‘Amantiidhaan Malee Ijaan Arguudhaan Hin Jiraatinaa’
Phaawulos ergamaan, Yerusaalem loltootaan marfamuu ishee fi baduu ishee dura, Kiristiyaanonni loltoota Kiristos warra gaarii taʼan, haalli rakkisaan akka isaan mudatu eeguu akka qaban, akkasumas faayidaa fi gammachuu isaaniitiif dursa kennuu akka hin qabne barreessee ture. (2 Xim. 2:3, 4) Yeroo addunyaa Waaqayyoon hin beekne kana irra badiisni gaʼu, wantoota hafuuraatiif xiyyeeffannaa kennuu keenya itti fufuuf amantii cimaa qabaachuu qabna. (2 Qor. 4:18; 5:7) Viidiyoo ‘Amantiidhaan Malee Ijaan Arguudhaan Hin Jiraatinaa’ jedhamu ilaalaa. (Ingiliffaan argama. JW.ORG irraa PUBLICATIONS > VIDEOS jalaa ilaalaa.) Nahaamii fi Abiixaal qabeenyaaf iddoo guddaa kennuun isaanii hammam kiyyoo duʼa geessisu isaanitti taʼee akka ture hubadhaa. Achiis, gaaffiiwwan armaan gadiitti fayyadamaatii mariʼadhaa.
(1) Jaarraa jalqabaatti “inni jibbisiisaan . . . iddoo qulqullaaʼaa dhaabatee” ture maali dha? Kiristiyaanonni Yerusaalem keessa jiraachaa turan tarkaanfii cimaa akkamii fudhachuu qabu turan? (Mat. 24:15, 16) (2) Magaalattii keessaa baqachuun amantii kan gaafatu maaliifi? (3) Baqachuun maalfaa aarsaa gochuu gaafata? (4) Nahaamii fi Abiixaal duubatti kan harkifatan maaliifi? (Mat. 24:17, 18) (5) Raahel Yerusaalemii yeroo baatu, wanta qorumsa amantii dabalataa itti taʼu akkamiitu jira ture? (Mat. 10:34-37; Mar. 10:29, 30) (6) Etaan Yihowaatti amanamuu ilaalchisee fakkeenya gaarii kan taʼu akkamitti? (7) Kiristiyaanonni Peelaa keessatti haalli rakkisaan akkamii isaan mudateera? (8) Amantiin Nahaamii fi Abiixaal suutuma suuta kan laafe akkamitti? (9) Yihowaan Kiristiyaanota Peelaa keessa jiraatan kunuunsaa kan ture akkamitti? (Mat. 6:33; 1 Xim. 6:6-8) (10) Yeroo dhuma sirna kanaatti fakkeenya Abrahaamii fi Saaraa hordofuu kan dandeenyu akkamitti? (Ibr. 11:8-10) (11) Nahaamii fi Abiixaal gara Yerusaalemitti deebiʼuuf kan of amansiisan akkamitti? Yaadni isaanii dogoggora kan ture hoo maaliifi? (Luq. 21:21) (12) Nahaamii fi Abiixaal gara Yerusaalemitti yeroo deebiʼanitti haalli jireenyaa achi ture maal fakkaata ture? (13) Amma dhumni sirna kanaa dhufuu isaa dura amantii keenya cimsachuu kan qabnu maaliifi?—Luq. 17:31, 32; 21:34-36.
Amantiidhaan jiraachuu jechuun (1) qajeelfama Yihowaatti amanamuu, (2) qajeelfamni isaa adeemsa keenya akka nuu qajeelchu heyyamuu, akkasumas (3) qabeenya caalaa wantoota hafuuraatiif iddoo guddaa akka kenninu argisiisuu jechuu dha. Yaada, “Biyyi lafaa, hawwiin isaas hundinuu in darba, namni fedha Waaqayyoo raawwatu garuu bara baraan in jiraata” jedhutti amanamuudhaan, yeroo kam iyyuu caalaa amantiidhaan jiraachuuf haa murteessinu.—1 Yoh. 2:17.