LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • od boq. 16 ful. 162-168
  • Waldaa Obbolummaa Tokkummaa Qabu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Waldaa Obbolummaa Tokkummaa Qabu
  • Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • YAADA KEENYA IRRATTI SIRREEFFAMA GOCHUU
  • TOKKUMMAA ADDUNYAA MARATTI QABNU EEGUU
  • WALIIF YAADUU
  • FEDHA YIHOWAA RAAWWACHUUF ADDA BAAFAMUU
  • Akka Yihowaatti Warra Kaan Ilaaltaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
  • Bu’uura Addunyaa Haaraa Yeroo Ammaatti Kaa’amaa Jiru
    Dhugumaan Waaqayyo Waa’ee Keenya Ni Yaadaa?
  • Tokkummaan Kristiyaanota Dhugaa Gidduu Jiru Akkamitti—Argame?
    Tajaajila Mootummaa—2003
  • “Obbolummaa Amantootaa Jaalladhaa”
    Tajaajila Mootummaa—2013
Dabalataan Ilaaluuf
Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu
od boq. 16 ful. 162-168

BOQONNAA 16

Waldaa Obbolummaa Tokkummaa Qabu

YIHOWAAN gara waggoota 1,500f sabni Israaʼel saba maqaa isaatiif taʼan akka taʼanitti ilaalaa tureera. Sana booda Yihowaan, ‘saba maqaa isaatiif taʼu saboota kaan keessaa fudhachuuf xiyyeeffannaa isaa gara isaanitti naanneesse.’ (HoE. 15:14) Namoonni maqaa Yihowaatiif taʼan Dhugaa Baatota isaa ti; eessa iyyuu yoo jiraatan yaadaa fi gocha isaaniitiin tokkummaa qabu. Sabni maqaa Waaqayyootiif taʼu tokkummaa kan qabaate, ergama Yesuus duuka buutota isaatiif kenneen kan kaʼe dha. Yesuus akkana jedheera: “Dhaqaatii saboota hundumaa keessaa namoota barattoota koo godhaa; maqaa Abbaatiin, maqaa Ilmaa fi maqaa hafuura qulqulluutiin isaan cuuphaa; wanta ani isin ajaje hunda akka eeganis isaan barsiisaa.”—Mat. 28:19, 20.

Waldaa obbolummaa addunyaa maraa tokkummaa qabuu fi lammummaan, sanyiin ykn garaa garummaan diinagdee akka isaan qoqqoodu hin heyyamne keessaa tokko taateetta

2 Yihowaadhaaf of murteessuu fi cuuphamuudhaan barataa Yesuus Kiristoos taata. Waldaa obbolummaa addunyaa maraa tokkummaa qabuu fi lammummaan, sanyiin ykn garaa garummaan diinagdee akka isaan qoqqoodu hin heyyamne keessaa tokko taateetta. (Far. 133:1) Kanaan kan kaʼes, michoota kee gumii keessa jiran ni jaallatta, akkasumas ni kabajja. Isaan keessaa tokko tokko sanyii ykn lammummaa ykn sadarkaa barumsaa si irraa adda taʼe qabu taʼa, garaa garummaa kanaan kan kaʼes kanaan dura isaanitti hin dhihaattu taʼa. Jaalala obbolummaa isa hariiroo hawaasaa, amantaa ykn maatii kam iyyuu caalaa cimaa taʼe qabda.—Mar. 10:29, 30; Qol. 3:14; 1 Phe. 1:22.

YAADA KEENYA IRRATTI SIRREEFFAMA GOCHUU

3 Namoonni tokko tokko jibba halaalaa gama sanyii, siyaasaa, hawaasaa ykn kan birootiin qaban moʼuun yoo isaanitti ulfaate, Yihudoota jaarraa jalqabaatti Kiristiyaanota taʼanii fi dhiibbaa amantaa Yihudiitiin kan kaʼe saboota kaan hundaaf jibba qaban moʼuun isaan barbaachisee turee yaaduu dandaʼu. Yihowaan, Pheexiros mana ajajaa dhibbaa Roomaa Qorneelewos jedhamu akka dhaqu yeroo isa ajajetti hojii kanaaf gaarummaadhaan isa qopheessee ture.—HoE. boq. 10.

4 Mulʼata tokko irratti Pheexiros bineeldota Yihudootaaf qulqulluu hin taane qalee akka nyaatu ajajamee ture. Pheexiros yommuu kana gochuu didetti sagaleen tokko samii irraa, “Wanta Waaqayyo qulqulleesse xuraaʼaa dha jechuu dhiisi” isaan jedheera. (HoE. 10:15) Pheexiros yaada isaa jijjiiree sammuu isaa hojii kanaaf qopheessuuf, jechuunis nama saboota kaan keessaa taʼe kana haasofsiisuuf gargaarsi Waaqayyoo isa barbaachisee ture. Pheexiros ajaja Yihowaa fudhatee namoota walitti qabaman sanaaf yeroo lallabetti akkana jedheera: “Yihudiin tokko nama qomoo kan biraa wajjin michuu taʼuun yookiin itti dhihaachuun akka isaaf hin heyyamamne akka gaariitti beektu; taʼus nama tokkoon illee xuraaʼaa yookiin qulqulluu kan hin taane akkan hin jenne Waaqayyo natti argisiiseera. Kanaan kan kaʼes, yommuu na waamsistan mormii tokko malee dhufeera.” (HoE. 10:28, 29) Sana booda Pheexiros, Yihowaan Qorneelewosii fi maatii isaa akka simate ragaa argisiisu argeera.

5 Saaʼol namni Xarsees inni Fariisii barumsa guddaa qabu ture, gad of qabuudhaan namoota sana dura isa biraatti fudhatama hin qabnetti michoomuun isa barbaachisee ture. Qajeelfama illee isaan irraa fudhachuun isa barbaachise ture. (HoE. 4:13; Gal. 1:13-20; Filp. 3:4-11) Namoonni akka Sergiiyos Phaawulos, Diyonaasiyos, Damaaris, Fiilmoon, Oneesimosii fi kan biroon misiraachicha fudhatan barattoota Yesuus Kiristoos taʼuudhaaf yaada isaanii irratti sirreeffama guddaa gochuun isaan barbaachisee akka ture beekamaa dha.—HoE. 13:6-12; 17:22, 33, 34; Film. 8-20.

TOKKUMMAA ADDUNYAA MARATTI QABNU EEGUU

6 Jaalalli obbolootaa fi obboleettota gumii keessa jiranii, gara Yihowaa fi jaarmiyaa isaatti akka si harkise hin shakkisiisu. Jaalala isa barattoota Yesuus Kiristoos warra dhugaa adda baasee beeksisu argiteetta; Yesuus kana ilaalchisee akkana jedheera: “Akka isin wal jaallattaniif ajaja haaraa isiniif nan kenna; akkuman isin jaalladhe, isinis wal jaalladhaa. Jaalala yoo waliif qabaattan, namoonni hundi akka isin barattoota koo taatan kanaan ni beeku.” (Yoh. 13:34, 35) Jaalalli gumii keessa jiru jaalala waldaa obbolummaa addunyaa maraa keessa jiruu wajjin yommuu wal bira qabamu baayʼee xinnoo taʼuu isaa yommuu hubattu, Yihowaa fi jaarmiyaa isaa caalaatti dinqisiifatta. Raajii Kitaaba Qulqulluu guyyoota dhumaatti namoonni nagaa fi tokkummaadhaan Yihowaa waaqeffatan akka walitti qabaman ibsu yommuu raawwatamu argaa jirta.—Mik. 4:1-5.

7 Addunyaa wantoonni nama qoqqoodan jiran kana keessatti namoonni “saba hundumaa keessaa, gosa hundumaa keessaa, nama hundumaa keessaa fi qooqa hundumaa keessaa dhufan” tokko gochuun ni dandaʼama jedhee kan yaadu jiraa? (Mul. 7:9) Garaa garummaa namoota teknooloojiidhaan baayʼee guddatanii fi aadaa durii hordofan gidduu jiru mee yaadi. Wal morkii amantaa namoota sanyii fi lammiin isaanii tokko taʼe gidduu jiru mee ilaali. Sabboonummaan yeroo babalʼachaa jiru kanatti namoonni yeroo kam iyyuu caalaa siyaasaan wal qoqqoodaa jiru. Garaa garummaa dinagdee fi wantoota nama qoqqoodan kan biroo yommuu ilaaltu namoota saba, afaan, gosaa fi garee hawaasaa keessaa dhufan, jaalala cimaa fi nagaadhaan tokko gochuun Waaqni hundumaa dandaʼu yoo dinqii raawwate malee kan dandaʼamu miti.—Zak. 4:6.

8 Haa taʼu malee, tokkummaan akkasii jira; atis yommuu of murteessuudhaan cuuphamtee Dhugaa Baatuu Yihowaa taate tokkummaa kana keessatti hammatamteetta. Tokkummaa kana irraa fayyadamaa waan jirtuuf tokkummaa kana eeguuf itti gaafatamummaa qabda. Gorsa Phaawulos ergamaan Galaatiyaa 6:10 irratti, “Hamma carraa argannetti, namoota hundumaatiif, keessumaa immoo warra amantiidhaan nutti firoomaniif wanta gaarii haa goonu” jechuudhaan kenne hordofuudhaan kana gochuu dandeessa. Gorsa, “Gad of qabuudhaan warri kaan akka isin irra caalan godhaa yaadaa malee, morkiidhaan yookiin of tuulummaadhaan kakaatanii waan tokko illee hin godhinaa; faayidaa warra kaaniis yaadaa malee, faayidaa ofii keessanii qofa hin yaadinaa” jedhus hordofuu ni dandeenya. (Filp. 2:3, 4) Obbolootaa fi obboleettota keenya akka alaan mulʼatanitti utuu hin taʼin, akka Yihowaan isaan ilaalutti ilaaluuf of leenjisuu keenya yoo itti fufne isaanii wajjin hariiroo nagaa fi gammachuu qabu qabaannee itti fufuu dandeenya.—Efe. 4:23, 24.

WALIIF YAADUU

9 Akkuma Phaawulos ergamaan fakkeenyaan ibse gumii keessa wal qoqqoodinsi hin jiru; kanaa mannaa warri achi keessa jiran hundi waliif yaadu. (1 Qor. 12:14-26) Obboloota waldaa obbolummaa addunyaa maraa keessa jiran tokko tokko irraa baayʼee fagaannee jiraachuu kan dandeenyu taʼus nageenyi isaanii nu yaaddessa. Yeroo obboloonni keenya tokko tokko ariʼatamanitti, nuti warri hafne baayʼee dhiphanna. Obboloonni keenya tokko tokko wanta isaan barbaachisu yoo dhaban ykn balaadhaan ykn waraanaan ykn jeequmsa uummataatiin rakkina irra yoo buʼan, wanta karaa hafuuraa fi karaa qaamaa isaan barbaachisu isaanii gochuuf karaa ni barbaanna.—2 Qor. 1:8-11.

10 Hundi keenya iyyuu guyyaa guyyaadhaan obboloota keenyaaf kadhachuu qabna. Tokko tokko wanta gadhee akka raawwatan qorumsi isaan irra gaʼa. Warri kaan immoo rakkoowwan ifatti mulʼatan isaan irra gaʼu. Warri kaan immoo namoota waliin hojjetanii fi miseensota maatii isaanii Dhugaa Baatota hin taane irraa mormiin ifatti hin mulʼanne isaan irra gaʼa. (Mat. 10:35, 36; 1 Tas. 2:14) Miseensa waldaa obbolummaa addunyaa maraa waan taaneef waaʼeen kanaa nu yaaddessa. (1 Phe. 5:9) Nu keessaa tokko tokko hojii lallabaa irrattii fi gumii keessatti qajeelfama kennuudhaan tajaajila Yihowaa keessatti jabaatanii kan hojjetan jiru. Hojii addunyaa maraa ol aantummaadhaan geggeessuu irratti itti gaafatamummaa kan qabanis jiru. Dhuunfaatti isaan gargaaruuf wanti gochuu dandeenyu jiraachuu baatu illee, hunda isaaniif kadhachuudhaan akka isaan jaallannuu fi garaadhaa akka isaaniif yaannu argisiisuu dandeenya.—Efe. 1:16; 1 Tas. 1:2, 3; 5:25.

11 Guyyoota dhumaa kanatti jeequmsi lafa irratti babalʼachaa waan jiruuf, sabni Yihowaa wal gargaaruuf qophaaʼoo taʼuu qabu. Yeroo tokko tokko balaawwan akka kirkira lafaa fi lolaa jiran gargaarsa guddaa gochuu waan gaafataniif, wantoota gargaarsaaf barbaachisan hedduu walitti qabuun barbaachisaa taʼuu dandaʼa. Gama kanaan Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa fakkeenya gaarii nuuf taʼu. Barattoonni Anxokiyaa turan gorsa Yesuus yaadachuudhaan, obboloota isaanii Yihudaa turaniif gammachuudhaan gargaarsa erganiiru. (HoE. 11:27-30; 20:35) Yeroo booda Phaawulos ergamaan hojii gargaarsaa karaa qindoomina qabuun hojjetamu akka deggeran warra Qorontos jajjabeesseera. (2 Qor. 9:1-15) Bara keenyattis obboloonni keenya yeroo haalli rakkisaan isaan mudatuu fi gargaarsi isaan barbaachisu jaarmiyichi, akkasumas dhuunfaatti Kiristiyaanonni saffisaan tarkaanfii fudhatanii wanta barbaachisu godhu.

FEDHA YIHOWAA RAAWWACHUUF ADDA BAAFAMUU

12 Waldaan obbolummaa addunyaa maraa keenya inni tokkummaa qabu, fedha Yihowaa raawwachuuf gurmaaʼeera. Yeroo ammaatti fedhiin Yihowaa saba hundumaatti ragaa akka taʼuuf, misiraachoon Mootummichaa guutummaa lafaa irratti akka lallabamu gochuu dha. (Mat. 24:14) Hojii kana yommuu raawwannutti ulaagaalee naamusaa warra sadarkaa ol aanaa qabanii wajjin wal simnee jiraachuun keenya fedha Yihowaa ti. (1 Phe. 1:14-16) Waliif bitamuu fi hojii misiraachoo babalʼisuuf fedhii qabaachuu qabna. (Efe. 5:21) Amma yeroo kam iyyuu caalaa, yerootti faayidaa dhuunfaa keenyaa barbaannu utuu hin taʼin, yeroo jireenya keenya keessatti Mootummaa Waaqayyootiif dursa kenninu dha. (Mat. 6:33) Kana yaadatti qabachuudhaan misiraachichaaf waliin hojjechuun keenya yeroo ammaatti gammachuu, gara fuulduraatti immoo eebba bara baraa nuuf argamsiisa.

13 Nuti Dhugaa Baatota Yihowaa saba qulqulluu tajaajila Waaqa keenyaatiif hinaafnu waan taaneef namoota kaan irraa adda dha. (Tit. 2:14) Waaqeffannaan Yihowaadhaaf dhiheessinu adda nu taasisa. Obboloota keenya addunyaa mara jiranii wajjin harka wal qabannee hojjechuu qofa utuu hin taʼin qooqa dhugaa dubbanna; akkasumas dhugaa dubbannu kanaa wajjin wal simnee jiraanna. Kun akka taʼu Yihowaan karaa Sefaaniyaa raajichaa akkana jedhee dursee dubbateera: “Hundi isaanii harka wal qabatanii akka isa tajaajilaniif, maqaa Yihowaas akka waammataniif, yeroo sanatti qooqa sabootaa qooqa qulqulluu tokkotti nan jijjiira.”—Sef. 3:9.

14 Itti aansuudhaanis Yihowaan Sefaaniyaan waaʼee waldaa obbolummaa addunyaa maraa isa yeroo harʼaa jiru akka dubbatu isa kakaaseera: “Warri Israaʼel keessaa hafan jalʼina hin raawwatan; isaan soba hin dubbatan yookiin arraba isaaniitiin namoota hin gowwoomsan; isaan ni nyaatu, ni ciisu, kan isaan sodaachisus hin jiru.” (Sef. 3:13) Dhugaa Dubbii Waaqayyoo keessa jiru waan hubanneef, sammuu keenya waan jijjiirree fi jireenya keenya ulaagaalee Yihowaa wajjin waan wal simsiisneef tokkummaadhaan waliin hojjechuu dandeenyeerra. Wanta namoonni ilaalcha namootaa qaban akka hin dandaʼamne godhanii yaadan raawwachuu dandeenyeerra. Eeyyee, nuti namoota addaa, jechuunis saba Waaqayyoo guutummaa lafaa irratti ulfina isaaf fidani dha.—Mik. 2:12.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi