MATADUREE FUULA JALQABAA | DUUTI DHUMA WAAN HUNDUMAATII?
Duuti Dhuma Waan Hundumaa Miti!
Bitaaniyaan mandara xinnoo Yerusaalemirraa kiilomeetira sadii fagaattee argamtu turte. (Yohannis 11:18) Yesus duʼuusaa torban muraasa dura, wanti nama gaddisiisu tokko mandara kana keessatti uumamee ture. Michuu Yesus kan taʼe Alaazaar akka tasaa baayʼee dhukubsatee duʼe.
Yesus, Alaazaar duʼuusaa ennaa dhagaʼe, Alaazaar akka rafeefi dhaqee akka isa dammaqsu bartootasaatti hime. (Yohannis 11:11) Bartoonnisaa garuu wanta inni jechuu barbaade waan hin hubanneef, “Alaazaar duʼeera” jechuudhaan ifa godhee itti hime.—Yohannis 11:14.
Yesus, Alaazaar erga awwaalamee guyyaa afur booda, Bitaaniyaa dhaqee Maartaa ishee obboleettii Alaazaar taate ennaa jajjabeessetti, “Utuu ati as jiraattee, obboleessi koo hin duʼu ture” jetteen. (Yohannis 11:17, 21) Yesusis deebisee, “Duʼaa kaʼuun, jireenyis ana; namni anatti amanu yoo duʼe iyyuu in jiraata” jedheen.—Yohannis 11:25.
“Alaazaar as baʼi!”
Yesus wanti inni dubbate dhugaa taʼuusaa mirkaneessuuf, gara awwaalichaatti siqee, “Alaazaar as baʼi!” jedhee sagalee guddaadhaan isa waame. (Yohannis 11:43) Achiis haala nama dinqisiisuun namichi duʼee ture sun gadi baʼe.
Yesus Alaazaariin duʼaa kaasuusaa dura yoo xinnaate namoota lama duʼaa kaaseera. Yeroo tokko intala Yaayiros duʼaa kan kaase siʼa taʼu, ishees duʼaa kaasuusaa dura akka waan isheen rafteetti dubbatee ture.—Luqaas 8:52.
Yesus duʼa Alaazaaris taʼe intala Yaayiros hirribaa wajjin wal fakkeessuusaa hubadhu. Duʼa hirribatti fakkeessuunsaa sirriidha. Maaliif? Namni rafe waan tokkoyyuu kan hin beekne siʼa taʼu, rakkinaafi dhiphinarraas ni boqota. (Lallaba 9:5; saanduqa, “Duuti Akka Hirriba Cimaati” jedhu ilaali.) Bartoonni Yesus namoonni duʼan haala akkamii keessa akka jiran sirriitti hubatanii turan. Kitaabni Za Insaayikilooppiidiyaa oov Riliijin eend Eetiiks jedhamu, “Duuka buutonni Yesus, nama amanamummaasaa eegee duʼeef duuti hirriba, bakki awwaalaammoo bakka boqonnaa . . . akka taʼetti amanu turan”a jedheera.
Namoonni duʼan awwaala keessa rafanii akka jiraniifi dhiphachaa akka hin jirre beekuun nu jajjabeessa. Ennaa duunu maal akka taanu waan beeknuuf, sababa duʼa itti sodaannu hin qabnu.
“NAMNI ERGA DUʼEE DEEBIʼEE IN JIRAATAA?”
Hirriba gaarii rafuun kan nama gammachiisu taʼus, namni barabaraaf rafee hafuu barbaadu hin jiru. Akkuma Alaazaariifi intala Yaayiros, namoonni awwaala keessa rafaa jiran kaʼuuf abdii qabuu?
Iyoob inni abbaa amantii taʼe ennaa dhiphatee turetti, “Namni erga duʼee deebiʼee in jiraataa?” jedhee gaafateera.—Iyoob 14:14.
Iyoob kadhannaa Waaqa isa Hundumaa Dandaʼuuf dhiheesserratti, “Ati hojii harka keetii in yaadda; kanaafis ana in waamta, anis nan owwaadha” jechuudhaan gaaffii gaafatee tureef deebii kenneera. (Iyoob 14:15) Yihowaan guyyaa itti tajaajiltootasaa amanamoo taʼan duʼaa kaasu hawwiidhaan akka eegu Iyoob mirkanaaʼaa ture. Hawwiin Iyoob kun wanta raawwatamuu hin dandeenyedhaa? Matumaa.
Duʼaa kaʼuun Yesus raawwate, Waaqayyo duʼarratti humna akka isaaf kenne nuu mirkaneessa. Macaafni Qulqulluun aangoon ‘balbala iddoo warra duʼanii banuu’ Yesusiif akka kenname dubbata. (Mulʼata 1:18) Kanaaf, Yesus akkuma Alaazaariin duʼaa kaase, gara fulduraattis warra duʼan duʼaa ni kaasa.
Abdiin duʼaa kaʼuu Macaafa Qulqulluu keessatti irra deddeebiʼee caqasameera. Ergamaan tokko Daaniʼel raajichaan, ‘Ati in boqotta, guyyaa isa dhumaa sanattis kaatee in dhaabatta, gaʼaa kees in argatta!’ jedhee ture. (Daaniʼel 12:13) Yesus, Saduqoota warra geggeessitoota amantii Yihudootaa taʼaniifi abdii duʼaa kaʼuutti hin amaneen, “Caaffata qulqullaaʼaa, humna Waaqayyoos waan hin beekiniif irraa kaattan” jedhee ture. (Maatewos 22:23, 29) Phaawulos ergamaanis, “Warra qajeelotaa fi warra jalʼootaafis duʼaa kaʼuun akka jiru, . . . anis Waaqayyoon abdiidhaan nan eeggadha” jedheera.—Hojii Ergamootaa 24:15.
NAMOONNI DUʼAN DUʼAA KAN KAʼAN YOOMI?
Duʼaa kaʼuun warra qajeelotaafi warra jalʼootaa kan raawwatamu yoomi? Ergamichi, Daaniʼel inni qajeelaa taʼe “guyyaa isa dhumaa sanatti” akka kaafamu itti himee ture. Maartaanis obboleessishee Alaazaar, “guyyaa isa dhumaatti, yeroo warri duʼan duʼaa kaʼanitti, akka inni kaʼu” ni amanti turte.—Yohannis 11:24.
Macaafni Qulqulluun, “guyyaa isa dhumaa” bulchiinsa Mootummaa Kiristosii wajjin walqabsiisa. Phaawulos, “Waaqayyo diinota hundumaa miillan isaa jala hamma kaaʼufitti, Kristos moʼuutu taʼa. Hundumaa booddee diina keenya duʼatu golgoleeffama” jechuudhaan barreesseera. (1 Qorontos 15:25, 26) Mootummaan Waaqayyoo akka dhufuufi jaalallisaa lafarratti akka raawwatamu kan kadhannu kanaafidha.b
Akkuma Iyoob hubatee ture, Waaqayyo namoota duʼan duʼaa kaasuuf ni hawwa. Guyyaan sun yeroo dhufu, duuti ni golgoleeffama. Sana booda namni, “Duuti dhuma waan hundumaatii?” jedhee gaafatu hin jiraatu.
a Jechi Ingiliffaa “awwaala” jedhamee hiikame, jecha afaan Giriikii hiika “bakka hirribaa” jedhu qaburraa kan dhufedha.
b Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo caalaatti barachuuf, kitaaba Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼeefi Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu boqonnaa 8 ilaali. www.jw.org/om irrattis ni argama.
“‘Alaazaar firri keenya rafeera, ani immoo dhaqeen isa dammaqsa’ isaaniin jedhe. Kana irratti bartoonni isaa, ‘Yaa gooftaa yoo rafeera taʼeo in fayya’ jedhaniin. Yesus akka Alaazaar duʼe isaanitti dubbate.”—Yohannis 11:11-13.