LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • fy boq. 15 ful. 173-182
  • Haadhaafi Abbaa Keenya Warra Dullooman Kabajuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Haadhaafi Abbaa Keenya Warra Dullooman Kabajuu
  • Maatiin Gammachuu Argachuu Kan Danda’u Akkamitti?
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • MIIRASAANII HUBACHUU
  • WANTA JIREENYAAF ISAAN BARBAACHISUUN GARGAARUU
  • JAALALA ARGISIISUUFI FEDHII OFII AARSAA GOCHUU
  • RAKKINASAANII HUBADHAAFII
  • ILAALCHA SIRRII QABAACHUU
  • WARRA KUNUUNSANSIS KUNUUNSI NI BARBAACHISA
  • JABINA GUDDAA ARGACHUU
  • Kitaabni Qulqulluun Warri Keenya Yommuu Dullooman Kunuunsuu Ilaalchisee Maal Jedha?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Maanguddootaaf Kunuunsa Gochuu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
  • Maanguddootaaf Ulfina Kennaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
  • “Abbaa Kee fi Haadha Keef Ulfina Kenni!”
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2018
Maatiin Gammachuu Argachuu Kan Danda’u Akkamitti?
fy boq. 15 ful. 173-182

BOQONNAA KUDHA SHAN

Haadhaafi Abbaa Keenya Warra Dullooman Kabajuu

1. Warri keenya waan guddaa akkamii nuu godhaniiru? Kanaaf warra keenyaaf miira akkamii qabaachuufi maal gochuufii qabna?

BEEKAAN bara durii tokko, “Abbaa kee isa si dhalche dhaga’i, yommuu haati kee dulloomtus ishee hin tuffatin!” jechuudhaan gorsa kenneera. (Fakkeenya 23:22) ‘Ani tasumaa akkas hin godhu!’ jettu ta’a. Baay’een keenya, haadhotiifi abbootii keenya tuffachuu mannaa baay’ee isaan jaallanna. Waan baay’ee akka nuu godhan beekna. Duraan dursee jireenya nuu kennaniiru. Maddi jireenyaa Yihowaa ta’uyyuu, utuu isaan hin jiran ta’ee nuyi argamuu hin dandeenyu turre. Wanti warra keenyaaf goonu kamiiyyuu lubbuu wajjin wal gituu hin danda’u. Mucaansaanii xinnummaadhaa kaasee ga’eessa hamma ta’utti, fedhiisaanii aarsaa godhanii, dhiphatanii, baasii baay’ee baasanii, xiyyeeffannaa jaalalarratti hundaa’e kennuudhaan gargaarsa isaan godhan yaadaa. Egaa, Dubbiin Waaqayyoo, “Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni! . . . Gaarii akka siif ta’utti, lafa irras bara dheeraa akka jiraattutti!” jechuudhaan gorsuunsaa sirrii mitiiree?—Efesoon 6:2, 3.

MIIRASAANII HUBACHUU

2. Ijoolleen guddatan “dugda warra isaanii” deebisuu kan danda’an akkamitti?

2 Phaawulos ergamaan akkas jechuudhaan Kiristiyaanotaaf barreesseera: “Ijoollee yookiis akkoo [ijoolleen ijoollee] duraan dursanii wanta karaa amantii isaanii maatii ofii isaaniif gochuun isaan irraa barbaadamu haa baran; akkasumas dugda warra isaanii haa deebisaniif, inni kun Waaqayyo duratti fudhatamaa dha.” (1 Ximotewos 5:4) Ijoolleen gurguddaan, jaalala, hojiifi kunuunsa warrisaaniis ta’e akkoofi akaakayyuunsaanii waggoota baay’eedhaaf isaaniif jecha raawwataniif dinqisiifannaa argisiisuudhaan, “dugda warra isaanii” kana deebisuu ni danda’u. Karaan ijoolleen kana gochuu itti danda’an inni tokko, warri dullooman akkuma warra kaaniitti jaalalliifi jajjabinni akka isaan barbaachisu hubachuudhaanidha; kana gochuun caalaattiyyuu isaaniif barbaachisaadha. Akkuma hunda keenyaa, isaanis akka barbaadamaniifi jiraachuunsaanii faayidaa kan qabu akka ta’e akka itti dhaga’amu gochuun barbaachisaadha.

3. Warra, akkasumas akkoofi akaakayyuu keenyaaf ulfina kennuu kan dandeenyu akkamitti?

3 Kanaaf, warra keenya, akkasumas akkoofi akaakayyuu keenya akka jaallannu isaan beeksisuudhaan ulfina kennuufii dandeenya. (1 Qorontos 16:14) Warri keenya nuu wajjin kan hin jiraanne yoo ta’e, waa’ee keenya dhaga’uunsaanii isaaniif waan guddaa akka ta’e yaadachuu qabna. Xalayaa nama gammachiisu barreessuun, bilbila bilbiluu ykn dhaqnee isaan ilaaluun keenya baay’ee isaan gammachiisuu danda’a. Dubartiin Miiyoo jedhamtuufi biyya Jaappaan jiraattu tokko, yeroo umriinshee waggaa 82 turetti akkas jechuudhaan barreessiteetti: “Intalli koo [isheen abbaan manaashee ilaaltuu olaanaa ta’e] ‘Aayyoo maaloo nu wajjin “kottu”’ naan jetti turte. Torban torbaniin maqaa gumiifi lakkoobsa bilbila bakka jiranii naa ergiti turte. Kaartaakoo ilaaluudhaan ‘Amma naannoo kana jiru!’ jechuu nan danda’a. Intala akkasii qabaachuu kootiif yeroo hundumaa Yihowaan galateeffadha.”

WANTA JIREENYAAF ISAAN BARBAACHISUUN GARGAARUU

4. Aadaan amantii Yihudootaa, namoonni warrasaanii warra dulloomanitti garaa akka jabaatan kan jajjabeessu akkamitti ture?

4 Warra ofiitiif ulfina kennuun, wanta isaan barbaachisuun gargaaruus kan dabalatudhaa? Eeyyee. Yeroo baay’ee kana kan dabalatudha. Bara Yesus lafarra turetti geggeessitoonni amantii Yihudii, namni tokko qarshiin ykn qabeenyisaa kan “Waaqayyoof kenname” ta’uusaa yoo dubbate, itti gaafatamummaa warrasaa gargaaruuf qaburraa walaba ta’a aadaa jedhu hordofu turan. (Maatewos 15:3-6) Kun gara jabina akkamiiti! Geggeessitoonni amantii kun akkas gochuudhaan, namoonni warrasaanii kabajuu mannaa wanta karaa foonii isaan barbaachisu dhowwachuudhaan akka isaan tuffatan jajjabeessaa turan. Nuyi matumaa akkas gochuu hin barbaannu!—Keessa Deebii 27:16.

5. Mootummaan biyyoota tokko tokkoo gargaarsa kan godhu ta’uyyuu, warra ofiitiif ulfina kennuun yeroo tokko tokko gargaarsa isaanii gochuus kan dabalatu maaliifi?

5 Yeroo har’aa biyyoota baay’ee keessatti sagantaawwan hawaasaa mootummaadhaan deggeraman, nyaata, uffataafi mana jireenyaa kennuudhaan namoota dulloomaniif gargaarsa godhu. Warri dulloomanis qabeenya yeroo dulloomanitti isaaniif ta’u kaa’ataniiru ta’a. Haata’u malee qabeenyisaanii kun yoo dhume ykn ga’aa yoo ta’uu baate, ijoolleensaanii wanta isaan barbaachisuun isaan gargaaruuf hamma humnasaanii carraaquudhaan, ulfina akka isaaniif kennan argisiisuu danda’u. Kana malees, warra dullooman kunuunsuun, nama Waaqayyoo ta’uu, jechuunis Yihowaa isa maatii hundeesseef kan bulle ta’uu keenya kan argisiisudha.

JAALALA ARGISIISUUFI FEDHII OFII AARSAA GOCHUU

6. Namoonni tokko tokko warrasaanii gargaaruuf jecha qophiiwwan akkamii godhaniiru?

6 Ijoolleen ga’eessota ta’an baay’een, warrasaanii warra humna hin qabneef jaalalaan kaka’anii fedhii ofii aarsaa gochuudhaan wanta isaan barbaachisu godhaniiruuf. Maatiin tokko tokko warrasaanii ofitti fudhataniiru ykn isaanitti dhihoo jiraachuuf jecha bakka jireenyaasaanii jijjiiraniiru. Kaanimmoo warrasaanii wajjin jiraachuu filataniiru. Qophiin akkasii kun yeroo baay’ee warraafis ta’e ijoolleedhaaf eebba kan argamsiisu ta’eera.

7. Haadha ykn abbaa dullooman ilaalchisee dafanii murtoo gochuun gaarii kan hin taane maaliifi?

7 Yeroo tokko tokko garuu kana gochuun gaarii hin ta’u. Maaliif? Tarii murtoon kan godhame jarjartiidhaan ykn miira yeroodhaaf qofa namatti dhaga’amerratti hundaa’ee ta’uu danda’a. Macaafni Qulqulluun, “Namni hubataan . . . lafa dhaqu in ilaallata” jechuudhaan akeekkachiisa gaarii kenna. (Fakkeenya 14:15) Fakkeenyaaf, haati keessan waan dulloomteefi kophaa jiraachuun waan itti ulfaateef isin bira yoo jiraattee akka fayyadamtu yaaddu ta’a. Hubannaadhaan haalasaa yoo ilaaltan yaadawwan kanarratti xiinxaltu ta’a: Dhugumaan wanti ishee barbaachisu maalidha? Dhaabbileen dhuunfaa ykn mootummaan deggeruufi gargaarsa kennan furmaata fudhatamaafi gaarii ta’e argamsiisan jiruu? Isheenoo nuu wajjin jiraachuu ni barbaaddii? Kan barbaaddu yoo ta’e, kun jireenyashee kan jijjiiru karaawwan kamiini? Michootashee dhiistee dhufuu qabdii? Kunoo miirasheerratti dhiibbaa akkamii geessisa? Wantoota kanarratti ishee wajjin mari’attaniittuu? Isinii wajjin jiraachuuf dhufuunshee isinirratti, hiriyaa gaa’elaafi ijoollee keessanirratti dhiibbaa akkamii geessisa? Haati keessan kunuunsa kan barbaaddu yoo ta’e eenyutu ishee kunuunsa? Itti gaafatamummaa kana wal gargaaruu ni dandeessuu? Dhimma kanarratti miseensota maatii wajjin mari’attaniittuu?

8. Akkaataa haadhaafi abbaa keessan warra dullooman itti gargaartan ilaalchisee murtoo yommuu gootan eenyufaa mariisisuu dandeessu?

8 Kunuunsa gochuun ijoollee maatii keessa jiran hunda kan dabalatu waan ta’eef, miseensi hundumtuu murtoo godhamurratti hirmaachuu akka danda’utti maatiidhaan irratti mari’achuun keessan gaariidha. Jaarsolii gumii ykn Kiristiyaanota haalli akkasii isaan mudate mariisisuunis isin gargaaruu danda’a. Macaafni Qulqulluun akkas jechuudhaan akeekkachiisa: “Mareen hin jiru yoo ta’e, wanti yaadame fiixaan hin ba’u; warri gorsa kennan yoo baay’atan garuu, fiixaan in ba’a.”—Fakkeenya 15:22.

RAKKINASAANII HUBADHAAFII

Fakkii fuula 179rra jiru

Warraa wajjin utuu hin mari’atin wanta isaan fayyada jedhame tokkorratti murtoo gochuun sirrii miti

9, 10. (a) Warri dullooman umriinsaanii dabalaa adeemus, waa’eesaanii maal yaaduu qabna? (b) Ijoolleen ga’eessota ta’an warrasaaniitiif jecha tarkaanfii akkamiiyyuu yoo fudhatan, yeroo hundumaa maal gochuu qabu?

9 Haadhaafi abbaa keenya warra dullooman kabajuun rakkinasaanii hubachuu gaafata. Dullumni qaamasaanii miidhaa yeroo deemu, adeemuun, nyaachuuniifi waa yaadachuun caalaatti isaan rakkisuu danda’a. Gargaarsi isaan barbaachisuu danda’a. Yeroo baay’ee ijoolleen nageenya warrasaaniitiif baay’ee waan yaadda’aniif qajeelfama isaanii kennuuf yaalu. Haata’u malee, warri dullooman ga’eessota jireenya dabarsaniin ogummaafi muuxannoo horatan, akkasumas umriisaanii kana hundumaatti of danda’anii jiraachaa turaniifi murtoo mataasaanii gochaa turanidha. Gaheen warraafi ga’eessota ta’uudhaan raawwatan, eenyummaasaanii akka beekaniifi akka of kabajan isaan godheera. Warri, ijoolleensaanii akka isaan to’atan itti dhaga’amu dhiphachuufi aaruu danda’u. Warri tokko tokkos namni walabummaasaanii isaan dhowwuuf carraaqu akka jiru yoo argan, itti mufachuufi ofirraa ittisuu barbaadu ta’a.

10 Rakkoowwan kanaaf furmaanni salphaan jiraachuu baatus, warri dullooman of danda’anii akka jiraataniifi hamma danda’anitti murtoo mataasaanii akka godhan isaaniif heyyamuun gaarummaadha. Utuu warra keessan hin mariisisin wanta isaaniif gaariidha jettanirratti murtoo gochuu dhiisuun keessan gaariidha. Sababii dullumaatiin waan baay’ee dhabanii ta’uu danda’a. Wanta qabanitti akka fayyadaman godhaa. Jireenya warra keessanii to’achuu dhiisaa hamma deemtanitti, walitti dhufeenyi isaanii wajjin qabdan fooyya’aa deema. Gammachuun keessanis ta’e kan isaanii ni dabala. Yeroo tokko tokko faayidaasaaniitiif jecha wantoota murtaa’anirratti isaan dirqisiisuun barbaachisaa ta’uyyuu, warra keessan kabajuun ulfina isaaniif ta’u kennuufii gaafata. Dubbiin Waaqayyoo akkas jechuudhaan nu gorsa: “Ati nama mataa harrii yommuu argitu ka’iif! Nama dulloomaaf ulfina kenni!”—Lewwoota 19:32.

ILAALCHA SIRRII QABAACHUU

11-13. Ijoolleen ga’eessota ta’an walitti dhufeenyi kanaan dura warrasaanii wajjin qaban gaarii ta’uu baatus, qorumsa warra dullooman kunuunsuudhaan isaanirra ga’u mo’uu kan danda’an akkamitti?

11 Yeroo tokko tokko ijoolleen ga’eessota ta’an warrasaanii warra dulloomaniif ulfina kennuun kan isaan rakkisu, walitti dhufeenya yommuu ijoollee turanitti warrasaanii wajjin qaban ta’uu danda’a. Abbaan keessan jaalala kan isinitti hin argisiisne, haati keessanimmoo kan nama hacuuccuufi kan namaa hin naane turan ta’a. Warri keessan akka isin barbaaddan waan hin turreef, ammayyuu aaruu ykn akka miidhamtan isinitti dhaga’amuu danda’a. Miira akkasii kana mo’uu ni dandeessuu?a

12 Baaseen inni biyya Fiinlaanditti guddate akkas jechuudhaan dubbata: “Abbaan buddeenaakoo Naazii Jarmanitti qondaala loltoota Eessi Eessi ture. Waanuma xinnootti dafee aara; achiis wanta godhu hin beeku. Yeroo baay’ee ijumakoo duratti haadhakoo rukuta. Gaaf tokko anatti aaree saqqiisaa baafatee yommuu na reebu sibiila saqqichaatiin fuulakoo rukute. Baay’ee na rukutee waan tureef sireerrattan diriire.”

13 Haata’u malee amala gaariis qaba ture. Baaseen akkas jechuudhaan dabalee dubbata: “Karaa biraatiinimmoo hojiitti baay’ee cimaa si’a ta’u, wanta maatiidhaaf barbaachisu dhiheessuurraa duubatti jedhee hin beeku. Jaalala abbaa natti argisiisee kan hin beekne ta’uyyuu, miirrisaa akka miidhame beekan ture. Haatisaa xinnummaasaatti manaa isa ariite. Namootaa wajjin wal lolaa kan guddate yommuu ta’u, gara adda waraanaa kan dhaqes ijoollummaasaatti ture. Hamma ta’e rakkoosaa isaaf hubachuu waanan danda’eef isa hin komanne. Ergan guddadhee booda, hamma gaafa inni du’eetti hamman danda’e isa gargaaruuf yaaleera. Kana gochuun salphaa ta’uu baatus waanan danda’u hundaa godheera. Hamma inni du’utti ilma gaarii ta’uuf yaaleera; innis akkasuma akka yaadu natti dhaga’ama.”

14. Warra dullooman kunuunsuu dabalatee caqasni haalawwan hundumaarratti hojiirra oolu kami?

14 Gorsi Macaafa Qulqulluu kanatti aanee jiru, akkuma dhimmawwan kaaniif hojjetu haala maatiitiifis ni hojjeta: “Araara garaa keessaa dhufu, gaarummaa, gad of deebisuu, garraamummaa obsas akka uffataatti uffadhaatii keessa jiraadhaa! Waliif danda’aa, namni tokko isa kaan yoo komate waliif dhiisaa; gooftaan akkuma isiniif dhiise, isinis immoo waliif dhiisaa!”—Qolosaayis 3:12, 13.

WARRA KUNUUNSANSIS KUNUUNSI NI BARBAACHISA

15. Warra kunuunsuun yeroo tokko tokko kan nama dhiphisu maaliifi?

15 Warra humna hin qabne kunuunsuun hojiifi itti gaafatamummaa dabalataa waan fiduuf, akkasumas yeroo dheeraa waan gaafatuuf hojii cimaadha. Caalaatti rakkisaa kan ta’u garuu dhiibbaa inni miirarratti geessisudha. Warri keessan fayyaa dhabuusaanii, waa yaadachuufi of danda’anii jiraachuu dadhabuusaanii arguun keessan isin dhiphisa. Saandiin isheen biyya Portoo Rikootii dhufte akkas jetteetti: “Haatikoo utubaa maatii keenyaa turte. Dhibamuushee arguufi ishee dhukkubsachiisuun baay’ee kan nama gaddisiisu ture. Dura okkoluu jalqabde; achiis kazaraadhaan, ittaanseemmoo barcuma konkolaatuun fayyadamuuf dirqamtee turte. Sanaan booda hamma duututti dhukkubnishee ittuma cimaa deeme. Dhukkuba daranyoo lafeetiin waan qabamteef halkaniifi guyyaa utuu walirraa hin kutin ishee dhukkubsachiisuun barbaachisaa ture. Ishee dhiqna, ishee nyaachisna, akkasumas ni dubbisnaaf ture. Keessumaammoo dhiibbaan miirarra ga’u baay’ee ulfaataa ture. Haadhakoo baay’ee waanan jaalladhuuf, du’uuf akka jettu yeroon beeku nan boo’an ture.”

16, 17. Namni warrasaa kunuunsu ilaalcha sirrii akka qabaatu gochuuf gorsa akkamiitu isa gargaaruu danda’a?

16 Isinis haala akkasii keessa yoo jiraattan maal gochuu dandeessu? Macaafa Qulqulluu dubbisuudhaan Yihowaa dhaggeeffachuufi kadhannaadhaan isatti dhihaachuudhaan isa haasofsiisuun baay’ee isin gargaara. (Filiphisiiyus 4:6, 7) Nyaata madaalamaa nyaachuufi hirriba gaarii argachuuf yaalaa. Yoo akkas gootan, miiraanis ta’e qaamaan haala gaarii waan qabaattaniif, nama jaallattan kunuunsuu dandeessu. Darbee darbee boqonnaa fudhachuuf qophii gochuu dandeessu ta’a. Boqonnaa argachuu kan hin dandeenye yoo ta’emmoo, yeroo tokko tokko aara galfachuuf sagantaa baafachuun gaariidha. Yeroo tokko tokko boqochuu akka dandeessanitti namni tokko warra dhukkubsatan bira akka isiniif turu gochuu dandeessu ta’a.

17 Ga’eessonni yommuu warrasaanii kunuunsan wanta humnasaanii ol ta’e ofirraa eeguunsaanii kan baramedha. Ta’uyyuu, wanta tokko gochuu erga hin dandeenyee akka balleessitan isinitti dhaga’amuu hin qabu. Sababii tokko tokkoon kan ka’e nama jaallattan bakka maanguddoonni itti kunuunsamanitti geessuun keessan barbaachisaa ta’uu danda’a. Warra keessan kan kunuunsitan yoo ta’e, wanta isinirraa eegamu sirriitti beekaa. Wanta warra keessan barbaachisu qofa utuu hin ta’in, wanta ijoollee keessan, hiriyaa gaa’elaa keessaniifi ofii keessaniif barbaachisus tilmaama keessa galchaa.

JABINA GUDDAA ARGACHUU

18, 19. Yihowaan gargaarsa kennuuf waadaa akkamii galeera? Muuxannoon waadaa kana akka raawwatu argisiisu kami?

18 Yihowaan karaa Macaafa Qulqulluutiin, qajeelfama nama haadhaafi abbaasaa warra dullooman kunuunsu baay’isee gargaaruu danda’u kenneera; gargaarsi inni kenne garuu kana qofa miti. Faarfatichi geggeessaa hafuura qulqulluutiin, “Waaqayyo warra isa waammatan hundumaatti, . . . dhi’oo dha” jechuudhaan barreesseera. “Iyya isaaniis immoo in dhaga’a, isaan in oolchas.” Yihowaan namoota isaaf amanamoo ta’an haala rakkisaa keessaallee ni oolcha.—Faarfannaa 145:18, 19.

19 Miirnaan isheen biyya Fiilippiins keessa jiraattu, haadhashee ishee sammuushee keessatti dhiigni dhangala’e yommuu kunuunsitu kun dhugaa ta’uusaa hubatteetti. Akkas jechuudhaan barreessiteetti: “Namni jaallattan yeroo dhibamuufi bakka isa dhukkubu isinitti himuu yeroo dadhabuu arguu caalaa wanti nama dhiphisu hin jiru. Suuta suutaan du’atti akka adeemtu ilaaluu jechuu ture; garuu wantin gochuu danda’u hin jiru ture. Yeroo baay’ee jilbeenfadhee hammam akkan dadhabe Yihowaatti nan himan ture. Akka Daawit isa Yihowaan imimmaansaa qodaa keessatti akka walitti isaaf qabu kadhatettan kadhadha ture. [Faarfannaa 56:8] Yihowaanis akkuma abdii kennetti jajjabina na barbaachisu naa kenneera. ‘Yihowaan irkoo naa ta’eera.’”—Faarfannaa 18:18.

20. Namoonni warrasaanii kunuunsaa turan, namni sun yoo du’eyyuu hawwii gaarii akka qabaatan kan isaan gargaaru abdii Macaafa Qulqulluu isa kami?

20 Warra dullooman kunuunsuun, “seenaa dhumnisaa nama gaddisiisudha” jedhama. Namni kunuunsa godhu carraaqqii akkamiiyyuu yoo godhe, akkuma haadha Miirnaa, warri dullooman du’uu danda’u. Namoonni Yihowaatti amanaman garuu namni du’ee akka hin hafne beeku. Phaawulos ergamaan, “Warra qajeelotaa fi warra jal’ootaafis du’aa ka’uun akka jiru, . . . Waaqayyoon abdiidhaan nan eeggadha” jedheera. (Hojii Ergamootaa 24:15) Namoonni warrasaanii du’aan dhaban hundi, abdii du’aa ka’uu Waaqayyo kenne, addunyaa haaraa gammachiisaa ta’eefi ‘duuti keessa hin jiraanne’ fiduuf waadaa galeen jajjabina argatu.—Mul’ata 21:4.

21. Warra dullooman kabajuudhaan bu’aa gaarii akkamiitu argama?

21 Tajaajiltoonni Waaqayyoo warrisaanii dulloomaniyyuu bakka guddaa isaaniif kennu. (Fakkeenya 23:22-24) Isaan kabaju. Kana gochuusaaniitiinis fakkeenyi geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffameefi armaan gaditti argamu kun isaanirratti raawwatama: “Abbaan kee fi haati kee haa gammadan, isheen si deesse haa gammaddu!” (Fakkeenya 23:25) Hunda caalaammoo, namoonni haadhaafi abbaasaanii warra dullooman kabajan Yihowaa ni gammachiisu, isaafis ulfina akka kennan ni argisiisu.

a Yeroo kana jennu, waa’ee haala warra humnaafi itti gaafatamummaasaaniitti seeraan ala fayyadamuudhaan gocha akka hammeenyaatti ilaalamu ijoolleerratti raawwatanii dubbachuu keenya miti.

SEERAWWAN BU’UURAA MACAAFA QULQULLUU KUN, HAADHAAFI ABBAA KEENYA WARRA DULLOOMAN KABAJUUF KAN NU GARGAARAN AKKAMITTI?

Warra keenyaafis ta’e akkoofi akaakayyuu keenyaaf dugda baasuu qabna.—1 Ximotewos 5:4.

Wanti raawwannu hundi jaalalaan raawwatamuu qaba.—1 Qorontos 16:14.

Murtoowwan barbaachisaa ta’an jarjarsuudhaan godhamuu hin qaban.—Fakkeenya 14:15.

Warri dullooman yoo dhukkubsatan ykn yoo humna dhabaniyyuu kabajamuu qabu.—Lewwoota 19:32.

Dullumaafi du’aa wajjin barabaraaf hin jiraannu.—Mul’ata 21:4.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi