LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 12/06 ful. 3-4
  • Namoonni Fedhii Qaban Sodaa Namootaa Akka Mo’an Gargaaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Namoonni Fedhii Qaban Sodaa Namootaa Akka Mo’an Gargaaraa
  • Tajaajila Mootummaa—2006
Tajaajila Mootummaa—2006
km 12/06 ful. 3-4

Namoonni Fedhii Qaban Sodaa Namootaa Akka Mo’an Gargaaraa

1 Fakkeenyi 29:25, “Nama sodaachuun kiyyootti nama galcha” jedha. Yeroo baay’ee jechi kun dhugaa ta’uusaa naannoo tajaajilaa keenyatti argina. Yeroo tokko tokko namoonni waa’ee dhugaa Macaafa Qulqulluu itti himnu ollaa, fira, hiriyaa wajjin baratan, namoota wajjin hojjetan ykn mormii luboonni kaasan sodaachuudhaan jalqabuma akka haasofsiisneen fedhii dhabuu danda’u. Yeroo tokko tokkommoo, namni deddeebii gaaffii goonuuf ykn Macaafa Qulqulluu qayyabsiisnu, sodaa namootaatiin fedhiinsaa baduu danda’a. Namoota Yesusiin dhaggeeffachaa turanirra akkuma ga’ee ture, har’as namoonni baay’een sodaa namootaatiin kan ka’e eebba guddaa utuu hin argatin hafaniiru.—Yoh. 12:42-43, 7:10-13, 9:18-22.

2 Naannoon tajaajilaa tokko tokko to’annaa cimsitoota amantii jalatti kan argamu yoo ta’e maal gochuu dandeenya? Akkas taanaan, haala naannoo tajaajilaa keenya itti hojjennurratti jijjiirama tokko tokko gochuu nu barbaachisa ta’a. Namoonni akkasumaan fagootti kan nu jibban ta’us, gaaffiiwwan armaan gadii gaafachuudhaan maree keenya jalqabuu dandeenya: “Kiristiyaanonni sobaa akka ka’an wanta dubbatame utuu hin dhaga’in hin haftu. Akkamitti isaan beekuu akka dandeenyu ilaalchisee wanta Yesus dubbate beektaa?” Achiis, Maatewos 7:15-20 baaftee erga itti argisiistee booda, lakkoofsa 13fi 14 dubbisiif. Akkaataan dhiheenyaa garabiraanimmoo: “Kiristiyaanonni dhugaa namoota hundaa biratti fudhatama arganna jedhanii eeguu qabumoo, mormiin akka isaanirra ga’u eegu qabu jettee yaadda?” Sana booda Maatewos 5:11, 12 ykn 10:22 dubbisuu dandeessa. Yaada seensaa garabiraa akkas jedhuunis gargaaramuu dandeessa: “Hojii lallabaa Yesus raawwate ilaalchisee xuqaa gaarii tokko akkan sitti argisiisuuf yeroo muraasa naa kennuu dandeessaa? Namoonni hedduun ergaa Yesus kan fudhatanmoo kan didan sitti fakkaata?” Achiis, Yohannis 15:18-20 dubbisiif. Obboloonni naannoowwan tajaajilaa akkasii keessatti hojjetan akkaataan dhiheenyaa kun gaarii ta’uusaa hubataniiru.

3 Namni fedhii argisiise jabina karaa hafuuraa isa gargaaru akka qabaatu akkamitti gargaaruu dandeenya? Yeroo jalqabaatiif utuu nama tokko haasofsiisaa jirruu mormitoonni gidduu seenuudhaan maree keenya dhaabsisuuf yaalii kan godhan yoo ta’e, namni kamiyyuu walitti dhufeenya Waaqayyoo wajjin qabnus ta’e kennaa jireenya bara baraa caalu nuu kennuu akka hin dandeenye nama haasofsiisnutti malaan itti himuu dandeenya. Babal’isaan tokko nama haasofsiisaa jiru akkas jedhee gaafachuu danda’a: “Sammuun keenya kennaa guddaa Waaqayyo biraa nuu kenname ta’uusaa ni amantaa? Erga akkas ta’ee, namoonni kaan sammuu keenyatti fayyadamnee murtoo mataa keenyaa akka hin goone akka nu dhowwan heyyamuu qabnaa?” Yeroo tokko tokko naannoo sana dhiisnee ba’uudhaan naannoo namoota fedhii qaban garabiraa itti argachuu dandeenyu dhaquun gaarii ta’uu danda’a.

4 Yeroo tokko tokkommoo, namni jalqaba haasofsiisne mormiin akka isarra ga’e hubachuu dandeenya ta’a. Kanaaf, marii keenya erga xumurree booda gaaffii akkas jedhu kaasuu dandeenya: “Yaanni Macaafa Qulqulluurraa dubbisne kun kan nama jajjabeessu mitii? Diina Waaqayyoo kan ta’e Seexanni kanatti waan gammadu sitti fakkaataa? Abdii si kutachiisuuf maalfaa gochuu danda’a?” Sadarkaa kanarra erga geenyee booda, Caqasoota akka 1 Yohannis 5:19 ykn 1 Phexros 5:8 dubbisuufii akkasumas, gaaffii dabalataa akkas jedhu gaafachuu dandeenya: “Namni tokko utuu ergaa kana mormee dubbatee maal gochuu qabda?”

5 Deddeebii gaaffii yommuu gootu, yaada seensaa akkas jedhu qophaa’uu dandeessa: “Yesus karaa Kiristiyaanni dhugaa tokko irra adeemu karaa dhiphaa wajjin kan wal fakkeesse maaliifi?” Achiis, caqasawwan akka Maatewos 7:13, 14; Maatewos 5:11fi 2 Ximotewos 3:12⁠rratti yaada kennuu dandeessa. Achiis, yaada Fakkeenya 29:25 ykn Faarfannaa 56:11⁠rratti argamuun fayyadamuudhaan jajjabeessuun ni danda’ama. Gargaarsa Waaqayyoo argachuuf kadhannaa dhiheessuun barbaachisaa ta’uusaa addeessi. Kana malees, ‘wanti irratti mari’anne hundi maddisaa Macaafa Qulqulluumoo wanta garabiraa ture?’ jettee gaafachuu dandeessa. Yeroo baay’ee namoonni Macaafa Ququlluu qayyabachuu morman, machii, qoricha sammuu namaa hadoochuufi araada qabsiisu ykn amala gadhee garabiraa kan hin mormine ta’uunsaanii hubannaa dhabuusaanii akka argisiisu addeessi. Dhugaan Macaafa Qulqulluu qabeenyaa guddaa waan ta’eef, namni tokko gocha namoota kaaniitti abdii kutachuu, akkasumas sodaa namootaatiin dhugaa dhiisuun nuufis ta’e firoota keenyaaf ykn hiriyoota keenyaaf faayidaa argamsiisu akka hin qabne dubbadhu.

6 Qayyabannaan Macaafa Qulqulluu al tokko erga jalqabamee booda, nama qayyabsiistu mormii isarra ga’uuf qopheessuu hin irraanfatin. Yaada kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu ful. 17 key. 22⁠rratti argamuun fayyadamuudhaan barumsicha bal’isuu dandeessa. Barataan Macaafa Qulqulluu kun kan qayyabatu birooshuura Waaqni Nurraa Maal Barbaadaa? jedhamu yoo ta’emmoo, yaada barbaachisaa ta’e barumsa 1, keeyyata 3fi barumsa 4, keeyyata 7⁠rraa argachuu dandeessa. Haata’u malee, yeroo tokko tokko mormiin kan ka’u qayyabannaan Macaafa Qulqulluu akka jalqabameen ta’uu dhiisuu danda’a. Yeroo akkasiitti yaada kana yeroo booda deebistee kaasuu dandeessa. Yoo barbaachisaa ta’e Kiristiyaanota jaarraa tokkoffaarra mormiin ga’ee akka ture itti argisiisuu dandeessa. (HoE. 28:22) Fakkeenyi Yesus karaa dhiphoofi bal’aa ilaalchisee dubbate, Kiristiyaanni dhugaa tokko filannoo gochuu akka qabu kan argisiisu ta’uusaa irra deebitee itti argisiisuus ni dandeessa. (Maatewos 7:13, 14) Dargaggeessaa wajjin mari’attu taanaan, yaanni kitaaba Gaaffii Dargaggootaa ful. 73-80⁠rratti argamu baay’ee gaarii ta’uu danda’a. Kana malees, namoota qayyabattoota Macaafa Qulqulluu abdii kutachiisuu barbaadanitti gaarummaa argisiisuun bu’aa akkamii akka qabu addeessuun gaarii ta’a. Kana gochuufis Roomaa 12:17-21, Fakkeenya 15:1 ykn 1 Phexros 3:15 gargaaramuun ni danda’ama.

7 Haalawwan kana hundaa keessatti, humna kadhannaan qabu hubachuu nu barbaachisa. Yihowaan yaada garaa namaa kan beeku ta’uusaarrayyuu, namoota yaada garaa qajeelaa qaban garasaatti harkisa. (Yoh. 6:44) Gargaarsa barbaachisaa ta’e kennuuf harkisaa gabaabaa miti. Waa’eesaanii kadhannaa gochuun keenyas bu’aa guddaa qaba. Kanaaf, namoota lallaba keenyaaf fedhii argisiisanis ta’e namoota Macaafa Qulqulluu qayyabsiisnu, Yihowaan jabina itti fufuuf isaan gargaaru akka isaanii kennuuf kadhannaa keenya keessatti adda baasnee ibsuun barbaachisaadha.—Yaq. 5:16.

8 Haala ‘obboloota keenyaa warra guutummaa biyya lafaarratti argamanirraa’ hubachuun akka danda’amutti, eenyuyyuu Waaqa dhugaa kan ta’e Yihowaatti amanamuudhaan sodaa namootaa mo’uu danda’a. (1 Phe. 5:9; Fak. 29:25; Far. 27:1; Filp. 4:13) Jaalalliifi humni Waaqayyo fayyisuuf qabu, jabina barbaachisu nuu argamsiisa. (Far. 37:28, 118:6; Isa. 41:10, 54:17) Yihowaan jabina akka kennuufi namoota sodaa namootaa mo’anii tajaajiltootasaa ta’aniif badhaasa akka qopheesse akka hubataniif warra kaan haa gargaarru.—Fak. 27:11; Far. 15:1,2.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi