LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Raajiin Daani’el Dhufaatii Masiihichaa Dursee Kan Dubbate Akkamitti?
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
    • Geggeessituun ykn Masiihichi yeroo inni itti mul’atu adda baasnee baruuf, jalqaba barri gara Masiihichaatti nu geessu yoom akka jalqabe beekuu nu barbaachisa. Akka raajicharratti ibsametti barri ykn yeroon kun kan jalqabu, “Yeroo Yerusaalem deebitee akka ijaaramtuuf abboommiin ba’ee jalqabeeti.” ‘Abboommiin kan ba’e’ yoomi? Barreessaa Macaafa Qulqulluu kan ta’e Nahimiiyaan akka ibsetti masaraawwan Yerusaalem deebi’anii akka ijaaramaniif abboommiin kan ba’e, “Artashaastaan mootichi mo’ee waggaa digdammaffaatti” dha. (Nahimiyaa 2:1, 5-8) Bulchiinsi Artashaastaa kan jalqabe Dh.K.D. bara 474⁠tti ta’uusaa barreessitoonni seenaa mirkaneessaniiru. Kanaafuu, bulchiinsisaa inni waggaa 20⁠ffaan kan jalqabe Dh.K.D. bara 455⁠ttidha. Amma raajiin Daani’el Masiihicha ilaalchisee dubbate raawwiisaa argachuu kan jalqabe bara 455 Dh.K.D. ta’uusaa hubanneerra.

      Daani’el, dhufaatiin ‘geggeessituu isa dibamee moosifamee’ hangam akka dheeratu argisiiseera. Raajichi ‘waggaa torba si’a torbaafi . . .Waggaa torba si’a jaatamii lamaaf,” walumaa galatti—waggoota 483 akka ta’e dubbata.

      Amma wanti hafu lakkaa’uu qofadha. Dh.K.D. bara 455 kaasnee waggoota 483 yoo lakkoofne Dh.K.B. bara 29⁠rra geenya. Waggaan kunimmoo yeroo Yesus itti cuuphameefi Masiihii itti ta’edha!a (Luqaas 3:1, 2, 21, 22) Haalli raajiin Macaafa Qulqulluu kun itti raawwiisaa argate kan nama ajaa’ibsiisu mitii?

      Chaartii: Raajiin Daani‵el 9 irratti torba si‵a torbaatama ilaalchisee dubbatame dhufaatii Masiihichaa argisiisa
  • Yesus Kiristos—Masiihii Isa Abdachiifame
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
    • KUTAA DABALATAA

      Yesus Kiristos​—Masiihii Isa Abdachiifame

      YIHOWAAN Masiihicha akka adda baasnee barruuf, raajonni Macaafa Qulqulluu baay’een geggeessituun ilmaan namootaa akka walaba baasu raajiidhaan dubbatameef kun waa’ee dhalootasaa, waa’ee tajaajilasaafi waa’ee du’asaa ilaalchisee odeeffannoo bal’aa akka barreessan hafuurasaatiin isaan kakaaseera. Raajiiwwan Macaafa Qulqulluu kun hundi Yesus Kiristosirratti raawwiisaanii argataniiru. Raajiiwwan kun haala nama dinqisiisuun raawwiisaanii kan argatan yeroo ta’u odeeffannoo barbaachisoo ta’anis bal’inaan qabataniiru. Kana fakkeenyaan ilaaluuf, haala Masiihiin kun itti dhalatuufi raajiiwwan ijoollummaasaa wajjin wal qabatan keessaa muraasasaanii haa ilaallu.

      Isaayaas raajichi Masiihichi sanyii Daawit keessaa akka dhalatu raajii dubbatee ture. (Isaayaas 9:7) Dhugumayyuu Yesus kan dhalate sanyii Daawit keessaa ture.​—Maatewos 1:1, 6-17.

      Miikiyaas kan jedhamu raajii garabiraanimmoo, mucaan kun yeroo booda akka geggeessaa ta’uufi “mandara Betlihem-Efraataa” keessatti akka dhalatu raajii dubbatee ture. (Miikiyaas 5:2) Yeroo Yesus dhalatetti, Israa’el keessa magaalaawwan Betlihem jedhamanii waamaman lama turan. Magaalaan Betlihem isheen tokko karaa kaaba naannoo Naazireetitti kan argamtu yeroo taatu, Betlihem isheen kaanimmoo biyya Yihudaa keessatti naannoo Yerusaalemitti argamti turte. Betlihem isheen naannoo Yerusaalemitti argamtu dur Efraataa jedhamtee waamamti turte. Akkuma dursee raajiidhaan dubbatametti Yesus magaalaa kanatti dhalate!​—Maatewos 2:1.

      Raajiin Macaafa Qulqulluu garabiraanimmoo, Ilmi Waaqayyoo “biyya Gibxii keessaa” akka waamamu raajiidhaan dubbatamee ture. Yesus ijoollummaasaatti gara biyya Gibxiitti geeffamee ture. Herodis erga du’ee booda biyya Giibxiitii waan deebi’eef raajiin kun sirriitti raawwiisaa argateera.—Hose’aa 11:1; Maatewos 2:15.

      Gabatee fuula 200⁠rratti mataduree “Raajii” jedhu jalatti caqasawwan argaman geggeessituu dibame ilaalchisee, yaada bal’aa qabataniiru. Caqasawwan kana mataduree “Raawwii” jedhu jalatti argamanii wajjin waliin ilaali. Kana gochuunkee amantii Sagalee Waaqayyoorratti qabdu caalaatti siif jabeessa.

      Caqasawwan kana yeroo qortu, raajiiwwan kun kan barreeffaman Yesus utuu hin dhalatin waggoota dheeraa dura ta’uusaanii qalbeeffadhu. Yesus, ‘Waa’ee kootiif seera Musee, macaafa raajotaa fi, macaafa faarfannaa keessatti kan caafame hundinuu raawwatamuuf jira’ jechuudhaan dubbateera. (Luqaas 24:44) Macaafa Qulqulluu keerraa mirkaneeffachuu akka dandeessutti, wantoonni raajiiwwan keessatti ibsaman hundi sirriitti raawwiisaanii argataniiru!

      RAAJIIWWAN MASIIHICHA ILAALCHISANII DUBBATAMAN

      WANTA TA’E

      RAAJII

      RAAWWII

      Gosa Yihudaa keessaa dhalate

      Uumama 49:10

      Luqaas 3:23-33

      Durbarraa dhalate

      Isaayaas 7:14

      Maatewos 1:18-25

      Sanyii Daawit Mootichaa keessaa dhalate

      Isaayaas 9:7

      Maatewos 1:1, 6-17

      Yihowaan mootichi Ilmasaa ta’uusaa beeksise

      Faarfannaa 2:7

      Maatewos 3:17

      Namoonni baay’een isatti hin amanne

      Isaayaas 53:1

      Yohannis 12:37, 38

      Ilmoo harreerra taa’ee gara Yerusaalem dhaqe

      Zakaariyaas 9:9

      Maatewos 21:1-9

      Michuunsaa dabarsee isa kenne

      Faarfannaa 41:9

      Yohannis 13:18, 21-30

      Meetii guroo 30n dabarsee isa kenne

      Zakaariyaas 11:12

      Maatewos 26:14-16

      Namoota isa himatan duratti ni callise

      Isaayaas 53:7

      Maatewos 27:11-14

      Wayyaasaarratti muka [ixaa] buufatan

      Faarfannaa 22:18

      Maatewos 27:35

      Utuu inni mukarratti fannifamee jiruu itti ga’isan

      Faarfannaa 22:7, 8

      Maatewos 27:39-43

      Lafeesaa keessaa tokkoyyuu hin cabne

      Faarfannaa 34:20

      Yohannis 19:33, 36

      Warra sooressaa wajjin awwaalame

      Isaayaas 53:9

      Maatewos 27:57-60

      Utuu hin tortorin du’aa ka’e

      Faarfannaa 16:10

      Hojii Ergamootaa 2:24, 27

      Mirga Waaqayyoo taa’e

      Faarfannaa 110:1

      Hojii Ergamootaa 7:56

  • Abbaa, Ilmaafi Hafuura Qulqulluu Ilaalchisee Dhugaansaa Maalidha?
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
    • KUTAA DABALATAA

      Abbaa, Ilmaafi Hafuura Qulqulluu Ilaalchisee Dhugaansaa Maalidha?

      NAMOONNI barumsa Sillaaseetti amanan, Abbaan, Ilmiifi Hafuurri Qulqulluun sadansaanii Waaqayyodha jedhu. Qaamonni sadan kun qixxeedha; waan hundumaa kan danda’anidha; akkasumas jalqaba hin qaban jedhamee dubbatama. Akka barumsa Sillaaseetti, Abbaan Waaqadha, Ilmi Waaqadha, Hafuurri Qulqulluunis Waaqadha, haata’u malee, Waaqayyo tokko qofadha.

      Namoonni Sillaaseetti amanan baay’een waa’ee barumsa kanaa sirriitti ibsuu akka hin dandeenye ni amanu. Haata’u malee, barumsi kun

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi