Yesus Seexana ilaalchisee dubbate keessaa jechi dhugaa ta’uunsaa mirkanaa’e isa kamidha?

13 Kunimmoo, wanti Yesus Seexana ilaalchisee geggeessitoota amantiitti dubbate dhugaa ta’uusaa mirkaneessa: “Ani dhugicha isan Waaqayyo irraa dhaga’e isinitti himeera; isin garuu ana nama akkasii ajjeesuu barbaaddu; . . . Isin kan abbaa isa tokkoo, kan Seexanaa ti; kajeellaa hamaa isa kan abbaa keessaniis gochuu in feetu. Jalqabumaa jalqabee inni sun nama ajjeesaa ture; dhugaan isa keessa waan hin jirreef, inni dhugaa irra hin dhaabanne. Inni sobaa dha, abbaa sobaa tis; kanaaf yommuu sobu isa garaa isaa keessa jiru in dubbata.”—Yohannis 8:40, 44.

Filannoon Kee Maalidha?

14. Yeroo ammaatti bu’uurri addunyaa haaraa maal ta’aa jira?

14 Bu’uurri addunyaa haaraa Waaqayyo addunyaa maratti Dhugaa Baatota Yihowaa walitti qabuudhaan hundeesse kun, yeroodhaa gara yerootti jabaachaa adeemeera. Waggaa waggaadhaan namoonni kumaatama dhibbaan lakkaa’aman, beekumsa dhugaarratti hundaa’uudhaan filannoo gochuuf mirga isaaniif kennameen fayyadamanii bulchiinsa Waaqayyootiif ajajamaa jiru. Isaan, kutaa hawaasa addunyaa haaraatiif bu’uura ta’e kanaa ta’uudhaan, olaantummaa Waaqayyo uumama cufarratti qabu ilaalchisee gaaffii ka’eef Waaqayyo cinaa dhaabachuudhaan Seexanni sobduu ta’uusaa mirkaneessaa jiru.

15. Yesus bara keenyatti hojiin namoota gargar baasuu akkamii akka raawwatamu dubbate?

15 Bulchiinsa Waaqayyoo filachuudhaan, yeroo Kiristos “hoolota” “re’ootattii” gargar baasutti, “mirga isaa” taa’uuf ga’eessota ta’uusaanii mirkaneessu. Yesus guyyoota dhumaa ilaalchisee raajii dubbaterratti akkas jedhe: “Ilmi namaa ulfina isaatiin, ergamoonni Waaqayyoos hundinuu isaa wajjin in dhufu; yommus inni teessoo ulfina isaatii irra in taa’a. Yommus namoonni biyya lafaa hundinuu fuula isaa duratti walitti in qabamu; tikseen, hoolota re’ootattii akka gargar fo’u, innis namoota sana gargar in fo’a. Warra hoolotatti fakkeeffaman gara mirga isaa, warra re’ootatti fakkeeffamanis gara bitaa isaa in dhaaba.” Warri hoolotatti fakkeeffaman, bulchiinsa Waaqayyootiif ajajamuudhaan namoota gad of qabaniifi namoota obboloota Kiristoosiin deggeran kan argisiisudha. Warri re’ootatti fakkeeffaman garuu, namoota obboloota Kiristos ta’an kan mormaniifi warra bulchiinsa Waaqayyoo hin deggerredha. Gara fuulduraatti namoonni kun maal ta’u? Yesus: “Isaan [warri re’ootatti fakkeeffaman] gara adaba bara baraa, warri qajeelonni garuu gara jireenya bara baraa in dhaqu” jechuudhaan dubbateera.—Maatewos 25:31-46.

16. Jannata dhuftu keessa jiraachuuf maal gochuu qabda?

16 Dhugumaan Waaqayyo nuu yaada! Dhihoottis gammachuudhaan lafa jannata taatu keessa akka jiraannu nu godha. Jannata dhuftu keessa jiraachuuf fedhii qabdaa? Kana taanaan, waa’ee Yihowaa barachuufi wanta baratte sana hojiirra oolchuudhaan qophiiwwan Yihowaatiif dinqisiifannaa qabdu argisiisi. “Yeroo inni argamuu danda’utti Waaqayyoon barbaaddadhaa! Utuu inni dhi’oo jiruus isa waammadhaa! Namni jal’aan karaa isaa isa jal’aa haa dhiisu, namni hamaanis yaada isaa isa hamaa irraa haa deebi’u! Gara Waaqayyo keenyaa isa araarri isaa guddaa ta’eetti haa deebi’u, innis isa in maara.”—Isaayaas 55:6, 7.

17. Eenyuun tajaajiluu akka barbaaddu ammuma filachuu kan qabdu maaliifi?

17 Yeroon kun tarkaanfii fudhachuurraa yeroo duubatti jennu miti. Sirni moofaan kun baduunsaa dhihaateera. Sagaleen Waaqayyoo akkas jechuudhaan nu gorsa: “Biyya lafaa yookiis waan biyya lafaa jaallachuutti hin hidhaminaa; namni tokko biyya lafaa jaallachuutti yoo hidhame, Waaqayyo abbaa jaallachuun isa keessa hin jiru. . . . Biyyi lafaa, hawwiin isaas hundinuu in darba, namni fedha Waaqayyoo raawwatu garuu bara baraan in jiraata.”—1 Yohannis 2:15-17.

18. Addunyaa haaraa Waaqayyo fidu keessa jiraachuuf hawwiidhaan eeggachuu kan dandeessu yoo maal gootedha?

18 Sabni Waaqayyoo jireenya bara baraa addunyaa haaraa keessatti argataniif leenjii fudhachaa jiru. Beekumsa jireenya hafuuraafi beekumsa garabiraa jannata ijaaruuf gargaaru argachaa jiru. Bulchiinsa Waaqayyoo akka filattuufi hojii lubbu baraarsaa lafa kanarratti gargaarsa Yihowaatiin hojjetamaa jiru kana akka deggertu waamicha sii dhiheessina. Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabadhu; akkasumas, Waaqa isa dhugumaan siif yaaduufi gara fuulduraatti rakkina ilmaan namootaa balleessu bari. Kana yoo goote, atis hawaasa bu’uura addunyaa haaraa keessaa tokko ta’uu dandeessa. Kanaan booda, yeroo itti Waaqayyo biratti fudhatama argattuufi addunyaa haaraa dinqisiisaa ta’e kana keessatti jireenya bara baraa argattu hawwiidhaan eeggachuu dandeessa.

[Fammjj fuula 31]

Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti tokkummaa obbolummaa qabu

[Fakkii fuula 32]

Bu’uurri addunyaa haaraa Waaqayyo fidu yeroo ammaa kaa’amaa jira

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi