Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
1. Gara fuulduraatti Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii irratti maal qayyabanna?
1 Gara fuulduraatti Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii irratti kitaaba Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa jedhamu ni qayyabanna. Barreeffamni kun seenaa dhiirotaa fi dubartoota amantii Macaafa Qulqulluu keessatti caqasaman 14 kan ibsu dha. Kitaabni kun kan qophaaʼe karaa namoota amanamoo kana ija qalbii keenyaatiin ilaaluu itti dandeenyuun siʼa taʼu, namoonni kun yommuu Yihowaa tajaajilanitti rakkoowwan hedduun isaan mudatanii akka turan hubachuuf nu gargaara. Kitaabichi barumsawwan yeroo ammaatti hojii irra oolchuu dandeenyus nu barsiisa.—Ibr. 6:12.
2. Qabiyyee kitaaba Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa jedhamu tokko tokko ibsi.
2 Qabiyyee: Kitaabni kun duraa duuba yeroo fi kaartaa, yeroo fi bakka namni sun itti jiraate hubachuuf nu gargaaru kan qabate dha. Kana malees, tokkoon tokkoo boqonnaa mata duree, “Qabxiiwwan Irratti Yaadamuu Qaban” jedhu qaba; kunis seenaa sana irratti xiinxaluu fi barumsa baranne hojii irra oolchuuf nu gargaara. Kana malees kitaabichi, fakkiiwwan halluu babbareedaadhaan qophaaʼan, odeeffannoo balʼaa qabatan, of eeggannoodhaan qorannaan irratti godhamee fi seenaa sana ija qalbii keenyaatiin ilaaluuf nu gargaaran hedduu qaba.
3. Qayyabannaa barreeffama kanaa irraa faayidaa argachuuf maal gochuu dandeenya?
3 Faayidaa Argachuu Kan Dandeessan Akkamitti? Xalayaan Qaama Ol Aanaa seensa kitaabichaa irra jiru akkas jechuudhaan nu jajjabeessa: “Dandeettii yaaduu keessanitti fayyadamaa; qaamni miiraa keessan akka irratti hirmatu godhaa. Wanti namoota kanatti dhagaʼame akka isinitti dhagaʼamu, wanti isaan arganis akka isinitti mulʼatu gochuuf yaalaa. Wanti tokko yommuu isaan mudatu maal akka godhaniifi utuu isin taʼee maal akka gootan yaadaa.” Dandeettii yaaduu keenyatti fayyadamna jechuun akkasumaan tilmaamna jechuu akka hin taane beekamaa dha; kanaa mannaa, seenaan geggeessaa hafuuraatiin barreeffame sun maal akka taʼee fi bakka nama sanaa akka taane goonee ija qalbii keenyaatiin yaadna jechuu dha. Akkas gochuun immoo yeroo ramaduu fi xiinxaluu gaafata. (Nah. 8:8) Kutaan guyyaa sanatti dhihaatu walakkaa boqonnichaatii kan jalqabu yoo taʼe, obboleessi geggeessu sekoondii 30 hanga 60 gidduutti barumsa darbe irra deebiʼuudhaan jalqaba. Kutaan guyyaa sanatti dhihaatu mata duree “Qabxiiwwan Irratti Yaadamuu Qaban” jedhu kan hin dabalanne yoo taʼe, gaaffii tokko ykn lama gaafachuudhaan kuticha xumuruu dandaʼa.
4. Kitaaba Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa jedhamu qayyabachuun kan nu barbaachisu maaliifi?
4 Addunyaa yeroo hundumaa karaa taʼe tokkoon amantii keenya mancaasuu ykn laaffisuu barbaadu keessa jiraanna. Kitaabni kunis taʼe mata dureewwan Masaraa Eegumsaa walitti aansuudhaan baʼanii fi kitaabichi irratti hundaaʼe, kennaa Yihowaan amantii keenya akka cimsannu nu gargaaruuf nuu kenne dha. (Yaq. 1:17) Yeroo hundumaa Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii irratti argamuu fi yommuu qayyabannaan kun geggeeffamu hamma dandeenye hirmaannaa gochuudhaan guutummaatti irraa haa fayyadamnu!