LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • fy boq. 11 ful. 128-141
  • Maatiin Keessan Nagaa Akka Qabaatu Godhaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Maatiin Keessan Nagaa Akka Qabaatu Godhaa
  • Maatiin Gammachuu Argachuu Kan Danda’u Akkamitti?
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • ABBAAN MANAAKEE AMANTII KAN BIRAA KAN QABU YOO TA’E
  • YEROO HAATI MANAA AMANTII KAN BIRAA QABAATTU
  • IJOOLLEE LEENJISUU
  • AMANTIINKEE KAN WARRA KEERRAA ADDA YOO TA’E
  • RAKKOO ABBAA BUDDEENAA YOOKIIN HAADHA BUDDEENAA TA’UUN QABU
  • QABEENYA HORDOFUUN MAATII KEESSAN NI QOQQOODAA?
  • Maatiin Kee Gammachuu Qabachuu ni Dandaʼa
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
  • Wantoota Gaa’elli Akka Itti Fufu Godhan Lamaan
    Maatiin Gammachuu Argachuu Kan Danda’u Akkamitti?
  • Jireenya Maatii Waaqayyoon Gammachiisu
    Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa?
  • Karaa Itti Jireenya Maatiikee Gammachiisaa Gochuu Dandeessu
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
Maatiin Gammachuu Argachuu Kan Danda’u Akkamitti?
fy boq. 11 ful. 128-141

BOQONNAA KUDHA TOKKO

Maatiin Keessan Nagaa Akka Qabaatu Godhaa

1. Wantoonni maatii addadda baasan tokko tokko maalfa’i?

NAMOONNI maatii jaalala, waliigalteefi nagaa qabu keessa jiraatan baay’ee gammadoodha. Maatiin keessanis kan akkasii akka ta’u abdanna. Maatiiwwan hammana hin jedhamne garuu kan akkasii waan hin taaneef, sababii addaddaatiin gargar hiramuunsaanii nama gaddisiisa. Wanti maatii gargar hiru maalidha? Boqonnaa kana keessatti wantoota sadii ilaalla. Maatiiwwan tokko tokko keessatti miseensonni maatii hundumtuu amantii tokko hin qaban. Maatiiwwan kaan keessattimmoo ijoolleen hundi haadhaafi abbaadhaan tokko miti. Kaanimmoo, wanta ittiin jiraatan argachuuf jecha hojiin hojjetan ykn fedhiin qabeenya dabalataa argachuuf qaban, miseensonni maatii addadda ba’anii akka jiraatan isaan dirqisiisuu danda’a. Ta’uyyuu, haalli maatii tokko addadda baasu maatii kaan hin tuqu ta’a. Garaagarummaa kan fidu maalidha?

2. Namoonni tokko tokko jireenya maatii ilaalchisee eessaa qajeelfama barbaadu? Haata’u malee qajeelfama akkasii argachuuf maddi hunda caalu isa kami?

2 Sababiin inni tokko ilaalcha addaddaa qabaachuudha. Ilaalcha nama kaanii hubachuuf garaadhaa yoo yaaltan, maatii tokkummaa qabu qabaachuun akkamitti akka danda’amu ni hubattu. Inni lammaffaanimmoo, bakka qajeelfama irraa argattanidha. Namoonni baay’een gorsa nama wajjin hojjetanirraa, ollaarraa, gaazexaarraa ykn qajeelfama namni qopheesse kan biraarraa argatan hordofu. Namoonni tokko tokko garuu, haala isaan keessa jiran ilaalchisee, waan Macaafni Qulqulluun jedhu erga beekanii booda, wanta baratan sana hojiirra oolchaniiru. Maatiin tokko kana gochuunsaa nagaa akka qabaatu kan gargaaru akkamitti?—2 Ximotewos 3:16, 17.

ABBAAN MANAAKEE AMANTII KAN BIRAA KAN QABU YOO TA’E

Fakkii fuula 130rra jiru

Ilaalcha nama kaanii hubachuuf yaalaa

3. (a) Nama amantaa kan biraa qabu hiriyaa gaa’elaa godhachuu ilaalchisee Macaafni Qulqulluun gorsa akkamii kenna? (b) Hiriyoota gaa’elaa keessaa tokko kan amanu, kaanimmoo kan hin amanne yoo ta’e seerawwan bu’uuraa kamtu hojjeta?

3 Macaafni Qulqulluun, nama amantii kan biraa qabu hiriyaa gaa’elaa akka hin godhanne cimsee nu gorsa. (Keessa Deebii 7:3, 4; 1 Qorontos 7:39) Haata’u malee, erga Macaafa Qulqulluurraa dhugaa barattee booda gaa’ela godhattee ta’uu danda’a; hiriyaan gaa’elaa keemmoo kana utuu hin godhin hafe ta’a. Yeroo kanatti maal gochuu qabda? Ammas taanaan waadaan gaa’ela keessanii eegamuu qaba. (1 Qorontos 7:10) Macaafni Qulqulluun walitti dhufeenyi hiriyoota gaa’elaa itti fufuu akka qabu dubbata; akkasumas yeroo waldhabiinsi uumamutti hiriyoonni gaa’elaa rakkina sanarraa baqachuuf yaaluu mannaa furmaata akka barbaadan isaan jajjabeessa. (Efesoon 5:28-31; Tiitoos 2:4, 5) Haata’u malee, abbaan manaakee amantaakee isa Macaafa Qulqulluurratti hundaa’e hordofuukee baay’isee kan mormu yoo ta’ehoo? Walga’iiwwan gumiirratti akka hin argamne si dhowwuuf yaaluu ykn waa’ee amantaa barsiisuuf manaa gara manaa akka deemtu kan hin barbaanne ta’uusaa dubbachuu danda’a ta’a. Yeroo kanatti maal goota?

4. Haati manaa, abbaan manaashee amantaa akkashee kan hin qabaanne yoo ta’e, wanta isatti dhaga’amu hubachuufii kan qabdu karaa kamiini?

4 “Abbaa manaakootti akkas kan itti dhaga’amu maaliifi?” jedhii of gaafadhu. (Fakkeenya 16:20, 23) Maal gochaa akka jirtu sirriitti yoo hubachuu baate, waa’eenkee isa yaaddessuu danda’a. Yookiinimmoo, ati aadaawwan isaaniif bakka guddaa qaban tokko tokkorratti waan hin hirmaanneef, firoonnisaa dhiibbaa isarraan geessisu ta’a. Abbaan manaa tokko, “Yeroon kophaakoo manatti hafu akkan gatame natti dhaga’ama ture” jechuudhaan dubbateera. Namichi kun sababa amantiitiin haadha manaasaa akka dhabe itti dhaga’amee ture. Ta’uyyuu, koorri ko’eessummaan itti dhaga’amuusaa akka hin amanne isa godheera. Yihowaa jaallachuunkee jaalala kanaan dura abbaa manaakeetiif qabdu kan hir’isu akka hin taane abbaa manaakeetiif mirkaneessuu qabda ta’a. Isaa wajjin yeroo dabarsuu qabda.

5. Haati manaa abbaan manaashee amantii kan biraa hordofu, hubannaa akkamii qabaachuu qabdi?

5 Haala jiru malaan qabuu yoo barbaadde, wanta kana caalaa barbaachisaa ta’e hubachuutu si barbaachisa. Dubbiin Waaqayyoo, “Gooftaa duratti fudhatamaa akka ta’utti, haati manaa abbaa manaa isheetiif haa abboomamtu!” jechuudhaan gorsa kenna. (Qolosaayis 3:18) Gorsi kun yaada ofiin of bulchuu kan balaaleffatudha. Kana malees, caqasni kun “gooftaa biratti fudhatamaa akka ta’utti” jechuudhaan, abbaa manaa ofiitiif abboomamuun akka Gooftaadhaaf abboomamuutti kan ilaalamu ta’uusa argisiisa. Kanas hubannaadhaan gochuun barbaachisaadha.

6. Haati manaa Kiristiyaanni tokko seerawwan bu’uuraa akkamii yaadachuu qabdi?

6 Walga’iiwwan Kiristiyaanaarratti argamuufi amantaa Macaafa Qulqulluurratti hundaa’e ilaalchisee warra kaaniif dhugaa ba’uun, kutaa waaqeffannaa dhugaa Kiristiyaanni tokko dagachuu hin qabnedha. (Roomaa 10:9, 10, 14; Ibroota 10:24, 25) Erga akkas ta’ee, namni tokko wanta Waaqayyo sirraa barbaadu akka hin raawwanne yoo si ajaje maal gootaree? Ergamoonni Yesus, “Nuyi namaaf abboomamuu irra, Waaqayyoof abboomamuutu nu irra jira” jedhaniiru. (Hojii Ergamootaa 5:29) Fakkeenyi isaan kaa’an, haalawwan hedduu yeroo har’aa jireenya keessatti nu mudataniifis ni hojjeta. Jaalalli Yihowaadhaaf qabdu garaa guutuudhaan tajaajila isaaf ta’u dhiheessuuf si kakaasaa? Jaalalliifi kabajni abbaa manaakeetiif qabdu, tajaajila kana karaa isa hin dheekkamsiisneen dhiheessuuf si kakaasaa?—Maatewos 4:10; 1 Yohannis 5:3.

7. Haati manaa Kiristiyaana taate murtoo akkamii gochuu qabdi?

7 Yesus yeroo hundumaa kana gochuun akka hin danda’amne dubbateera. Mormii waaqeffannaa dhugaarratti ka’uun, Dhugaa Baatonni maatiiwwan tokko tokko keessatti argaman, miseensota maatiisaanii wajjin akka waan billaadhaan addadda baafamaniitti akka qoqqoodaman akka isaanitti dhaga’amu akeekkachiiseera. (Maatewos 10:34-36) Dubartiin biyya Jaappaan tokko wanti akkasii ishee mudateera. Abbaan manaashee waggoota 11f ishee mormaa ture. Gara jabinaan miidhaa kan isheerra geessisu yommuu ta’u, yeroo baay’ee gadi baasee balbala itti cufa ture. Isheen garuu duubatti hin jenne. Obboloonni gumii Kiristiyaanaa keessa jiran ishee gargaaru turan. Utuu walirraa hin kutin kadhannaa dhiheessaa kan turte ta’uusheerrayyuu, yaada 1 Phexros 2:20⁠rra jirurraa jajjabina guddaa argatteetti. Dubartiin kun, hamma dhumaatti jabaatte yoo dhaabatte gaaf tokko abbaan manaashee ishee wajjin Yihowaa tajaajiluu akka jalqabu abdii qabdi turte. Abdiinshees dhugoomeera.

8, 9. Haati manaa tokko utuu barbaachisaa hin ta’in abbaa manaashee gufachiisuurraa of qusachuuf maal gochuu qabdi?

8 Ilaalcha hiriyaa gaa’elaakee jijjiiruuf wanti gochuu dandeessu baay’een jira. Fakkeenyaaf, abbaan manaakee amantiikee kan mormu yoo ta’e, wanti mormii irratti dhiheessu kan biraan akka hin jiraanne gochuuf yaalii godhi. Mana keessan qulqullinaan qabi. Of hin gatin. Akka isa jaallattuufi dinqisiifattu argisiisi. Mormuu mannaa isa deggeri. Maaticha akka geggeessu kan barbaaddu ta’uukee argisiisi. Yoo inni sitti balleesse haaloo ba’uuf hin yaalin. (1 Phexros 2:21, 23) Cubbuu kan dhaale ta’uusaa isaaf hubadhu; akkasumas yoo wal dhabiinsi uumame dursa fudhachuudhaan dhiifama gaafachuuf yaalii godhi.—Efesoon 4:26.

9 Walga’ii dhaquukeetiin sa’aatiin nyaataasaa akka darbu hin godhin. Yeroo tokko tokkommoo, yommuu abbaan manaakee mana hin jirretti tajaajila ba’uuf murteessuu dandeessa. Haati manaa Kiristiyaanni tokko, abbaan manaashee akka isaaf lallabdu kan hin barbaanne yoo ta’e akkas gochuurraa of qusachuunshee gaarii ta’uu danda’a. Kanaa mannaa, gorsa Phexros ergamaa isa akkas jedhu hordofti: “Isin dubartoota nana, warra dhiiraa keessaa kaan dubbii Waaqayyoo hin amanne yoo ta’an iyyuu, isin waan tokko utuu hin dubbatin, amala isin warri haadhota manaa isaanii taatan argisiiftaniin akka mo’amanitti, abboota manaa keessaniif abboomamaa! Isaan amala keessan isa qullaa’aa fi isa sodaa Waaqayyoo argisiisu in argu.” (1 Phexros 3:1, 2) Haadhotiin manaa Kiristiyaana ta’an, ija hojii hafuura Waaqayyoo guutummaatti argisiisuuf carraaqu.—Galaatiyaa 5:22, 23.

YEROO HAATI MANAA AMANTII KAN BIRAA QABAATTU

10. Abbaan manaa Kiristiyaanni tokko haati manaasaa amantii biraa kan qabdu yoo taate maal gochuu qaba?

10 Abbaan manaa Kiristiyaana ta’ee haati manaa yoo ta’uu baattehoo? Macaafni Qulqulluun gorsa akkas jedhu kenna: “Namni amane tokko haadha manaa hin amanin yoo qabaate, isheenis abbaa manaa ishee sanaa wajjin jiraachuu yoo jaallatte, inni ishee hin baasin!” (1 Qorontos 7:12) Akkasumas, “Haadha manaa kee jaalladhu” jechuudhaan abbootii manaa gorsa.—Qolosaayis 3:19.

11. Abbaan manaa tokko haati manaasaa Kiristiyaana yoo ta’uu baatte, hubannaa qabaachuusaa argisiisuufi aangoo maatii keessatti qabutti malaan fayyadamuu kan danda’u akkamitti?

11 Abbaa manaa haati manaakee amantii kan biraa qabdu yoo taate, keessumaa ishee kabajuufi miirasheetiif xiyyeeffannaa kennuuf of eeggadhu. Kan ati itti hin gammanne ta’uyyuu, nama of beektu waan taateef amantiishee hordofuuf hamma tokko mirga argachuu qabdi. Al tokko waa’ee amantaakee akkuma itti himteen, amantii yeroo dheeraadhaaf qabattee turte dhiistee isa haaraa akka hordoftu irraa hin eegin. Amantaan isheeniifi warrishee yeroo dheeraadhaaf bakka guddaa kennaafii turan soba ta’uusaa dubbachuu mannaa, Macaafa Qulqulluurraa ragaa dhiheessuudhaan suuta suutaan itti himuuf yaalii godhi. Sochiiwwan gumiirratti yeroo dheeraa kan dabarsitu yoo ta’e, haati manaakee akka irraanfatamtetti itti dhaga’amuu danda’a. Carraaqqii ati Yihowaa tajaajiluuf gootu mormuu dandeessi ta’a; kana gochuunshee garuu, “Anaa wajjin yeroo dheeraa akka dabarsitun barbaada!” jechuushee ta’uu danda’a. Obsa qabaadhu. Kan isheedhaaf yaaddu ta’uunkee, yeroo booda waaqeffannaa dhugaa akka fudhattu ishee gochuu danda’a.—Qolosaayis 3:12-14; 1 Phexros 3:8, 9.

IJOOLLEE LEENJISUU

12. Abbaan manaafi haati manaa amantii addaddaa qabaataniyyuu, ijoolleesaanii leenjisuu ilaalchisee seerri bu’uuraa Macaafa Qulqulluu hojiirra ooluu kan danda’u akkamitti?

12 Maatii waaqeffannaadhaan tokko hin taane keessatti, yeroo tokko tokko barumsa amantaa ijoolleedhaaf kennamu ilaalchisee gaaffiin ka’uu danda’a. Seerri bu’uuraa Macaafa Qulqulluu hojiirra oolfamuu kan danda’u akkamitti? Akka Macaafni Qulqulluun jedhutti ijoollee barsiisuuf itti gaafatamummaa guddaa kan qabu abbaa ta’uyyuu, haatis gahee guddaa qabdi. (Fakkeenya 1:8; Uumama 18:19⁠fi Keessa Deebii 11:18, 19 waliin ilaali.) Abbaan, Kiristos mataa ta’uusaa amanuu baatuyyuu, mataa maatiiti.

13, 14. Abbaan manaa, haati manaasaa ijoollee qabattee gumii akka hin dhaqne ykn akka isaan hin qayyabsiisne yoo dhowwe maal gochuu dandeessi?

13 Abbootiin manaa hin amanne tokko tokko, haati ijoolleesaanii waa’ee amantii yoo barsiiste hin morman. Kaan garuu ni mormu. Abbaan manaakee, ijoollee qabattee gumii akka hin dhaqne ykn mana keessattis Macaafa Qulqulluu akka isaan hin qayyabsiisne yoo si dhowwe maal goota? Yihowaa, abbaa manaakee isa mataakee ta’eefi ijoolleekee warra jaallattu ilaalchisee dirqama sirra jiru tilmaama keessa galchuu qabda. Dirqamawwan kana wal simsiisuu kan dandeessu akkamitti?

14 Dhimma kana ilaalchisee kadhannaa akka gootu beekamaadha. (Filiphisiiyus 4:6, 7; 1 Yohannis 5:14) Dhumarratti garuu, tarkaanfii fudhattu murteessuu kan qabu sumadha. Aangoosaa tuqaa akka hin jirre abbaa manaakeetiif ifa gochuudhaan waan hundumaa malaan kan raawwattu yoo ta’e, yeroo booda mormiisaa hir’isuu danda’a ta’a. Abbaan manaakee ijoollee qabattee gumii akka hin dhaqne ykn karaa idilee ta’een Macaafa Qulqulluu akka isaan hin qayyabsiisne si dhowwuyyuu, karaa biraatiin isaan barsiisuu dandeessa. Haasaa guyyaa guyyaadhaan gootaniin, akkasumas fakkeenya gaarii isaaniif ta’uudhaan, Yihowaadhaaf jaalala guddaa akka qabaatan, Dubbiisaatti akka amanan, abbaasaanii dabalatee warrasaanii akka kabajan, namoota kaaniif jaalala akka qabaatan, akkasumas hojii akka jaallatan gochuuf yaali. Oolee bulee, abbaansaanii bu’aa gaarii argame hubatee carraaqqiikee dinqisiifachuu danda’a.—Fakkeenya 23:24.

15. Abbaan amanu tokko ijoollee barsiisuu ilaalchisee itti gaafatamummaansaa maalidha?

15 Abbaa manaa haati manaakee hin amanne yoo taate, itti gaafatamummaa “adabaa fi barsiisa gooftaatiin ijoollee keessan” barsiisuuf sirra jiru fudhachuu qabda. (Efesoon 6:4) Yeroo kana gootu garuu, walitti dhufeenya haadha manaakee wajjin qabduun gaarii, jaalala qabeessaafi sababa qabeessa ta’uu qabda.

AMANTIINKEE KAN WARRA KEERRAA ADDA YOO TA’E

16, 17. Ijoolleen amantii warrasaaniirraa adda ta’e kan hordofan yoo ta’e, seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu warra kam yaadachuu qabu?

16 Ijoollee xixinnoonillee ilaalcha amantii warrisaanii qabanirraa adda ta’e qabaachuunsaanii kan barame ta’eera. Atoo akkas gooteettaa? Akkas taanaan Macaafni Qulqulluun gorsa sii kennu qaba.

17 Macaafni Qulqulluun akkas jedha: “Abboota keessanii fi haadhota keessaniif abboomamaa! Kun gooftaa duratti qajeelaa dha. . . . ‘Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni!’” (Efesoon 6:1, 2) Kunis warra ofii kabajuu dabalata. Warraaf abboomamuun barbaachisaa ta’uyyuu, kun kan godhamu Waaqayyoon dagachuudhaan miti. Mucaan tokko guddatee murtoo mataasaa gochuu yeroo danda’utti, itti gaafatamni inni wantoota raawwatuuf qabu dabalaa adeema. Kunimmoo karaa seera mootummaa qofa utuu hin ta’in, keessumaa seera Waaqayyoo wajjin haala wal qabateen hojiirra oola. Macaafni Qulqulluun, “Nu keessaa hundumtinuu adda addaan waan godhe sababii isaa wajjin Waaqayyotti himuuf jira” jedha.—Roomaa 14:12.

18, 19. Ijoolleen amantii warrisaanii qabanirraa adda ta’e yoo qabaatan, warrisaanii waa’ee amantiisaanii caalaatti akka beekan gargaaruu kan danda’an akkamitti?

18 Amantaankee jireenyakee keessatti jijjiirama akka gootu yoo si godhe, ilaalcha warrikee qaban hubachuuf yaali. Macaafa Qulqulluu barachuufi barumsasaa hojiirra oolchuunkee caalaatti akka isaan kabajju, akka isaaniif ajajamtuufi wanta si gaafatan dhimmitee kan raawwattu yoo si godhe akka isaan gammadan beekamaadha. Haata’u malee, amantiinkee inni haaraan amantiifi aadaa isaan bakka guddaa kennaniif akka hin hordofne yoo si godhe, dhaala isaan siif dabarsuuf jedhan akka tuffatte itti dhaga’amuu danda’a. Wanti ati gochaa jirtu uummata biratti fudhatama kan hin qabne ykn wantoota qabeenya argachuuf si gargaara jedhanii yaadanirratti kan hin xiyyeeffanne yoo ta’e, waa’een nageenyakee isaan yaaddessuu danda’a. Koorris gufuu ta’uu danda’a. Isin dogoggortaniittu ani sirriidha waan isaaniin jechaa jirtu itti fakkaachuu danda’a.

19 Kanaaf, hamma danda’ametti dafiitii warrikee jaarsolii gumii ykn Dhugaa Baatota gumii muuxannoo qabanii wajjin akka wal baran godhi. Warrikee gara Galma Mootummaa dhaqanii barumsa dhihaatu akka dhaggeeffataniifi Dhugaa Baatonni Yihowaa namoota akkamii akka ta’an ofiisaaniitii akka argan isaan jajjabeessi. Yeroo booda ilaalchi warra keetii ni jijjiirama ta’a. Yeroo warri cimsanii morman, barreeffamoota Macaafa Qulqulluu isaan jalaa balleessan, akkasumas ijoolleen walga’iiwwan Kiristiyaanaarratti akka hin argamne dhowwanittillee, bakka biraatti dubbisuuf, Kiristiyaanota wajjin haasa’uufi warra kaaniif karaa alidilee ta’een lallabuufi isaan gargaaruuf carraan ni jiraata. Yihowaa kadhachuus ni dandeessa. Dargaggoonni tokko tokko caalaatti hojjechuu kan danda’an, yeroo umriinsaanii ga’ee manaa ba’uudhaan mataasaanii danda’anii jiraachuu jalqabanittidha. Mana keessa haalli akkamiiyyuu yoo jiraate, “abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni!” Maatii keessa nagaan akka jiraatu gochuuf gaheekee raawwadhu. (Roomaa 12:17, 18) Hunda caalaa Waaqayyoo wajjin nagaa qabaadhu.

RAKKOO ABBAA BUDDEENAA YOOKIIN HAADHA BUDDEENAA TA’UUN QABU

20. Ijoolleen abbaa buddeenaa ykn haadha buddeenaa qaban yaada akkamii qabaachuu danda’u?

20 Maatiiwwan hedduu keessatti wanti qorumsa guddaa ta’u, dhimma amantii utuu hin ta’in dhimma abbaa ykn haadha buddeenaa wajjin wal qabatedha. Yeroo ammaatti maatiiwwan baay’ee keessatti, haati ykn abbaan yookiinimmoo lamaansaaniiyyuu ijoollee gaa’elasaanii isa kanaan duraa keessatti godhatan qabu. Maatii akkasii keessatti ijoolleen walitti hinaafuufi walitti mufachuu ykn eenyuuf amanamoo akka ta’an wallaaluu danda’u. Kanaan kan ka’es, carraaqqii haati ykn abbaan buddeenaasaanii haadha ykn abbaa gaarii ta’uuf godhan utuu hin fudhatin hafuu danda’u. Haati buddeenaa ykn abbaan buddeenaa bu’a qabeessa ta’uuf maaltu isaan gargaaruu danda’a?

Fakkii fuula 138rra jiru

Warras taatan, abbaa buddeenaa ykn haadha buddeenaa, qajeelfama argachuuf Macaafa Qulqulluurratti hundaa’aa

21. Haala adda ta’e keessa jiraataniyyuu, warri abbaa ykn haadha buddeenaa ta’an seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluurra jiran hordofuu kan qaban maaliifi?

21 Haalli adda ta’e yoo jiraate malee, seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu maatiiwwan kaan bu’a qabeessa akka ta’an godhan, maatii akkasii keessattis hojiirra ooluu danda’u. Seerawwan bu’uuraa kanaaf dantaa dhabuun yeroodhaaf rakkina kan fooyyessu fakkaatuyyuu, oolee bulee gadda geessisuu danda’a. (Faarfannaa 127:1; Fakkeenya 29:15) Ogummaafi hubannaa qabaadhaa; ogummaa qabaachuun keessan faayidaa barabaraa seerawwan bu’uuraa Waaqayyoo hojiirra oolchuun qabu beekuuf, hubannaa qabaachuun keessanimmoo miseensonni maatii wanta tokko kan dubbatanis ta’e kan godhan maaliif akka ta’e adda baaftanii hubachuuf isin gargaara. Rakkina warra kaanii hubachuunis barbaachisaadha.—Fakkeenya 16:21; 24:3; 1 Phexros 3:8.

22. Ijoolleen abbaa ykn haadha buddeenaasaanii haala gaariidhaan simachuun kan isaanitti ulfaatu maaliif ta’uu danda’a?

22 Abbaa buddeenaa ykn haadha buddeenaa ta’uukee dura yommuu michuu maatii kanaa turte, ijoolleen kun haala gaariidhaan si simachaa akka turan ni yaadatta ta’a. Abbaa ykn haadha buddeenaasaanii ennaa taatu garuu ilaalchisaanii jijjiiramuu danda’a. Abbaa ykn haadhasaanii warra isaanii wajjin hin jiraanne waan yaadataniif, akkasumas jaalala warrasaanii kanaaf qaban jalaa fudhachuu kan barbaaddan waan itti fakkaatuuf, isiniif amanamoo ta’uun isaan rakkisuu danda’a ta’a. Yeroo tokko tokkos abbaa isaanii ykn haadha isaanii akka hin taane kallattiidhaan isinitti himu ta’a. Jechoonni akkasii nama miidhu. Ta’uyyuu, “daftee hin aarin!” (Lallaba 7:9) Miira ijoollee wajjin haala wal qabateen, hubannaa qabaachuufi rakkinasaanii isaaniif hubachuun barbaachisaadha.

23. Ijoolleen haadha ykn abbaa buddeenaatiin bulan akkamitti adabamuu qabu?

23 Namni tokko yeroo ijoollee adabutti amalawwan kana qabaachuunsaa baay’ee barbaachisaadha. Adaba hin jijijjiiramne kennuun barbaachisaadha. (Fakkeenya 6:20; 13:1) Akkasumas, ijoolleen hundumtuu tokko waan hin taaneef adabni isaaniif kennamus akka haalasaatti addadda ta’uu danda’a. Warri abbaa ykn haadha buddeenaa ta’an tokko tokko, jalqabarratti ijoolleedhaaf adaba akkasii kan kennu abbaa ykn haadhasaanii utuu ta’anii gaarii akka ta’e dubbatu. Ta’uyyuu, warri lamaanuu adaba kennamurratti walii galuu, akkasumas mucaa ofiisaanii mucaa isa kaaniirra caalchisuurraa of qusachuu qabu. (Fakkeenya 24:23) Ajajamuun barbaachisaa ta’us, eenyuyyuu cubbuurraa walaba akka hin taane yaadachuun barbaachisaadha. Garmalee isaanitti hin dheekkaminaa. Jaalalaan isaan adabaa.—Qolosaayis 3:21.

24. Maatii abbaan ykn haati buddeenaa itti argaman keessatti, saalawwan faallaa gidduutti amalli addaggummaa akka hin jiraanne gochuuf maaltu gargaaruu danda’a?

24 Maatiidhaan waliin mari’achuun rakkinni akka hin uumamne gochuu danda’a. Kana gochuun, maatichi wanta caalaatti barbaachisaa ta’erratti akka xiyyeeffatu gochuuf gargaara. (Filiphisiiyus 1:9-11 waliin ilaali.) Maatiidhaan mari’achuun, maatichi galmasaarra akka ga’uu gochuuf tokkoon tokkoon miseensa maatichaa gahee mataasaa raawwachuu kan danda’u akkamitti akka ta’e hubachuuf isa gargaara. Kana malees, maatiidhaan ifatti waliin mari’achuun rakkina amalaa hambisuu danda’a. Ijoolleen durbaa, ilma abbaa ykn haadha buddeenaasaanii birattis ta’e abbaa buddeenaasaanii biratti, uffannaa akkamii uffachuufi amala akkamii argisiisuu akka qaban barachuun isaan barbaachisa; ijoolleen dhiiraammoo, haadha buddeenaasaaniittiifi intala abbaa ykn haadha buddeenaasaaniitti amala akkamii argisiisuu akka qaban barachuu qabu.—1 Tasaloniiqee 4:3-8.

25. Maatiiwwan ijoolleen hiriyaa gaa’elaa jiran keessatti nagaan akka jiraatu kan gargaaran amalawwan akkamiiti?

25 Rakkina abbaa ykn haadha buddeenaa ta’uu keessaniin isinirra ga’u mo’uuf, obsa qabaadhaa. Walitti dhufeenya haaraa uumuun yeroo fudhata. Ijoolleen kan keessan hin taanee akka isin jaallataniifi isin kabajan gochuun ulfaataadha. Garuu ni danda’ama. Ogummaafi hubannaa, akkasumas Yihowaa gammachiisuuf fedhii qabaachuun, maatii ijoolleen hiriyaa gaa’elaa jiran keessatti nagaa argachuuf baay’ee barbaachisaadha. (Fakkeenya 16:20) Amalawwan akkasii rakkoowwan kaan mo’uufis isin gargaaruu danda’u.

QABEENYA HORDOFUUN MAATII KEESSAN NI QOQQOODAA?

26. Rakkinniifi ilaalchi qabeenyaaf qaban maatiiwwan qoqqooduu kan danda’u akkamitti?

26 Rakkinniifi ilaalchi qabeenyaaf qaban karaa baay’eedhaan maatiiwwan qoqqooduu danda’a. Maatiiwwan tokko tokko waa’ee qarshiirratti, akkasumas sooressa ta’uu ykn yoo xinnaatellee qabeenya hamma tokko qabaachuu ilaalchisee wal dhabiinsa uumamuun jeequmsi guddaan gidduusaaniitti uumamuunsaa nama gaddisiisa. Hiriyoonni gaa’elaa lamaanuu qacaramanii kan hojjetaniifi “qarshiikoo, qarshiikee” kan waliin jedhan yoo ta’e, qoqqoodamni isaan gidduutti uumamuu danda’a. Wal mormuun kan hin jiraanne ta’uyyuu, hiriyoonni gaa’elaa lamaanuu alaa kan hojjetan yoo ta’e yeroo walii wajjin dabarsan dhabuu danda’u. Abbootiin, qarshii yeroo maatiisaanii wajjin turan argatan caalaa argachuuf jecha yeroo dheeraadhaaf, jechuunis ji’oota ykn waggoota baay’eedhaaf maatiirraa fagaatanii jiraachuunsaanii wanta addunyaarratti babal’achaa jirudha. Kun rakkina guddaa geessisuu danda’a.

27. Yeroo rakkinni qarshii maatii mudatutti, seerawwan bu’uuraa kamtu hojiirra ooluu danda’a?

27 Maatiin hundumtuu rakkina mataasaa kan qabuufi wanti addaddaa kan isa barbaachisu waan ta’eef, rakkoowwan akkasii kana mo’uuf seera tokko baasuun hin danda’amu. Ta’uyyuu, gorsi Macaafa Qulqulluu gargaarsa kennuu ni danda’a. Fakkeenyaaf, Fakkeenyi 13:10 ‘wal gorsuudhaan’ qabsoo barbaachisaa hin taane hambisuun akka danda’amu dubbata. Kunis, yaada ofii ibsuu qofa utuu hin ta’in, gorsa gaafachuufi dhimma sanarratti ilaalchi nama kaanii maal akka ta’e hubachuu kan dabalatudha. Akkaataa baasii itti baastan sirriitti murteessuun carraaqqii maatiin godhuuf faayidaa argamsiisuu danda’a. Yeroo tokko tokko, keessumaa yoo ijoolleen ykn namoonni kan biraan maatii keessa jiraatan, baasiiwwan dabalataatiif qarshii argachuuf jecha hiriyoonni gaa’elaa lamaanuu hojii qabachuunsaanii barbaachisaa ta’uu danda’a. Yeroo kun ta’utti, abbaan manaa ammayyuu yeroo ishee wajjin dabarsu akka qabu haadha manaasaatiif mirkaneessuu qaba. Innis ta’e ijoolleen, jaalalaan kaka’anii hojii isheen kanaan dura kophaashee hojjettu ishee gargaaruu danda’u.—Filiphisiiyus 2:1-4.

28. Maatiiwwan tokkummaa qabaachuuf yaadachiisawwan kam hojiirra oolchuu qabu?

28 Sirna kana keessatti qarshiin jireenyaaf barbaachisaa ta’us, gammachuu akka hin argamsiisne garuu yaadadhaa. Tasumaa jireenya namaaf argamsiisuu hin danda’u. (Lallaba 7:12) Kanaaf, qabeenyarratti garmalee xiyyeeffachuun, karaa hafuuraa badiisa geessisuufi amala namaa balleessuu danda’a. (1 Ximotewos 6:9-12) Waaqayyo carraaqqii wantoota jireenyaaf nu barbaachisan argachuuf goonu akka nuu eebbisu amanuudhaan, Mootummaasaafi qajeelummaasaa dursuun keenya baay’ee barbaachisaadha! (Maatewos 6:25-33; Ibroota 13:5) Dhimmawwan hafuuraatiif dursa kan laattaniifi hunda caalaa Waaqayyoo wajjin nagaa qabaachuuf kan carraaqxan yoo ta’e, maatiin keessan wantoota tokko tokkoon qoqqoodamuyyuu, wantoota hunda caalaa barbaachisaa ta’anirratti tokkummaa kan qabu ta’uu danda’a.

SEERAWWAN BU’UURAA MACAAFA QULQULLUU KUN, MISEENSONNI MAATII MANA KEESSATTI NAGAA AKKA QABAATAN KAN GARGAARAN AKKAMITTI?

Kiristiyaanonni hubannaasaanii ni guddifatu.—Fakkeenya 16:21; 24:3.

Abbaan manaafi haati manaa jaalalaafi kabaja waliif qabaachuunsaanii, amantii wal fakkaatu qabaachuusaaniirratti kan hundaa’e miti.—Efesoon 5:23, 25.

Kiristiyaanni tokko ta’e jedhee seera Waaqayyoo hin cabsu.—Hojii Ergamootaa 5:29.

Kiristiyaanonni nagaa uumu.—Roomaa 12:18.

Daftee hin aarin.—Lallaba 7:9.

GAA’ELLI SIRRIIN ULFINAAFI NAGAA ARGAMSIISA

Yeroo keenya kanatti, dhiironniifi dubartoonni baay’een seeraan utuu wal hin fuudhin akka abbaa manaafi haadha manaatti wajjin jiraatu. Namni haaraan Dhugaa Baatuu Yihowaa ta’uuf jedhu tokko haala akkasii keessa jiraachuu danda’a ta’a. Yeroo tokko tokko, walitti dhufeenyisaanii akka aadaa hawaasa ykn gosa sanaatti fudhatama kan argate ta’uu danda’us, seera qabeessa miti. Akka ulaagaa Macaafa Qulqulluutti, gaa’elli tokko karaa sirrii ta’een seeraan beekamee kan galmeeffame ta’uu qaba. (Tiitoos 3:1; Ibroota 13:4) Kana malees, Macaafni Qulqulluun gumii Kiristiyaanaa keessatti gaa’elaan tokko ta’uu kan qaban abbaa manaa tokkoofi haadha manaa tokko qofa akka ta’an dubbata. (1 Qorontos 7:2; 1 Ximotewos 3:2, 12) Mana keessan keessa nagaan akka jiraatu gochuuf jalqaba ulaagaa kana guutuun isin barbaachisa. (Faarfannaa 119:165) Ulaagaaleen Yihowaa, hojiirra ooluu kan hin dandeenye ykn ba’aa miti. Wanti inni nu barsiisu faayidaa kan nuuf argamsiisudha.—Isaayaas 48:17, 18.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi